Dhohiinsa Beeruut: Abdiin nama lubbuun jiru argachuu duguugame
Seensariin mallattoo dhahannaa onnee namaa fakkaatu erga mul'isee booda barbaacha nama lubbuun jiru kan jalqaban lubbuu baraartonni Chiilii bu'aa malee barbaacha guyyaa lamaa xumuran.
Dhohiinsi Beeruut erga mudate baatii lama booda ture namni lubbuun jiru jiraachuu hin oolu shakkii jedhuun ogeeyyiin lubbuu baraaran Chiilii irraa dhufanii barbaacha kan eegalan.
Beeruut Jimaata darbe namoota 200 ji'a tokko dura dhohiinsa amooniyeem naayitireetii mudateen lubbuu dhaban yaadatteetti.













