Itoophiyaan lammilee 274 Saa’ud Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebifte

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa har’a lammileen Itoophiyaa 274 Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebifamuu ibse. Lammileen biyyatti deebi'an buufa xiyyaaraa idila- addunyaa Boolee gahaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dhohiinsa Beeruut: Abdiin nama lubbuun jiru argachuu duguugame

    Seensariin mallattoo dhahannaa onnee namaa fakkaatu erga mul'isee booda barbaacha nama lubbuun jiru kan jalqaban lubbuu baraartonni Chiilii bu'aa malee barbaacha guyyaa lamaa xumuran.

    Dhohiinsi Beeruut erga mudate baatii lama booda ture namni lubbuun jiru jiraachuu hin oolu shakkii jedhuun ogeeyyiin lubbuu baraaran Chiilii irraa dhufanii barbaacha kan eegalan.

    Beeruut Jimaata darbe namoota 200 ji'a tokko dura dhohiinsa amooniyeem naayitireetii mudateen lubbuu dhaban yaadatteetti.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Dhohiinsa Beeruut: Lubbuu baraartonni wayita barbaacharra jiran
  2. Ashamaa!

    Gabaasi kallattii keenya kan Sanbata Fulbaana 05, 2020 asirraa eegala.

    Kanaa gaditti gabaasaalee guyyoota darbanii argattu.

    Yeroo Gaarii!

  3. Talaallin Covid-19 Raashiyaa Isputnik V mallattoo gaarii mul'ise

    Talaallii Raashiyaa

    Madda suuraa, Rooyitars

    Dhukkubsattoonni talaalli jalqabaa Raashiyaa talaalaman 'rakkoo jabaan otoo irra hin gahiin' qaamni isaani 'antibody' ykn farra vaayirasicha gabbifachu barruun dhimma fayyaa Lancet saayintiistota Raashiyaa waabeffachuun gabaase.

    Qorattoonni biroo garuu talaallin kun akka nama hin miine fi milka’aa ta'uu baruuf yaalii bal'aa gochuun barbaachisaadha jedhu.

    Raashiyaan garuu ji’a darbe talaallichi nagummaan isaa mirkanaa'ee tajaajilaaf akka oolu mirkanaa'eera jetti.

    Biyyoonni kaan garuu ija shakkiin ilaalu.

    Keessatu ogeeyyiin biyyoota lixaa hedduun Raashiyaan saffisarra kan ka’e, tarkaanfii qorannoo barbaachisaa irra utaalte jedhu.

    Raashiyaan kana hin fudhattu, himannichi bu’uura hin qabu jetti.

  4. Hogganoonni fi miseensoti ABO wabii birrii 10,000tin akka bahan murtaa’e

  5. Itoophiyaatti sa’aatii 24 keessatti lubbuun namoota 24 Covid-19’n darbe

    Itoophiyaatti sa’aatii 24 keessatti lubbuun namoota 24 Covid-19’n wayita darbu,1303 haaraa vaayirasichaan qabaman.

    Waliigalatti lakkoofsi namoota du’anii 880 wayita qaqqabu, namoonni vaayirasichaan qabaman 56,500 caalera.

    Har’a namootni 329 wayita bayyanatan, waliigalatti amma yoonatti namoonni 20,612 Covid-19 qabaman biyyatti keessatti bayyanataniiru.

    BBC gabaasa Covid-19
  6. Luyiiz Su’aareez kilaba Itaalii Juuveentus galuufi

    Luyiiz Su'aareez

    Madda suuraa, Getty Images

    Taphataan sarara fuulduraa kilaba Baarseeloonaa Luyiiz Su’aareez kilaba Itaalii Juuveentus galuuf kilabicha waliin walii galteerra gahaniiru.

    Luyiiz Su’aareez kilaba Ispeen Barseeloonaa keessaa bahuuf yoo murteesse jijjiirraa bilisaatiin kan kilaba Juuveentusitti makamu.

    Miidiyaan Itaalii tokko gabaasa Jimaata baaseen Su’aareez kilaba Italiif taphachuu yoo fedhe qoramaata lammummaa darbuu qaba jedha.

    Su'aareez paaspoortii Paaraguwaay kan qabu yoo ta'u, Laa Liigaaf taphachaa kan ture haati warraasaa paaspoortii Itaalii waan qabduufi.

