Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhukaasa Ohaayoo: Warra du'an keessaa obboleettiin isa qawween nama fixee keessa jirti
Haleellaa hidhataan tokko Ameerikaa kutaa Ohaayoo Daayten keessatti raawwatee namoota saagal galaafate keessaa tokko obboleetti nama ajjeechaa kana raawwatee ta'uu Poolisiin Dilbata mirkaneesseera.
Maqaa warra dhukaasaan dhuman yeroo ifa godhanitti, Megan Betts, dubartiin ganna 22 obboleettii namichuma isa rasaasaan nama fixe kanaa ta'uun mirkanaa'eera.
Dhakaasni Ohaayoo kun saatii 24 keessatti Ameerikaa keessatti si'a lammaffaaf kan qaqqabe yommuu ta'u namoota saglan ajjeefamaniin ala kanneen biro 27 madaa'aniiru.
Dhukaasa Teksaas El Paso keessatti saatiiwwan muraasa dura raawwateenis yoo xiqqaate namoonni 20 ajjeefamaniiru.
Namicha Dayten keessatti haleellaa bane kana poolisiin akkuma inni dhukaasa baneen daqiiqaa tokko keessatti ture bakkuma sanatti dhukaasee kan ajjeese.
Aanga'oonni akka jedhanitti, yakka kanaaf maaltu kaka'umsa akka ta'u ammallee qoratamaa jira.
Namichi dhukaasaan nama fixe kun Connor Betts jedhama.
Uffata haleellaa isarraa ittisu uffatee qawwee isaa 223-calibre jedhamtuuf rasaasa dabalataa qabatee ture. Gosti qawwee namicha kanaas rasaasa hedduu nyaata jedhe poolisiin.
"Yeroo dhukaasu sanatti adda baasee dhukaasa jechuudhaaf nama rakkisa… yeroo baayyee gabaabaa keessatti qaqqabe," jedha Gargaaraan Poolisii Chief Matt Carper.
Poolisiin maqaan namoota ajjeefamanii ifa godhee tarreesseera.
Namoota sagala ajjeefamanii maqaan isaanii tarreeffame keessaa oboleettiin namicha abbaa qawwee haleellaa kana raawwatee Megan Betts tokkodha.
Namichi qawween haleellaa gaggeesse kun eenyu?
Miidiyaadhaan osoo maqaan isaa hin himamiin saatii muraasa dura, qondaalonni poolisii namni dhukaasa bane kun nama umuriin isaa ganna 24 ta'e Connor Betts jedhamu akka ta'e adda baaseera.
Akka miidiyaaleen gabaasanitti obboleettiin hidhataa kanaa hiriyyaa dhiiraa ishee waliin konkolaataa keessatti duutee argamte.
"Kaayyoo namicha halleellaa qaqqabsiisee kanaa hin beeknu," jette Kantiibaa Whaley.
Ejentoonni FBI qorannoo balaa kanaaf poolisoota gargaaraa jiru.
Maaltu jedhame?
Ibsaa gaazexaa waliitti aansuun kenniteen Kantiibaa Whaley, akka namoonni waa'ee namoota dhuman kanaa yaadan gaafatte. "Sanbata yeroo gara magaalaa deeman, nagaadha jedhaniiti."
Aanaan Oreegon kun "naannoowwan hunda caalaa bakka naga qabeessadha," jechuun dubbatte.
"Dhugaa dubbachuudhaaf, haalli yeroo ammaa akka biyyaatti keessa jirru wanti ta'aa jiran kun akka tasaa miti," jette.
Itti dabaluun magaalattiin bara kana keessa "haala rakkisaa" keessa dabarte.
"Kan mataa koo keessa deddeebiyu, wanta kana hambisuu ni dandeenya ture. Yoomidha kun kan ga'a jedhamuu qabu jedheen of gaafachaa jiras," jetti.