Rakkoo Itoophiyaan amma keessa galteef sababni maali, furmaatnoo?

Yaaliin ''fonqolcha mootummaa'' naannoo Amaaraatti raawwatameefi ajjeechaan hooggantoota waraanaa Finfineetti raawwatame ce'umsi Itoophiyaan gaggeessaa jirtuuf qormaatni isaa akka hin xumurreef agarsiiftuu guddoo dha jedhu ogeeyyiin siyaasa xiinxalan.
Taatee osoo hin eegamiin ta'e dha jechuun ibsan kun mudachuu akka danda'u wantootni akeekaan jiru ture jedhu Dipiloomaatii duraanii Itoophiyaa fi siyaasa kan xiinxalan obboo Yoseef Yaasiiniifi Ameerikaa Koolleejjii Indikootitti Mirga Namoomaa fi hariiroo idila Addunyaa kan barsiisan Semaaheny Gaashuu(PhD).
''Taateen kun nama rifaasisa garuu kan hin eegamne miti'' kan jedhan obbo Yooseef, wanti kun ta'uu akka danda'u sochiileen akeekan akka biyyyaattis ta'u naannoo Amaaraatti mul'achaa ture, garuu ''sadarkaa kanaan gara walballeessuutti ce'a jedhee hin yaadne ture'' jedhu.
Dr. Semaahenyis dirreen siyaasaa biyyattii wayita baname kanatti gareen sabboontotaa humna argatanii gad bahuun isaanii wantoota ta'an kanaaf sababadha jedhu.
''Milishaadhaan, Qeerroo ykn Faannoo jechuun fedha ofii eegsisuu sochiin tureefi qaama isa biraa akka yaaddoofi diinaatti ilaaluun mudateera'' jechuun gochi torbee darbe ta'e bu'uuraa fi akeektuuwwan kan qabu akka ture himu.
Waggaa tokko dura biyya daandii qaxxaamuraarra jirti jedhamuun ibsamtu keessatti, dhufaatii MM Abiy booda, ''Itoophiyaa keessatti yaaddoon jiru hir'isaa, abdiinis dabalaa dhufee ture'' kan jedhan obbo Yooseef, walitti bu'iinsi akka kanaa, buqqa'iinsii fi walshakkuun tarkaanfiiwwan jijjiirama kana gufachiisuu fi abdii mul'ate kan dukkaneessudha jedhu.
Federaalizimiin sabummaarratti xiyyeeffates wal amanuu dhabuufi isa kaan akka yaaddootti ilaaluuf qaawwa uume qaba jedhu Dr. Semaaheny.
Waggoota 27 darban keessatti miidhamni saba Amaaraarra gaheera jedhamu amma yaadota garaagaraa ka'aa jiraniif madda ta'uus ni himu.
Taateen tibba kanaas kanaa waliin hariiroo akka qabu kaasu.'' Sabboonummaan akka kamiitu fedha uummata Amaaraa kabachiisa gaaffii jedhurratti adda addummaa beektota gidduutti uumameetu balaa uumees'' jedhu.
Falli maali?
Wantootni amma ta'aa jiran wantoota kana caala hammaatanii fuula durattii dhalachuu malaniifi akeekkachiisa ta'uu waan danda'aniif qaamoleen dhimmichi tasgabbaa'uu qaba jedhu hunduu hasaa irraa gara gochaatti jijjiiruu qabu jedhu obbo Yohannis.
Mootummaa fi qaamoleen biroon uummatni fi biyyi garamitti imalaa akka jirtu hubachuun miira itti gaafatamummaan hojjechuu qabuus jedhu.
Dr. Semaaheny ammoo waldhabdee seenaa bu'uureffatee dhalatee irratti mari'achuun akka hawaasa siyaasaa fi akka uummata biyya tokkootti akkamiin fuula duratti haatarkaanfannu isa jedhurratti araarrii biyyaalessaa gaggeefamuu qaba jedhu.
MM Abiy Ahimad sadarkaa yaadaatti Itoophiyaaf dursa kennuun araara buusuuf yaalaniiru kan jedhan Semaaheny, qabatamaan yaadotni furmaataaf kaahaman hanqina qabuu jedhu.
''Kennanii fudhachuurratti hundaa'uun beektoota siyaasaa biyyattii gidduutti garaagartummaa yaada jiru irratti marii fi waliigalteen uumamuu qaba" jedhu obbo Yooseef.















