Ameerikaa fi UKn boba'aa Raashiyaa gara biyya isaanii galurra qoqqobbii kaa'an

Pireezidentiin US Joo Baayidan boba'aa gaaziiifi dhagaan kasalaa Raashiyaarraa Ameerikaa galu guutummaatti dhorkamuu beeksisan. UKnis faana dhoofteetti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Otoo waraanni as dhufee duuluunkoo shakkii hinqabu'- dhalataa Itoophiyaa Raashiyaa jiraatan

  2. Waraana Raashiyaa-Yuukireen guyyaa sadaffaa qabateef tamsaasa kallattii jalqabneerra.

    Loltoota Yuukireen, Kiyeev keessatti

    Madda suuraa, Reuters

    Akkam jirtu hodoftoota keenyaa? Waraana Raashiyaa-Yuukireen guyyaa sadaffaa qabateef tamsaasa kallattii jalqabneerra.

    Halkan kana magaalaa guddoo Yuukireen, Kiyeev keessatti dhukaasaawwan gurguddoo dhaga'amaa akka bulan gabaafameera.

    -Loltoonni Yuukireen daandii gurguddaa magaalaa Kiyeev keessa jiran irratti loltoota Raashiyaa dura dhaabbachuun falmaa jiraachuu

    -Humnoonni Yuukireen fuula Facebook irratti lolli cimaan deemaa jiraachuu ibsuu

    -US ammoo garrgaarsa Yuukireeniif dolaara Biliyoona 6.4 Kongiresii gaafachuufi kaan hedduu dhiyeessina.

    Kallattiin nu hordofaa.

  3. Taateewwan ijoo waraana Raashiyaa-Yuukireen tibbanaa

    AFP via Getty Images

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Lammilleen Yuurieen weerara Raashiyaa jalaa biyyoota ollaatti baqataa jiru.

    Yuukireenitti ta’ateewwan hedduun kan raawwatan yoo ta’u, dhiyootti ta’iiwwan mudatan haa ilaallu.

    ·Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin waraannii Yuukireen mootummaarraa aangoo akka fudhatu gaafatan.

    ·Ministirri Ittisa Raashiyaa waraanni isaanii buufata xiyyaaraa ijoo magaalaa guddoo Yuukireen, Kiyeev, cinatti argamu to’achuu beeksisan.

    Itti dabaluun loltoonni humna addaa Yuukireen 200 ta'an ajjeefamuufi, gama Raashiyaatii namni miidhame akka hin jirre ibsan.

    BBCn lakkofsa namoota du’anii jedhame kanaa qaama walabarraa hin mirkaneeffanne.

    ·Qondaaltonni waraanaa Yuukireen magaalaa guddoo biyyattii weerara Raashiyaarra itttisuuf Kiyeev seenan.

    ·Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Yuukireen boombiiwwan dhoofaman akka qophaa’aniifi qajeelfama keennameen alatti qawween 18,000 namoota fedha isaanitiin loluu barbaadaniif kennameera jedhan.

    ·Weerarri erga jalqabeerraa kaasee loltoonni Raashiyaa 450 ajjeefamuu, namoota nagaa 57 dabalatee lammileen Yuukireen 194 du’uusaanii Ministiirri Waraaanaa UK miseensota paarlaamaatti himaniiru.

    Yuukireen gama isheetiin loltoonni Raashiyaa 1,000 ajjeefamaniiru jettullee BBCn qaama walabarraa hin mirkaneeffanne.

    ·Kireemliin Raashiyaan waliigaltee Miniskiin irratti hundaa'uun Yuukireen waliin mariyachuuf qophii’ ta’uu beeksifteettii.

    Marii isaanii ilaalchisuun haal-duree kan keewwatte Raashiyaan,’’Yuukireen ejjannoo bilisaa’’qabachuu qabdi jette.

    Kunis hidhannoo hiikkachuu kan dabalatu yoo ta’u, Yuukireen kanarratti waliigaluu waanti agarsiisu hin jiru.

    Poolaand daangaa qilleensaa ishee daandii qilleensaa Raashiyaatti cufuuf qophaa’u Ministirri Muummee biyyattii himan.

