Tamsaasa keenya kallattiitti deebineerra
Ashamaa!
Tamsaasni keenya kallattii eegaleera.
Dhiyaadhaa!
Lakkoofsi waliigalaa namoota koronaavaayirasiin qabamanii addunyaa 16,048,100 gaheera. Lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii immoo 644,537 darbuu ragaan Yunivarsiitii Joohns Hopkiins agarsiisa.
Ashamaa!
Tamsaasni keenya kallattii eegaleera.
Dhiyaadhaa!
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromo Jimaataa xumurame.
Sambata ganama walitti deebina.
Gaaritti.
Rogeessii siyaasaa Shantaram Siddii jedhamaniifi qomoo hidda dhaloota Afrikaa qaban hawaasa lakkoofsan muraasa keessaa yeroo jalqabaatiif mana maree bakka bu’oota biyyattiif filatame.
Hawaasni Siddihi Shantaram Siddii keessa dhalate daldalaaf Afrikaarraa gara Hindiitti ce’an, kaan isaanimmoo jaarraa 17tti daldalaa garbaatiin biyyatti seenan.
Hawaasni kun baay'innisaanii amma 500,000 ta’u.
Hawaasa kana keessaa kan filatame Shantaram Siddii, hawaasa keessatti dhalate keessaa nama jalqaba koolleejj seenee baratee eebbifamedha.
Kutaa bulchiinsa Karnatakaa jedhamutti kan filatame yoo ta’u, mirga qomoowwan Hindii keessa jiraataniif qabsa’uu ittin fufa jedheera.
Muudamu isaatti gammaduu tajaajila oduu biyyatti Za Hindutti wayita dubbatu ''yeroon muudamuu koo dhaga’u, namni qoosaaf waan na gowwoomsu natti fakkaate ‘’jedhe.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Madda suuraa, EPA
Ameerikaa fi UK'n biyyi Raashiyaa meeshaa waraanaa farra saatalayitii dhukaaste jedhanii himaatan.
Raashiyaan garuu himannichi 'dharaa’ jette.
Ministirri Ittisa Raashiyaa akka himanitti,yaaliin Adooleessa 15 biyyisaanii shaakalte saatalaayiitii biyya kamittuu yaaddoo hin ta’u, seera idila-addunyaas kan cabsu miti jedhu.
Saatalayitii Meeshalee qo’annoo hawaaf Raashiyaa itti fayyadamtu to’attu fi sakattaatu teeknoloojii haaraa fayyadamne shaakalle jechuun biyyattin kan beeksifte .
Ameerikaa fi UK’n garuu gochi saatalaayitiin sun hawaa keessatti dalagde nu yaaddessa jedhani ibsan.
UK’n himannaa akkasii Raashiyaa irratti dhiyeessuun kan jalqabaati.
Itoophiyaan sa'aatii 24 darban namoota 7,264'f qorannoo koronaavaayirasii taasifte keessaa vaayirasichi namoota 760 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa ibse.
Qorannoo ji'a afur olif taasifame keessatti vaayirasichi namoota hammanaarratti yoo argamu kan jalqabaati.
Qorannoo taasifameen namoonni 140 haaraa kan bayyanatan yoo ta'u kunis lakkoofsa namoota hamma ammaatti Covid-19 irraa bayyanatan 5,785'tti ol guddiseera.
Gama kaaniin namoonni 3 du'un ibsameera.
Eega vaayirasichi biyyattii keessatti mul'atee as namoonni 200 sababa Covid-19 lubbuusaanii dhabaniiru.
Namoota haaraa 760 Covid-19 qabaman dabalatee hamma ammaatti namoonni 12,693 vaayirasichaan qabamaniiru.


Madda suuraa, Getty Images
Dorgommiin kubbaa miilaa Piriimeer Liigii Ingiliiz kan bara dorgommii 2020-21 Fulbaana 12 jalqabee Caamsa 23 xumurama jedhame.
Dorgommiin bara kanaa sababa weerara koronaavaayiras ji'oota sadiif eega adda cite booda Dilbata kana ni xumurama.
Piriimeer Liigichi Liigii Kubbaa Miilaa Ingilaaz waliin sagantaa dorgommii biyya keessaa irratti "marii ni taasisa" jedheera.
Piriimeer Liigiin Ingiliiz asiin dura ji'a Hagayya keessa kan jalqabu yoo ta'u amma immoo ji'a tokkoon achi siiqeera.
Dorgommii kubbaa miilaa Piriimeer Liigii Ingiliiz bara kanaa Liivar Puul injifachuunsaa ni yaadatama.

