Adabbii £100 hin kaffalu jedhee falmuuf jecha £30,000 baasii taasise

Madda suuraa, Richard Keedwell
Saffisa eeyyamameen ol konkolaachisteetta jedhamuun namtichi £100 adabame hin kaffalu jechuun falmii mana seeraatti jalqabeen £ 30,000 baasii taasise.
Namni Richaardi Keedwel jedhamu kun haqan barbaada jechuun falmii mana murtiitti jalqabus milkaa'uu hin dandeenye.
Bara 2016 UK naannoo Woorkester jedhamu bakka saffisa 30mph'n konkolaachisuu qabdutti saffisa 35mphdhaan konkolaachisteetta jedhamuun ture kan himatame.
Haa tahu malee dhaalan ijoolleekoof kaa'e Yuuroo 30,000 tahun falmii kana irratti baase jedhee akka gochaa kanatti gaabbes himeera.
Richaardi Keedwel nama ganna 71 yoo tahu falmii haqa argachuuf taasisee fi waggaa sadii itti fudhate kana irra aanuuf dhaala ijoolleE koon itti fixe jedhe.
Haa tahu malee himanni narratti dhiyaate sirrii miti jechuun waggoota sadiif falmaa ture.
Guyyoota muraasa booda waraqaa addabbii yommuun argu nan rifadhe jedhe. Saffisa guddaan konkolaachiseera jedhee hin amanu jedhe.

Madda suuraa, Richard Keedwell
Keedwell balleessaan hojjedhe hin qabu jedhee ogeessotaa kaameeraa viidiyoo waraabame adda baasan gaafate. Saffisni kiyyaa kan naaf eyyamameen ala hin tahu tarii kaameeraatu rakkoo qaba ykn ammoo konkolaataa na cina jiru tahuu mala jechuun falmee ture.
Kanaaf ogeessota haqa isaa baasuuf qorannoo gaggeessaniif Yuuroo 21,000 mana murtiitti Yuuroo 7,000 fi kaan geejibaaf baasii akka taasise hime.
Himata irratti dhiyaateef ol-iayyata fudhatus milkaa'uu hin dandeenye. Kanaanis hedduu akka dadhabeefi maatii isaa waliin akka dhiphate himee hammi maallaqaa baases akka isa gaabbisiise ibse.













