Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Waayit Haawus hojjettoonni manichaa hundi akka 'maaskii' uffatan ajaje

Erga hojjettoonni gameeyyiin lama koronaavaayirasiin qabamanii as Waayit Haawus hojjettoonni manichaa hundinuu 'maaskii'akka uffatan ajajeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. UK'tti carraan covid-19'n du'uu gurraachotaa kan adiin dacha dha jedhame

    Waajirri Istaatistiiksii Biyyaalessaa UK akka ifoomsetti Gurraachootni biyyattii keessa jiran warra adaa caala dacha lamaan carraa covid 19'n du'uu qabu.

    Ragaan kun kan qophaaye odeeffannoo namoota covid 19'n du'aniifi ragaa waayee sabummaa ibsu kan lakkaawwii uummataa bara 2011 wal simsiisuuni.

    Ragaa kana qopheessuuf umriin, bakki jireenyaa, haalli fayyaa fi jireenyaa xiyyeeffannoon ilaalamaniiru.

    Bu'uura kanaan carraan covid-19'n du'uu gurraachotaa saala osoo hin qoodiin kana warra adiin wal bira yoo qabamu 90%.

    Kanneen Indiyaa, Baanglaadeeshiifi Paakistanis saaxilamuumma guddaa qabu.

    Ragaan amma sassaabame ragaa lakkoofsa uummataa irratti waan xiyyeefateef saaxilamummaan kutaa hawaasa kanaa guddaa sababa ta'eef ibsuuf gahaa miti.

    Haalli jireenyaa fi haalli Fayyaa saaxilamummaa du'aatii covid 19 guddaa gumaachaa jedheera ragaan kun.

  2. Amma nu gahe, Itoophiyaatti namootni haaraan 25 covid 19'n qabaman

    Itoophiyaatti sa’aa 24 darban keessatti saamuda 1,843 qoratame keessa namoota 25 irratti Covid 19 argamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa ibse.

    Kanneen vaayirasichi irratti argame namoota 25 keessaa ammoo 19 kan ta'an seenaa imala biyya alaa ykns namoota kana dura vaayirasichaan qabaman waliin hidhata kan hinqabne jedhameera.

    Namoota kanneen keessaa sadii ammoo seenaa imalaa kan qaban yoo ta'u, kan biroon sadii ammo nama dhibee kanaan qabame waliin hariiroo kan qabaniidha jedhameera

    Namoota kanneen keessaa 24 dhiira yoo ta'an, tokko dubartiidha. Gama umuritiin ammoo namoonni amma qabaman kunneen umuriin isaanii kan waggaa 17-65 gidduu jira.

    Namotni 21 jiraattoota Finfinnee, Lama Naannoo Uummatota Kibbaa(Hadiyyaafi Kanbaataa), Lama Oromiyaa(bakka adda bahanii turuuf Booranaatti qophaayee fi Godina addaa Naannawaa Finfinnee) jiraatu.

    Namni tokko kutaa hordoffii addaa ICU keessa akka jirus ibsameera.

    Waliigalatti lakkoofsi Namoota Itoophiyaa keessatti covid 19’n qabamanii 187 gaheera.

  3. 'Mootummaan heeraafi nageenya ummataa balaarraa eeguuf tarkaanfiitti deema'

  4. Lammiin Naajeeriyaa xiyyaara keessatti deesse Dubaayitti deebite

    Dubartiin Lammii Naajeeriyaa UAE’tii biyyatti deebi’aa turte xiyyaara keessatti deesse.

    Kafayaat Amuusaan sababa covid 19’n UAE’tti danqamtee kan turte yoo ta’u duula mootummaan lammiileesaa biyyatti deebisuu eegaleen osoo gara Naayijeeriyaatti balali’aa jirtuu dhiira deesse.

    Balaliin eegale daqiiqaa 30 booda xiyyaara keessatti kan deesse yoo ta’u, nageenya haadha fi ilmoof jecha xiyaarichi gara Dubaayitti deebi’eera.

    Hospitaala Dubaay jirutti hordoffii argachaa kan jiran yoo ta’u, daa’imni ragaalee imalaafi waraqaa raga dhalootaa yeroo argatu Nayijeeriyaatti imalu jedhameera.

    Lammiilee biyyoota biroorraa deebi’aniif bakki itti adda bahanii turan Leegoosiifi Abuujaatti akkasumas magaalota biroottis qophaa’eera.

    Ministeerri haajaa alaa Naayijeeriyaa Ji’oofrii Oniyeemaa lammiileen Naayijeeriyaa 4,000 ta’an biyyatti deebi’uu akka fedhan beeksisuu himaniiru.

  5. Keeniyaatti lolaan namoota 200 galaafate

  6. UN biyyoota hiyyeeyyii gargaaruuf doolaara biiliyoona 4.7 na barbaachisa jedhe

    Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii (UN) biyyoota hiyyeeyyii keessatti dhiibbaa Koroonaavaayiras geessisu to'achuun miiliyoonota baraaruuf maallaqa doolaara biiliyoona 4.7 na barbaachisa jedhe.

    Ji'a Guraandhalaa darbes dhaabbatichi akkasuma biyyootnifi dhaabbileen gargaarsaa maallaqa biiliyoona 2 akka gumaachan gaafatee walakkaa isaa argateera.

    Barreessaa itti aanaan dhimmoota hawaasummaa Maark Lowkook dhiibbaa hamaan Koroonaavaayiras biyyoota hiyyeeyyiirratti hammaataa jedhan.

