Ameerikaa fi UKn boba'aa Raashiyaa gara biyya isaanii galurra qoqqobbii kaa'an

Pireezidentiin US Joo Baayidan boba'aa gaaziiifi dhagaan kasalaa Raashiyaarraa Ameerikaa galu guutummaatti dhorkamuu beeksisan. UKnis faana dhoofteetti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Yukireen loltoota Raashiyaa 5,600 ol ajjeesuu ibsite

    Getty Images

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Taankiin haleelame

    Qondaaltonni Yukireen akka jedhanitti, loltoonni Raashiyaa 5,710 lola hamaa biyyattii keessatti guyyoota shan lakkoofsiseen ajjeefamaniiru.

    Dhaamsa viidiyoo toora Feesbuukirratti maxxanfamerratti Dubbi-himaan waraana biyyattii loltoonni Raashiyaa 200 ol humnoota Yukireenin qabamu ittidabaluun himan.

    Qondaalli biyyattii kun akka jedhanitti, taakota Raashiyaa198, xiyyaarota 29, konkolaattoota waraanaa 846 fi helokootaroota 29 mancaasan.

    BBC’n qaama walabaarraa odeeffannoo kana hin mirkaneeffanne.

    Ministeerri Ittisaa UK gama isaatiin humnoonni Raashiyaa wayita Yuukireen weeraranitti miidhaan jabaan irra qaqqabuu amana. Dilbata darbe qondaaltoonni Mooskoo humnootiin isaanii madaa’u amanan, kunis kan dhaga’ame loltootni Raashiyaa du’aan akka hin jirre himamu guyyoota muraasa booda.

  2. Putin tooftaa baay'ee hamaa lammiilee nagaa irratti fayyadamaa jira- MM UK

    Booris Joonsan, Poolaanditti

    Madda suuraa, EPA

    Ministirri Muummee UK, Booris Joonsan Poolaandi, Waarsawwitti ibsa miidiyaaf kennan irratti tarkaanfii Putin fudhachaa jiran suukaneessaa tahuu himan.

    Joonsan ‘’waan gaddisiisaa’’ UK fi michoonni ishee tilmaamaa turan amma weerara Putin Yukireen irratti gaggeessaa jiruun dhugoomaa jira jedhan.

    Waanti tahaa jiru isa yaadameen ol suukaneessadha jedhan.

    Balaa hamaatu ardii Awurooppaa mudachaa jira kan jedhan Joonsan, Poolaandis adda irratti akka argamtu himan.

    Putin, "tooftaa hamaa fi suukaneessaa tahe lammiilee nagaa irratti fayyadama jira. Misaa’elaan gamoo jireenyaa lammiilee nagaa haleeluun ijoollee ajjeesaa jira.’’

    Raashiyaan magaalota gurguddoo Yukireen uummata hedduu qaban marsuun akka isaan nyaataa fi bishaan hin arganne gochuun lammiilee nagaa dararuuf jetti sodaan jedhu akkaan dabaleera.

  3. Dubartoonniifi daa’imman Yukireen dhiirota dhiisanii gara Hangaariitti baqachaa jiru

    Getty Images

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Lammilee Yukireen gara Hangaariitti baqataa jiran

    Galma ispoortii mana barnoota sadarkaa tokkoffaa Beregsuranii jedhamtu keessatti maatii bal’aan lamaa yeroof walitti qabamaniiru.

    Daa’immaan xixiqqoon gammachuun firaashirra burraaqu. Daa’immaan kaan haadholii harkatti mugu. Ijoolleen kaan ni taphatu. Yeroo muraasaaf waraanni Yukireen irraanfatamera.

    Daangaarra minibaasiin biraa tokkos gara galma walgahii mandarichatti dhufte.

    Jimaata darbe barii barraaqaa kaase namoonni Yuukireen irra Hangarii qaqqaban 84,571 qaqqabaniiru.

