Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 582 gahe

Itoophiyaatti qorannoo saamuuda namoota 4,048 irratti sa'aatiiwwan 24 darbaniitti keessatti gaggeefameen namoonni 88 vaayirasichaan qabamuun Ministirri Fayyaa mirkanaa'e. Namoota haaraa vaayirasichaan qaman kammeen keessaayis 73 jiraattota Magaalaa Finfinneeti jedhameera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Paakistaanitti xiyyaarri namoota 100 fe'ee ture kufe

    Xiyyaarri daandii Xiyyaaraa Paakistan ta'e osoo Lahoor irraa kaa'ee imalaa jiru naannoo Karaachitti kufee caccabuu hooggansi Aviyeeshinii biyyattii hime.

    Xiyyaarichi yeroo ka'u imaltoota 99 fi hojjettoota balalii saddeet fe'ee akka ture ibsameera.

    Suuraaleen miiiyaa hawaasaarra maxxanfaman bakka xiyyaarichi kufee aarri jiraachuu agarsiisu.

    Naannoon itti kufe bakka jireenyaa uummataa ta'uu isaatiin manneen jireenyaa manca'aniis mul'ataniiru.

    Dubbii himaan Abbaa Taayita Aviyeeshinii Paakistaan Abdul Sattar Hookhar lakkoofsi inni sirrii namoota xiyyaaricha keessa turanii qoratamaa jira jedhan.

    Buufata xiyyaaraa sochiin itti heddumatu Jinnaah jedhamutti qubachuuf dhiyaatee akka tures beekameera.

    Xiyyaara kana keessa namni lubbuun hafe jiraachuun hin beekamne.

  2. Keeniyaatti namoonni haaraa 52 koronaavaayirasiidhaan qabaman

    Keeniyaa keessatti sa'aatii 24 darban keessaatti namoota 2,567 qorannoon taasifamee namoota 52 irratti vaayirasichi argameera.

    Kunis lakkoofsa namoota qabamanii gara 1,161'tti ol guddiseera.

    Biyyattiin hamma ammaatti namoota 55,074 kan qoratte yoo ta'us isaan keessaas namoonni 1,161'tti koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru.

  3. Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 429 gahe

    Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 3645f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 30 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa biyyattii Dr. Liyaa Taaddasaa beeksisan.

    Namoota qabamuun isaanii mirkanaa'e keessaa 26 dhiiroota yommuu tahan, afur ammoo dubartoota.

    Kanneen keessaa 9 kan tahan seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo tahu, 17 ammoo namoota amma dura qabamuun isaanii mirkanaa'e waliin tuttuqqaa kan qaban tahuu, ragaan ministeerichaa ni mul'isa.

    Namoonni afur garuu seenaa imala biyya alaa kan hinqabneefi namoota qaban waliinis tuttuqqaa kan hinqabnedha jedhameera.

    Kanaanis lakkoofsi namoota waliigalaa biyyattiitti Covid-19n qabamaniis 429 taheera.

    Gama biraatiin, sa'aatii 24 dabre keessa namooni shan Finfinnee irraa vaayirasicharraa bayyanachuus beekameera - waliigalattis namoonni 128 Covid-19 irraa bayyanataniiru.

    Biyyattiin haga ammaa namoota 73,164f qorannoo Covid-19 taasiftee jirti.

  4. Sudaan Kibbaatti ministiroota kudhan irratti Covid-19 argame

    Sudaan Kibbaatti ministiroota mootummaa biyyatti kudhan irratti koronaavaayirasiin argamuun mirkanaa’eera.

    Ministirri Odeeffannoo Mikaa’el Makuwiyee BBCtti akka himanitti, ministirra fayyaa biyyattiirraa kan hafe miseensonni koree addaa ittisa koronaavaayirasii hundi isaanii dhukkuba kanaan qabamaniiru jedhan.

    Pirezedaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir miseensa koree addaa kana waan ta’aniif gabaasawwan koronaavaayirasiin qabamaniiru jedhamaa jiru garuu sobadha jedhan ministirri kun.

    Pirezedaantiin Itti-aanaa Sudaan Kibbaa Reek Maachaariifi haatiwarraa isaaniis koronaavaayirasiin qabamuun adda of baasanii akka jiran jalqaba torban kanaa gabaafameera.

    Dr. Reek Maachaariifi haati warraa isaanii erga miseensa koree Covid-19 irratti argame tokko waliin walitti dhufeenya qabaataniin booda qoratamuun, qabamuu isaanii mirkaneessan.

