Afrikaa Kibbaa yakka garee Keep Taawwon raasaa jiru to'achuuf loltoota bobbaafte

Madda suuraa, AFP
Anga'oonni Afriikaa Kibbaa magaalaa qarqara buuftaa Keep Taawoon keessatti jeequmsa yakka garee raawwatamu dabalaa dhufee to'achuuf loltoota boobbasuu beeksisan.
Ministirri Polisii Bheki Siile akka jedhaniitti, loltoonni kunneenis polisoota waliin ta'uun meeshaalee waraanaa seeraan alaa fi qorichoota sammuu hadochoo ta'achuuf sochi taasisu.
Sanbattan darbeetti sa'aatii 24 keessatti namoonni 13 bakka qaama magaalatti garmalee jequmsaan hubamte keessatti ajjeefamaniiru.
Rakkiinni yakka gareedhaa raawwatamu magaalaa Keep Taawoon kunis kan waggoota baayyeen dura tureedha.
Gabaasoonni biyya keessaa akka jedhaniitti, jeequmsii tibbana magalaattii keesaatti dabalaa dhufes sababii walitti bu'iinsa gareewwan yakka raawwatan jiduutti umameen wal qabateeti. Walitti bu'insichaan wal qabatees haaloo wal bahuun cimee itti fufeera.
Magaalatiitti bakkee Filiippi Isaat jedhamutti kanneen rasaasaan Sanbataa fi Dilbata ajjeefaman dabalatee Jibaataa kaasee yoo xinnaate namoonni 20 ajjeefamaniiru.
Itti gaafatamaan poolisii magaalattii Siile loltoota magaalatti bobbaasuu ilaalchisee akka jedhanitti, ''Nageenya jiraattotaa eegsiisuuf tarkaanfii cimaa fudhachuun barbaachisaa waan ta'eef'' jedhaniiru.
"Mana mana irra ademuun meeshaalee waraanaa seeraan ala funaanna. Yakkamtoota barbaadaman ni to'anna akkasumas kanneen hafaniifi yakkamtoota wabiidhaan gadhiifamanis deebiifne ni to'anna.'' jechuun midiyaatti himaniiru.

Madda suuraa, AFP
Bakkeewwan magaalattii hanga ammaati loltoonni keessatti hinbobba'inittis miseensoonni polisii baayyeen bobba'aniiru.
Loltoonni amma bobbaafaman kunneenis baatiiwwan sadan itti aanuuf yoo ta'u, haaromfamu dadnda'a jedhameera.
Yeroo dhumaatiif yakka gareen raawwatamu Keep Taawon keessatti ittisuuf loltoonni kan bobbaafaman bara 2017tti ture.













