Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Waayit Haawus hojjettoonni manichaa hundi akka 'maaskii' uffatan ajaje

Erga hojjettoonni gameeyyiin lama koronaavaayirasiin qabamanii as Waayit Haawus hojjettoonni manichaa hundinuu 'maaskii'akka uffatan ajajeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Adunyaa irratti lakkoofsi namoota koroonaavaayirasiin qabamanii mil. afur caale

    Adunyaarratti lakkoofsi namoota koroonaavaayirasiin qabamanii mil. afur caaluu ragaan Joon Hopkiinsi walitti qabe agarsiisa.

    Lakkoofsi namoota vaayirasii Kanaan adunyaa kana irraa du’anii ammoo kuma 200 fi kuma 77 caaleera.

    Ameerikaan ammoo biyya akka malee vaayirasii Kanaan hubamte yoo taatunamootni miliyoona 1.3 ol tahan vaayirasichaan qabamaniiru.

    Namootni kuma 80tti siqan ammo lubbuu dhabaniiru. Ogeessonni kan jedhan biyoonni baay’een qorannaa xiqqaa gaggeessaa waan jiraniif lakkoofsi namoota Covid-19’n qabamanii kana caaluu danda’a.

    Lakkoofsi namoota guyyaan du’anii garuu xiqqaataa dhufeera.

  2. Daldaltoonni re’ee harka dhisaanii uleen nagaa wal gaafachaa jiru

    Kaaba Keeniyatti daldaltoonni akka barametti harka walfuudhuun nagaa wal gaafachuurra ulee tiksee ykn maanguddoo akka fayyadamaniif qondaaltonni fayyaa barsiisaa jiru.

    Karaa ittiin weerara koronaavaayirasii ittisan keessaa tokko harka walfuudhuu dhiisuu akka ta'e Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) ni barsiisa.

    Angaa’onni fayyaa Keeniyaas yeroo weerara koronaavaayirasiitti hawaasni aadaa carraa ittiin namoonni waltutuqqan bal'isu akka harka walfuudhuun nagaa wal gaafachuu akka dhaabbatuuf barsiisaa jiru.

    Kanumarraa ka'uudhaan, daldaltoonni re'ee Keeniyaa yeroo bittaafi gurgurtaa raawwatan harka walfuudhuun waliigalteerra ga'uu kan ittiin mul'isaa turan akka gara ulee isaaniitiin nagaa wal gaaftan gochaa jiru.

    Addunyaa maratti sababa koronaavayirasiin aadaa harka walfudhuu salphaatti dhisuun akka hin danda’ame himama. Ta’us garuu iddoo gara garaatti namootni mala adda addaan nagaa wal gaafachuu eegalaniiru. Ciqileen walitti buusuun, lukaan wal xuquufi gariin ammo abbotee walitti buusuun nagaa wal gaafachuu akka filannooti fudhatamu eegalee ture. US keessatti qajeelfamni sochii ugguruu salphachaa dhufus, egereen harka walfuudhuu maal fakkaarta kan jedhu hin beekamu.

  3. Fooyya’iinsi iskeelii mindaa barsiisota Oromiyaa eessa gahe?

  4. Dubartiin qoccollaa saalaan Joo Baayidan himatte dorgommii keessa akka ba'an gaafatte

  5. Yooyyaa, hordoftoota BBC Afaan Oromoo

    Hordoftoota keenya bakka jirtanii marsariitii keenya irraa tamsaasa kallattiin odeeffannoo haaraa argachuu dandeessu. Guyyaa kana Biraanuu Gammachuu fi Zalaalam Taaddasaa odeeffannoo haaraa isin biraan geenya.

    Guyyaa gaarii!

  6. Tamsaasa Keenya Kallattii asirratti golabneera!

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo, tamsaasa keenya Sanbata harraa asumarratti xumurreerra.

    Boru odeessaalee biyya keessaafi kan biyyoota biraatiin hanga walitti deebiinuutti nagaan bulaa!

  7. UK’tti lakkoofsi namoota koronaan du’anii 346 dabale

    Ibsa harra galgala aanga’oonni motummaa UK kennaniin, UK’tti namoonni dabalataa 346 erga vaayirasichi irratti argameen booda du’usaanii beeksiisan.

    Kunis hanga Jimaata galgalaatti lakkoofsa waliigala namoota biyyattii keessatti Covid-19n du’anii 31,587 irraan gaheera jedhame.

    Akkasumas karoorri biyyattiin guyyaatti namoota 100,000 qorachuuf qabattee turte walitti aansee guyyoota torbaaf fiixaan bahaa akka hinjirre himame.

    Barreessaan Geejibaa, Giraant Shaapiis akka jedhaniitti, sa'aa 24 darban keessaatti namoota 96,878 qorachuun danda'ameera.