    Luyiiz Su’aareez Liivarpuulii irraa bara 2014 Yuuroo miiliyoona 74’n ture kan Baarseloonaaf mallatteesse. Baarseloonaa keessatti taphoota 283 irratti goolii 198 galcheera.

    Taphataan ganna 33 kun erga Liivarpuulii bahee kilaba Baarseloonaa keessatti Meesii fi Neeymaar waliin waggoota milkaa’oo heddu dabarseera.

  7. Maatii rifeensa mataa ijoolleesaanii balbala mana barnootaa duratti gaggabaabsan

    Maatii barattoota balbala mana barumsa duratti rifeensa mataa ijoolleesaani gabaabsan

    Madda suuraa, Pear Video

    Yeroo baayee barattoonni yuuniformii otoo hin uffatiin mana barnoota yoo dhaqan mana barnoota seenu dhorkamanii, gara maatisaaniitti deebi'anii galu.

    Chaayinaa bulchiinsa Hubeeyi keessattimmoo rifeensa/qajjiisa mataatu dheerate jedhamanii barattoota hedduutu mana barnoota seenu dhorkamee manasaanitti deebi’e gala.

    Maatiin barattootaa mala rakkoo kana saffisaa ni fura jedhan raawwataniiru.

    Maatiin barattoota mana barnoota sadarkaa lammaaffaa Magaalaa Zuhozuhuu ijoolleen isaanii sababa rifeensi dheerateef akka guyya tokkollee barnoota hin dhabneef, balbaluma mana baruumsarratti rifeensa wayita gaggabaabsaniif viidiyoon agarsiisu hedduu qoodama jira.

    Barattootni maatiin isaanii rifeensa irra muran baay’een barattoota shamarraniiti.

    Dambii qajjiisni mataa barattootaa lammaffaa akka hin dheeranne uggure kana mana barnootatu baase.

    Barattoonni Chaayinaa daree barnootasaanitti sababa weerara koronaavaayirasiin ji’oota 7’f otoo hin argamiin hafan torban kana keessa daree barnootaasaanitti deebi’aniiru.

  8. Kopha kophaa hidhamuun Obbo Baqqalaa fi Jawaar 'sirrii miti' jedhe manni murtii

  9. Namiibiyaan saroota koronaavaayirasii suufanii adda baasan leenjiste

    saroota

    Madda suuraa, Getty Images

    Yuunivarsiitii Namiibiyaatti manni barnootaa fayyaa bineeldotaa saroota koronaavaayirasii suufanii/fuunfatanii adda baasan leenjisaa jira.

    Karoorri isaanii saroota kana buufata xiyyaaraa fi naannoo daangaatti bobbaasuudha jedhu qondaalli yuunivarsiitichaa.

    Saroonni kunneen vaayirasichaa adda baasuu irratti dhibbeentaa 95 milkaa'aniiru jedhame.

    Hojiin kun baatii lama dura eegale. Haa ta'u malee,saroonni kunneen yoom hojiif akka bobbaafaman hin himamne.

    Namiibiyaan biyya koronaavaayirasii adda baasuuf saroota fayyadamte ishee jalqabaati jedha gaazexaan dhimmicha gabaase 'the namibian'.

  10. Itoophiyaan bu'aa qorannoo Covid-19 ergaa gabaabaan himuu eegalte

    bilbila mobaayilii

    Madda suuraa, Getty Images

    Itoophiyaan tajaajila moobaayilaa namoonni bu'aa qorannoo Covid-19 karaa ergaa gabaabaa akka argatan taasisu eegalte.

    Namoonni qoratamanii sa'aatii sadi keessatti bu'aa qorannoo isaanii argatu jedha Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa.

    Ergaan gabaabaa sun 8335 irraa ergama.

    Itoophiyaan amma dura qorannoowwan 970,591 kan goote yoo ta'u,kanneen keessa kan vaayirasichaan qabaman 55,231 ta'an.

    Namoota vaayirasichaan qabama keessaammoo 20,283 kan dandamatan yoo ta'u, 856 lubbuu dhabaniiru.

  11. Tiraamp waa'ee maaskiirratti ammas Baayidanitti qoosan

    Deggertoota Tiraampi

    Madda suuraa, Reuters

    Pireezidant Doonaald Tiraamp waa'ee uffannaa maaskii irratti morkataa isaanii Joo Baayidanitti qoosan.

