Paakistaanitti xiyyaarri namoota 100 fe'ee ture kufe
Xiyyaarri daandii Xiyyaaraa Paakistan ta'e osoo Lahoor irraa kaa'ee imalaa jiru naannoo Karaachitti kufee caccabuu hooggansi Aviyeeshinii biyyattii hime.
Xiyyaarichi yeroo ka'u imaltoota 99 fi hojjettoota balalii saddeet fe'ee akka ture ibsameera.
Suuraaleen miiiyaa hawaasaarra maxxanfaman bakka xiyyaarichi kufee aarri jiraachuu agarsiisu.
Naannoon itti kufe bakka jireenyaa uummataa ta'uu isaatiin manneen jireenyaa manca'aniis mul'ataniiru.
Dubbii himaan Abbaa Taayita Aviyeeshinii Paakistaan Abdul Sattar Hookhar lakkoofsi inni sirrii namoota xiyyaaricha keessa turanii qoratamaa jira jedhan.
Buufata xiyyaaraa sochiin itti heddumatu Jinnaah jedhamutti qubachuuf dhiyaatee akka tures beekameera.
Xiyyaara kana keessa namni lubbuun hafe jiraachuun hin beekamne.