    Jaarmiyaan dhimma baqattoota addunyaaa namoonni 100,000 sababa weerara kanaatiin buqqa’uu himuun, lolichi hammaataa yoo adeeme namoonni hanga miliyoona 5 buqqa’uu malu jedhee amana.

  4. NATOn loltoota dabalataa gara Baha Awurooppatti bobbaasuuf

    Alaabaa biyyoota miseensa NATO

    Madda suuraa, Getty Images

    Gaggeessitoonni dhaabbata Waliigaltee Waraana Kaabaa (NATO)n Raashiyaan Yuukireeniin weeraruu hordofee loltoota dabalataa Baha Awurooppaatti babboosaa akka jiran ibsan.

    "Tuullaa sobaa mootummaa Raashiyaatiin gowwaan sossobamu hin jiru," jedhan gaggeessitoonni biyyoota 30 miseensa NATO ta'an ibsa waliin baasaniin.

    NATOn Mooskoon loltootashee hunda Yuukireen keessaa baasuun, "daandii humnaan weerara banuu filaterraa akka deebituuf" waamicha dhiyesse.

    "Pirezidant Putiin Yuukireeniin haleeluuf murteessuun isaa dogoggora tarsiimoo daran hamaa waan ta'eef waggoota dhufan keessa Raashiyaatiin garaa dinagdeefi siyaasaan gatii guddaa ishee baasisuuf jira," jedha ibsa NATO kun.

    Loltoota gara Baha Awurooppaatti erguu irratti, NATOn akkas jedhe: "Humna cimaafi amansiisaa qolachuufi ittisuu mirkaneessu garasitti bobbaasuun barbaacisaa ta'ee argameera."

  5. Amma nu gahe, Pirezidant Zeleniskii: Ammallee Kiyeev, Yuukireen keessa jirra

    Pirezidant Zeleniskii aanga'oota Yuukireen biroo waliin

    Madda suuraa, Facebook

    Pirezidantiin Yuukireen Voloodimirii Zeleniskii ammallee Yuukireen keessa akka jiran agarsiisuuf magaalaa guddoo biyyattii Kiyeev keessa deemaa viidiyoo waraabanii gadi dhiisan.

    Pirezidantichi kana kan godhaniif, miidiyaa Raashiyaatiin oduun magaalaa guddoo Yuukireen gadi dhiisanii baqataniiru jedhu dhaga'amuu hordofeeti.

    "Nuti hundi keenyayyu asuma jirra," jedhan gorsitoota isaanii gurguddoofi ministeera Muummee isaaniitiin marfamanii.

    "Walabummaa keenya, biyya keenya eeggachaa jirra. Nuti kana ittuma fufnee goona."

    Pireezidant Zeleneskiin ibsa waaree booda kennanii tureen kaayyoon Raashiyaa hooggana biyyaa dhabamsiisuun siyaasaan Yukireen diiguudha jedhan.

    ''Akka odeeffannoo qabnutti diinni anaan akka xiyyeeffannoo tokkoffaatti, maatii koo ammoo xiyyeeffannoo lammataatti'' qabateera jedhan.

    Pireezidantichi magaala Kiyeev gadhiisanii akka hin baaneefi loluu akka itti fufan himan.

  6. Puutin waraanaa Yuukireenin mootummaarra ‘aangoo fudhadhaa’ jedhan

    Pireziant Vilaadmiir Putiin

    Madda suuraa, Getty Images

    Vilaadimiir Puutin Kaawunsilii Nageenyaa Raashiyaa waliin haasaa yeroo taasisanitti waraanaa Yuukireeniin mootummaa irraa 'aangoo fudhadhaa' jedhan.

    Puutin ‘Banderatiiwwan’jedhan- Bara Waraana Addunyaa Lammaffaatti loltuu farra Gamtaa Sooviyeet durii Istippan Baanderaa akeekuuf kana jedhan ture.

    Baanderaan leellisaa Naaziiti jedhama. Puutin Baanderaan, laawuncharii rokkeettii hedduu ijaaruu dabalatee, meeshalee waraana jajjaboo magaalota akka Kiyeev fi Karkivitti ijaaree ture,’’ jedhan.

    Pirezedant Puutin‘’leellistoota Naazii‘’ jechuun mootummaa Yuukireen qeequuf yeroo hedduu itti gargaaramu.

