Baqataan Naayijeeriyaa Itaalii jiraatu daandii qulqulleessee adabamuurraa oole

Maxxanfame

Manni Maree Naannoo Kaaba Itaalii nama daandii qulqulleessee jiraatu irraa adabbii kaasan.

Lammiin Naayijeeriyaa baqatee Itaalii jiraatu iyyama malee daandii qulqulleessuudhaan himatamee adabbiin irratti murtaa'ee ture.

Boodarra garuu qondaaltonni baqataan kun kadhaachuurra jedhee daandii qulqulleessuun maallaqa argachuuf murteessuu isaa erga baranii booda adabbiin akka irraa ka'u murteessan.

Baqataan kun maqaansaa Monday jedhama, umuriinsaa waggaa 29, hojii hin qabu.

Kanaafuu daandii Venice jedhamu kan handaara magaalaa Mestre keessatti argamu qulqulleessee maallaqa aragachuuf ofumaan murteessee itti gale.

Kana gochuusaatiif doolaara Ameerikaa 383 adabamee ture, garuu dhimma kanarratti mormiin hawaasarraa mootummaa mudate murteen kun akka ka'u taasiseera.

Akkuma maallaqi kun baqataa kanarratti murtaa'een tumsi maallaqa walitti qabuu karaa interneetii eegalame.

''Osoo isin hin kadhatin hojjedhee isinitti makamee akka keessanitti jiraachuun barbaada. Daandii keessan nan qulqulleessa. Akka hojii kiyyarratti na tumsitan qofan barbaada'' jechuun wayita daandii qulqullleessu gabatee beeksisaa dhaabbatee jirurratti barreesse.

Namni karaa interneetii baqataa kanaaf akka maallaqi walitti qabamu qindeessaa ture Matteo D'Angelo namni kun daanndii baala mukeen irraa harca'uu fi balfa garaagaraatiin cufame kan hawaasaaf rakkoo ta'aa ture waan qulqulleesseef adabamuu hin qabu jechuun feesbuukii isaarratti barreesse.

Kana malees namoonni naannoos mirga baqataa kanaaf falmaa turan.

Boodarra erga namoonni afur walduraa duubaan poolisootatti bilbilanii booda qondaaltonni naannoo akka adabbiin sun irraa ka'u murteessan.

Itaalii keessatti dhimmi qabiinsa baqattootaa baay'ee walxaxaa fi rakkisaadha.

Baqattoonni gara biyyattii galanis yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiru.

Torbee darbe keessa Itaalii fi Firaansi akkaataa baqattoota biyyasaanii jiran biyyoota Awurooppaa biroof qooduun danda'amurratti waliin mari'achaa turan.