Barattuun Kaambiriij balbala xiyyaaraa bante Maadaagaaskaar keessatti kufte reeffi ishee argame

Madda suuraa, Cutland family
Kaambirijiitti barattuu Kolleejjii kan taate Alaanaa Kutlaand, xiyyaara xiqqoon osoo imalaa jirtuu balbala banuun kuftee Maadaagaaskaar keessatti du'uushee poolisiin himee ture amma immoo reeffi ishee naannoo baadiyyaa keessa argamuu beeksiseera.
Alaanaa Kutlaand shamarree waggaa 19 yoo taatu, UK Bakinghamsher keessa Miltan Kenyesi irraa yoo taatu, torban darbe du'ushee Wajjirri haajaa alaa biyyatti mirkaneesseera.
Poolisiin odola Afriikaa gamasaatiin Alaanaan maaliif balbala xiyyaara qilleensarra balalii'aa ture akka bante ifa miti jedheera.
Yaadni tarii qoricha busaa fudhataa turteef baay'ee hubamte turte kan jedhu qoratamaa jira.
Maatiin ishees du'aatii intalasaanii 'cimtuu, hirkatummaarra bilisaa tanaan baay'ee humabu dubbataniiru.''
Kolaneelli Poolisii Jaafisambaatraa Raavovii jedhamu durbe Kutlaand akkuma xiyyaarri xiqqoon kaaba Maadaagaaskaariitti buufata xiyyaaraa baadiyyaatti ka'een karra banushee BBC'f mirkaneessaniiru.
Isheenis Kolleejjii Roobinsaniitti saayinsii uumamaa barataa kan jirtu yoo ta'u, leenjiif (internship) gara odolichaa deemte turte.
Maddi du'a ishees aanga'ota UKtiin hinmirkanoofne. Haatahu malee, Alaanaa Kutlaand piroojektii qorannooo hojjechaa jirtuun ''gaddaa'' fi sodaachaa akka turte jedhameera.
Polisoonni hilikooptaraa fi gareewwan lafootti fayyadamuun reenfashe barbaadaa turan.

Madda suuraa, Cutland family
Ibsa maatiinshee kennaniin, isheenis shubbisaan beekamtu turte jedhaniiru. ''Isheenis kutaa seente hundattu namoonni akka gammadan kan taasiftu turte,'' jedhanii.
Itti dabalunis: ''Isheenis maatiifi hiriyoota shee kan jaalattuufi galataaffeettu turte. Kanaanis hiriyoota hedduun dameewwan adda addaarraa akka horattu kan shee dandeessise yoo ta'u, isaanis akka baay'ee ishee dhaban amanna.''
Maadaagaaskaar odola qarqara kibba -baha ardii Afriikaatti kan argamu yoo ta'u, bineeldota adda ta'aniin beekama.
Dr. David Wudmaan Kolleejjii Roobinsan irraa, ''Du'a Alaanaa dhagahu keenyaan baay'ee naasuu keessa galleera'' jechuun maatisheetiif jabina hawwaniiru.
Itti dabaluunis: ''Turtii waggaa lamaashee asitiinis, kollejjicha keessatti haala adda addaatiin gumaata olaanaa taasifte jirti. Hundi keenyaa baay'ee du'asheetiin hubamna,'' jedhan.














