Wantoota ja'an badaa jiraachuusaanii dhalli namaa dagate

Maxxanfame

Hanqinni qabeenya uumamaa suuta suuta namatti dhaga'amaa deema. Dhalli namaa baay'ee kan dagatuudha.

Yeroo baay'ee qabeenyi uumamaa kanneen akka bishaanii, boba'aa fi kanniisa dammaa dhumaa jiru wayita jedhamu dhageenya.

Garuu qabeenyi uumamaa biroon kanneen lafarraa badaa jiran kanneen nuti badaa jiraachuusaanii hin beekne yookiin seera qabaa hin jirre hedduudha.

Qabeenyi uumamaa badaa jiran kunneen hedduunsaanii jireenya dhala namaa waliin wal qabatu.

Kanneen keessaa ja'an isaanii kunooti.

1. Hawaa fi orbitii wantootaa

Hanga bara 2019tti wantoonni 500,000 ta'an dacheetti marsanii orbitii isaaniirratti argamu.

Kanneen keessaa 2,000 qofatu socho'uun hojjetu. Isaanis saatalaayitoota kominikeeshinii, GPS fi viidiyoowwan ittiin ilaaluuf dhimma itti baanuudha.

Kanneen hafan caccabaa yookiin haftee rookeetiiwwan gara hawaatti ergamanii fi kanneen wantoonni hawaa keessa jiran waldamacuun uumamaniidha.

Amma rakkoon jiru wantoonni 500,000 jedhaman kunneen kan hanga ammaatti baraman yoo ta'u kanneen hin baramin kan hawaa dhipphisaa jiran hedduudha.

Wantoonni guyyuu gara hawaatti ergaman hawaa jeeqaa jiru, nuti garuu hin beeknu.

Teeknooloojiin guddatee saatalaayitiiwwan gara hawaatti baay'inaan ergamuun waan gaariii ta'ee garuu hawaan dhiphachuun ammoo rakkoo biraa fidee dhufeera.

Hanga ammaatti sirni ittiin wantoota hin barbaachisne hawaa keessaa qulqulleessanii fi akka hawaan hin dhiphanne to'atan hin hin jiru.

Kanaafuu saatalaayitoonni tajaajila quunnamtii, GPS fi kanneen biroo kennan jeeqamuun networkiin baduun dhufuu danda'a.

2. Cirracha

Osoo dacheen gammoojjii fi handaarri galaanaa hundi cirrachaan guutamee jiruu akkamiin hanqinni cirrachaa mudata jennee gaafachuu dandeenya.

Cirrachi wantoota akka albuudaatti baafaman keessaa jalqabarra jira. Kan nuti fayyadamnu kan uumamaan jiru caala akka gabaasa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti.

Lafarraa dhabamaa jiraachuun cirrachaa sirnakkoof yaaddoo uumaa jira.

3. Gaazii Hiiliyem

Elementoota noble gas jedhaman keessaa gaaziin akkaan salphaa ta'e hiiliyem dhiibbaa guddaa keessa jira.

Yeroo tokko tokko wayita sirna bashannanaa godhannu afuuffee gara hawaatti gadi dhiisuu keenyaan homaa waan balleessine nutti fakkaachuu dhiisuu mala.

Gaaziin hiiliyem kan dhumatu ta'ee lafa jalaa kan ba'uudha, kanaafuu kan waggaa kurna muraasaa qofatu kuufamee jira.

Ogeeyyiin dhimma kanarratti hojjetan waggoota 30 hanga 50 itti aanan keessatti hanqinni gaazii hiiliyemii ni mudata jedhu.

4. Muuzii

Gosoonni muuzii yeroo ammaa gabaarra jiran fangasii 'Panama disease' jedhamuun miidhamaa jiru.

Fangasiin kun gosa muuzii amma addunyaan baay'inaan soorattu 'Cavendish' jedhamu kan hubu yoo ta'u sanyiiwwan muuzii kan biroottis dandeettii hatattamaan tatamsa'uu qaba.

Muuziin kanaan duras dhibee kan biraadhaan miidhamee ture.

Qorattoonni sanyii muuzii fangasii(dhibee) dandamachuu danda'u argachuuf hojiirra jiru

5. Biyyoo

Dacheen biyyoo addunyaaf ga'u qabaattullee akkaataan qabiinsa keenyaa garuu hedduu nama yaaddessaa.

Biyyoo baqqaana dachee isa gara oliirratti argamu oomishaaf baay'ee murteessaadha.

Qabiyyeen soorataa kan mi'aawuu danda'u midhaan biyyoo kanarratti yoo oomishameedha.

Dhaabbati miti-mootummaa dhimma qabeenya uumamaarratti hojjetu WWF waggoota 150 darban keessatti biyyoon oomishaaf oolu walakkaadhaan hir'ateera jedhe.

Kana kan fide ammoo dhiqama biyyoo, gammoojjummaa, lafa garmalee qotuu fi jijjiirama qilleensaa akka addunyaatti mudachaa jiruudha.

6. Albuuda foosfaras

Elementiin foosfaras jedhamu jiruu fi jireenya keenya keessatti waan idoo guddaa hin qabne fakkaatee nutti mul'achuu danda'a, garu baay'ee murteessaadha.

Qaama keenyaaf albuuda akkaan barbaachisu ta'uusaatiin alatti xaa'ummaa biyyootiif hedduu fayyada.

Yeroo ammaa gosi xaa'oo foosfaras kan uumamaan jiru hafee bifa ammayyaatiin qophaa'uun biyyootaaf raabsamaa jira.

Kunimmoo keemikaalli itti dabalamee waan ta'eef akka isa uumamaa hin ta'u, wayita bakkaa bakkatti socho'us xaa'ummaansa irraa dhiqamuu danda'a.

Haala amma irra jirruun xaa'oon uumaa foosfaras waggoota 35 booda dhabamuu eegala, kunimmoo dhala namaaf beelaaf saaxila.