Filannoo Afgaanistaan: Filannoon Afgaanistaan humna waraanaa cimaan dabaalamuun eegalame

Madda suuraa, Reuters
Lammiileen Afgaanistaan filannoo pirezedaantummaa irratti argamu. Humni nageenyaa hedduunis bobba'eera.
Sodaan garee hidhattotaa irraa haleellaan dhaqqabuu danda'a jedhus daran dabalee jira.
Garee Taaliibaan buufataalee filannoo rukutuuf dhaadataa ture ittisuufis humni waraanaa kumaatamaan lakkaa'amu bobba'eera.
Filannoon yeroo lamaaf dabarfamee ture erga mariin nageenyaa Taalibaanii fi Ameerikaa jalqabee ture milk'uu dhabee ji'a tokko keessatti gaggeeffamaa jira.
Kaadhimamtootni lamaan kan aangoo irra jiran Ashiraaf Gaanii fi hogganaa ol-aanaa tahuun kan hojjechaa jiran Abdullaahi Abdullaahidha.
Lamaan isaanii iyyuu erga bara 2014 as aangoo qooddatanii hojjechaa jiru. Akkuma filannoon jalqabeen magaalaa gara Kibbaa Kandaar keessatti dhohinsi dhagahameera. Namootni baay'eenis madaa'uu gabaafameera.
Dubbii himaan Komishinii Filannoo walaba Zaabii Saadat AFPtti akka himanitti filannoon guutummaa biyyaatti jalqabeera jedhee uummatni hedduun hiriira galuun sagalee kennuuf eegaa jiru jedhe.
Namni pirezidaantii tahuun amma filatamu biyya waggoota 40oliif waraanaan diigamaa turte kan gaggeessu taha.
Wagga waggaan ammayyuu namootni kumaatamni sababa dhukaasaan ajjeefamaa jiru.
Erga biyyotni alaa araarsuufi tasgabbii buusuuf giduu galanii waggotni 20 darbaniiru. Ameerikaan loltoota 14,000 Afgaanistaanii qabdi. Kumaata kan tahan ammoo biyyota akka UK, Jarman, fi Xaaliyaanii irraati.
Taaliibaan mootummaa Afgaanistaan waliin kallattiidhaan marii nageenyaa hin gaggeessu jedhera.
Sababni isaas mootummaa seera qabeessa mitii jedhe. Haa tahu malee erga Ameerikaa waliin xumurree qondaalota mootummaa waliin mari'achuu dandeenya jedhan.
Pirezidaantiin amma filamu murteessaa kan tahu Ameerikaaf osoo hin taane uummata garee hidhate gidduutti rakkinaaf saaxilameefidha.
Haleellaa kallattii garaagaraan gaggeefamaa tureen irra caalaa kan ajjeefamaa ture lammiilee nagaadha.














