Warra Veeronikaa: Sirbitoonni xiyaara ittiin imaluuf turan keessaa ar'iamuusaaniif hamannaa banuuf

Maxxanfame

Sirbitoonni sirba 'Pop' nama lamaan sirbamu Veeronikaa jedhamuun beekaman akka jedhanitti balali'insa biyya keessaa Awustiraaliyaa daandii xiyyaaraa Qaantas fayyadamuun taasisuuf turan sababa walitti bu'unsa hojjetootaa waliin "akka malee ho'ifameen" jalaa haqameef himannaa banuuf akka jiran beeksisan.

Sirbitoonni Veeroniikaa jedhamuun beekaman kunneen hojjetoota waliin walitti bu'insa sababa shaanxaa "akka malee ho'ifameef" Xiyaara Qantaas jedhamu kana akka dhiisanii bahan gaafataman.

Daandiin xiyyaarichaa ammoo akka ibsetti jara kana lamaanimala xiyyaaraa Dilbataa kana keessaa kan isaan baaseef, ajaja garee hojjetoota xiyyaaraa fudhachuu wan didaniif.

Sirbitoonni lammii Awurstiraaliyaa kunneen obbolaa yommuu ta'an - Liizaafi Jeesikkaa Origiliyaasoo jedhamu.

Shamarran obbolaa kun garuu taateen uumame sun akkasumaan garee keessummeessitoota xiyaaraatiin "akka hin malletti ho'ifame" malee nuti yakka takkallee hin qabnu jedhan.

Obbolaan durbaa kunneen Buufata Xiyyaaraa Sidinii keessaa poolisiin ture kan baafaman.

Akka sirbitoonni kunneen jedhanitti, tateen kun kan cime erga keesumsiitonni xiyyaaraa shaanxaa isaanii akka bakka jijjiiraniif gaafatanii ture.

"Liizaan waan shaanxaa baaxiirra kaa'ame sana waan hin qaqqabneef keessummeessituun sun akka gargaartuuf gaafattee turte," jechuun fuula Instagram isaanii irratti barreessaniiru.

"Keessummeessituun sun ammoo akka seera kampaanichaatti dhorkaadha jette. Namni qajeelaan duuba keenya taa'aa ture garuu nu gargaare."

Haata'u malee, miseensota garee hojjetootaa keessaa buleessa kan ta'e tokko isaanitti dhiyaachuun, "waa'ee imaammata kampaanichaa nu barsiisuu itti fufe."

Isaan maqaa hojjetootaa gaafatan garuu gaffii kana deebisuu ni didan. Kun osoo hojjetoonni qaama nageenyaa hin waamiin dura, jedhu obbolaan kunneen.

Daandiin Xiyyaaraa Qantaas akka jedhetti obolaan durbaa kun booda balalii Biriisbaanee deemuun akka imalan taasifamee ture.

"Erga xiyaaa koranii yeroo gabaabaa keessatti garuu, obbolan kunneen lamaan ajaja hojjetootaa fudhachuu waan didaniif ammas akka keessaa bu'an taasifame," jedhe dubbi himaan kampaanichaa.

Sirbitoonni beekamoon kun garuu guutummaatti kan hojjetootaanni gaafatan fudhatanii "haala ifannaafi nama wallaalchisuu" keessa turan keessatti tumsaa akka turan himanii miidhaa isaanirr ga'eef seeraan gaafachuuf akka jiran dubbatu.

Sirbitoonni Veeronikaa jedhaman kunneen sirboota isaanii Untouched fi You Ruin Me jedhamaniin beekamu.