Suuraan dullumaa 'FaceApp' baasu hagam sirrii ta'uu danda'a?

Maxxanfame

Yeroo ammaa kana namni feesbuukii fayyadamu martinuu appilikeeshinii egeree dulluma ofii namatti agarsiisu 'FaceApp' jedhamu waan fayyadamaa jiru fakkaata.

Gabateen feesbuukii namoota hedduu suuraa hiriyaa isaanii wayita dullooman maal akka fakkaatan raaguun guutameera.

Appilikeeshiniin kun garuu qeeqamaa jira. Warri appilikeeshinii kana uuman akkamiin daataa namootaa argatu kan jedhu shakkii uumeera.

Inumaa aanga'oonni siyaasaa Ameerikaa Biiroo Sakatta'iinsa Federaalaa biyyattii (FBI) akka sakatta'u gaafataniiru.

Maalumaafuu mee appilikeeshiniidhumti kunuu hagam waan dhugaatti dhiyaata? Namoota addunyaarratti beekaman kan amma dullooman suura isaanii yeroo ijoollummaa fudhachuun appilikeeshinii kana keessa galchinee walbira qabneerra.

Aab Ayan Makelen

Suuraan inni gara bitaa bara 1968 keessa wayita umuriin isaanii waggaa 20 keessa gara dhumaa ta'e kaafame.

Inni gidduu erga suuraan kun appilikeeshinii 'FaceApp' keessa seeneeti. Suuraan gara mirgaan jirummoo waan isaan yeroo amma erga dulloomanii, waggaa 75ffaa isaaniitti, fakkaataniidha.

10/10 wal fakkaata.

Aab Deevid Atenbiraa

Kunis hanga tokko ni fakkaata, homaa hin jedhu.

Suuraan gara bitaatiin jiru bara 1965 wayita Aab Deevid Atenbiraa waggaa 39 turan kan ka'eedha.

Inni gidduu jirummoo erga suuraan kun appilikeeshinii 'FaceApp' keessa seeneeti.

Suuraan inni karaa mirgaa jirummoo waan amma isaan fakkaataniidha. Maanguddoo ganna 93 ta'anii suura ka'aniidha.

7/10 wal fakkaata.

Doolii Parton

Kunimmoo baay'ee walirraa fagaata.

Suuraan karaa bitaatiin mul'atu weellistuu bekamtuu Dolly Parton waggaa 30ffaasheetti bara 1977 keessa kan kaateedha.

Inni gidduu jiru erga suuraan kun appilikeeshinii 'FaceApp' seeneeti, gara mirgaan kan jiru ammoo waan isheen amma erga dulloomtee fakkaattudha.

Jalqaba bara kanaa waggaa 73ffaa isheetti suuraa kaatedha.

Isa kan appilikeeshinii caalaa dulloomtee jirti.

Walitti dhiyeenyi suuraa lamaanii 2/10, baayyee fooyyessuu gaafata.

Dame Judi Dench

Karaa mirgaatiin suuraan jiru kan Dame Judi Dench bara 1967 keessa waggaa 33ffaasheetti kaateedha.

Kan gidduu ammoo erga appilikeeshinii keessa galeeti.

Inni karaa bitaammoo bara kana kan kaateedha, waggaa 84ffaasheetti.

Walitti dhiyeenyi suuraa lamaanii 6/10, kunillee fooyyessuu gaafata.

Arnoold Shiwaazingar

Kunimmoo hanga tokko walitti dhiyaata, baay'ee ta'uu baatus.

Karaa bitaatiin suuraa taatoon fiilmii Arnoold Shiwaazingar bara 1976 keessa ka'etu mul'ata. Gidduu kan jirummoo erga suuraan kun adeemsa appilikeeshinii 'FaceApp' keessa darbeeti.

Karaa bitaa kan jirummoo erga duuloomee suuraa Arnold Schwarzenegger ka'edha, suuraa kana baruma kana keessa umurii waggaa 74tti ka'e.

8/10 walitti dhiyaata.