Lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii miiliyooona 16 darbe

Lakkoofsi waliigalaa namoota koronaavaayirasiin qabamanii addunyaa 16,048,100 gaheera. Lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii immoo 644,537 darbuu ragaan Yunivarsiitii Joohns Hopkiins agarsiisa.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Xiyyaarri loltuu Ameerikaa xiyyaara imaltootaa Iraan irratti balaa buusee oole

    Jeettiin loltuu Ameerikaa xiyyaara imaltootaa Iraanitti haala balaa qaqqabsiisuu danda’uun itti bu’ee oole jedhe miidiyaan Iraan. Kun kan tahe daangaa qilleensaa Siiriyaa keessatti dha, Ameerikaan immoo himannicha ni haalti.

    Ejansiin Oduu Iraan Iriib balaliisaan xiyyaara imaltootaa Mahaan ol ka’insa balalii xiyyaarichaa geeddaruuf dirqamee ture kunimmoo imaltoota baayyee madeesse jedha.

    Viidiyoon ejensichaan maxxanfame jeettii karaa foddaa xiyyaaraa mul’attuufi nama fuularra dhiigni jiru agarsiisa.

    Raayyaan Ameerikaa garuu jeettiin F-15 jedhamtu fageenya ishee eeggatteetu balali’aa turte jedheera.

    ‘’Jeettiin Ameerikaa F-15 akkuma ergama ishee yeroo kaanii Siiriyaa keessaatti xiyyaara imaltootaa Iraan fageenya meetira 1000 irraati sakatta’aa turte,’’ jechuun Dubbii himaan Komaandii Gidduugala Ameerikaa Kaapiteen Biil Arbaan dubbatan.

    Sakatta’insi xiyyaarotaa kan taasifamu nagaa loltoota Ameerikaa daangaa Iraaqiifi Joordaan naannoo Al-Taanf jiran eeguufi jedhaniiru.

    ‘’Akkuma xiyyaarichi kan imaltootaa tahuun barameen jeettiin irraa fagaachuu jalqabdee,’’ jedhan dubbii himaan kun.

    Daandiin xiyyaaraa Mahaan Teeraan irraa ka’ee gara Beeruut deemaa ture Liibaanositti nagaan qubateera.

    Xiyyaaricharra imaltootaafi hojjettoonni meeqa akka turan waan barame hin jiru.

    Erga boba’aa guuttateen booda xiyyaarichi Jimaata har’aa Iraanitti deebi’eera.

    Gabaasa Iriib kana dura baaseen jeettiiwwan loltuu kunneen kan Israa’el illee tahuu malu jedheera.

    Mahaan daandii xiyyaaraa dhuunfaa Iraan bara 1991tti hundaa’e dha.

    Bara 2011tti Ameerikaan humnoota daandii xiyyaaraa kun garee hidhataa Islaamaa ‘Revolutionary Guards,’ jedhamaniif deeggarsa maallaqaa fi teekinolojii taasisa jechuun qoqqobbii irra keessee turte.

    Bara 2019tti immoo biyyooti Awurooppaa baayyee akka biyya isaanii hin galle dhorkaniiru.

    Xiyyaara Iraan,Mahaan

    Madda suuraa, AFP

  2. Iccitii simbirroon halkanii Covid-19n osoo hin dhukkubsatiin wajjin jiraachuu maal?

  3. Namootni dhagaahuus dubbachuus hin dandeenye maaskiin rakkoo itti ta'u himuu

    Nama dhagahuufi dubbachuu hin dandeenye

    Biyyootni addunyaa hedduun to’annoo Covid-19’f jecha manaa alatti maaskii uffachuu dirqamsiisaa jiru.

    Dhaabbatni Fayyaa Addunyaas tamsa’ina vaayirasichaa to’achuuf gahee akka qabaatu ni amana.

    Haata’u malee, namootni dubbachuufi dhagahuu hin dandeenye(duudaa) namaa wajjiin waliigaluuf rakkachuu himu.

    Namootni sochii afaanii hordofaa waa hubataniifi sochii qaamaa fi mallatoon waliigalan maaskiin danqaa itti uumuu ibsaa jiru.

    UK keessatti namootni dubbachuufi dhagahuu hin dandeenye 70,000 ta’an jiru. Isaan keessaa tokko Keevin jedhama. Duruu nama waliin haasa’uun sochii qaamaa fi hidhii namaa dubbisuuni amma ammoo ittii rakkoo dabalataa ta’e jedha.

    Sochii isaa guyyuu keessatti namaa waliin haasa’uuf barreessuun dirqama itti ta'uu dubbata.

    Kun ammoo odeeffannoo hedduu argachuu malu isa dhabsiisuun dhiibbaa sammuu irraan gahaa akka jirullee hima.

