Harargee Lixaa Aanaa Gumbii Bordoddeetti namoonni 7 hidhattootaan ajjeefaman

Godina Harargee Lixaa Aanaa Gumbii Bordoddeetti namoonni 7 hidhattoota Naannoo Afaar irraa dhufaniin ajjeefamu qondaalli nageenya godinaa BBC'tti himan.
''Barii sa'aatii 11fi 12 gidduu ummata nagaa irratti dhukaasa bananii nama torba ajjeesani 3 immoo madaa'an. Kan du'an keessaa tokko dubartiidha,'' jechuun Hogganaan Itti -aanaa Bulchinsaafi Nageenya Godina Harargee Lixaa Obbo Kadir Mohaammad himan.
''Daangaa Naannoo Oromiyaa keessatti 15km ol seenanii ajjeechaa kan raawwatan Humna Addaa Naannoo Affaari,'' jedhan. Godinni Harargee Lixaa karaa Kaabaan Naannoo Affaariin wal daangessa.
Dhimma kana irratti kan dubbisne Hogganaan Biiroo Bulchinsaafi Nageenyaa Naannoo Affaar Obbo Ahimad Mohaammad haleellaan raawwatu himanis abbaan raawwate ammatti akka hin beekamne dubbatan.
Gama Naannoo Affaarin namni tokko miidhamuullee himan.
Sababa ajjeechaa kanaan kan aare hawaasni daandii guddaa gara magaalaa Finfinnee geessu magaalaa Bordoddeetti cufa mee kan ture yoo ta'u, halkan kaleessaatii qabee banamunsaa barameera.
Jiraattoonni 'xiyyeeffannaa nuuf argatuu qaba, irra deddeebi'uu hin qabu' jechuun qaamni Naannoo dhufani isaan akka dubbisan barbaadu jedhan.
Humnoonni nageenyaa Federaalaafi Naannoo bakka rakkoon mudate kan dhaqqaban yoo ta'u Obbo Kadir akka jedhanitti hawaasa tasgabbeessaafi daandiin cufame akka banamu yaalaa jiru.
Darggaggoo Abdulmannaa Jamaal Adaamaadhaa gara Dirree Dhawaa kan imalaa ture yoo ta'u daandiin waan cufamef erga ganamaa konkolaataa keessa akka taa'anii jiran BBC'tti hime.
Konkolaataan karaarra dhaabbatee jiru hedduu ta'uullee dubbate. Obbo Kadir akka jedhanitti dhukkubsattoota ykn sababa addaan kan rakkoo keessa jiran malee kaan daandiin waan cufamef darbaa hin jirani.
Haala ajjeechaan raawwate
Aanaa Gumbii Bordoddee araddaa Gumbii iddoo Gimjaabeeti jedhamutti ajjeechaan kan raawwate osoo namoonni rafaa jiran tahu kan himan qondaalli kuni maddi rakko kanaaf ta'u danda'u akka hin turre eeran.
Dhihoottis rakkoon akkanaa dhalatee beekuu akka hin beekne qondaaltonni hin himu. Tarii lafaa ka'e wanti raawwate 'babal'ifannaa daangaa akka ta'e' hoggantoonni shakkaniiru.
Waggoota lama dura gama Lixa, Kaaba akkasumas Kibba Oromiyaatti halleellaa humni addaa Naannoo Somaalee raawwaten lammileen hedduu qe'ee isaanirraa buqqa'un isaanii ni yaadatama.
Xinxaltoonni siyaasaafi hoggantoonni naannolees kana keessa shirri siyaasaa akka ture irra deddeebbiin dubbatuun isaanii ni yaadatama.