    Kunis kan guyyaa Jibaataa 97,029 qoratameen gadhiidha jedhaniiru.

  8. Yaaliin qoricha fayya vaayirasii dachaa sadii bu’aa abdii qabu mullise

    Hoong Koongitti qorattoonni yaaliin makaa qoricha farra vaayirasii dacha sadii bu’aa abdii qabeessa ta’e argamsiisuu beeksiisan.

    Qorannoo haaraa Jimaata kaleessaa barruu fayyaa ‘The Lancet’ jedhamurratti maxxanfame tokko akka mulliseetti, namoonni Covid-19 qabamuun dhukkubbii gadaanaa qaban yoo wallaansi kennamuuf dafanii fayyu jedheera.

    Qorannichis gaheessoota 127 kan hammatee yoo ta’u, 86 isaaniif qorchoota gosa sadii (interferon beta-1b, opinavir-ritonavir and ribavirin) walitti makamuun kan kennameef irratti gaggeefame.

    Bu’aan argame kunis ganaa sadarkaa ‘jalqabarratti kan argamu ta’ulleen baayyee barbaachisaadha’ jedhameera.

    Innis qorannoon dabalataa akka namoota ciminaan dhukkubsataa jiran irratti taasifamuuf kan kakaasuudhas jedhame.

    ‘’Qorannoo yaalii keenyaan namoota Covid-19 qabamuun dhukkubbii jalqabaa irratti argamaniif qoricha farra vaayirasii makaa kana kennuun vaayirasichi akka qaama dhukkubsataa keessaa hinbaballannee dafee akka dhorku hubanneeraa’’ jedhan ogganaan qorannichaa kan ta'an Kwok-Yung Yuen.

  9. Warshaan nama dhuguuf dhabuun biiraa leetira kumaatama gadi naqe

    Afriikaa Kibbaatti Warshaan dhugaattii alkoolii oomishuudhaan biyyattii keessatti beekamee SAB)n sababii ugguraatiin nama dhugu dhabuun biiraa leetira 25,000 gadi naquu beeksiise.

    Warshaan dame isaa kan Piritoriyaatti argamu keessaa kun akka beeksiiseetti, bakka omisha isaa olkaa’u gahaa waan hinqabneef walumaa gala biiraa leetira miliyoon 130 gadi naquuf karoorfateera.

    Tarkaanfii cimaan biyyattiin tatamsa’ina koronaavaayirasii dhorkuuf fudhatteen gurgurtaafi geejiba omishaalee dhugaatii alkoolii irratti dhiibbaa taasisuun warshiichi akka itti omisha isaa mana kuusaa geessuun irratti danqaa ta’u beeksiise.

    Tibba ugguraa kanattis dhorkaan dhugaatii alkooliifi tamboo irra kaa’amee Afriikaa KIbbaa keessatti mata duree dubbii olaanaa ta’ee kan ture yoo ta’u, miseensoota kaabinee ministirootaafi miseensoota hawaasaa osoo hinhafne kan adda qoode ture.

    Ibsa Warshichii baaseen akka mulliseetti, dhugaatii alkooliirra ugguurra kaa’u qofti fedhii dhuguuf namoonni qaban hindhorku garuu ‘yakkamtootaafi gabaa saaqaaf malee,’ jedheera.

    Kunis sababii ugguurri dhuugaatii alkooliirra kaa’amee gurgurttaa seeraan alaatiif gabaa guddaa baneefiira.

    Uggurrichi haala kanaan itti fufnaanis hojiin 2,000 ta’u dhaabachu akka maluufi akkasumas hidhata dhiyeessitii isaa keessattis walumaagalatti carraan hojii 75,000 miidhamu akka danda’u dabaluun himeera.

  10. Chaayinaafi Raashiyaan ‘US irratti oduu sobaa tamsaasaa jiru’

    Ameerikaan Chaayinaafi Raashiyaan waa’ee koronaavaayirasii ilaalchisee ragaa sobaa tamsaasuun duula gaggeessaa jiru jechuun himmatte.

    Qondaalli motummaa bulchiinsa Ameerikaa tokko akka jedhaniitti, eenyummeessi midiyaa hawaasaa Chaayinaafi Raashiyaa waliin hidhata qaban ergaa farra Ameerikaa walfakkaatuu tamsaasaa jiru.

    ‘‘Osuma balaa Covid-19 hin uumamiin durayyuu oduu sobaa facaasuun Chaayinaafi Raashiyaa jidduutti walta’iinsi hanga ta’e jiraachu qoranneerra’’ jetti Li'a Gaabreelle.

    Chaayinaafi Raashiyaan ‘‘hubannoo uummanni Covid-19 irratti qabuu kaayyoowwan mataa isaaniifi itti fayyadamuuf yaalaa jiru’’ jettee jirti.