    Dhaabbileen tola ooltummaa rakkoo hawaasa kanaa furuuf maaskii afaaniifi sochii afaanii agarsiisu akka qophaa'an dhiibbaa uumaa jiru.

  4. Ertiraan namoota dabalataa 10 Covid-19'n qabamu beeksiifte

    Ertiraa biyyi baatiiwwan muraasaan dura dhukkubsattoonni 39 Covid-19n qabamanii turan hunda fayyuu beeksfite turte amma dhukkubichi deebiisee babalataa jiraachuu himte.

    Haaluma kanaanis guyyaa kaleessaa qofa qorannoo namoota jidduugala turmaataa Adiibaaraa irratti gaggeefameen namoota 10 irratti vaayirasichi argamu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiise.

    Namoonni vaayirasichi irratti argame kunneen hundu lammiilee biyyatti dhiheenya Sudaan irraa deebii’an jedhame.

    Gama biraatiin namoota kana dura vaayirasichaan qabamanii hospitaalaatti wallaansa argataa turan keessaa 34 guyyaa kaleessaa bayyanachuun gara manasaanii deebii’anii jiru jedhame.

    Walumaagalattis, hanga amaatti namoonni 189 vaayirasichaarraa bayyanataniiru.

    Ragaan Ministeera Fayyaa biyyatti akka mullisutti, waliigalatti Ertiraa keessatti namoonni vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa’e 261 gaheera.

    Haa ta'u malee hanga ammaatti duuti sababii Covid-19 biyyattii keessatti galmaa'e hinjiru.

  5. Biyya poolisiin koronaavaayirasii ittisuuf dhibee kana caalaa nama ajjeese

  6. Yugaandaan nama jalqabaa koronaavaayirasiin du’e galmeessifte

    Ministeerri Fayyaa biyyattii Yugaandaan nama jalqabaa Koronaavaayiarsiidhaan du’e galmeessifte jedheera.

    Dhukkubichaan kan lubbuun darbe dubartii ganna 34 yoo taatu duraan dhukkuba daranyoo sombaan qabamtee yaalamaa kan turte yoo tahu sirni awwaalchaa ishee Kamisa kaleessaa raawwateera.

    Dubartiin kun hojjettuu wiirtuu fayyaa yoo taatu namoonni 30 ishee waliin tuttuqqaa qabaachuu danda’u jedhaman adda baafamaniiru. Kaanillee barbaadamaa jiru.

    Yugaandaatti hanga yoonaa namoonni 1,079 Covid19 qabamanii jiru.

    Biyyattiin baatii Caamsaarraa qabee dhorkaawwan tamsa’ina dhukkubichaa to’achuuf kaa’amanii turan kan salphiste yoo tahu, magaalaa guddoo biyyattii keessatti suuqiiwwan akka banaman Roobii darberraa kaasee eeyyamameetu jira.

    Bakka bu’aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa biyyattii Dr, Yoonaas Tegegn duuti amma galmaa’e kun Yugaandaan deebistee dhorkaawwan guutummaan guutuutti akka hojiirra oolchitu kan taasisu miti lakkoofsa namootaa kana booda qabamanii fi haala dhaabota fayyaatu isa murteessa jedhaniiru.

  7. Talaalliin koroonaavaayirasii miidhaa maddee qabaachuu malaa?

  8. Chaayinaanis Qoonsilaan US akka cufamu ajajje

    Alaabaa Chaayinaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Chaayinaan Qoonsilaan US kan Kibba Lixa biyya ishee magaalaa Cheengduu keessatti argamu akka cufamu ajajje.

    Guyyoota muraasa dura ammoo US Chaayinaan Qoonsilaa ishee magaalaa Hiiyustanitti argamu akka cuftu ajajjee ture.

    Akka Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaa Maayik Pompiyoon jedhanitti sababni isaa Chaayinaan kalaqa sammuu US toftaa garaagaraan haataa jirti kan jedhuudha.

    Chaayinaa gama ishee himata kanaaf deebii ''tuttuqqaa lola siyaasaati''jetteetti.

    Erg yeroo dhiyotii Chaayinaafi Ameerikaan dhimmoota adda addaarratti walitti bu'aa jiru.

  9. Akkam jirtu!

    Tamsaasa kallattii Jimaata Adoolessa 24, 2020n walitti deebineerra.

    Oduu gaggabaabsinee jala jalaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa.

    Aaga Dhaga'aa!

    Barii lafaa

    Madda suuraa, Getty Images

  10. Tamsaasni kallattii Kamisaa xumurame.

    Tamsaasni kallattii keenya har'aa xumurameera.

