Joorjiyaan Saloomee Zurabishviiliin pirezidantii dubartii jalqabaa gootee filatte

Madda suuraa, EPA
Saloomee Zurabishviiliin pirezidantii dubartii jalqabaa Joorjiyaa ta'un filataman.
Yeroo ammaa sagaleen lakkaa'amee wayita dhumaa jiru kanatti dubartiin duraan dippilomaatii turteefi Firaansitti dhalatte kun sagalee kenname keessaa morkataa ishee iriigool Vashaadiiziin %59'n injifatteetti.
Morkataan isanii immoo sagalee %40 argatan.
Saloomee Zurabishviiliin paartii kan biyya Joorjiyaa bulchaa jiruun kan deggeramu yommuu ta'u kan Vashaadiiziin ammoo kaadhimamaa tokkummaa mormitootaati.
Heerri haarawaan hojiirra ooluuf jiru ammoo aangoo pirezidantii kana kan maqumaaf ta'u taasisuuf heda.
Saloomee Zurabishviiliin hariiroo Joorjiyaan Raashiyaafi biyyoota gama Lixaa waliin qabdu madaalawaa gochuu deeggaru.
Vashaadiiziin - kan bara 2008 yeroo walitti bu'insi Joorjiyaafi Raashiyaa gidduu turetti Ministira Dhimma Alaa turaniifi Biyyoota Lixaa caalsifatu jedhama.

Madda suuraa, EPA
Filannoon pirezidantii amma gaggeeffame kun filannoo kan paarlaamaa 2020 gaggeeffamuuf agarsiiftudhas jedhameera.
Gareen paartii mormitootaa filannichi akka rakkoo qabuufi warra duula filannoo gaggeessanirra miidhaan akka ga'e himataa jiraatus paartiin biyya bulchaa jiru ammoo himannaa kana waakkateera.














