Ameerikaa fi UKn boba'aa Raashiyaa gara biyya isaanii galurra qoqqobbii kaa'an

Pireezidentiin US Joo Baayidan boba'aa gaaziiifi dhagaan kasalaa Raashiyaarraa Ameerikaa galu guutummaatti dhorkamuu beeksisan. UKnis faana dhoofteetti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Mariin nagaa buusuuf taa'amu itti fufa- Raashiyaa

    Marii Yukireeniifi Raashiyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Miidiyaan biyyaalessaa Raashiyaa Tass mariin nagaa buusuuf taa'amu Roobii galgala Raashiyaa fi Yukireen gidduutti akka gaggeefamu gabaase.

    ''Jilli keenya marii itti fufuuf qophiidha'' jedhan dubbii himaan pireezidant Puutiin Dimiitrii Peskoov.

    Belaarusitti osoo daangaa Yukireenirraa hin fagaatiin mariin jalqabaa Wiixata gaggeefamee ture bu'aa osoo hin argamsiisiin xumurame.

    Gorsaan Vilaadmiir Puutiin Vilaadmiir Mediiniskii ammas mootummaa Raashiyaa bakka bu'uun akka mariyatan gabaafameera.

    Vilaadmiir Mediskiin jilli Yukireen Kiyeev irraa gara Beelaruus akka imalu loltootni Raashhiyaa ulaa naga qabeessa mijeessaniiru jedhaniiru.

  2. Yukreenitti namoonni nagaa 2,000 ol ajjeefaman

  3. Kaampaaniiwwan xiyyaaraafi boba'aa gurguddoon hariiroo Raashiyaa waliin qaban adda kutan

    Airbus

    Madda suuraa, Reuters

    Kaampaniiwwan xiyyaaraa Airbus fi Boeing akksumas kaampaniin guddichi bobaa'aa Exxonmobil sababa weerara Yukireeniin hariiroo Raashiyaa waliin qaban irratti tarkaanfii fufhatan.

    Kaampaniin Awurooppaa xiyyaarotaafi qaamolee xiyyaaraa omishu Airbus, indaastirii Aviyeeshinii Raashiyaaf qaamolee xiyyaarotaa dhiyeessuu akka dhaabuufi deeggaruus akka dhiisu beeksiseera.

    Boeing dursee Raashiyaa keessatti hojii hojjetu mara adda kutuu kan beeksise yeroo ta'u, kaampaniin boba'aa guddichi ExxonMobile ammoo waliigaltee doolaara biiliyoonota hedduu kaampanii mootummaa Raashiyaa Rosneft jedhamu waliin galee ture diigeera.

    Kaampaniiwwan hedduun sababa warri Lixaa Raashiyaa qoqqobaa jiraniif biyyattii gad-dhiisanii bahaa jiru.

    Airbus gidduugalli injinariingii dhaabbatichaa Raashiyaa keessa jiru hanga beeksisfni haaraan bahutti hojii akka dhaabu ibseera.

  4. Yukireen waraana Raashiyaa 5,840 ajjeeseera jette

    Humni waraanaa Yukireen akka jedhutti, gabaasni jalqabaa gaggeeffame akka agarsiisutti erga gaafa Yukireen weerarmtee kaasee humnoota Raahsiyaa gama hundaan kasaaraan mudateera.

    BBC garuu gabaasa kana hin mirkaneeffanne, garuu ministeerri ittisaa UK humnoonni Mooskoo weerara Yukireen irratti banan kanaan kasaaraan guddaan akka isaan qaqqabe amana.

