Monokseewwan lama tirgaaf (qumaara) qarshii hatuu amanan

Maxxanfame

Monokseewwan mana barumsaa Kaatolikii Kaalifoorniyaatti argmutti dalagan doolaara 500,000 tirigaaf(gambling) hatanii gara Laas Veegaas deemuu amanan.

Siistar Meerii Kiruupaarfi Laanaa Chaang qarshii mana barumsaa Kaatolikii Seent Jeems irraa fudhatan. Tirgaa taphachuufis gara Laas Veegaas fudhatanii deeman.

Monoksooti michooma gaarii qabu jedhaman arjooma mana barumsichaaf kennameefi kaffaltii ji'aa barattoota irraa qarshii fudhatan.

Siistaroonni dulluma bahan waan dalaganitti gaabbuu dubbatan.

Meerii Kiruupar hoggantuu mana barumsaa tahuun waggaa 29 kan dabarsite yoo tahu, Laanaa Chaang immoo waggooti 20 barsiisummaan tajaajilteetti.

Qarshicha waggaa 10 keessatti hataa kuusaa turuu hin oolani jedhameera.

Waldaan Kaatolikii Seent Jeems monokseewwn kunneen 'gara-malee gaabbuu himuun himannaan akka irratti hin banamneef poolisiitti dhaamuu ibseera.

Abuunni waldichaa Mikaa'el Meeyars xalayaa tajaajiltoota yeroo guutuu waldichaaf barreessaniin ''monokseewwan lameen hojii isaaniin guddaa gaabbaniiru dhiifama gochuufi kadhannaadhaaan isaan wajjin tahaa jedhaniiru.''

Hogganaan daaqonootaa baduun qarshichaa yeroo odiitiin taasifamu barame jedhaniiru.

Monokseeewwan kunniin akkaawuntii baankii manni barumsichii itti hin fayyadamne keessatti cheekii kaffaltii barattootaa kuusuun hojii isaanii dhokfachaa turan jedhameera.

Maatiin barattootaas dhimma kana akka baran taasifameera.