    Tiraamp wayita Pesalveeniyaa keessatti deggertoota isaanii fuulduratti haasawa taasisan ''nama akka Joo Baayidan of caalchisee maaskii jaal'atu argitanii beektuu?' jedhan.

    Wayita Baayidan haasawa taasisan amala isaan agarsiisan keessaa tokko gadi jechuu fi boodatti harkifachuu isaanii kaasuun qeeqan Tiraamp.

    Osoon ogeessa xiinsammuu ta'ee namni kun rakkoo akka qabu biran ga'a jedhan.

    Tiraamp yeroon isaan maaskii uffatanii argaman baay'ee muraasa.

    Maaskiin yeroo fi bakka itti uffatamu qaba jedhu.

    Faayidaa maaskii godhachuun koronaavaayirasii ittisuuf qabu gadi buusuu isaaniitiinis ni komatamu.

  12. Dawaan talaallii Covid-19 doozii miliyoona 220 caalu Afriikaaf dhiyaachuuf

    Nama marfee fudhataa jiru

    Madda suuraa, re

    Afriikaan marsaa jalqabaan dawaa talaallii Covid-19 doozii miiliyoona 220 caalu argachuuf jirti jedhe Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO).

    Dawaa marsaa duraan argamu kanaan hojjettoonni fayyaa fi namoonni vaayirasichaaf daran saaxilamoo ta'an dursa argatu jedha Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Sagantaan Afriikaa.

    Hoogganaan sagantaa kanaa Richaard Mihiigoo akka jedhanitti dawaan kun kan hiramu akkaataa baay'ina uummataa biyyoota Ardichaatiin.

    Biyyoonni Afriikaa 54 dawaa kana akka barbaadan ibsaniiru jedhan Aab Mihiigoon.

    Afriikaan baay'ina uummataa biiliyoona 1.3 caalu qabdi.

    Hanga xumura bara 2021tti dawaan talaallii Covid-19 doozii biliyoona 2 ta'u biyyoota Afriikaaf ni dhiyaata.

  13. Sooftiweerii fayyaa Itoophiyaatti hojjetamee dorgommii badhaasa Jaak Maaf dhaqqabe

  14. Himannaan hidhaa umurii guutuu ykn du'a adabsiisuu danda'u Dajaneerratti dhiyaate maali?

  15. Naayijeeriyaa keessatti hidhattoonni namoota 22 ajjeesan

    Danaa Naayijeeriyaa

    Naayijeeriyaa, bulchiinsa Niijeer keessatti hidhattoonni doqodoqqeedhaan deeman yoo xiqqaate namoota 22 ajjeessuu qondaalli poolisii naannawa kanaa ibseera.

    Kanneen ajjeefaman hedduunsaanii namoota nageenya uummata naannoo eeguuf fedhaan gurmaa’anii hojjechaa jiranii fi qondaaltota poolisiiti.

    Mootummaan hidhattoota meeshaa waraanaan haleellaa raawwatan balleessuuf ifaajee guddaa gochaa jiraachuu hima.

    Poolisiin akka jedhutti hidhattoonni kunneen jalqaba wayita doqodoqqeedhaan dhufan namoota ukkaamsanii fuudhanii baduuf ture.

    Roobii darbes baankiin magaalaa Kagara hidhattootaan saamameera, hidhattoonni kunneen poolisoota sadii fi jiraattotas ajjeesanii turan.

    Qondaltonni nageenyaa bulchiinsa Niijeer, hidhattoonni hedduun ajjeefamuu himu, meeqa akka ta’an garuu adda hin baasne.

    Naayijeeriyaa keessaa kutaan Kaaba biyyattii keessatti argamtu Niijeer, yeroo garaagaraatti haleellaa hidhattootaaf saaxilamti.

    Saamicha, ajjeechaa, fi daa’imman ukkaamfamanii fudhatamuun deddeebi’ee mul’ata.

  16. Akkam bultan

    Yooyyaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo, akkam bultan.

    Gabaasi kallattii keenya kan Jimaataa eegaleera.

    Karaa kanaan odeessaalee waa'ee koronaavaayirasii fi kaan gaggabaabsinee isin biraa geenya.

    Itti dhiyaadhaa!

    Nagaan oolaa!

