Lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii miiliyooona 16 darbe

Lakkoofsi waliigalaa namoota koronaavaayirasiin qabamanii addunyaa 16,048,100 gaheera. Lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii immoo 644,537 darbuu ragaan Yunivarsiitii Joohns Hopkiins agarsiisa.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Balaliisaan Jibuutii Itoophiyaatti kooluu galee ture 'nyaata lagate’

    Humna galaanaa Jibuutii

    Madda suuraa, AFP

    Balaliisaan Jibuutii biyya ganuun himatame lagannaa nyaataa lammataa eegaluu isaa Raadiyoon Faransaay gabaase.

    Abukaatoon Fu’aad Yuusuf Ali nyaachu dideera jedheera.

    Balaliisaan kuni haa yaalamuuf hospitaala geeffamus ‘sodaa na summeessu’ jedhuun wal’aansa dideera.

    Aliin xiyyaara waraanaa hin hanne jedha.

    Namoonni akka inni hin hidhamne onlaayinii irrati mormii dhageessisaa turan.

    Itoophiyaatti kooluu galuun qondaaltota waraanaa Jibuutii malaammaltummaan himatus Jibuutiitti deebifame.

    Aliin hidhamee biyya ganuun kan himatame yoo ta’u egasii manuma hidhaa jira.

    Kana dura qondaaltota mana hidhaatin isaafi maatii isaa dararan jechuun himateera.

    Mootummaan himannaa kana hin fudhatu.

    Gareen mirga namoomaa Humaan Raayitis Waach mootummaan himannaa akkanaa akka qoratu gaafateera.

    Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Jibuutii Mohaammad Idiriis Faarah balaliisaan kuni baatii Ebla keessa Finfinneeti qabame jechuun Rooyitarsiif dubbatanii turan.

    Yeroos gara Finfinnee kan baqate xiyyaara qabatee gara Ertiraa imaluuf yaalii erga taasisee boodadha jedhanii dubbatanii turan.

  2. Lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii miiliyooona 16 darbe

  3. Talaalliin Covid-19 Chaayinaa dhuma bara kanaatti xumuramu mala

    Talaalliin gartuu qorattoota Chaayinaan hojjatamee dhuma bara kanaatti xumuramuu mala akka gabaasa miidiyaa biyyattiitti.

    Hogganaan Gartuu Farmaasii Biyyaalessaa Chaayinaa (Sinopharm), taalallii kana namaratti yaaluun ji’a sadii kessatti xumuramuu danda’a jedhan.

    Ta’us Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii hir’isaa waan deemeef namoota irratti talaalliin kun yaalamu argachuun rakkisaa waan ta’uuf yeroo talaalliin itti xumuramuu barfachuu mala jedhu.

    Ta’us biyyootti biro kan akka UAE’tti yaaliin talaallii kanaa gaggeefamaa jira.

    Talaalliin biraa dhaabbata Chaayinaa Sinovac Biotech jedhamuun uumame ammo Biraazil keessatti namarratti yaalamaa jira.

    talaallii

    Madda suuraa, Reuters

  4. Poolisiin ajjeechaa Joorji Filooyidiin shakkame gibira waliin dhahuun himatame

  5. Faransaay harka qalleeyiif maaskii hiruuf

    Faransaay maaskii irra deebiin fayidaarra ooluu danda'u kanneen sarara hiyyuummaarra jiran miiliyoona torba ta'aniif hiruuf.

    Ministirri Fayyaa biyyattii Oliiviyeer Veraan, maaskiin miiliyoona 40 ta'u qophaa'uu himan.

    Itti dabaluunis Faransaayi namoota maaskii qabaachuu hin dandeenye bakkeetti hin dhiiftu jedhan.

    Biyyattiin torbee kana namni kamuu yoo manaa ala bahu maaskii kaawwachuun dirqama akka ta'e labsiteetti.

    Dubartoota Maaskii uffatan

    Madda suuraa, AFP

  6. Hojjattoonni ijaarsaa Chaayinaa Naayjeeriyaatti butaman

    Bulchiinsa kibba Naayjeriyaa Kiross Rivariitti, hidhattoonni hojjatoota ijaarsa lammii Chaayinaa afur butuu isaanii dubbii himtuun poolisii bulchiinsichaa Ugboo Itohaan BBC’f mirkaneessaniiru.