    Waggaa torban kana Hangaariin baqattoota koolugaltummaa gaafatan kuma dhibbaan lakkaa’amaniif deeggarsa xiqqaa goote turte.

    Dubartoota baqataa jiran keessa garuu Juuliyaa qofatu abbaa warraa ishee garasitti fidate. Abbaan warraa ishee lammii Beelaruusi. Lamaanu daangaa wayita qaxxaamuruuf ka’an isaa deebisu malu jedhanii sodaatanii turan.

    Lammiin Yukireen intala isaa ganna 13 waliin biyyaa bahuuf ture fuuldura isaaniitti akka biyyaa hin baane dhorkame ture. Dabareen Juliyaafi abbaa warraa ishee wayita gahu qondaaltota sakatta’iinsa gaggeessan waliin yeroo muraasaaf erga waldhabanii booda rincicaatuma akka darban eeyyamameef.Jarri adurree isaanillee qabatanii dhaquuf yaadanii turan. Garuun waan lubbuu qabu shaanxaa tokko baachuun rakkisaadha jette Juuliyaan.

    Dubartiin biraa Annaa jedhamutifi Karkiviirragarasana dhaqxe ‘'egereen biyyafi uummata keenyaa gammachuu ta’a’’jettee amanti. Hojjattoonni gargarsaa garuu otoo hin wayya’iin dursee haalli biyyattii hammaachuu mala jedhu.

  4. Raashiyaafi Yukireen waliin mariyatanis waraanni akkuma itti fufetti jira

  5. Raashiyaan Yukireen weeraruun Chaayinaa keessatti yaada lamatti hire

    Pirezidant Putin (bitaan), Pirezidant Shi Jiinping (mirgaan)

    Madda suuraa, Getty Images

    Raashiyaan Yukireeniin weeraruun Chaayinaa keessatti yaada namootaa lamatti hireera.

    Namoonni miidiyaa hawaasummaa fayyadaman hangi tokko tarkaanfii Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin fudhate hedduu jajuun dhiibbaa US addunyaarratti qabdu dura dhaabbachuuf wanta akkasiitu mala jechaa jiru.

    "Ani Raashiyaan deeggara, US ammoo nan morma. Ani wantan jechuu barbaadu kana," jechuun barreesse tokko.

    "Ameerikaan yeroo hunda addunyaa keessatti rakkoo uumuu barbaaddi!" jechuun barreesse namni biraan.

    Haata'u malee, haalli ittiin yaada ofii bilisaan ibsatan Chaayinaa keessatti baayyee rakkisaafi daangeffamaa ta'ullee namoonni sagalee mormii isaanii dhageessifatan ni jiru.

    Dhum-torbe darbe keessa, hayyoonni bebbeekamoo Chaayinaa shan weerara Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessite mormuun xalayaa banaa barreessaniiru.

    " [Gochi Raashiyaa kun ifaan ifatti weeraradha," jedhan.

    Xalayaan hayyootaa kun maxxanfame saatiiwwan muraasaan booda biyyattii warra interneetii gulalaniin kaafameera.

  6. Loltootni Yukireen 70 bakka tokkotti ajjeefaman-Qondaala

    Loltootni Yukireen 70 haleellaa Raashiyaan Dilbata magaalaa Okitirkaa jedhamtu irratti raawwatteen ajjeefaman.

    Dimitiroo Ziivitiskii bulchaan naannoo Suumii haleellichi buufata human waraanaa Yuukireen tokko barbadeesse jedhan.

    Lubbuu baraartotni gamoo irratti jijjige jalaareeffa isaanii baasuuf yaalaa jiru.

    ‘’Namoota baay’eetu du’e. Amma awwaalcha loltoota 70’f bakki awwaalchaa qophaa’aa jira,’’ jedhan. Akkasumas loltootni Raashiyaas gatii isaniif malu argataniiru, reeffi isaanii magaalaa keessa kukkufee jira jedhan.