    Jimaata ganama walitti deebina.

    Gaaritti.

  11. Raashiyaan hawaa keessatti saatalaayitiidhaan meeshaa waraanaa dhukaaste jechuun Ameerikaa fi UK’n himatan

    Dhukaasa saatalayitii Raashiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Daarektarri dhimma hawaa UK dhukaasni saatalayitii hawaa kun nageenyaan hawaatti fayyadamuu yaaddoo keessa buusa jedhan.

    Uk’n haala kanaan Raashiyaan hawaa keessatti dhukaasa banuu himachuun kun kan jalqabaati.

    Ameerikaanis haaluma walfakkaatuun gochii akkasii hawaatti nageenyaan gargaaramuu jeeqa jechuun yaalii akkasii fuulduratti dhiisuu qabdii jechuun ibsan.

    Raashiyaan meeshaa waraanaa hawaa keessatti dhukaaste kun farra saatalaayitii akka ta'e Ameerikaan ibsiteetti.

  12. Saroonni suufanii koronaavaayirasii adda baasuu akka danda’an qorannoon mul’ise

    Saree

    Madda suuraa, DHSC

    Qorannoon biyya Jarmanitti taasifame saroota Sars-Cov-2 dhibee nama qabsiisan akka adda baasaniif leenjisuuf jira.

    Qorannoo yuunvarsiitii Hanovaritti walta’iinsa waraana biyyattiin gaggeeffamee booda torban tokkoof saroonni leenjii argatan samuda funaaname keessaa harka 94 kan ta’u sirnaan adda baasuu danda’aniiru.

    Qorattoonni argannoon kun vaayirasichi buufataalee xiyyaaraa fi iddoo namoonni walitti qabamanitti akka hin tamsaanee adda baasuuf nu fayyada jedhan.

    Biyyoonni biroos saroota foolii fuudhan fayyadamuuf qorannoo jalqabaniiru.

  13. Ameerikaatti lakkoofsi namoota Covid-19’n qabamanii mil 4 dhiyaate

    Ameerikaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan weerara vaayirasii biyya kamiyyuu caala gudda ta’e to’achuuf ammas qabsoo jabduutti jirti.

    Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabaniis gara miiliyoona 4'tti dhiyaachuu ragaan yuunvarsiitii Joon Hoopkiinsi ni argarsiisa.

    Lakkoofsni namootaa sababa Covid-19 du'anis 143,000 dhaqabeera.

    Rooyitarsi akka gabaasetti giddu galeessaan namoonni 2,600 sa’aatii tokko keessatti ni qabamuu jedha.

    Kun immoo addunyaarratti lakkoofsa hunda caala guddaadha. Niwu Yoork iddoo namoonni hedduun itti du’anii fi weerara vaayirasii kanaan US keessatti caalatti hubamteedha.

    Tibbana kutaalee biyyattii akka Filooriidaa fi Teeksaas keessattis torbanoota muraasaan asitti lakkoofsi namoota qabamanii dabaleera.

  14. 'Talaalliiwwan Koroonaa jalqaba bara 2021 dura hin eegiinaa'- WHO

  15. Kaampaaniin Feesbuuk Afrikaatti intarneetii gatii rakasaan ni dhiyeessa jedhe

    FEESBUUKII

    Madda suuraa, Getty Images

    Kaampaniin miidiyaa hawaasaa Ameerikaa guddichi Feesbuuk diinagdeen Afrikaa bara 2024'tti doolaara biiliyoona 60'tti wayita guddatu investimeentiin tajaajila intarneetiis akka waliin guddachuuf deemu hime.

    Gabaasni dhaabbatichi baase akka jedhutti, tajaajilli intarneetii wayita dabalutti gadiin intarneetii ardichatti haalan rakasiisuuf jira.

    Kaampanichi giddugaleyyii kuusaa odeeeffannoo(daataa), keebiloota qaama bishaanirratti diriirfamanii fi tajaajila Wi-fi irratti investimeentii akka hojjatu ibse.

    Kunis biyyoota gammoojji Sahaaraan gad jiran keessatti tajaajila intarneetii kennuu fi tajaajila 'e-commerce' fa’aa jajjabeessuuf karoorfate.

    Kaampaanichi tajaajila Wi-fi biyyoota Afrikaa torba keessatti jalqabuu fi Yugaandaa fi Naajeeriyaattis, namoonni miiliyoona afuriif tajaajila neetworkii 3G diriirseera.

    Biyyoota gammoojjii Sahaaraan gad keessa uummata jiraatan keessaa harki walakkaa ol tajaajila intarneetii hin qaban, kan qabanis kutaalee addunyaa biroo wajjin wal cina wayita madaalamu gatiin isaa qaaliidha.