    Ministiroonni koronaavaayirasiin irratti argame hundinuu yeroo ammaa qofaatti adda baafamanii kan jiran yoo ta’u, haalli fayyaa isaanii gaariirra jira jedhameera.

    Eegdonni aanga’oota kanaafi hojjetoonni baayyeenis koronaavaayirasiin qabamanii adda of baasanii jiru.

    Sudaan Kibbaatti weerarri koronaavaayirasii baayyee dabalaa jira.

    Guyyoota muraasa darban qofaa keessatti namoonni 300 ol qabamanii jaha ammoo du’aniiru.

  5. Naayijeeriyaan qorichi farra-busaa Covid-19f ooluusaa yaalii jalqabde

    Aanga’oonni Naayijeeriyaa qorichi farra-busaa dhibee koronaavaayirasii wallaanuudhaaf bu’a qabeessadhamoo bu’a qabeessa miti? kan jedhu adda baafachuuf yaaliin akka jalqabamu beeksisan.

    Naayijeeriyaa Leegoositti Komishinariin Fayyaa akka jedhanitti, hojjettoonni kunuunsa fayyaa, akkasumas namoonni adda durummaatiin nama dhibee Covid-19 qabutti dhiyaatan qorichi busaa 'chloroquine' ykn wanta qorichummaa hin qabne (kiloorookinii fakkeessaa) (placebo) kennnamaaf.

    Yaaliin lamaffaa ammo Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) waliin ta’uun kennamuuf jira jedhan.

    Bu’aan qorannoo kanaas baatii lamaan dhufan keessatti akka baramu aanga’oonni beeksianiiru.

    Miidhaa geessisuu mala akeekkachiisni jedhu jiraatullee, Pirezedaantiin US Doonaald Tiraamp jalqaba torban kanaa qoricha busaa biroo hayidrookiloorokiwinii akka fudhachaa jiru rippoorterootatti himuun isaanii ijoo dubbii ta’eera.

  6. 'Beetiiidhaaf ammas balballi keenya banaadha' jedhan Dr Gammachiis Dastaa

  7. Asymptomatic ykn mallattoo agarsiisuu dhabuu jechuun maal jechuudha?

  8. Biraazilitti namoonni 20,000 ol du'an

    Namoota dhibee koronaavaayirasiin du'an ol-aanaa galmeessuudhaan Biraazil addunyaarratti ja'affaa taateetti.

    Namoota 1,200 guyyaa darbe du'an waliin hanga ammaatti biyyattii keessatti namoonni 20,000 ol du'aniiru.

    Biraazil ammallee sadarkaa hamaadha jedhamerra gahuuf akka jirtu ogeessonni akeekkachiisaa jiru.

    Qorannoon gahaan waan hin jirreefis lakkoofsi sirrii maal akka ta'e beekuun rakkoo kana hammeessa jedhaniiru.

    Pirezedaantiin Biraazil Bolonaaroon irra deddeebiidhaan balaa Covid-19 qaqqabsiisuu danda'u xiqqeessanii ilaaluun qeeqamaa jiru.

    Pirezedaantichi bulchitoota kutaa biyyattii gara garaa akka dhorkaa kaasaniif gochaa kan ture yoo ta'u, qoricha bu'a qabeessummaan isaa hin mirkanaa'iin kan akka qoricha farra busaa wallaansa Covid-19f gargaaramuu kan jedhullee beeksisaa turaniiru.

  9. Qorichi busaa dhibee Covid-19 wallaanuuf akka gargaaru baruuf UKtti yaaliin jalqabame

  10. Akka ilaalcha lammilee UStti biyya kamtu Covid-19 to'achuun caalaa milkaa'ee?

  11. Hojjetaan Waayit Haawus gameessi gannaa 91tti koronaavaayirasiin du'an

    Hojjetaan duraanii Waayit Haawus umrii waggaa 91tti koronaavaayirasiidhaan du'an.

    Wilson Roosevelt Jerman bara 1957 ,yeroo bulchiinsa Eisenhower hojii eegalan.

    Wayita sana namni kun hojiinsaanii mana qulqulleessuu ture, garuu giifti-dureen yerosii Jackie Kennedy arganii akka tajaajilaa pirezidaantotaa ta'uuf eeran.

    Giifti duree kanaan erga muudamanii as akka tajaajilaa pirezidaantotaa ta'anii hanga umriinsaanii darbuutti hojjetaniiru.