Madda suuraa, Hopewell Chin'ono
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti komishinarri mirga namoomaa qondaaltonni mootummaa Zimbaabwee uggura weerara koronaavaayirasii to’achuuf labsame da’effachuun bilisummaa yaada ofii ibsachuu fi gurmaa’uu daangessaa jiru jechuun qeeqan.
Gaazixeessaan Hoopweel jedhamuu jeequmsa kakaasuun shakkamte Wixata darbe hidhame.
Gaazixeessaan kun malaammaltummaa fi kufaatii dinagdee namoota balaaleeffatan yaadasaanii deeggaree toora tiwitara gubbaatti barreessuu isaaf hidhame.
Hoogganaa paartii mormituus jeequmsa kakaafte jedhameetu akkanumatti tibbana hidhame.
Dubbi himtuun komishiinii mirga namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii,poolisoonni ogeeyyii fayyaa kaffaltii gahaa argataa hin jirru jedhanii mormiif bahan labsii kana da’eeffatanii hidhuu fi humnaan bittimsuu qeeqaniiru.

Madda suuraa, Social Media
Ajjeechaa Hacaaluu hordofee kanneen to’ataman keessaa lammummaa US kan qaban lama mirgi wabii eegamuuf manni murtii eeyyamuu abukaatoon isaanii himan.
Kanneen har'a mana murtiitti dhihaachuun mirgi wabii eegameef Reduwaan Amaaniifi Yuusuuf Bashir jedhamu.
Lamaan isaanii dhalootaan itoophiyaa ta'anis turtii biyya Ameerikaa booda yeroo MM Abiy aangotti dhufan biyyatti kan deebi'anidha.
Manni murtii guyyaa har'aa dhimma isaanii ilaale poolisiif guyyaa dabalataa eeyyamuun Adoolessa 24 , 2012 xumuree akka dhihaatu murtesseera.
Abukaatoon isaanii Obbo Kadir Bulloo BBC'tti akka himanitti kunneen wabiif birrii 6,000 akka kanfalan itti himameera.
Haa ta'u malee, har'aafi boru keessaa jechuu malee guyyaan itti gadhiifaman hin baramne.
Ajjeechaa Hacaaluu booda kanneen to'ataman keessaa sadii lammummaa US kan qabanidha.
Komishinin mirga namoomaa ibsa har'a baasen sadanuu bakka tursiisa yeroo magaalaa Finfinnee bakka Inqulaal Faabrikaa jedhamu akka jiran ibseera.
Sadan keessaa lama har'a mirgi wabii kan eegamef yoo ta'u tokko kan hafe teknishaana OMN Mishaa Cirriiti.
Mishaan kana dura Imbaasii US qunnamu rakkachuu isaa mana murtiitti dhihaate dubbachuun isaa ni yadatama.

Madda suuraa, Getty Images
Biyyattiin weerarri kronaavaayiras akka hin hammaanne to’achuuf, bineensota daggalaa biyya alarraa biyyattitti seensisuun hin akka gurguramne dhorkite.
Daldalli bineensota daggalaa dhibeen addunyaa weerare kun sinbirroota halkaaniirraa gara namaatti akka darbeetu himama.
Bineensoonni dhibee kana jalqaba namatti dabarsuun shakkaman keessatti pigoliinii, hantuuta, Sivitas bineentii jedhamtuufi biyyoota Eshiyaa baay'innaan jiraattu ni eeramu.
Kanaaf,Veetinaam gabaa bineensotni daggalaa kunneen itti gurguramaa jiran dhorkiteetti.