    Dubbii himtuun kun akk jedhanitti poolisiin lammilee Chaayinaa kanaa wajjiin hojjataa ture Kibxata galgala nannoo AKampikaatti yeroo hidhatonni kun isaan butanitti ajjeefameera.

    Lammilee kan barbaachuuf qamooleen nageenyaa bobbaafamaniiru.

    Ammatti hidhattoonni kun namoota kana maaliif akka butan baramuu baatus Naayjeriyaa keessatti namoota butan gadhiisuuf maallaqa gaafachuuf jecha lammilee biyyattis ta’e alaa butuun hedduumataa jira.

    Takka takka namootni butii kan taasisan yoo mallaqa gaafatan hin aragatan ta’e namoota butan ni ajjeesu.

  7. Obbo Dajanee Xaafaa dhukkubaaf saaxilamaa jiru jechuun maatiin yaaddoo qaban ibsan

  8. Kilabiin Piriimiyar Liigii yuroo miiliyoona tokko tahu saamamuurra oole

    Kilabiin Piriimiyar Liigii haleellaa onlaayinii yeroo bittaa taphattootaa qarshii socho’u irratti taasifameen yuroo miiliyoona tokko dhabuurra xiqqumaaf oole jedha gabasi dhimmichi ilaallatu.

    Gidduugalli Eegumsa Saayibarii Biyyaalessaa (The National Cyber Security Centre) baankii kilaba maqaan hin dhahamne kanaatu hanna raawwachuuf ture hambise jedha.

    Mudannoon kun ispoortiin eegumsa saayibarii foyyeessuu akka qabu dhimma ragaa tahe dha jedhameera.

    ‘’Saamtonni qarshii onlaayinii, dhiibbaa isaan qaqqabsiisan ragaa dhaan waan mul’atu dha,’’ jedheera Gidduugalli Eegumsa Saayibarii(The National Cyber Security Centre)

    Gabaasni gidduugala kanarraa bahe imeelii daarikteera kilabichaa hatuundhaani qarshii yuroo miiliyoona tokko tahu saamuuf kan yaalame.

    Akka gabaasni bahe jedhutti kilabiin Kubbaa Miilaa haakarootaan sirni eegumsa onlaayinii isaa jalaa addaan cite tapha irratti hirmaachuuf turellee haquun guyyaa geeddaruuf dirqameera.

    Walitti qabaan Waldaa Oloompiikii Biriitiish Haah Roobartsan:’’Gabaasni kun tarkaanfii murteessaa dhaaboti ispoortii eegumsa saayibarii ilaalchisee dhimma foyyeessuu qaban kan akeekkachiise dha,’’ jedhaniiru

    Harka kompitara qaqqabaa jiru

    Madda suuraa, Reuters

  9. Ameerikaan biyya baqattootaaf 'naga qabeettii miti' jedhe manni murtii Federaalaa Kanaadaa

  10. Itoophiyaatti guyyoota 23 boodaa tajaajilli intarneetaa deebi'e

    Tajaajilli intarneetii ajjeechaa artiist Haacaaluu booda guyyoota 23f guutuu biyyaatti addaan citee ture deebi'aa jira.

    Guyyoota muraasa dura Finfinnee keessatt tajaajilli Intarneetaa kan biroodbaandii kan eegale yoo ta'u har'a ammoo tajaajilli interneetaa daataa moobaayilaan hojjetu deebi'ee eegaleera.

    Magaala Finfinnee dabalatee godinaalee Oromiyaa akka Shawaa Kaabaa, Shawaa Lixaa, Wallagga Bahaa, Harargee Bahaa, fi Wallagga Lixaattis tajaajilli intarneetii (data) deebi’uusaa mirkaneeffanneerra.

    tajaajila inatrneetaa
  11. Chaayinaan imala rooverii gara Maarsi jalqabaa eegalte

    Roobootiin goommaa ja’a qabu ykn roover jedhamu buufata hawaa Wenchaang Oddola Hayinaan irratti argamuurraa rookkeetii fageenya dheeraa deemuu danda'u 'Long March 5' jedhamuun akka biyyatti sa’aatii12:40tti imala isaa eegale.

    Rooveriin kun Guraandhala keessa Maarsii ni qaqqaba jedhame eegama.