    Akka Yukreen jettutti kasaaraan humnoota Raashiyaarra gahe:

    • loltoonni 5,840 ajjeefamuu
    • Xiyyaaronni 30 rukkutamuu
    • Helikoopteroonni 31 rukkutamuu
    • Taankiiwwan 211 gubachuu
    • Konkolaataawwan loltootaa hidhannoon bahan 862 gubachuu
    • Sistemoota meeshaa 85 hojii ala ta'uu
    • Sistemoonni farra xiyyaaraa 9 hojii ala ta'uu
    • Taankiin boba'aa 60 gubachuu
    • Konkolaataawwan biroo 355 gubachuu
    • Dhukaastuun rookeetii 40 MLRS fudhatamuu
  5. ‘Putin Raashiyaa miti’- dursaa paartii mormituu Raashiyaa Navaliniin

    Hogganaan paartii mormituu Raashiyaa hidhaa jiru Aleeksi Navaliniin tiwitara gubbaatti barreeffama jechoota jajjabaa of keessa qabuufi hiriira mormii guyyaa guyyaa Raashiyaa fi biyyoota kaanitti waamu maxxanse.

    Dursaan paartii mormituu kun 'Putiin Raashiyaa miti' jechuunis dubbateera.

    Navaliniin haleellaa summii Kireemiliinitu narratti raawwatan jedhee balaaleffaturraa erga lubbuun hafee booda waggaa tokko mana hidhaatti dabarse.

    Ji’a darbe himannaa haaraan waggaa 10 caaluuf mana hidhaa isa tursiisuu maluun himatamee dhaddachatti dhiyaatee ture.

    ‘’Nuti – Raashiyaan biyya nagaa qabdu akka taatu feena. Namoota muraasatu biyya nagaati jedhee nu waama,’’ jechuun mana hidhaa eegumsa olaanaa qabuufi Baha Mooskootti iddoo hidhamee jiru keessaa barreesse.

    Taatullee ‘’lammileen Raashiyaan biyya yoo xiqqaate uummata sodatee callisee akka waan waraana hin arginee ta’uu hin qaban,’’jedha.

    ‘’Jaarraa 21tti oduu waa’ee namoota taankii keessatti gubataniifi mana keessatti boombiin gubatanii ilaalaa jirra,’’jedhe.

    ‘’Waraanni nuukilaraa jalqabuuf ta’uu yaaddoo qabatamaa ta’e foddaa TV keenyaarratti argaa jirra,’’ jedhe

    Rooyitarsi

    Madda suuraa, Rooyitarsi

    Ibsa waa'ee suuraa, Aleeksi Navalinii, bara 2020
  6. 'Raashiyaan Yukireen qabachuun’’ baayyee itti ulfaata’-Ministira Ittisaa UK

    Reuters

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Ittisaa Yunaayiti Kingidam (UK) Been Waalaas akka jedhanitti, Raashiyaan magaalota gurguddoo Yukireen seenurratti‘’rakkoo cimaatu ishee mudate’’ jedhan.

    Humnoota hidhatanis ta’e namoonni nagaan waan qaban hundaan diina isaanitti dhiyaataa jiru ofirraa ittisaa kan jiran fakkaatu jedhan.

    Magaalota gurguddoo marsanii boombiin’’of-eggannoo malee haleeluun, sududaan ‘’hawaasa miidhameeera jedhanii abdatanitti dhiyaatanii waan hafe to’achuun akka qajeelfama waraana Raashiyaa keessaa tokkotti ilaalama,’’jedhan Been Waalaas.

    Taatullee lafa bal’aa qabaachuu fi uummata miliyoonaa 44 qabaachuun Yukireen Raashiyaan qabaatte turuuf ‘’baayyee rakkisa’’ jedhan.

    ‘’Yeroon kun wayita miidhamni dhugaan dhabaluudha,’’jechuun muuxannoo Chiichiniyaa, Lixa Iraaqi fi Gamtaan Sooviyeetii Afgaanistaan keessa wayita turte mudate akka fakkeenyatti eeruun ‘BBC Breakfast’tti himan.

    ‘’Biyyattii humna guddaan weeraruun waan tokko, uummata miliyoona 44 akka keessa turtu hin si barbaanne qabachuun waanta baayyee ulfaatu,’’ jedhan.

