Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 582 gahe

Itoophiyaatti qorannoo saamuuda namoota 4,048 irratti sa'aatiiwwan 24 darbaniitti keessatti gaggeefameen namoonni 88 vaayirasichaan qabamuun Ministirri Fayyaa mirkanaa'e. Namoota haaraa vaayirasichaan qaman kammeen keessaayis 73 jiraattota Magaalaa Finfinneeti jedhameera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, COVID-19 ITOOPHIYAATTI

    Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 3747f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 9 irratti vaayirasichi argamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii ya beeksise.

    Namoota qabamuun isaanii mirkanaa'e keessaa 8 dhiira yommuu tahan, tokko ammoo dubartiidha.

    Kanneen keessaa 5 kan tahan seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo tahu, lama ammoo namoota amma dura qabamuun isaanii mirkanaa'e waliin tuttuqqaa kan qaban tahuu, ragaan ministeerichaa ni mul'isa.

    Namoonni lama garuu seenaa imala biyya alaa kan hinqabneefi namoota qaban waliinis tuttuqqaa kan hinqabnedha jedhameera.

    Kanaanis lakkoofsi namoota waliigalaa biyyattiitti Covid-19n qabamaniis 398 taheera.Gama biraatiin, sa'aatii 24 dabre keessa namni tokko Finfinnee irraa vaayirasicharraa bayyanachuus beekameera - waliigalattis namoonni 123 Covid-19 irraa bayyanataniiru.

  2. Dubartii shamarran hanqina modeesiif barnoota akka hin dhaabneef hojjettu

  3. Daa’imman 100 ol haadholii Covid-19 dhukkubsatan irraa dhalatan

    Indiyaa gama lixaa magaalaa Mumbaayi keessatti daa’imman 100 ol haadholii Covid-19 qabamanii hospitaala seenan irraa dhalatan.

    Doktaroonni hospitaala Lokmanya Tilak, kan haadholiin vaayirasichaan qabaman hedduun keessatti yaalamaa jiran, keessaa hojjetan akka jedhanitti daa’imman 115 dhalatan keessaa sadi jalqaba wayita dhalatan poozatiiva turan, boodarra garuu qorannoo yeroo dheeraa booda bilisa ta’uunsaanii mirkanaa’e.

  4. Taateewwan ijoo seenaa filannoo Burundii keessatti

  5. Indiyaatti daa’imman 100 ol haadholii Covid-19 dhukkubsatan irraa dhalatan

  6. Manatti daangeeffamuun kabaja Ayyaana Fichee Cambalaalaa miira akkamii uume?

    Ayyaanni bara haaraa uummata Sidaamaa Fichee Cambalaalaa har'a fi boru kabajama.

    Haa ta'u malee ayyaanni kun akka kana duraa Gudumaalee yookin iddoo uummatni heddun itti argamutti hin kabajamu.

    Ayyaanichi bifa kanaan duraatin namni heddu walitti qabamee akka hin kabajameef jaarsoliin Sidaamaa lallaba erga dabarsanii bubbulaniiru.

  7. Gujiitti walitti bu'iinsa uumameen qaamoleen nageenyaa ajjeefaman

  8. Daa’imni umuriin guyyaa lama koronaavayirasiin duute

    Afrikaa Kibbaatti daa’imni harmee Covid-19 qabdu irraa dhalattee, guyyaa lamaffaa irratti vaayirasiichaan lubbuun darbeera.

    Biyyattiiti da’imni kun nama vaayirasichi ajjeese keesaa kan umuriin xiqqaadha.

    Daa’imni yeroo malee dhalattee kun akkummaa dhalatteen rakkoo hargaansu akka qabduufi hatattamaan ventileetara akka fayyadamuu egaltee Ministirrii Fayyaa Ziweli Mikhize dubbataniiru.

    Afrikaa Kibbaatti namootni 18,003 koronaavaayirasiin qabamanii namootni 339 ammoo lubbuun darbeera.

  9. Hinditti magaalaan Kolkataa bubbee hamaan rukutamte

    Hobombolleettii hamaan Ampha jedhame kaleessa Hindiifi Baangilaadesh keessatti sigiga lafaa uumuun yoo xiqqaate lubbuun namoota 15 darbeera.

    Jiraattotni magaalaa Kolkaataa miliyoona 14 tahan humna ibsaafi tajaajila kominikeeshinii malee hafaniiru.