  17. 'Facebook' torban filannoo Ameerikaatti beeksisa siyaasaa hin simadhu jedhe

    Maark Zukerberg

    Madda suuraa, Getty Images

    Kaampanichi filannoo pireezidantummaa Ameerikaa Sadasaa 3, 2020f guyyoonni torba yoo hafu beeksisa/dhaadhessa siyaasa haaraa akka hin simanne ibse.

    Hojii gaggeessaan midiyaa hawaasa guddicha Feesbuukii Maark Zukerberg, garaa gartummaan biyyatti keessa jiru tasgabbii dhabinsaa akka hin fidne ‘yaaddoon qaba’ jedhan.

    Itti dabaluun kaadhimamtoota firiin filannoo otoo hin labsamiin injifannoo labsachuu yaalanis maxxansa isaanii akka daangeffamu ibse.

    Kaampanichi dhara itti yaadamee toora feesbuukiirratti tamsaafamu fi shakkii uuman to’achuuf akka hojjetu ibseera.

  18. Itoophiyaatti dabalataan namoonni 804 Covid-19n qabamanii, 10 du'an

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darbanitti namoota 20,778'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee vaayirasichi namoota 804 irratti argmuusaa ibsiteetti.

    Kanaanis lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii 55,213 gaheera.

    Sa'aatii 24 darban keessa namoonni 10 lubbuusaanii kan dhaban yoo ta'u, hamma ammaatti namoonni 856 du'aniiru

    Gama biraatiin namoonni haaraa 380 kan bayyanatan yoo ta'u, walumaa galatti namoonni 20,283 koronaavaayirasiirraa bayyanataniiru.

    Itoophiyaan hamma ammaatti namoota 970,591'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee jirti.

    Haala Itoophiyaa
  19. Addunyaan ogeeyyii fayyaa 7,000 caalan Covid-19’n dhabde jedhe Aminestiin

    ogeeyyii fayyaa

    Madda suuraa, EPA

    Addunyaarratti ogeeyyii fayyaa 7,000 caalan sababii Covid-19 du’uusaanii gabaasni jaarmiyaa mirga namoomaaf falmu Aministii Intarnaashinal mul’isa.

    Meeksikoon ogeeyyii fayyaa biyyoota biroo caala biyya heddu dhabdedha.

    Ameerikaan immoo hojjattoota 1,077 du’aan dhabuun itti aanti.

    Akkasuma UK'n hojjattoota 649, Biraaziilitti hojjattoonni 634 du’aniiru.

    Afrikaa Kibbaatti hojjattoonni 240 du’aaniiru. Lakkoofsi namoota du’aanis ‘haala yaadeessaan‘ dabalutti jira.

    Jaarmiyaaa Aministii Intarnaashinaalitti hogganaan dhimmaa Diinagdee fi Haqa Hawaasa Isftiiv Kookbern ‘ogeeyyiin kun mirga iddoo hojiitti balaarra eegamu otoo qabanii, aarsaa jabduu kaffalaniiru’ jedhan.

  20. Jamaayikaan weerara Covid-19 dabalaa jiru keessatti filannootti jirti

    Ministira Muummee Jamaayikaa Andiriw Holniis

    Madda suuraa, DANIEL LEAL-OLIVAS/GETTY

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Muummee Jamaayikaa Andiriw Holniis

    Jamaayikaatti weerarri Koronaavaayirasii hammaatus, namoota sagalee kennuurra hin hambisne.

    Kamisa lammileen Jamaayikaa miseensota paarlamaa biyyatti haaraa filachuuf sagalee kennan.

    Buufa filannootti namoonni wayita filachuu dhaqan maaskii haguuggachuu fi ho’a qaamaa safaramuun dirqama.

    Biyyatti keessatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii garuu dabalaa jira.

    Namoonni 2700 ol qabamuun, 24 sababa kanaan amma yoonaatti lubbuusaanii dhabaniiru.

    Ministirri Muummee biyyatti Andiriw Holniis otoo weerarri vaayirasichaa dabalaa jiru uggura weerara dhibee to’achuuf labsame dafanii laaffisuun qeeqamu.

    Paarlaamaan biyyatti teessoo 63 qabu filannoo kanaan guutuuf kan yaadame yoo ta’u, ajandaa ijoon dhimma dinagdee, weerara koronaavaayirasii fi yakka to’achuudha.

    Ministira barnoota biyyatti duraani kan turan ga’eessi ganna 48 Andiriw Holniis, paartii mormituu caala teessoo caalmaa argatu jedhameetu abdatama.