    Qomoo Jiwiish irraa kan dhalate Pirezedantiin Yuukireen Zeleniskiin, jecha Puutin kana fudhatama dhabsiisaniiru.

    Puutin akkas jedhan:’ "Raashiyaan hawaasa nagaa giddutti miidhaa qaqqabsiifte jedhan nu himachuuf jecha namoota da’eeffatanii akka shororkeessitoota addunyaatti dalagu," jedhan.

    "Kun hundi kan raawwatame gorsitoota biyyoota alaatiin, hunda caalaa gorsitoota Ameerikaatiin ta’uun beekamaadha," jedhan.

    Ittaansuudhaan Puutin humnoota Yuukireenif dhaamsa dabarsan.

    "Loltoota Yuukireeniif amma irra deebi’ee dhaamsan qaba: warri leellistoota Naazii Baaderaawwanii ijoollee keessan, haadholii warraa keessanifi maanguddoota akka hin da’eeffanne," jedhan.

    Itti dabaluun, "aangoo harka keessan galfadhaa, warra guddis-baddee araada qorichaa qabaniifi leellistoota Naazii caalaa aniifi isin salphaatti waan waliigallu fakkaata," jedhan.

  7. Amma nu gahe, Loltoota Raashiyaa ittisuuf konkolaataawwan waraanaa Yuukireen magaalaa Kiyeev seenan

    Magaalaa guoo Yuukireen, Kiyeev

    Loltoota Raashiyaa Kiyeev seenuurraa ittisuuf konkolaataawwan waraanaa Yuukireen magaalaa guddoo biyyattii Kiyeev galaa jiru jedhan Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Yuukireen.

    Kantiibaan magaalaa Kiyeev Vitaalii Kilichiikoo akka jedhanitti, magaalattiin ganama irraa kaastee "gara ofirraa ittisuutti seenteetti".

    Mootummaan ammoo uummnni Kiyeev loltoota Raashiyaa dura dhaabbachuudhaaf waan danda'an hunda akka godhaniif waamicha taasisaa jira.

    Mootummaan uummanni boombii harkaa alkoolii/boba'aa qaruuraatti naquun tolfamu 'Molotov cocktails' jedhamu tolfachuu irraa kaasee meeshaa akka fudhatanii dura dhaabbatan gaafachaa jira.

    Hanga ammaattis jiraattota magaalaa Kiyeev fedhii qabaniif kilaashii 18,000 kennuu Kiyeev.

    Ministeerri Ittisaafi Ministeerri Dhimma Biyya keessaa jiraattonni magaalaa Kiyeev, "sochii loltootaa kamiyyu argan akka beeksisan, meeshaa dhuka'u 'Molotov cocktails' jedhamu akka hojjetataniifi diina itti dhufeef akka deebii kennaniif," gaafachaa jiru.

    Baxxeen waraqaa qajeelfama tartiiba ittiin zayita boba'aa fayyadamuun boombii hojjetatan agarsiisu miidiyaa hawaasummaa Ministeera Dhimma Biyya Keessaa irratti maxxanfameera.

  8. Baayidaan maaliif Yuukireenitti waraana hin ergani?

  9. Lammilee Yuukireen 194 weerara Raashiyaan ajjeefaman keessa 57 namoota nagaati-UK

    Miinistirri Waraanaa UK Jeemsi Hippey miseensota paarlamaatti akka himanitti, Weerarri Vilaadimiir Puutiin kaleessa erga jalqabe asitti, loltoota Raashiyaa 450 fi lammileen Yuukireen 194 kan du’an yoo ta’u, namoota ajjeefaman keessaa 57 namoota nagaati.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Kaawunsiliin Mirga Namoomaa ammoo har’a ganama namoonni nagaan 25 du’uu ibseera. Lakkoofsi namoota nagaa du'anii kana caaluu mala.

    Jeemsi Hippey, loltoonni UK biyya miseensa ‘NATO’ Istooniyaatti yeroo karoorfame dursuun akka ergaman beeksisan. Walumaagalatti loltoonni UK 1,000 ta’an biyyoota ollaa Yuukireen akkaata qabiinsa baqattootarratti tumsuuf jiru.