    Reeffi isaanii kunis Waldaa Fannoo Diimaatti kennamaa jira jedhan.

    Loltoota Yuukireen ajjeefaman

    Madda suuraa, Dmytro Zhyvytskyi/Telegram

  7. Weerara Yuukireen hanga sa'aatii kanaatti waan beeknu

    Namoota meeshaa waraanaa qabatanii magaalaa eeggatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Raashiyaan erga Yuukireen weerarte har'a guyyaa 6ffaa qabateeera.

    Qabxiiwwan kunneen wantota beekuu qabdanidha:

    • Humni waraanaa Raashiyaa gara magaalaa guddoo Yukireen, Kiyeevitti imaluu isaa itti fufeera. Akka suurawwan saatelaayitarraa argaman mul'isanitti konkolaataawwan waraanaa toora galanii hanga kiiloomeetira 65 dheeratan magalattiitti dhiyaadhaa jiru.
    • Loltoonni lafoo Raashiyya karaa kibba Yukireen, magaalaa Kherson tiin ammoo haleellaatti jiru jedhameera.
    • Magaalota biyya Yuukireen keessa jiran keessatti ammoo halkan dhukaasni dhaga'amaa buleera.
    • Aanga'oonni akka himanitti namoonni nagaa kudhanii ol ta'an ajjeefamaniiru jedhama.
    • Jilawwan marii Raashiyaafi Yuukireen kaleessa (Wixata) galgala daangaa Belaarusitti walga'anii turan. Garuu guyyoota itti aananan keessa deebiyanii wal arguuf qofa malee waliigalteen irra gahame hin jiru.
    • Mariin nagaa itti fufee adeemsifamaa jiraatullee Rashiyaan garuu magaalota Yuukireen haleeluu itti fufteetti akka pirezidant Zeleniskiin jedhanitti.
    • Pirezidant Voloodimiir Zeleniskii qilleensa biyya isaa balalii qilleensaa irraa bilisa akka ta'uuf gaafateera. Akkasumallee, Raashiyaan miseensummaa dhaabbataa Mana Mare Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessaa akka haqamtuuf gaafateera.
    • Yuukireen ifatti Gamtaa Awurooppaatti makamuuf iyyata galfatteetti, biyyoonni miseensa EU saddet ammoo tarkaanfii kana simataniiru.
  8. Barattoonni Afrikaa sababa bifa isaaniif daangaa Yukireen irratti rakkataa jiraachuu himatu

  9. Akkam jirtu hordoftoota keenyaa? Tamsaasi kallattii keenya jalqabeera.

    Konkolaataa wraanaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Konkolaataawwan waraanaa Raashiyaa hedduu gara Kiyeevitti qajeelaa jiru.

    Akka suurri saatelaayitarraa argame mul’isutti, konkolaataan waraanaa Raashiyaa hedduu, gara magaalaa guddoo Yukireen, Kiyeevitti dhiyaachaa jiru.

    Kaleessa garuu marii nagaa buusuu mursaa duraaf walgahanii turan.

    Waan jiru mara kallattiin toora kanaan isin biraan geenya.

    Dhiyaadhaa.

  10. Mariin nagaa buusuu Raashiyaa fi Yukreen xumurame

    Bakka buutonni Raashiyaa fi Yukreen lolli otoo adeemaa jiruu marii Belaaruusitti adeemsisan goolaban.

    Gamni lachuu gara magaalawwan guddoo isaanitti deebi’anii erga marii’ataniin booda guyyoota dhufan keessatti marsaa lammataan wal-argu jedhe Rooyitars.

    Marii Wiixataaa kanaan dura lolli kuni nagaan furama jedhamee tilmamaa hin turre.

    Yukreen dhukaasni akka dhaabbatuufi Raashiyaan daangaa isheetii akka baatu barbaaddi. Raashiyaan garuu ejjennoo koo hin ibsu jette. Bakka buutonni Raashiyaa waliigalteerra kan gahan yoo fedhiin gama lameenii eegameefi jedhan.