Madda suuraa, Reuters
Addunyaarratti hamma ammaatti namoonni miiliyoona 15.5 ta'an koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru. Namoonni 630,000 immoo eega weerarri koronaavaayiras jalqabee as du'aniiru.
Qondaala waraanaa duraanii fi dubbi himaan mootummaa Keeniyaa yeroo ammaa Kaayruus Ogunaa,gidduu galeessa addatti tursiifaman keessatti yaalamuu amanan.
Guyyaa shan dura garuu ,mallattoon dhibichaas narratti argamee hin wal’aanamne jedhanii waakkataa turan.
Hojiif magaalaa Naayiroobiin ala bahanii erga deebi’anii mallattoon dhibichaa irratti mul’achuu boodarra amanan.
Maatiin isaanii ammatti fayyaa qabaachuu fi namoonni tuttuqaa wajjiin qabaniillee addaa baafamu himan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Madda suuraa, Getty Images
Biyyi Afrikaa takkittin hanga ammaatti Covid-19 irraa bilisa turte Sahaaraan Lixaa vaayirasichi biyya ishee lixuu beeksifte.
Saharaan Lixaa biyya ishee dhumaa Covid-19 keessatti argamuu mirkaneessite taateetti. Namoota afurtu vaayirasichaan qabamuun ibsame.
Gamtaan Afrikaa biyya ardii kanaa 55 jechuun beekamtii kan kenneef ta'uus Morookoon garuu qaama kootii jechuun akka biyyatti si hin beeku jetti.
Afrikaa keessatti hanga ammatti namootni 750,000 ol vaayirasii kanaan kan qabaman yoo ta'u akka Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa jedhutti 15,000 kan ta'an ammoo du'aniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Sudaan awwaalcha Jimlaa loltoota duraanii argadhe jette
Mootummaan Sudaan awwaalcha Jimlaa bara 1990 keessa gaggeeffame jedhe argachuu beeksise.
Abbaan Alangaa waliigalaa biyyichaa kaleessa awwaalcha loltoota 28 kan bara sana yaalii fonqolcha mootummaa fashalaa’e keessatti hirmaatanii tahuu hin hafu jedhe argachuu hime.
Abbaan Alangaa ''awwaalcha jimlaan kan bara 1990 keessa raawate argachuu koofa raga guutuun qaba. Hanga qorannoon xumuramuttis bakkichi ni eegama’’ jedha ibsi bahe.
Mr Bashir human waraanaa yaalii fonqolchaa bulchiinsa isaa irratti gaggeessan fashaleessuun hedduun isaanii ammo ajjeefamaniiru jedhama.
Omar al- Bashi bara 1989 humna waraanaan fonqolcha mootummaa gaggeessuun gara aangootti dhufuu isaaniin himatamaa jiru.
Yoo ragaa guutuun argamee yakkamaa tahuun mirkanaa’e manguddoon waggoota 30’f Sudaaniin bulchan murtoo du’aan adabamuu danda’u.
Akkasumas Mana Murtii Idil Adunyaa irratti yakka waraana uummata irratti gaggeessaniifi duguuggaa sanyii Lixa Daarfuritti raawwataniiru jedhamuun himatamaniiru.
Bara darbe fincila Sudaanitti jaalattoota dimokiraasii dhoheen aangoo irraa kaafaman.
Dursaan taphaattootaa Liiverpuul Yoordaan Hendersan badhaasa waldaa Barreesitoota Kubbaa Miilaa bara kanaa mo’ate.
Taphataan ganna 30 Hendersan Liiverpuul waggoota 30 booda waancaa kana akka injifatu gargaareera.
‘’Galata isiniif dhiyeessaa garuu badhaasa kana hojii ofiikoon qofan fudhadha miti.
Namoota baay’eefan galata dhiyeessa garuu akka garee taphattoota keenyaa hojii ajaa’ibsiisaa hojjetaniitti kan galateeffamu hin jiru'' jedheera.
Virjil Vaan Daayik fi Sadiyoo Maaneen akkasumas Maanchister Siitii irraa Keevin De Biruuniifi Taphataan Maanchister Yuunaayitid Maarkas Raashfoordi sadrkaa hanga shanii jiru qabachuun xumuran.
Liiverpuul waancaa PL bara kanaa garaagarummaa qabxii guddaan Maanchister Siitii caalee fudhate.

Madda suuraa, Getty Images
Dhiirotni kudhan Jarman keessatti dubartii mana dhugaatii irraa baatee deemaa turte gudeedan adabbiin irratti murtaa’eera.
Namoonni kunneen harki caalaan isaanii baqattoota Siiriyaadha.
Yakki bara 2018tti Firiibargitti raawwate kun hiriira mormii godaantota balaaleffatu kaaseetu ture.
Namni himatame inni jalqabaa hidhaa waggaa shaniifi walakkaan yoo adabamu,kan hafan torba ammoo hidhaa hanga waggaa afuriitu irratti murtaa’e.
Namooti lama immoo murtoon isaanii achi akka darbu taheera, sababiinsaa gargaarsa barbaaachisaa hin arganne kan jedhuuni.
Namni tokko bilisaan gadhiifameera.
Shamarreen ganna 18 bosona keessatti gudeedamte miidhaan kun osoo irra hin gahiin dhugaatii dhugdee turte.
Namoonni saddeet mana murtiitti dhiyaatan baqattoota Siiriyaati, kaan sadan lammiilee Iraaq, Afgaanistaan fi Jarmanii dha.
Yakki biraa baqattootaan raawwatame imaammata Chaansilariin Jarmanii Angeelaa Meerkil godaantota deeggaru irratti mormii kaaseera.
Meerkil imaammata ‘’karra banaa’’ jedhuun gama tokkoon yoo leellifaman gama biraan immoo qeeqatu irra gaha. Boodarra isaaniyyuu Jarman godaantota simachuuf haalaan qophii hin turre jedhaniitu turan.

Madda suuraa, EPA