Faanaa Biroodkaasting: 'Min Littaazaz boqonnaarra jira malee adda hin citne'

Madda suuraa, Dire Tube
Diraamaan 'Min Littaazaz' jedhamuufi qabiyyee siyaasaa qabu ''dhiibbaa isa qunnamen'' adda citeera jedhamee erga gabaafame booda ijoo dubbii ta'eera.
Diraamaan televijinii Faanaa irratti darbaa ture lammata akka hin mul'anne barreessaafi qopheessaan diraamichaa Obbo Bahaayiluu Waase BBC'tti himanis Televijiniin Faanaa garuu ''boqonnaarra jira, itti fufa'' jedheera.
MM Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufani as jijjiiramoota mul'atan keessaa tokkoo walabummaa pireesiiti.
Diraamaan kuni A.L.I bara 2010 irraa eegale televijinii Faanaa irratti boqonnaa saditti hiramee kutaa 38'f darbaa ture.
Miidiyaalen sagantaa Dilbata waaree booda dhihaatu boqonnaaf jedhamee akka adda citeefi lammata akka hin dhihaanne gabaasani turani.
Obbo Bahaayiluun Faanaan diraamicha qilleensarra oolchuuf fedhii hin qabu jedhu. Akka isaan jedhanitti erga hojii eegalani as haala 'rakkisaa' keessa darban.
Yeroo ammaa immoo sa'aatii diraamaan kuni darbu irratti 'diraamaa qabiyyee walfakkaataa qabu darbaa jira' jechuun akka dhaabbati televijinii kana dura qophii isaanii irratti dabarsaa turan akka isaan dhiibe himu.
Akkamin adda cite?
Qopheessitoonni diraamichaa boqonnaa ji'a sadii (Siizin bireek) dhaabbata televijinii gaafatanii diraamichi adda citu isaa himu Obbo Bahaayiluun.
Kana gidduutti garuu Faanaan diraamaa biraa yeroo isaan dabarsaa turan irratti 'isaanitti osoo hin himin eegaluun isaa waan nu barbaadu hin fakkaatu' akka isaan jechisiise himu.
Televijinii Faanaatti qopheessaa olaanaa qophiiwwan bashannaa kan ta'an Obbo Zakkaariyaas Birhaanu sa'aatii diraamichi irratti darbaa ture irratti diraamaan biraa akka darbaa jiru mirkaneessaniiru.
Kuni garuu, hanga diraamaan ''Min Littaazez'' dhufutti jedhan.
Gosi diraamaa amma qilleensarra jiru 'sitkom' ta'us qabiyyeen isaa 'Min Littaazaz' waliin walitti hin dhufu jedhu Obbo Zakkaariyaas.
''Nuti dafne akka deebi'an barbaannus waan isaan gaafatanif amma boqonnaarra jiru. Wanti nuti beeknu ji'a Fulbaanaa keessa akka (deebi'anii) eegalanidha,'' jedhu Obbo Zakkaariyaas.
Isa qopheessaan haalli mijataa hin turre jedhanif kan gaafanne Obbo Zakkaariyaas ''kaan waliin akkuma dubbannu isaan waliinis ni dubbanna. Hojii gamaaggamna. Kanaan ala wanti uumame hin jiru,'' jedhan.
Dhaabbileen ispoonsara diraamichaa turan lama sababa hin beekamneen akka deeggarsa dhaaban dubbatu Obbo Bahaayiluun.
Obbo Bahaayiluun beeksisa darbu caalaa ispoonsaratu nu fayyada jedhanis Obbo Zakkaariyaas garuu kanaan wal hin galan.
Obbo Zakkaariyaas akka jedhanitti ''qopheessitoota wal'taumsaan televijinii Faanaa waliin hojjetan 25 keessaa galii guddaa kan fide diraamaa kana,'' jechuun ammallee galiin akka hin rakkanne himu.
Dhaabbanni Faanaa Biroodkaasting Korporeet kana dura mootummaatti hidhata akka qabutti ilaalama.


