    Tianwen- 1 jedhame rooveeriin waamamu kun ji’a lama hanga sadii dabalataaf pilaaneticharra hin qubatu.

    Guyyoota 11 gidduutti imaloota Maarsitti taasifaman sadan keessaa kan rooverii Chaayina Tianwen-1 isa tokkodha.

    Wiixata darbe Yunaayitid Arab Emireets satelaayiti 'Hope' gara pilaanetichaatti ergiteetti. Torban tokko boodammoo Dhaabbati hawaa US (Nasa) rooverii ‘Perseverance’ jedhamu gara Maarsiitti erguuf karoorfatteetti.

    Tianwen- 1

    Madda suuraa, Reuters

  12. Poolisiin duraanii ajjeechaa Joorji Filooyidiin shakkame gibira waliin dhahuun himatame

    Qondaalli poolisii Miniyaappoolis duraanii nama gurraacha Joorj Filooyidiin ajjeesuun shakkame yakka gibira waliin dhahuun himatameera.

    Deereek Chooviiniifi haatiwarraa isaa galii hojiiwwan garaagaraa irraa argatan gabaasuu dhiisuun himatamniiru. Maallaqa doolaara 38,000 tahus mootummaaf hin galchine jedhamaniiru.

    Poolisiin kun namni gurraachi Joorj Filooyiid Caamsaa keessa osoo lubbuun hin darbiin dura mormasaarra daqiiqaa sagaliif jilbeeffatee hafuura isa dhorkee ture.

    Gochi kun akka addunyaatti mormii kan kaase yoo tahu,hojimaatni poolisii illee akka haaromsamu taasisee jira.

    Dabalataaf odeessa kanaaf: Link

    Direek ChiyooviiniI

    Madda suuraa, AFP

  13. Afrikaa Kibbaatti guyyaa tokkotti namoonni 500 ol Covid19 du'an

    Awwaalcha

    Madda suuraa, Reuters

    Roobii kaleessaa Afrikaa Kibbaatti namootni 572 koronaavayirasiin du’aniiru, kunis lakkoofsa namoota guyyaatti du’anii isa guddaadha

    Lakkoofsa namoota koronaavayirasiin qabamanii gara 400,000 fi du’anii gara 6000 qabachuun Afrikaan Kibbaa ardii Afrikaatti tokkoffaarra jirti.

    Namoota du’an keessaa walakkaa kan ta’an bulchiinsa Lixa Keeppii irraa ta’uun isaani gabaafameera.

    Kaleessa, Dhaabbati Fayyaa Addunyaa tatamsa’inni Covid-19 Afrikaa Kibbaatti guddachuun isaa biyyootii ardichaarra jiran biroof wanta dhufuu danda’uuf akeekkachiisaadha jedheera.

  14. Lammiileen Itoophiyaa kumaatamaan mana hidhaa Sawudiitti rakkataa jiru

  15. Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii miliyoon 15 darbe

    Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii miliyoon 15 ol darbuusaa ragaan Yunivarsitii Joon Hopkiins irraa argamee mulliseera.

    Wayita ammaa kanattis waliigalatti namoonni 15,000,424 Covid-19n kan qabaman yoo ta’u, kanneen sababiidhuma dhukkuba kanaatiin lubbunsaanii darbee ammo 617,832 gaheera jedha ragaan kun.

    Akka ragaa yunivarsitichaatti biyyoota addunyaa facaatiin vaayirasichaa olaanaan keessatti mullatees Ameerikaa, Biraazil, Hidii, Raashiyaa, Afriikaa Kibbaa fi Peeruudha.

    Biyyoonni sababii Covid-19 kanaan du’aatii hedduun keessatti galmaa’ees, Ameerikaa, Biraaziil, Yunaaytid Kingidam, fi Meeksikoodha jedhameera.

    Ragaan Yunivarsitii Joon Hopskiins kun kan biyyoota addunyaa 188 irraa qindeeffamee ta’u marsariitii isaarratti kaa’eera.

    Giloobii
  16. Deebineerra!

    Akkam jirtu hordotoota BBC Afaan Oromoo?

    Tamsaasa kallattii taateewwan addunyaa jala jalaan isin biraan ittiin geenyu kan Adoolessa 23, 2020 jalqabneerra.

    Nu hordofaa.

    Aaga Dhaga'aa!

    Abaaboo sulula keessaa

    Madda suuraa, Getty Images