  11. Abraamooviich 'nagaa buusuu' akka gargaaruuf Yukreeniin gaafatame

    Roomaan Abrahaamooviich

    Madda suuraa, PA Media

    Raashiyaa fi Yukreen nagaa buusuuf Beelaaruusitti yeroo mari'achaa jiran kanatti abbaan qabeenyaa Cheelsii Romaan Abrahaamooviich lola kanarratti yaalii ''nagaa buusuu'' akka gargaaru Yukreeniin gaafatme.

    Dubbii himaan biiliyanara lammii Raashiyaa kanaa, Abrahaamooviichiin qondaaloti Yukreen qunnamnaaniiru, ''ergasii gargaaruuf yaalaa jira,'' jedhe.

    Abrahaamooviich Sanbata darbe,''Cheelsiin dhaabota tola ooltummaa kilabichaan akka tikfamu kennameera,'' jechuun beekksisee ture

    Namni ganna 55 kuni sooreyyii Raashiyaa keessaa tokko yoo tahu, Pireesidantii Raashiyaa Puutii waliinis dhiyeenya qabaa jedhama.

  12. Namoonni walakkaa miiliyoonaa tahan Yukreen irraa baqatan jedhe UN

    Yukreen keessa lolli haalaan ittii fufuu wal-qabatee namoonni walakkaa miiliyoonaa ol baqataniiru jedhe UN.

    Magaaloti ijoo-Kiyeev, Kihaarjiiv, Cheerniiv ammallee haleellaa Raashiyaa jala jiru.

    Qondaaloti mootummaa haleellaa Khaarkiiv keessatti taasifameen namooti nagaa ajjeefamaniiru jedhan.

    Kaaba irraan karaa daangaa Belaaruus, qondaaloti Raashiyaa fi Yukreen mariif wal-arganiiru.

    Jijjiiramni guddaan dhufa kan jedhuuf abdii xiqqoo fakkaata. Pireezidantiin Yukreen Voloodiimiir Zeleniskii, ‘’waraana kana dhaabuuf carraa xiqqaatu jira,’’ jedhaniiru.

    Mootummoota Gamtoomaniitti, hoggantuun mirgoota namoomaa Misheel Baachiilee namoonni nagaa miiliyoonaan lakkaa’aman dhukaasa baqaa buufata baaburaa lafa jalatti yeroof dahataa jiru jedhan.

    Erga weerarri gaafa Kamisaa eegaleen as UN ijoollee torba dabalatee namoonni nagaa 102 ajjeefamuufi, 300 o immoo madaa’uu gamleesseera.

    ‘’Lakkoofsa inni sirrii kana caaluu mala,’’ jechuun yaaddoos ibsataniiru Misheeel.

    Magaala guddoo Yukreen Kiyaavitti humoonni diddaa Yukreen, humnoota jajjaboo Raashiyaa km30 fagaatanii jiran hin seensisne jedhan Ministirri Ittisaa UK.

    Daa'ima lammii Yukreen wayyaafi kopheerra gidduu jirtu

    Madda suuraa, Reuters

  13. Raashiyaa fi Yuukireen mariitti seenan, Raashiyaa fi Yuukireen mariitti seenan

    Jila Raashiyaafi Yukireen marii araaraa yeroo taa'aa jiranitti

    Madda suuraa, Getty Images

    Raashiyaan erga Yuukireen weerartee guyyaa shanaffaarratti jilli biyyoota lamaanii akkaataa waraanicha dhaabuun danda'amurratti marii eegalan.

    Mariin kun daangaa Beelaaruus irratti gaggeeffamaa jira.

    Waajjirri pireezidantii Yuukireen dhukaasi akka dhaabbatuu fi lotoonni Raashiyaa akka ba'an gaafateera.