    Akka filannoootti NATO’n iddoo balaliin xiyyaarota dhorkamu(no-fly zone) filannoo keessatti hin hammachiifne, Been seericha Raashiyaancabsuun waraana Awurooppaatti fida,’’ jedhan.

  7. Gatiin boba'aa baarmela tokkoo doolara 113 gahe

    Gatiin boba'aa waraana Yukireen hordofe dabale

    Madda suuraa, PA Media

    Akkuma waraanni Raashiyaafi Yukireen gidduutti deemaa jiru itti fufeen gatiin boba’aa addunyaas dabalaa dhufe.

    Gabaa tasgabbeessuuf tarkaanfii haaraan fudhatamus gatiin boba’aa garuu dabalaa jira.

    Boba’aa jikitni baarmeelli tokko doolaara 113 gaheera. Kun erga bara 2014 as gatii boba’aa isa qaaliidha.

    Miseensonni Ejensii Aannisaa Idil-adunyaa boba’aa yeroo hatatammaaf kuufame irraa baarmela miliyoona 60 gadhiisaniyyuu gatiin dabaluu dhaabuu hin dandeenye.

    Raashiyaan addunyaa irraa biyya boba’aa oomishuun beekamtudha. Investerootni ammoo dhiyeessiin boba’aa yookaan gaazii miidhamuu danda’a jechuun sodaa qabu.

  8. Ilmi Museevinii Raashiyaan Yukireen weeraruu deeggare

    Getty Images

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Letenaal Jeneraal Muhoozii Keehinerugaba Raashiyaan Yukreen weeraruu deeggare

    Ilmi Pirezedantii Yugaandaa Yuweeri Museevinii, Letenaal Jeneraal Muhoozii Keehinerugaba Raashiyaan Yukreen weeraruu deeggare.

    Jeneraal Keehinerugabaan gaggeessaa humna lafoo Yugaandaa yoo ta’u, tiwitara gubbaatti ‘’Dhalli namaa harki caalu(warreen adiin alatti) eejjannoo Raashiyaan Yukireen irratti qabdu deeggaru,’’ jedhe.

    Puutin guutummaatti sirriidha!’’ jedhe itti dabaluun.‘’Bara 1962 Gamtaan Sooviyeetii Raashiyaa duraanii misaayiloota niwukilaraa wayita Kuubaa keessa dhaabde, biyyoonni Lixaa sanaaf jecha addunyaatti dhoosuuf fiixeerra qaqqabanii turan. NATO’n waan sanaan walfakkaatu raawwatee Raashiyaarra deebii biraa eega,’’ jedhe.

    Jeneraal Keehinerugabaan Jeneraala waraana Sudaan Mohaammad Hamdaan’’Hemetii’’ Dagaaloo waliin ta’uun qondaala waraana olaanaa Afrikaa keessatti ifatti Raashiyaan biyya Yukireen weeraruu deeggaruu dubbate.

    Jeneraal Keehinerugabaan abbaa isaa maanguddoo ganna 77, bara 1986 irraa kaasuun aangoorra ture bakka bu’uu mala jedhamee hamatama ture.

    Gareen naannoo biyyoota Lixa Afrikaa-ECOWAS garuu weerara Raashiyaa balaaleffate, Gamtaan Afrikaa immoo ‘’Raashiyaan tokkummaa lafa Yukireen akka kabajju’’ waamicha dhiyeesse.

    Ministerrii Dhimma Alaa Rippabilika Afrikaa Kibbaa lolotoonni Raashiyaa Yukireen keessaa akka bahan waamicha dhiyeesse.

    Jeneraal Keehinerugabaan barreeffama gaazixeessaa beekamaan Yugaandaa Andiriiw Miwendaa jedhamu tiwitarratti’’namni siyaasa addunyaa heddu hin beeknelle Mooskoon Yukireen akka Waadaa Kaaba Atilaantik NATO fi Gamtaa Awurooppaatti akka dabalamtu tasuma akka hin eeyyamne ni arga, Sababni isaammoo Raaashiyaan akka hin jiraanne yaaddoo itti uuma,’’ jedhu tiwitara gubbatti deebise qoode.