    Ministerri Lixa Beengaal Mamataa Banerjee balaan dhaqqabe kan Covid-19 fideen ol jedhan.

    Kolkataan magaalaa gudoo Lixa Beengaalidha.Magaalichatti namootni 3103 tahan koroonaavaayirasiin qabamaniiru.

    Bubbee cimaan magaalicha rukute Kolkataa keessatti qofa namoota 12 ajjeesera.

    Ministirittiin ‘’ waanuman waraana keessa jiru natti fakkaate’’ jette.

  10. Afrikaan Kibbaa mana barumsaa irra deebiin Waxabajji 1, 2020 banuuf

    Afrikaan Kibbaa weerara Koroonaavaayirasii to'achuu baattus Waxabajji 1 bara 2020 mana barumsaa irra deebiin banuuf jetti.

    Humna ittisa weerarichaa akkabiyyatti kan hogganan pirezidaantiin biyyichaa Siiril Raamaafoosaan gara jireenya idileetti deebi'uuf dhiibbaa guddaa jala jirra jedhan.

    Ogeessota fayyaa fi dhaabbilee barnoota biyyichaa waliin haala deebisanii mana barumsaa banuun danda'amu irratti mari'ataniiru.

    Dhaabbileen barnootaa hedduun manatti fi fageenyaan barsiisuuf yaallus barri barnootaa bara kanaa hedduun isaa qisaasa'eera jechuun yaada kaasu.

    Manneetiin barnootaa hedduunis ittisa weerarichaaf qophii tahuu dhabus jedhame.

    Kanaaf barri barnootaa kun guutummaatti haa haqamu jechuun kan kaasani jiru akka' Daily Nation'gabaasetti.

    Pirezidaantiin biyyattii garuu yaada kana hin fudhanne. Mana barumsaatti deebi'uun barattoota miliyoona 13 manneetii barnootaa 30500 keessa jiranii fi barsiisota walakkaa miliyoonaa tahaniif yaaddoodha jedhame.

  11. Manatti daangeeffamuun kabaja Ayyaana Fichee Cambalaalaa miira akkamii uume?

  12. Wuhaan foon bineensota daggalaa nyaachuu dhorkite

    Anga’oonni Wuhaan seeraa daldala bineensota daggalaa adamsuufi nyaachuu dhorku baasuu isaanii midiyaan Chaayinaa 'Global Times' gabaaseera.

    Akka marsariitii mootummaa Wuhaanitti seerri kun bineensota daggalaafi bishaanii tarree kunuunsaa irra jiraaniifi, qoofatti horsiisaman hunda nyaachu dhorka.

    Koronaavaayirasiin yeroo jalqaba Wuhaanitti dhuma waggaa darbee keessa eegaleetti aanga’oonni gabaa foon bineensotaa itti gurguramuu kan dhufe ta’uu akka hin oolle himanii ture.

    Amajjii keessa Chaayinaan yeroodhaaf daldala bineensota daggalaa dorkitee ture, akkuma yeroo weerara Saarsii.

    Ji’a tokko booda mootummaan daldala seeraan alaa bineensota daggalaa gutummaatti dhorke.

    Erga sanaa garuu, gabaa Chaayinaafi iddoo biroo keessatti foon bineensota daggalaa ammayyuu gurguramaa akka jiran gabaasotni jiru.

    Hanga ammaatti maddii koronaavaayirasii sirritti baramuu baatuus, ragaaleen jiran garuu bineensa irraa akka dhufe agarsiisu.

  13. Shamarran qaama konkolaataarraa ventiletara dhibee Covid-19 wallaanuuf gargaaru hojjatan

  14. Paakistaanitti lakkoofsi namoota Covid-19’n du’anii 1000 caale

    Paakistaanitti lakkoofsi namoota Covid-19’n du’anii 1000 caale

    Sa’a 24 darbanitti Paakistanitti namootni haaraan 40 tahan koroonaavaayirasiin qabamaniiru.

    Walumaagalatti namootni 47,000 tahan vaayirasichaan faalamaniiru.

    Kanuma keessaa biyyattiin uggura labsitee turte salphisuun hojii biizinesiif hula saaqaa jirti

    Manni Murtii Olaanaan biyyattii suuppermarketii dabalatee manneen daldalaa gurguddoon torban guutuu banaa akka tahan murteesse.

    ‘’Koroonaavaayirasiin Sanbataa fi Dilbata irra eessayyuu hin gahu, maaltu Sanbataa fi Dilbata irra gabaa nu cufsiise?’’ jedhe maani murtichaas.

