Dubartiin akka lammiileen Chaayinaa US keessatti dahan hojjette adabamte

Madda suuraa, Getty Images
Dubartiin Chaayinaa Dongyuan Li jedhamtu dhaabbata Ameerikaatti tajaajila daawwannaa kennu qabdi.
Dhaabbati ishee namoonni sooreyyiin Ameerikaa deemanii akka daa'ima dahan haala mijeessa.
Dubartiin kun amma mootummaa Federaalaa Ameerikaatiin himatamteetti.
Dubartoonni garaatti baatan, ulfa dhoksanii Ameerikaa seenuun akka achitti dahuun daa'imni akka lammummaa Ameerikaa argatu hojjechaa turuushee amanteetti dubartiin Chaayinaa kun.
Akkaataa seera godaantotaa Ameerikaa miliquun dubartoonni garaatti baatan Ameerikaa seenanii daa'iman dahan irrattis leenjii kennaa turte.
Haala kanaan maallaqa doolaara Ameerikaa miiliyoona 3 walitti qabdeetti.
Kaaliforniyaa kan jiraattu dubartiin Chaayinaa kun Muddee darbe himatamtee waggaan 15 itti murtaa'ee ture.
Akka dubartiin kun amantetti bara 2013 fi 2015 gidduutti dhaabbati ishee 'You Win USA Vacation Services' jedhamu qondaaltota mootummaa dabalatee lammiilee Chaayinaa irrraa maallaqa doolaara 40,000 hanga 80,000 fudhachuun dubartoonni akka Ameerikaa keessatti daa'ima dahan hojjechaa ture.
Haala kanaan daa'imman lammummaa Ameerikaa irraa akka fayyadaman gochaa turte.

Dhaabbatichi marsariitii isaarratti maamiloota 500 horateera.
Ameerikaa ta'uun carroomuudha, hojii argachuuf lammummaan Ameerikaa baay'ee murteessaadha jedhee amana dhaabbatichi.
Dubartiin Chaayinaa kun namoota Chaayinaarraa Ameerikaa geessitu jalqaba karaa Hawaii galchiti. Isa booda gara Los Angeles ergitee achitti mana kiraa keessa tursiifti.
Dubartiin kun namoonni wayita gara Ameerikaa imaluuf waajjira qoontsilaa Ameerikaa Chaayinaa jirutti gaaffii fi deebiif dhiyaatan maal jedhanii deebisuu akka qaban irrattis ni gorsiti.
Wayita dubbatan torban lama caalaa akka Ameerikaa hin turre, garuummoo ji'a sadi gararraa turanii daa'ima achumatti akka dahan gochaa turte.
Seera godaansaa Ameerikaa sarbuun waliin dhooftee namoota gara Ameerikaa galchuu fi Visa waliin dhahuudhaan himatamteetti.
Maallaqa doolaara 850,000, mana ishee doolaara 500,000tti tilmaamamu fi konkolaataawwan gati-jabeeyyii hedduun irraa fudhatamaniiru.
Wayita Ameerkaa daawwatanitti achumatti da'uun seeraan ala ta'uu baatus garuu da'umsaaf jecha visa sobaatiin Ameerikaa seenuun yakka.
Dubartiin kun Ameerikaa keessatti dahuun bu'aa inni qabu barsiisaa turte.
Daa'imni Ameerikaatti dhalate mirga maatiisaas kan eegsisu ta'uu namoota barsiisaa turte.
Pirezidaantiin Ameerkaa Doonaaldi Tiraamp mirga lammiileen alaa lammummaa Ameerika dhalootaan argatan hambisuuf akka jedhan dubbatanii turan.
















