Landan Biriid Kantiibaa dubartii gurraattii Saan Firaansiskoo tahuun filatamte

Maxxanfame

Magaalaa Ameerikaa lammiiwwan sanyii Afrikaa-Ameerikaa tahan itti xiqqaachaa dhufanitti dha dubartiin kuni seenaa keessatti kantiibaa jalqabaa dubartii gurraattii Saan Firaansiskoo kan taate.

Landan Biriid nama akkoosheee wajjiin mana jireenyaa uummataa keessatti guddattee sadarkaa kanarra gahuunshee dinqisiifatameera

Dubartiin ganna 43 kuni harka 50 mo'uusheetti akka gammadde dubbatteetti

Magaalawwan gurguddoo Ameerikaa 15 keessaa kantiibaan dubartii ishee qofa dha.

Saan Firaansiskoon rakkoo mana jireenyaa, kosii kararraafi qala'insa miyaa waan qabduuf jiraattonnni mindaadhaan bulan irraa godaanaa jiru.

Landan Biriid kana dura pireezidaantii boordii qaama seeraa Saan Firaansiskoo tahuun tajaajilteetti

Aangoo kanaaf otoo hin dorgomiin duras kantiibaa itti aantuu taatee hojjettetti

Filannoon waxabajii darbee yoo adeemsifameyyuu sababii qabxii walitti siiqaan sagalee irraa deddeebi 'ame lakkawwamaa waan turee ifatti otoo hin bahiin tureera.

Landan Biriid SaanFiraansiskoo gaggeesuun dubartii ishee jalqabaa miti. Diyaan Feenistan bara 1978titti Kaaliforniyaa hogganteetti

Garee kantiibaawaan dubartoota gurraachaa Ameerikaatti yoo makamteyyuu, magaala lammiiwwan sanyii Afrikaa qaban xiqqoo keessa jiraniifi mana jireenyaa uummataa keessa jiraatan hogganuuf jirti.

Saan Firaansiskoo keessa yeroo dheeraa kan jiraatte Biriid digrii jalqabaa univarsiitii Kaaliforniyaa irraa digirii lammataa bulchiinsa uummataan univarsiitii Saan Firaansisskoo irraa argattee jirti.

Magaalattii keessaa yeroo ijoollummaashee miidhamaafi jireenyi magaalaa ammayyaa argattee akka hin guddanne gaazexaa tokkotti himtee jirti .