  10. Chaayinaan rakkoo Yuukireen 'karaa mariin' furuuf Raashiyaa deeggarte

    Alaabaa Chaayinaafi Raashiyaa wal biratti

    Madda suuraa, Getty Images

    Biyyoonni Lixaa wayita gam-tokko goranii Raashiyaa mormaa jiranitti, hollaa Raashiyaa kan taate Chaayinaan ammoo gocha Raashiyaa kana hedduu hin abaarre.

    Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinping Jimaata darbe bilbilaan Pirezdantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiinitti akka dubbatanitti, Chaayinaan carraaqqii Raashiyaan rakkoo Yuukireen karaa nagaatiin furuuf jettu ni deeggarti jedhan.

    Rakkoon Raashiyaa-Yuukireen gidduutti dhalate kun kallattii hedduutiin Chaayinaa irratti dhiibbaa fidu qaba.

    Hariiroo dippilomaasii gaarii Chaayinaafi Raashiyaan waliin qaban Taphoota Olompikii Gannaa Chaayinaan qopheessite irratti hirmaachuuf Beejing deemuun Putiin agarsiiftuudha. Tapjoota Olompikii Gannaa kana irratti gaggeessitoonni hedduu kan lagan yoo ta'u, Putiin deemuuf murteessuun isaa ammoo hariiroo gaarii biyyoota lamaanii agarsiisa jedhameera.

    Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa haleellaa Raashiyaan Yuukireen irratti raawwatte "weerara" jechuu irraa of qusataniiru.

  11. Humnoonni Raashiyaa buufata xiyyaaraa Kiyeev biratti argamu to’achuun gabaafame

    Ministeerri Ittisa Raashiyaa akka ibsetti, humnoonni Raashiyaa buufata xiyyaaraa ijoofi magaalaa guddoo Yuukireen Kiyeev cinatti argamu to’achuu isaanii tajaajilli oduu Raashiyaa ‘Interfax’ jedhamu beeksise.

    Buufata xiyyaaraa kanaa qabachuuf helikootaroonni Raashiyaa 200 fi humnoonni lafarraa itti hirmaachuun qabatan.

    Itti dabaluun, tajaajilli oduu Raashiyaa kun’’ Kiyeev biyyoota Lixaarra amma karaan itti cufameera’’ jedhe.

  12. Raashiyaan daandiiwwan qilleensaa Biritiish daangaa qilleensaa ishee akka hin seenne dhorkite

    GETTY IMAGES

    Madda suuraa, GETTY IMAGES

    Ibsa waa'ee suuraa, Raashiyaan xiyyaaronni Biritiish daangaa qilleensaa ishee akka hin seenne dhorkite

    Daandiileen qilleensaa Biritiish buufalee xiyyaaraa Raashiyaa akka hin qubanneefi daangaa qilleensa Raashiyaa akka hin seenne to’attoonni Siviil Aviyeeshinii Raashiyaa himan.

    Raashiyaan tarkaanficha kan fudhatteef ''murtoo diinummaa qondaaltoonni Aviyeeshinii UK murteessan bu’uura gochuuni,'' jette.

    UK’n Kamisa kaleessaa eegalee xiyyaarri daandiin qilleensaa ‘Aeroflot’ Biriteen akka hin qubanne dhorkite.

    Tarkaanfichi Raashiyaan Yuukireen weeraruu hordofee qoqqobbii biyyattiirratti darbe keessaa tokkodha.

    Ministirri Ittisaa UK Biin Waalaas ITV tti akkas jechuun dubbatan:’’kaleessaa Aeroflot UK akka hin qubanneefi daangaa qilleensaa UKtti akka hin gargaaramne kan dhorkine haaloo nu bahuufi natti fakkaata,’’ jedhan.

    Abbaan Taayitaa Sivil Aviyeeshinii Raashiyaa Rosaavitsiyaan akka himetti, tarkaanfichi akkaata waliigaltee Raashiyaa fi UK gidduu tureen, murtoo diinummaa Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii UK fudhateera deebii kennuuf dabarfame.

    Daandileen qilleensaa Biriitish ibsa baasen, maamiltoonni imalli isaanii jalaa haqame maallaqa isaanii ni argatu jedhe.

    ''Rakkoo mudateef dhiifama gaafanna, garuu rakkinni to’annoo keenyaan ol ta’e nu mudachuun isaa ifaadha,''jedhe daandiin qilleensa kun.