  15. Baatiiwwan dhufan keessa Afriikaa Kibbaatti duutii sababii Covid-19 ‘dabaluu mala’

  16. Ispeen Maaskii godhachuu dirqama goote

    Ispeen bakka walirraa faggaachuun hin danda’amne hundatti mana keessas ta’e alatti maaskii uffaachuu seeraan dirqama goote.

    Seera har’a Kamisa hojiirra oolu kanaan daa’imman gannaa ja’a gadiifi namoota dhibee fayyaa qaban qoofatu maaskii uffachuu dhiisuu danda’a.

    Biyyootiin Awuuroppaa hedduu geejjiba uummataa keessatti maaskii uufachuu dirqama taasisanis, seerri Ispeen garuu kanarra cimaadha.

    Ispeen keessattti namooti 232,000 koronaavaayirasiin qabamanii 23,000 ammoo kan du’an yoo ta’u, ammatti garuu lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamnii hir’achaa jira.

    Yeroo weerara kanaatti seera Ispeen dabarsite ciccimoo keessaa da’immaan torbanoota ja’aaf manaa akka hin baafne kan jedhu tokkodha. Ministirri muummee Pedroo Saancheez Roobii laabsii yeroo muddamaa torban lamaaf dheeressu kan jedhu murteessuun dura paarlaamaa hasoofsisaniiru.

  17. Iddoo hojiitti akkamiin walirraa hiiqna?

    Tatamsa'ina Covid-19 karaalee itti hir'isnu keessaa inni ijoon waliirraa hiiquu yookaan fageenya keenya eeguudha. Iddoo hojii keenyaatti kana akkamiin gochuu dandeenya? Hamzaa Huseen isinitti hima.

  18. Shamarran Afgaan qaama konkolaataarraa ventiletara dhibee Covid-19 wallaanuuf gargaaru hojjatan

    Gareen shamarran Afgaanistaan xiyyeeffannaa isaanii dhukkubsattoota koronaavaayirasii irratti taasisuun ventiletor omishaa jiru.

    Shamarreewwan kunneen mata-duree oduu kan ta’an bara 2017’tti erga UStti dorgommii idil-addunyaa irratti badhaasa addaa argatanii booda ture.

    Yeroo ammaa ventiletara omishuun gatii xiqqaadhaan dhuma baatii Caamsaatti dhiyeessuuf hariitiin hojjataa jiru.

  19. Gaazexeessituu Beteliheem akka hojii gadhiistu maaltu taasise?

  20. Seeneetiin US wiixinee seeraa kubbaaniyyaawwan Chaayinaa haqu baase

    Seeneetiin US wixinee seeraa kubbaaniyyaawwan Chaayinaa oomishasaanii gabaa Ameerikaarratti akka hin gurguranne dhorku baase.

    Wiixineen seeraa kun kubbaaniyyaawwan biyya alaa akkaataa seera odiitii fi seerota maallaqaa biroo Ameerikaan baastuun deemuu qabu jedha.

    Wiixineen seeraa kun osoo Pirezidaant Doonaald Tiraampiin mallattaa’ee seera ta’ee hin ba’in dura mana maree bakka bu’ootaaf dhiyaatee irratti mari’atamee ragga’uu qaba.

    Tarkaanfiin kun wayita Ameerikaa fi Chaayinaan dhimma weerara koronaavaayirasii irratti wal qoccolaa jiranitti fudhatamuunsaa rifaatuu uumeera.

    Wiixineen seeraa kun daldatoonni dhuunfaa kubbaaniyyaawwan biyya alaatiin michooma uumanii hojjetaa jiraachuu fi dhiisuu isaanii akka ibsanis ni gaafata.

    Seerri kun kubbaaniyyaawwan biyya alaa Ameerikaa keessa jiran hunda kan ilaallatu ta’us, addatti garuu Chaayinaarratti kan xiyyeeffateedha.

    Pirezidaant Tiraamp fi jaallan isaan waliin Ameerikaa bulchaa jiran hedduun Chaayinaan dogoggora uumteen addunyaa weerara koronaavaayirasiif saaxilteetti jechuun qeeqaa jiru.

    Dhibeen bifa weeraraan ka’e kun yeroo ammaa namoota miiliyoona shanitti siqan kan qabe yoo ta’u, 330,000 ol ajjeeseera, hundaa ol ammoo diinagdee addunyaa daran hubeera.