  9. Miidhaa Nuukileerri fidu maali?

  10. Ameerikaan xiyyaaronni Raashiyaa daangaa qilleensaashee keessa akka hin balaliine dhorkite

    Xiyyaara Raashiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan xiyyaaronni Raashiyaa daangaa biyya isaanii keessa akka hin balaliine dhorkuu beeksisan.

    Ameerikaan xiyyaaronni Raashiyaa, akkasumas kanneen maqaa Raashiyaatiin galmaa'an daangaa qilleensa kiyyaa fayyadamuu hin danda'an jetteetti.

    Ameerikaa dabalatee, Gamtaan Awurooppaa, Yunaayitd Kingidam fi Kanaadaanis tarkaanfii wal fakkaatu fudhataniiru.

    Xiyyaaronni Itoophiyaa daangaawwan qilleensaa akka hin fayyadamne dhorkuun ammoo balaliinsawwan hedduu akka haqamaniifi kallattii jijjiirrataniif sababa ta'eera.

    Joo Baayidan murteen kun dinagdee Raashiyaa irratti dhiibbaa hamaa akka qaqqabsiisuufi addunyaa biroo irraa akka aa ishee baasu ibsaniiru.

    "Putin Kiyeev taankiidhaan marsuu danda'a. Onnee warra Yukireen garuu tasa hin argatu," jedhan Baayidan.

  11. Daa'imman 13 dabalatee namootni nagaa 136 Yukireenitti ajjeefaman-UN

    Getty Images

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Humnoonni Raashiyaa dhootuu lafa bal'aattii miidhaa qaqqabsiisaan gargaaramu

    Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii akka ibsetti weerarri Raashiyaa Kamisa darbe erga eegalamee daa’imman 13 dabalatee namoonni 136 ol ajjeefaman.

    Dhaabbatichatti Dubbi-himtuun Komishiniinara Olaanaa Mirga Namoomaa Liiz Tirosseel lakkoofsi namoota du’anii qabatamaatti kana caala jedhan.

    Miidhaan hedduun kan qaqqabe haleellaa boombii dhoofamuu hammaate, haleellaa xiyyaaraa fi dhootuu lafa bal’aatti dhiibbaa uuman gargaaramurra madde jedhu Tirosseel.

    Dabalaaan haleellaa misaayilaa halkan edaa Raashiyaan magaalaa Zutomiyeer jedhamurratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni lama ajjeefaman.

    Haleellaan sun buufata xiyyaaraa magaalicharratti kan qiyyafatu yoo ta’u, mana jireenya buufatichatti dhiyoo jiru rukute.

    Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa Yukireen akka jedhutti, yoo xiqqaate namoonni lama du’uufi namoonni 16 biroo madaa’aniiru.

    .Akkawuntii Feesbuukii fi Telegiraamii mootummaa Yukireen irratti viidiyoon battala dho’insi sun qaqqabe agarsiisu jedhame qoodameera.

    Viidiyoon kun lubbu baraartonni namoota balaarra hafan barbaaduf wayita ka’an argarsiisa.

    Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii akka ibsettii, hanga yoonaatti namoonni 400 ta’an biroo lola sana keessatti mada’an.

    Taatullee ragaa mootummaan Yukireen baase namoonni nagaa 352 du’uufi namoonni 1,684 madaa’uu eere.

    Ukrainian State Emergency Service

    Madda suuraa, Ukrainian State Emergency Service

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa misaayila Raashiyaan raawwatte namoota nagaa ajjeese
  12. Appil Raashiyaatti oomisha isaa gurguruu dhaabe

    Aple

    Madda suuraa, Getty Images

    Kampaaniin guddichi Ameerikaa 'Aple', Raashiyaatti oomisha isaa gurguruu dhaabe.