    Raashiyaa bakka bu'uun qondaalli mariirratti hirmaataa jiru Vladimir Medinsky akka jedhetti, fedhiin Mooskoo waliigaltee dantaa biyyoota lameenii eege irra ga'uudha.

    Mariin kun eegalamuun dura Pireezidantiin Yuukireen Volodimiir Zeleniskii, loltoonni Raashiyaa akka meeshaa lafa kaa'an gaafatan.

    Gamtaan Awurooppaa hatattamaan miseensummaa Yuukireen akka mirkaneessus gaafatan.

  14. Yukreen mariin dura dhukaasni akka dhaabbatuuf gaafatte

    Marii Yukreeniifi Raashiyaan gaggeessuuf karoorafatan marii dura waraanni akka dhaabbachuu akka qabu aanga'oonni Yukireen gaafataniiru.

    Waraana guyyaa shan lakkoofsise kanaaf mriin furmaata kennuuf aanga'oonni raashiyaafi Yukreen Belaarusitti walga'uuf qophaa'aa jiru.

    Aanga'oonni akka beeksisanitti, jilli biyya isaanii marii kana irratti hirmaatu bakka daangaa Belaarus qaqqabuu isaanii ibsaniiru.

    Dhimmi ijoon marii isaaniis dhukaasa dhaabuun loltootni Raashiyaa daangaa Yuukireen keessaa akka bahan gochuu akka tahe himan. Duraan mariin har'atti qabamee ture kun sababa hanqina meeshaalee fi rakkoo nageenyaan guyyaa biraatti darbeera jedhamee ture. Pirezidaantiin Yuukireen Zeleniskiin Dilbata kaleessaa ibsa kennaniin marii kana irraa bu'aa guddaa hin eegu jedhaniiru. Garuu yooma waan xiqqoo tahes carraa kanatti fayyadamuun ni yaalla jedhan. Yoo kana goone namni kamiyyuu Yuukireen waraana dhaabuu didde jedhee nu hin qeequs jedhan.

    Konkolaataa gubate

    Madda suuraa, Getty Images

  15. Yukireen loltoota Raashiyaa 5,000 ajjeesuun taankii 191 barbadeessuu himte

  16. Pir. Bolsonaaroo ummanni Yukireen abdii isaa komeediyaaniirra godhate jechuun Zeleniskiitti qoosan

    Pirezedaantiin Biraazil Jaayer Bolsonaaroo

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezedaantiin Biraazil Jaayer Bolsonaaroo ibsa gaazexeessitootaaf Dilbata kennan irratti, ummanni Yukireen abdii isaa komeediyaaniirra godhate jechuun Pirezidant Voloodmiir Zeleniskiitti qoosaniiru.

    Zeleniskiin osoo pirezidantii Yukireen ta'ee hin filamiin komeediyaanii baayyee beekamaa ture.

    Bolsonaaroon weeraramuu Yukireen osoo hin balaalleffatiin hafaniiru.

    Pirezedaantichi biyyi isaanii Biraazil walitti bu'insa kana ilaalchisuun "ejjennoo gama lamaaniifuu walqixa ta'e" qabattee itti fufti jedhan. Biraaziliifi Raashiyaan "biyyoota obbolaadha" jechuunis dubbataniiru.

  17. Weerara Yuukireen: Putiin lola kanaaf 'Milaacii' Nukileraa harkisuu maluu?

  18. FIFAn Raashiyaa uggure

    Hasxaa FIFA

    Madda suuraa, Getty Images

    Weerara Yukireen irratti raawwatame hordofee gareen biyyaalessaa Raashiyaa maqaa Waldaa Kubbaa Miilaa Raashiyaa jedhuun biyya sadaffaa tokkoofuu hin loogne keessatti alaabaafi faaruu Raashiyaa osoo hin fayyadamiin akka raawwatu FIFAn murteesse.

    Ingliiz, Weels, Polaand, Cheek Rippablik fi Siwiidin dabalatee biyyoonni baayyee Raashiyaa waliin taphachuu akka hin barbaadne beeksisanii turan.