    Waggoota kurna shanii ol Waayit Haawus keessatti pirezidaantota 11 tajaajilaa turaniiru namni kun.

    Bara bulchiinsa Baaraak Obaamaa keessa aangoosaanii hoogganaa hoteela pirezidaantonni itti fayyadamanii ture.

    Namni kun nama jaal'atmaa, biyyasaa akkaan jaal'atuu fi duudhaa gaarii kaa'ee darbeedha ittiin jedhan haati warraa Baaraak Obaamaa Michelle Obaamaa.

  12. Tiraamp maaskii godhachuu diduun qondaaltota mufachiise

  13. Koronaavaayirasiin Afriikaa keessatti to’atameeti moo dhokfameeti?

    Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO) lammiileen Afriikaa miiliyoona 250 ta’an waggaa jalqabaa weerara koronaavaayirasii keessatti vaayirasichaan qabamuu malu jechuun akeekkachiiseera.

    Kanneen keessaa ammoo 150,000-190,000 kan ta’an lubbuu dhabuu malu jedheera dhaabbati kun. Afriikaa keessatti hanga ammaatti vaayirasichaan kan qabaman 100,000 gadi.

    Ogeeyyiin WHOn garuu vaayirasichi yeroo dheeraaf Ardii Afriikaa keessa akka turuu malu akeekan. Akkasumas biyyoonni Afriikaa irra jireessaan ittisa vaayirasichaarratti xiyyeeffachuun dhimmoonni fayyaan walqabatan biroon akka irraanfataman godheera.

    Ofii baay’inni namoota qabamanii kan xiqqaateef biyyoonni Afriikaa vaayirasicha to’ataniiti moo namoota qabaman osoo hin galmeessin hafaniiti?

    Biyyoota Afriikaa shan keessatti haala deemaa jiru akkanaan qixeessineerra.

    Itoophiyaa keessatti namoonni qabaman muraasa Itoophiyaa keessatti dhibeewwan da’umsaan walqabatanii fi garaa kaasaatti aanee dhibeen du’aaf lammiilee saaxile dhibee sirna hargansuu ta’uu qorannoon ni mul’isa.

  14. Lammiileen Itoophiyaa Libaanoos jiran balalii tokkoof maallaqa guddaa gaafatamne jedhan

  15. Tamsaasa kallattii Caamsaa 22, 2020

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Tamsaasa kallattii Caamsaa 22, 2020 kan oduu oolmaa biyyaafi addunyaa jala jalaan qixeessinee isin biraan ittiin geenyuun walitti deebineerra.

    Nu waliin turaa!

  16. Itoophiyaafi Sudaan marii teeknikaa dhimma hidha Abbayyaa itti fufuuf waliigalan

    Ministirri Muumme Itoophiyaa fi jiilli isaanii gita isaanii kan Sudaan Abdallaa Hamdoo waliin marii gama viidiyoon wal-argaa gaggeessaniin hidha Haaromsa Itoophiyaa ilaalchisee biyyoota lamaan gidduutti wantoota xumura hin arganneefi hubannoo dogoggoraa jirurratti ibsa kennuu isaanii Waajirri MM beeksiseera.

    Gaaffilee Sudaan hidha kanarraa qabdurratti deebiin kennamuu Waajirichi ibseera.

    MM Abiy Ahimad hidhi kun guddina diinagdee biyyoota sadaniif(Itoophiyaa, Sudaanfi Masriif) haala mijataa akka uumu dubbataniiru.

    Ministiroota Bishaanii biyyoota lameenii gidduutti marii teeknikaa adda cite ture itti fufuufis wal ta’aniiru.

    Dhiyeenya kana Sudaan yaada Itoophiyaan hidha kana bishaaniin guutuu eegaluu ishe dandeessisu dhiyeessitee ture hin fudhadhu jechuun ishee ni yaadatama.

  17. UK'tti namoonni haaraan 338 du'an

    UK keessatti gaafa Roobii namoonni haaraan 338 sababa koronaavaayiras du'uusaanii ragaan Ministirri Fayyaa biyyattii ni ibsa.

    Kunis lakkoofsa namoota du'anii gara 36,042'tti ol guddiseera.

    Sababa namni hundi hin qoratamneef lakkoofsi namoota du'anii kana caaluu danda'a.

    Gaafa Roobii namoonni 128,340 kan qorataman yoo ta'u kunis lakkoofsa namoota qoratamanii gara 3,090,566'tti ol guddiseera.