    Daandiin qilleensaa Biritiish torbanitti balalii sadii Landaaniifi Mooskoo taasisaa ture.

    Raashiyaan ibsa kana baasu hordofee, Virijin Atilaantik karaa balalii UKirraa gara Paakistaaniifi Indiyaatti tajaajila kennuu muraasa mijeesseera.

    Kana bu’uura godhachuun sa’aatiin balalii toora kanatti daqiiqaa15 hanga sa’aatii tokkotti dheerateera.

    Virijin Atilaantik harkifannaa mudateef dhiifama gaafachuun,‘’nageenya fi tasgabbii maamiltoota keenyaaf dursina, lolli Raashiyaafi Yuukireen gidduutti hammaachuu isaatiin haala naannicha jiru ofeeggannoon sakatta’aa ykn hordofaa jirra,’’jedhe.

    Humnoonni Raashiyaa haleellaa banuu hordofuun Kamisa kaleessaarraa eegalee daaangaan qilleensaa Yuukireen cufameera.

    Moldovaanis gama isheetiin daangaa qilleensaa ishee akka cuftu kan beeksifte yoo ta’u, Beelaruus daangaa qilleensaa ishee gartokkee Kamisa kaleessaa cufteeetti.

    Ejensiin Nageenya Aviyeshinii Gamtaa Awurooppaa daangaa qilleensaa Yuukireen fi Raashiyaatti dhiyaachuun balaliin taasifamubalaaf kan saaxilame ta’uu akeekkachiiseera.

  13. Lammileen Itoophiyaa Yuukireen jiran Polaand akka galan hayyamame

    Hasxaa Imbaasii Itoophiyaa Jarman jiru

    Madda suuraa, Imbaasii Itoophiyaa Jarman jiru

    Lammileen Itoophiyaa Yuukireen jiran Polaand galuu akka danda'an Imbaasiin Itoophiyaa Jarman jiru hayyamsiisuu hime.

    Imbaasichi ibsa baaseen akka jedhetti, lammileen Itoophiyaa yeroo ammaa kana Yuukireen keessa jiran akka daangaa qaxxaamuranii Polaand seenuu danda'aniif Ministeera Dhimma Alaa Polaand waliin dubbachuun hayyamsiiseera.

    Kana hubachuun, barattoonni lammii Itoophiyaa ta'aniifi dhalattootaan Itoophiyaa ta'anYuukireen jiraniifi gara daangaa Polaanditti imalaa jiran atattamaan gara Polaand seenuun Itoophiyaatti akka imalan hubachiiseera.

    Imbaasichi rakkoon lammilee akka hin mudanneef itti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu Imbvaasichi himeera.

  14. Amma nu gahe, Pirezidantiin Yuukireen tarkaanfii fudhachuu didan jechuun gaggeessitoota Awurooppaa qeeqan

    Pirezidantiin Yuukireen Voloooomirii Zeleniskii

    Madda suuraa, Waajira Pirezedaantii Yuukireen

    Pirezidantiin Yuukireen Voloodimirii Zeleniskii waajira isaanii magaalaa guddoo biyyattii Kiyeev irraa dubbii dhageessisaniin gaggeessitoota Awurooppaa qeeqan.

    Uffata loltuu uffatee mula'chuun haasaa kan taasise pirezidantiin Yuukireen kun, gaggeessitoonni Awurooppaa weerara Raashiyaan gaggeessaa jirtu dhaabuudhaaf tarkaanfii gahaa hin fudhanne jechuun himatan.

    "Akkuma Waraana Addunyaa Lamaffaa, gunkumaa lamuu hin ta'u jettan, garuu amma kunoo ta'eera, Waan ta'e kanaaf deebii malu kennuuf hojii gahaa hojjechaa hin jirtan," jedhan.

    Zeleniskiin itti dabaluun, gaggeessitoonni Awurooppaa atattamaan tarkaanfii yoo fudhatan "weerara" Raashiyaa dhaabsisuudhaaf ammallee hin barfanne jechuun, lammileen guutummaa Gamtaa Awurooppaa keessa jiran ammoo mootummoonni isaanii tarkaanfii murteessaa ta'e akka fudhataniif mormii gaggeessuun dhiibbaa akka irratti taasisaniif waamicha dhiyeessan.

