Tiraamp Chaayinaan 'weerara vaayirasii dhaabuu dandeessi ture' jedhan
Pirezedaantiin US Doonaald Tiraamp twiitara isaaniirratti akka ibsanitti , ammas dhimma weerara koronaavaayirasiirratti Chaayinaa qeequutti deebiyaniiru.
Chaayinaan jedhan, osoo weerara addunyaa waliin gahe kana dhimmitee qabdeetti ta'e 'salphaatti dhaabuu dandeessi ture' jedhan.
Pirezedaantii Chaayinaa Zhii Jiinpiing ifatti maqaa dhahuu baatanis, "rakkoon gubbaa irraa jalqaba" jedhan Tiraamp.
Akka Pirezedaant Tiraamp jedhanitti Chaayinaan akka Joo Baaydeen filannoo pirezidaantummaa US mo'atu barbaaddi.
Kanaaf ammoo sababiin jedhan, "Akkuma waggoota hedduudhaaf hanga ani aangootti dhufutti baran sana Ameerikaatti fayyadamuu barbaadaniiti."
Dabalataaf: Chaayinaan akka ani hin filamne barbaaddi