    Kampaaniin bilbila Aayifoon hojjetu kun Raashiyaan Yukireen irratti waraana banuun "baayyee na yaaddesse" jedhe.

    Appil Raashiyaatti gurgurtaa dhaabuun alatti, tajaajila kennus daangessuu hime.

    'Aple pay', 'Aple maps', akkasumas appilikeeshiniiwwan kuusaa appii ykn app store keessa jiran amma Raashiyaatti tajaajila hin kennan.

    Ministirri Muummee Ittaanaa Yukireen Maaykayiloo Fedroov torban tokko dura appil tajaajila Raashiyaatti dhiyeessurratti daangaa akka kaa'uuf xalayaa ifatti barreessaniin gaafatanii ture.

    Appil dabalataan guyyoota muraasa dura haaluma wal fakkaatuun 'Google' tajaajila Raashiyaa keessatti dhiyeessu irratti dhorkaa kaa'uun isaa ni yaadatama.

  13. Boeing hariiroo Raashiyaa waliin qabu adda kute

    Xiyyaara Boeing omishu

    Madda suuraa, Getty Images

    Kampaaniiwwan xiyyaara omishan gurguddoo addunyaa keessaa tokko kan ta'e Boeing, walitti dhufeenya Raashiyaa waliin qabu addaan kutuu beeksiseera.

    Kampaaniin kun oppereeshinii magaalaa Mooskoo keessaa qabu akka adaan kutu isa kibxata baaseen himeera.

    Kampaanii Ameerikaa kan ta'e Boeing, deeggarsa tekinikaa, suphaafi meeshaa jijjiirraa xiyyaarota Raashiyaaf taasisaa ture akka hin dhiyeessineef ibseera.

    Kampaaniin kun waajira isaa Yukireen, Kiyeev jiru jalqaba torban kanaa kan cufe yoo ta'u, leenjii paayiletummaa Mooskoo keessatti kennaa jirus dhaabeera.

    Dubbi himaan Boeing, kampaanichi "nageenya hojjetoota isaa qaxanaa sana keessa jiran mirkanee mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffate.," jechuun ibsan.

  14. Halkan edaa Yukireenitti maaltu mudate?

    Halkan edaa loltoonni Raashiyaa magaalota gurguddoo Yukireen lama Kiyeev fi Karkiiv keessatti haleellaa raawwachuuf gara fuulduratti deemuun oduu simbirtuu ture.

    Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayideen haasaa Kongiraasiif taasisan keessatti haala Yuukireen keessa jirturratti xiyyeeffatan.

    Halkan edaa waantonni ta’an kunooti:

    Loltoonni Raashiyaa sa’aatiiwwan darban keessatti magaalaa Karkivitti xiyyaara irraa utaaluun(harca’uun) magalaa biyyaatti guddinaan ishee lammaffaa taatetti haleellaa hammeessan.

    Magaalichatti kaleessa haleellaa raawwatameen namoota nagaa hedduutu ajjeeffamaniiru.

    Magaalaan xiqqoon Kibbaa biyyattiitti argamtu Kersoon jedhamtus to’annoo humnoota Raashiyaa jala seenuu qondaltonni Yukireen himaniiru.

    Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden xiyyaaronni Raashiyaa daangaa qilleensaa Ameerikaa akka hin seenne dhorkan.

    Haasaa Kongireessiif taasisaniirratti Baayiden akkas jedhan:’’Putin tarii magaalaa Kiyeevitti taankii marsuu mala, garuu onneefi lubbuu uummata Yukireen argachuu hin danda’u,’’ jedhan.

    Ameerikaaatti ergamaan addaa Yukireen harkaa yeroo dheeraaf rukutuun ibsa sanarratti simataman.

    Oksana Markarovaa odeeffaannoo heddu barbaadamu torban kan keessa seera baastota Ameerikaaf kennan.