  18. Biyyoota Baha Afrikaatti namootni Covid-19'n qabaman dabalaa jiru

    Torbee darberraa eegalee biyyoota Baha Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii haalaan dabalaa jira.

    Keeniyaan Roobii darbe namoota haara 66, Kamisa har'aa ammoo namoota 80 irratti vaayirasichi argamuu ibsitetti. Lakkoofsi waliigalaa namoota qabamanii 1,109 gaheera.

    Jibuutiin Kaleessa qofa namoota 210 irratti vaayirasichi argamuu beeksifteetti. kuniis lakkoofsa waliigalaa 1,828'n gaheera.

    Somaaliyaattis kaleessa namootni haaraan qabaman 71 turan. waliigalatti ammoo 1,573.

    Itoophiyaan har'a namoota sagal irratti vaayirasichi argamuu ibsiteetti. lakkoofsi waliigalaa namoota qabamaniis 398 gaheera.

    Sirna gaddaafi gammachuurratti namootni hedduun hirmaachuun ammoo Keeniyaafi Itoophiyaa keessaatti sababoota tamsa'inna vaayirasichaaf haala mijataa uuman keessaati jedhameera.

  19. Afrikaa Kibbaatti daa'imni guyyaa lamaa Covid-19'n du'e/duute

    Afrikaa Kibbaatti daa'imni osoo yeroon hin gahiin haadha Covid-19'n qabamterraa dhalate/dhalatte guyyaa lama keessatti du'e/duute.

    Daa'imni kun yeroon dahumsaa osoo hin gahiin dhalachuu hordofee rakkoo sombaa qabaatee kan ture yoo ta'u akkuma dhalate/dhalatte veentileetara fayyadamuun irra ture jedhan Ministirri Fayyaa biyyattii.

    Daa'imni kun rakkoo fayyaa biroo qabaatulle sababa Covid-19 nama umurii xiqqaa lubbuu dhabe taa'eera/taateetti.

    Daayireektarri gidduugala to'annoo dhibee Afrikaa kan ta'an Dr. Joon Nikeegsoong hanga ammaatti dhaabbatni isaanii odeeffannoo qabuun Afrikaa keessatti namni umurii xiqqaa sababa Covid-19'n lubbuu dhabe daa'ima kana akka ta'e himan.

    Daa'imni kun yoo dhalattu/dhalatu dhahannaa onnee dadhabaa kan qabu/qabdu ta'uufi sammuunis hanqina dhiigaafi Oksijiinii qabachuun lubbuu dhabuuf sababa isa jalqabaa ta'us, wayita da'umsaa Covid -19'n qabamun ammoo sabab isa lammataati jedhameera.

    Torbee lama duras daa'mni guyyaa sadii UK keessatti sababa dhibee kanaan lubbuu dhabeera. Haati vaayirasichaan qabamuu dursitee kan beekte yoo ta'u, daa'imti erga dhalate/dhalatte vaayirasichi irratti argamuun mirkanaa'e.

    Afrikaa keessatti namoota vaayirasichaan qabaman kuma 18 ol qabaachuun dursaa kan jirtu Afrikaan Kibbaa Roobii qofa namootaa haaraa du'an 27 galmeessiteetti. Hanga ammaatti kan lubbuu dhaban ammoo 339.

  20. Hogganaa to’annoo koronaavaayirasii Xaaliyaan malaammaltummaan hidhame

    Angaa’onni Xaaliyaan hogganaa to’annoo koronaavaayirasii oddola Xaaliyaan Antoniyoo Kandelaa dabalatee hojjattoota fayyaa 10 yakka malaammaltummaan to’annoo jala oolchaniiru.

    Himannaan kun bara 2016 irraa eegalee baajata mootummaan meeshalee fayyaafi tajaajila qulqullinaaf kennamee doolara 660 ta’u irratti kontiraatoota sobaa fudhachuu irratti hundaa’a.

    Namootni kun kontiraatotaaf matta’aa fudhachuun himatamni.

    Akka gabaasaa miidiyaalee Xaaliyaanitti maallaqani matta’aan namoota kanaaf waadaa galame yoo xiqqaate yuuroo miliyoona 1.8 kan ta’udha

    Dabalataanis dhabbilee yakka kanaan hidhannoo qabu jedhaman Sisiliifi Lombaardii keessa jiran akka to’ataman godhameera.