    Raashiyaa waliin taphachuu hin barbaadnu kan jedhan Polaand fi Siwiidin murtee FIFA kana mormaniiru.

    Waancaa Addunyaa bara 2022 tiif tapha mo'anii darbuuf Raashiyaan Polaand waliin kan taphattu yoo ta'u, Raashiyaan tapha kanaan yoo mo'atte guyyoota muraasaan booda Cheek Rippablika ykn Siwiidin waliin taphatti.

    Taphoonni kunneen ji'a Bitootessaa keessa akka gaggeeffamaniif sagantaan qabameera.

    Pirezidantiin Waldaa Kubbaa Miilaa Polaand Sezaarii Kuleesaa murteen FIFA gonkumaa waan fudhatama hin qabnedha jedheera.

    Waldaaleen kubbaa miilaa Siwiidiniifi Cheek Rippablik ammoo Raashiyaa waliin hin taphannu jechuun ejjennoo isaanii akka ibsatanitti jiru.

    Pirezidantiin Waldaa Kubbaa Miilaa Siwiidn Kaarl Eriik Nilsan gama isaaniitiin murtee FIFA kanatti hin gammadne. Raashiyaa dorgommiiwwan ispoortii keessaa dhorkuu ilaalchisuun FIFAn dhaabbilen ispoortii biroo waliin akka mariyatu beeksiseera.

  19. Qoqqobbiin maallaqa sochoosuu dhorku haaraan hangam Raashiyaa miidha?

  20. Lammilee UK fedhiin Yukireen deemanii Raashiyaa lolan ni deeggarra -Ministira

    Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Kingdam /UK/ Liz Tiras

    Madda suuraa, Reuters

    Waraana Yukireen: Ministirri dhimma alaa Yunaayitid Kingdam namoota biyyattiidhaa gama Yukireen goranii loluu barbaadan akka deeggaran himan

    Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Kingdam /UK/ Liz Tiras namoota Yunaayitid Kingdam keessa jiraatanfii gara Yukireen deemuun Raashiyaa loluu barbaadan akka deeggaran himaniiru.

    Waraannichatti makamuun murtee namoota dhuunfaa ta’ullee waraanichi “waraana dimokiraasiif”adeemsifamaa jiru ta’uu dubbataniiru.

    “Lammiileen Yukireen bilisummaaf lolaa jiru. Yukireeniif qofa osoo hin taanee guutuu Awurooppaafi” jechuunis Liz Tiras BBCti himaniiru.

    Kanaafis mootummaan UK, Yukireenif deeggarsa meeshaa waraanaa gama taasisuufii Raashiyaarratti qoqqobbii ciccimoo gama kaa’uutin tumsaa akka jiru ministirittiin dubbataniiru.

    Prezidaantiin Yukireen Voloodimiir Zeleniskii lammiileen biyyaalee biroo gama isaanii goranii akka lolaniif waamicha gochaa turaniiru.

    Kanaafis biyyi isaanii garee tola ooltotaa biyyaalee garagaraarraa walitti dhufanfii raayyaa Yukireen cinaa hiriiruun Raashiyaa loluu barbaadan qindeessaa jiraachuu Dilbata kaleessaa dubbataniiru.

    “Kun weerara Raashiyaan Yukireen qofarratti taasisaa jirtu miti. Kun jalqabbii waraana Awurooppaa irratti banameeti.

    Waraana tokkummaa Awurooppaa irratti baname” jechuun Zeleniskiin marsariitii dhuunfaa isaanii irratti gadhiisaniiru.

    Gama biraatiin mootummaan Yunaayitid Kingdam loltootni Biriteen gara Yukireen deemanii waraana lafoo akka hin lolle beeksiseera.

    Ministirri Ittisaa UK Ben Waales, biyyi isaanii Yukireeniif deeggarsa meeshaa waraanaa akka taasiftu himan.