    Odeeffannichi Raashiyaan meeshaalee waraana dhorkamaan (vacuum weapons) haleellaaf itti gargaaramuu ibsa.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii amma yoonaatti namoonni 600,000 ol Yuukireen keessaa baqachuu ibseera.

    Kanaan walqabatee, dhaabbanni Booying fi Eksonmobil jedhaman hariiroo Raashiyaa waliin qaban addaan kutaniiru.

    Gama biraatin, garee Raashiyaa kan taate Beelaruus Kaaba daangaa Yuukireen irratti lakkoofsa loltoota qubsiiftee dachaan dabaltetti.

    Loltoonni Raashiyaa karaa Kaaba Yuukireen jiran Kiyeev irratti duula jabeessaniiru.

  15. Waraanni Raashiyaan Yukireen irratti bante torban guutuuf deema. Amma maalirra jira?

    Utubaa TV haleellaa irra gaheen gubachaa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa.?

    Waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante amma torban guutuuf deema.

    Guyyaa tokkoon dura mariin jalqabus waraanichi garuu ammallee hin dhaabbanne.

    Addunyaan maal jechaa jirti?

    Maaltu ta'aa jira?

    Tamsaasa kallattiin isin biraa gahuu eegalleerra nu hordofaa.

  16. Raashiyaan hidhannoo waraana Niikuleera meeqa qabdi?

  17. Lammmileen Itoophiyaa Diiviin isaan bahe maaliif Ameerikaa hin deemne?

  18. Namootni 660,000 ol Yukireenii baqataniiru- UN

    Lammiilee Yukireen buufata baaburaatti daheeffatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Raashiyaan guyyoota jaha dura erga Yukireeniin weerartee hanga ammaa gabaasa argameen namootni 660,000 biyyaa baqataniiru jedhe UN.

    Ejensiin baqattootaa UN warra baqatan kana keessaa irra hedduun dubartootaafi daa'immanii jedhe.

    Dubbii himtuun ejensichaa Shabiyaa Mantoo Siwiizarldaanitti ibsa miidiyaaleef kennaniin namootni daangaa Poolaanditti ce'uuf sa'aa 60 eegaa jiru jedhan. Gama daangaa Romaaniyaatiin ammoo hiriirri jiru km 20 dheerata jedhaniiru.

  19. Odola Zimiinyi'tti loltootni Yukireen gootummaan dhumuun gabaafame 'lubbuun jiru' jedhame

  20. Raashiyaan Yukreen nuukileera akka hin arganne dhaabsisuu qabdi-Ministira Haajaa Alaaa Rasshiyaa

    Ministirri haajaa alaa Raashiyaa Sergee Laarvoov, kora dhukaasa dhaabuu Siwiizarlaanditti taa’ameen meeshaaleen waraanaa US, Awurooppaa keessaa bahuu qabu jedhan.

    Laarvoov Jeneevaatti qaamaan akka argaman eegamanillee, sababa uggura imalaan deemuu hin dandeeye.

    Sagalee waraabanii erganiin Raashiyaan waa’ee tasgabbii tarsiimawaa US waliin haasa’uuf qophii turte jechuun erga himaniin booda, biyyooti Lixaa waraana isaanii biyyoota miseensa Gamtaa Soviyeet duraanii tahan keessatti ijaaruu dhaabuu qabu jedhan.

    Raashiyaan Yukreen weeraruu irrattis sababa haaraa, Yukreen meeshaa waraanaa niwukileera akka hin arganne dhaabsisuu kan jedhu himan.

    Ambaasaadara Yukreen dabalatee, kan UK, Jarmanii., Awustiraaliyaa, Kanaadaa, Ameerikaafi Gamtaan Afrikaa yeroo Laarvoov dubbachuu jalqaban walgahii addaan kutanii bahan.

    Ministirri haajaa alaa kuni kana booda sagalee viidiyoodhaan waraabameen mana mirgoota namoomaa UN’tti haasa’u jedhamee eegama.