    ''Amma tarkaanfii hin fudhannu yoo ta'e hiyyummaa, beelaafii walitti bu'iinsa guddaatu arguuf qophoofnaa. Hoggeen dhufaa akka jiru ni mula'ata, ejjennoo addaa fudhachuu qabnaa'' jedhan.

    Dhaabbatichi biyyootni rakkoo isaan mudate keessa bahuuf carraaqaa jiran illee $900m gumaachaniiru jedheera. Haata'uuti kana caala deeggarsa guddaatubarbaachisaa jedhameera.

    Biyyoota dadhaboo hedduu keessatti Vaayirasichi ji'oota jahan dhufan keessatti illee fiixee hin gaha jedhamee waan hin tilmaamamneef deeggarsi barbaadamu guddaadha jedheera dhaabbatichi.

  7. ‘Koronaavaayirasiin waraanaa kamuu caalaa US miidhaa jira’

  8. Indiyaan lammiilee ishee 200,0000 biyyatti deebisuu eegalte

    Indiyaan lammiilee ishee sababa weerara covid 19n biyyoota garaagaraa keessatti danqaman biyyatti deebisuu eegalte.

    Guyyaa har’aa irraa jalqabee balaliiwwan marroo duraa 60’n lammiilee 15,000 biyyoota 12 keessatti danqaman biyyatti deebisuuf jetti.

    Balalii addaa Air India’n taasifamu kanaaf imaltootni baasii geejibaa ofii kan kaffalata yoo ta’u, battala biyya galan irraa eegalee ammoo guyyootaaf adda of baasanii turu.

    Imalli kun har’a Ameerikaafi UK irraa kan eegale ta’uus qorannon hojjetoota balaliirratti gaggeefamu yeroon waan hin xumuramiiniif imalli barfateera. Kanaafis imalli inni jalqabaa Singaapoor irraa ta’a.

    Indiyaan imala idila addunyaa kan dhorkite ji’a Guraandhalaa osoo ugguurri sochii hin murtaahiin ture.

    Karoora kanaan lammiilee 200,000 biyyatti deebisuuf kan yaadame yoggaa ta’u, kunis erga bara 1990 Waraana ‘Gulf war’n walqabatee lammiilee ishe170,000 Kuweetii baastee isa guddaadha.

    Imbasiin Indiyaa UAE jiru qofaan lammiilee 197,000 ta’an irraa iyyata biyyatti nu deebisaa simateera.

  9. Pirezedantiin Eertiraa Isaayyaas Af-warqii maaliif Itoophiyaa dhaqan?

  10. Chaayinaan qeequumsa Tiraampiif deebii kennite

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp tibbana irra deddeebiin Chaayinaan wayita vaayirasichi yeroo jalqabaatiif Wuhaan, Hubeey keessatti mullateetti dhaabuudhaaf hanga barbaachisu hin hojjannee jechuun himatan.

    Garuu Tiraamp mataansaa filannoon Sadaasaa osoo hin gahiin dura badiinsa biyyattii keessatti qaqabeef himannaa ofiirraa dabarsuuf ajandaa argachuuf yaalaa jira jedhamuun himatama.

    Gama Chaayinaatiinis himannaan isaa kun fudhatama dhabeera. Chaayinaan himannaa Tiraamp rakkina dhukkubichi biyyashee keessaatti qaqqabsiise addunyaan akka baru hinbarbaadduu ykn ammoo vaayirasichi laaboraatorii irraa madde jedhu fudhatama hin qanu jetti.

    Midiyaan Chaayinaa biyya keessas Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoo ‘seexanaa’ fi ‘kan sammuun hinhojjannee’ jechuun salphiisaniiru erga inni vaayirasichi laaboraatorii irraa madduuf ragaa qabna jedheen booda.

  11. Waayit Haawus hojjettoonni manichaa hundi akka 'maaskii' uffatan ajaje

  12. Dhiibbaa koronaavaayirasiin of ajjeesuun namootaa akka dabalu qorattoonni akeekkachiisan

    Qarattoonni Awustiraaliyaa sababa dhiibbaa koronaavaayirasiitiin namoonni hedduun of ajjeesuu malu jechuun akeekkachiisan.

    Namoota vaayirasichaan lubbuu dhaban caalaa kanneen dhiibbaa diinagdee fi hawaasummaa sababa vaayirasichaan lubbuu of balleessantu heddummaachuu mala jechuun raagan qorattoonni kunneen.

    Akka Awustiraaliyaatti dhiibbaa gama carraa hojii fi sammuun uggura sochii hawaasaatiin dadhabuudhaan lakkoofsi namoota lubbuu ofii balleessanii gara dhibbeentaa 50tti akka guddachuu malus himan.

    Awustiraaliyaa keessatti waggaa waggaan namoonni 3,000 ta’an of ajjeesu.

    Kanneen keessaa tokko sadaffaan namoota umurii dargaggummaa keessa jiraniidha jedha ragaan Yuuniversitii Siidnii fi Waldaa Meedikaalaa Awustiraaliyaa.

    Mootummaan Awustiraaliyaa yeroo rakkoo weerara koronaavaayirasii kana namoota rakkoo sammuu keessa seenan hirphuuf jedhee maallaqa doolaara Ameerikaa miiliyoona 350 ramadeera.

  13. YOOYYAA! Tamsaasa kallattii jalqabneerra.

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo, tamsaasa keenya kallattii oduu biyya keessaafikan alaa toora ittiin qiqqixeessinee isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Aaga Dhaga'aa!