Walitti Bu'iinsa Magaala Walqixxeen miidhaan qaqqabe

Magaala guddoo Godina Guraagee Walqixxeetti walitti bu'iinsa kaleessa uumamee, har'aas itti fufeen qabeenyarra miidhaan qaqqabuu jiraattotni BBCtti himan.
Walitti bu'iinsi kaleessa eegale tasgabbaa'e kan ture ta'us hara'as deebi'ee ka'uun tasgabbiin magaalittii jeeqeera. Sababa kanaanis konkolaattotni magaalittti keessa qaxxaamuranii darban sodaa jirurra ka'ee socho'uu akka hin dandeenye jiraattotni nutti himaniiru.
Maqaan isaanii akka hin dhahamne kan gaafatan jiraataan magaalitti tokko maddi walitti bu'iinsa kanaa tapha ispoortii waldhabdee garee Guraageefi Qabeena gidduutti ture akka ta'e himaniiru.
''Kana dura taphota turan irratti dargaggeeyyiin magaala Walqixxee garee aanaa Qabeenaaf ni taphatu ture. barana garuu taphachuu fedha dhabuun isaanii afaan waldarbuu sababa ta'e. kunis ol siiqee manaa fi Konkolaata gubuutti guddate'' jedhanu maqaan isaanii akka hin eeramne jiraatan gaafatan.
Itti dabaluunis, miseensonni raayyaa ittisa biyyaa magaalittii tasgabbeesuuf yaalaa akka jiran himaniiru.
Ajajaan poolisii magaala Walqixxee Inispeektar Habtaamuu gama isaaniin magaalitti keessa rakkoon nageenya jiraachuu dubbatu. Maddi rakkoo kanaa dorgommii Ispportii qofa dha jedhanii kan hin yaadne akka ta'es himu
Maddii rakkoo kanaa dhiyootti qoratame ifa akka ta'us himaniiru.
Naannoo Uummattoota Kibbaatti kan argamu Godinni Guraagee saboota sadii Qabeenaa, Maaraqoo fi Guraagee of keessatti hammatee jira.
''Maddi waldhabdee magaalaan Walqixxee kan kooti gaaffii jedhu wajjin walqabata. Warri Guraagees ta'e warri Qabeenaa Walqixxeen kan isaanii akka taateetti mormu. mormiin saba lameenii guddina maagaalittiitti danqaa ta'aa jira'' jedhu hojjetaan waajira koominikeeshinii aanaa Masaaqaa obbo Redwaan Mohaammad.