    Appilikeeshiiniin feesbuukii kanneen akka Inistaagiramii fi WhatsApp naannichatti maamila fayyadaman waliigala keessaa harka 20 naannichaa qaba.

    Bara 2018 keessa namoonni miiliyoona 139 Feesbuukiitti naannichatti fayyadamaa turuusaanii kaampanichi ibseera.

  16. Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covi-19 qabamanii 12,000'tti siqe

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darban keessatti namoota 6,898'f qorattee 409 irratti koronaavaayirasiin argamuu Ministirri Fayyaa ibse.

    Namoonni haaraa 139 kan bayyanatan yoo ta'u, lakkoofsi namootaa hamma ammaatti bayyanataniis 5,645 gaheera.

    Gama kaaniin, namoonni sagal du'aniiru.

    Kunis lakkoofsi namootaa sababa koronaavaayirasiin Itoophiyaa keessatti du'anii 197 geessiseera.

    Walumaa gala hanga ammaa namoonni 11,933 Itoophiyaatti koronaavaayirasiin qabamaniiru.

    Eega vaayirasichi biyyattii keessatti mul'ate as biyyattiin namoota 357,058’f qorannoo taasifteetti.

    Haala Itoophiyaa
  17. Afrikaa Kibbaatti namoonni 11,000 sababa hin baramneen du'an

    Dubartii

    Madda suuraa, Getty Images

    Afriikaa Kibbaa keessatti lakkoofsi namoota Covid-19 du'anii isa mootummaan ibsee ol ta'uu danda'a jedhame.

    Sa'aatii 24 darban keessatti namoonni 572 du'aniiru.

    Ta'us garuu qorattoonni Kaawunsilii Qorannoo Fayyaa Afriikaa Kibbaa lakkoofsi namoota du'anii isa duraarraa ol'anaadha jedhan.

    Isaanis lakkoofsi namoota du'anii isa himame caaluu danda'a jedhaniiru.

    Hamma ammaatti namoonni 6,000 sababa Covid-19 du'uu mootummaan ibseera.

    Qrannoonni torbee 10'f taasifame akka mul'isutti ,bara kana keessa namoonni 17,000 du'aniiru jedha. Kunis namoonni 11,000 akka du'an agarsiisa.

    Qorattoonnis namoonni du'an kunneenis sababa Covid-19 manatti du'aniidha jedhanii shakku. Duuti namoota biroos osoo hin gabaafamini irra darbameera jedhu.

    Gama biraatiin lammiileen biyyattii vaayirasichi na qaba jedhanii sodataani hospitaala otoo hin dhaqiin hafani fi hanqinni bakka yaalaarraa kan ka'e gara hospitaalaa deemuurraa of qusachuun yaaddoo uumeera.

    Kana jechuunis dhukkubsattoonni dhibee busaa fi HIV/Aids yaala argataa hin jiran.

  18. Tuuriizimiin biyyoota Afriikaa yeroo weerara Covid-19 kanatti maal fakkaata?

  19. Afriikaatti ogeeyyiin fayyaa 10,000 ol Covid-19 qabaman - WHO

    Ogeettii fayyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Biyyoota gammoojjii Saharaan gaditti argamanitti ogeeyyii fayyaa 10,000 ta'an koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru jedhe Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa.

    Kunis hanqina meeshaalee of eeggannoo dhuunfaarraa kan ka'edha jedheera.

    Lakkoofsi kunis lakkoofsa guutuu addunyaarra jiru keessaa harka 10 ta'a.

    Afriikaa Kibbaa,Algeeriyaa, Gaanaa, Iveerii Koost, Kaameroon, Zaambiyaa fi Keeniyaan biyyoota ardii Afriikaa keessatti lakkoofsa ogeeyyii fayyaa Covid-19 qabaman ol'aanaa qabaniidha.

    Ogeeyyii fayyaa keessaa narsoonni lakkoofsaan baay'eedha. Isaanis dhukkubsattoota kunuunsuuf hospitaalatti sa'aatii dheeraa dabarsu.

    WHO'n sababoota lakkoofsi kun akka dabaluuf kaa'e keessaa: hanqina meeshaalee of eggannoo dhuunfaa (PPE), dandeettii hospitaalonni to'annaa dhibee ittisuu qaban gad bu'uu fi ogeeyyiin fayyaa leenjii gahaa malee koronaavaayiras ittisuurratti bobba'uu isaaniiti jedha.

    Afriikaa keessatti namoonni 700,000 ta'an koronaavaayirasiidhaan yoo qabaman 15,000 immoo du'aniiru.

  20. Kim Kaardaashiyaan dhimma fayyaa sammuu abbaa warraashee ifatti dubbatte