Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dawwannaarra kan turan Tiraamp anga'ootaan walitti bu'an
Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp magaalota lama tibbana dhukaasa hidhattootni lama bananiin namootni hedduun itti ajjeefaman daawwatan.
Dawwannaa isaanii kanarratti ejjennoo isaan to'annoo meeshaa waraanaa fi dhimma godaantotaarratti qaban irraa kan ka'e mormiin isaan mudatera, aangawoota naannicha waliinis walitti bu'aniiru.
Tiraamp magaalota biyyattii lamaan tibba kana haleellaa namoonni hidhatan raawwataniin nagaa dhaban yoo daawwatan tokkummaan akka cimu waamicha dabarsaniiru. Kanneen dhukaasa tureerraa lubbuun bahaniis dubbisaniiru.
Haasa isaan taasisaniifi to'annoo meeshaa waraanaa irratti tarkaanfii fudhachuu dhabuu isaaniin qeeqni irratti ka'u garuu daran itti cimeera.
El Paassoo, Teeksaasitti mormitootni barreefama "racist, go home" ati yaa nama sanyummaa tumsituu mana keetti deebi'i jedhu qabatanii mul'atan.
Asitti fudhatama hin qabdu ergaan jedhu darbaa ture. Dubartiin Kongireesii keessatti magaalittii bakka buutus Veronikaa Iskoobaar Tiraampii fi haadha warraa isaa arguu hin feene.
Iskoobaar, ''Sanyummaa nama qoodu fi jechootni jibbinsaa isaa'' hawaasa fi biyya ishee irratti dhukkubbii uumuu himte.
Nama siyaasaa cimaa magaalittii Dimookraatota irraa ta'e waliinis dubbii walitti darbataniiru.
Magaalaa biroo daawwatan Daaytoon, Ohaayoottis ta'iin wal fakkatu kan raawwate yommuu ta'u, deeggartootni Tiraampis deeggarsaaf daandiitti bahaniiru.
Jiraattootni magaalittii Tiraamp yakkoota jibbinsaa akkasii akka dhaabsisan gaafataniiru.
Magaalota El Paassoo fi Daayitoon keessatti garaagarummaa sa'aa tokkoon hidhattootni lama walumatti lubbuu namoota 31 galaafatan.