  15. Amma nu gahe, Taphni xumuraa Waancaa Awurooppaa Raashiyaatti gaggeeffamuuf ture haqame

    Taphni xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa 2022 Raashiyaatti gaggeeffamuuf ture sababa weerara Yuukireeniin gara Paarisitti jijjiirame.

    Taphni xumura kileboota ciccimoo Awurooppaa kun gaafa Caamsa 28 St Piitersibergitti taphatamuuf qabamee ture.

    Wal gahii Jimaata har'aa taa'ameen Uefa'n taphni xumura waanca Shaampiyoonsi Liigii Gaazmpiroomitti akka hin gaggeeffamne murteessuu ibse.

    Bulchiinsi Kubba Miilaa Awurooppaa taphichi Istaade di Firaansitti gaggeeffama jechuun murteesse.

    Taphni xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigii waggoota sadiif walitti aansuun dirree jalqaba qabame irraa jijjiiramuu isaati. Kan duraa sababa Covi-19'n bara 2020 fi 2019 keessa kan jijjiiramedha.

  16. Yuukireen eessatti argamti?, Eenyuun wal daangessiti?

    Yuukireen erga bara 1991 Sooviyeet Yuuniyenii irraa foxxoqxee booda biyyoota Awurooppaa waliin michummaa cimsachuu feeti.

    Ardii Awurooppaa irraa guddinaan biyya lammataa kan taate Yuukireen biyyoota Awurooppaatti siquu Raashiyaan hin jaalanne.

    Lafa qonnaa bal'aa kan qabdu yoo ta'u, Baha biyyattii Indastirii gurguddaatu jira.

    Kaartaan armaan gadii Yuukireen biyyoota kamiin akka wal daangessitu mul'isa.

    Kaartaa Yuukireen fi biyyoota ollaa
  17. Viidiyoo: Battala Raashiyaan Yuukireen weeraruu eegalteefi san booda Kiyeevitti maaltu ta'e?

  18. Raashiyaan sa’a 24 keessatti iddoowwan jireenyaa siivilii 33 misaa’elaan haleelte - Yuukireen

    Dhohiinsa magaalota ijoo Yuukireen keessatti gabaafame

    Raashiyaan sa’a 24 keessatti iddoowwan jireenyaa namoota nagaa 33 misaa’elaan haleelte, jette Yuukireen.

    Humnootni waraanaa Raashiyaa iddoowwan jireenyaa lammiilee nagaa hedduu irratti qiyyaafachuun haleellaa gaggeessuu Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Yuukireen hime.

    ‘’Warri Raashiyaa qabeenya lammiilee nagaa haleellaa hin jirru jedhu, garuu bakkeewan jireenyaa siivilii 33 sa’a 24 keessatti haleelameera,’’ jedhan Vaadiim Deeniseenkoo.

    Humni waraanaa Raashiyaa haleellaa kallattii Kaabaa, Bahaa fi Kibbaan bananiin saffisaan gara magaalaa guddittii Kiyeevitti dhiyaataniiru.

    Qondaalonni Yuukireen loltootni Raashiyaa magaalaa guddoo himuun jiraattotni boombii peetiroliyeemii fayyadamuun ofirraa lolan dhaaman.

  19. Amma nu gahe, Humnooti Raashiyaa magaalaa guddoo Yuukireen seenan - aanga'oota Yuukireen

    Humnoonni Raashiyaa magaalaa gudditti Yuukireen Kiyeev seenuu aanga'oonni Yuukireen tiwiitarii irratti mirkaneessan.

    Ministirri Ittisaa Yuukireen "diinni keenya jiddugaleessa Kiyeev irraa kiiloomeetira 9 kan fagaattu ollaa Oboloon keessa jiru jedhe.

    Jiraattoonni naannichaa akka lolanii fi gariin ammoo akka dahatan hubachiisan.

    "Jiraattoonni nagaa of eeggadhaa, manaas hin bahinaa!"

    Gabaastonni BBC Kiyeev jiran dhukaasaa fi dhohiinsa dhagahuu himanii, maal akka ta'e adda baasuuf garuu ni rakkisa jedhan.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  20. Daabboo, shaayee fi barattoota: Waraanni Yuukireen akkamiin Afrikaa miidha?