    Ameerikaan jalqabuma irraa kaafte ka’uumsaafi haala qabiinsa Covid-19 irratti Chaayinaarratti waraana jechaa keessa kan galte yoo ta’u, Chaayinaan ammoo himmannicha ofiirraa dhiibaa jirti.

    Ziyoo Liiji’aan, dubbi himaan Ministira Haajaa Alaa Chaayinaa irra dedeebiin tarii Covid-19 Ameeriikaadhaa maddee ta’a jechuun ragaa malee wayita dubbatu dhagahama.

    Ameerikaan gama isheetiin, koronaavaayirasiin biyya Chaayinaa -Wuhaan, bakka jalqaba dhukkubbichi itti argameetti laaboraatorii keessaa bahee jechuun wayita himmattu dhagahamti.

  11. Raashiyaatti sa’aatii 24 darbe keessatti namoonni haaraan 10,817 vaayirasiin qabaman

    Raashiyaatti lakkoofsi namoota guyyaa guyyaatti Covid-19'n qabamanii dabalaatuma jira.

    Sa’aatii darban 24 keessatti namoonni haaraa 10,817 qabamuun waliigalatti lakkoofsa namoota biyyatti keessatti vaayirasichi irratti argamee 198,676 qaqabsiiseera.

    Taask forsiin koronaavaayirasii to’achuuf biyyattii keessaatti hundeeffame akka beeksiiseetti, halkan tokkichatti namoonni 104 du’aniiru. Haluuma kanaanis waliigalatti Raashiyaa keessatti namoonni 1,827 vaayirasichaan lubbuusaanii dhabaniiru.

    Erga guyyaa Dilbataatii kaasees lakkoofsi namoota guyyaatti vaayirasichaan qabamanii kuma 10 ol ta’u himame. Haaluma kanaanis Raashiyaan addunyaarratti biyyoota vaayirasichi keessatti garmalee baballatee shanaffaa taatee jirti.

    Baayina lakkoofsa namoota vaayirasichaan qababamaniitiin Raashiyaan Faransaay (176,202) fi Jarman (170,588) galmeessan caaluun UK’tti dhiyaachaa jirti.

    Akka ragaa Yunivarsitii Joon Hopkiinsi’tti UK’tti namoota 212,629 kan ta’antuu vaayirasichaan qabame.

    Ameerikaan ammo namoota miliyoona 1.2, Ispeen 222,657 fi Xaaliyaaniin 217,185 biyyoota Gamtaa Auroppaa namoonni baayyinaan vaayirasii kanaan keessatti qabamaniidha.

  12. UK'n namootni biyya biraatii dhufan guyyoota 14 adda bahanii haa turan jette

    UK'n namni kamuu biyya biraatii dhufu guyyoota 14'f adda of baasee turuu akka qabu murteessitee daandilee xiyyaaraa jiran beeksifte.

    Murteen kun kanneen Ripaablika Ayerlaand irraa dhufaniin alatti namoota hunda irratti raawwatama.

    Murteen haaraan kun dhuma ji'a kanaatti hojiirra ooluu eegala.

    Namootni biyya birootii gara UK seenan yeroo UK seenan bakka itti qubatan mootummaa beeksisuun manuma dhuunfaa isaanitti adda of baasanii turu.

    Kaayyoon murtee kanaa biyya namootni 31,000 ol ta'an hanga ammaatti Covid 19'n lubbuu itti dhaban kanatti weerarichi deebi'ee akka hin hammaanneefi.

    Sababa weerara kanaan lammiileen UK 3,000 ta'an biyyoota biroo keessatti danqamanii jiru.

  13. Chaayinaan ittisa covid 19 irratti Kooriyaa Kaabaa deggerte

    Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin Piingi weerara koronaavaayirasii ilaalchisee waa'een Kooriyaa Kaabaa kan isaan dhiphisu ta'uu ibsanii, deggersa akka godhaniifis himaniiru.

    Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joobg-un tatamsa'ina koronaavaayirasii hir'isuu keessatti milkaa'ina Chaayinaa ajaa'ibsiifachuun ergaa baga gammaddanii Pirezidaanti Shii Jiin Piingiif kan ergan yoo ta'u, pirezidaantichis galata kana ofirraa deebisuuf deggersa akka taasisan dubbatan.

    Mootummaan Kooriyaa Kaabaa namni koronaavaayirasiin qabame tokkollee akka hin jirre kan dubbatu yoo ta'u, xiinxaltoonni garuu kun dhugaa ta'uusaa ni shakku.

    Kooriyaan Kaabaa koronaavaayirasii qolachuuf jecha damee tuurizimii yeroof dhaabuu fi daangaa cufuudhaan biyya jalqabaati.

    Biyyi sirni fayyaashee dadhabaa ta'e Kooriyaan Kaabaa, namni muraasi yoo vaayirasichaan qabamellee hatattamaan tatamsa'ee balaaf ishee saaxiluu danda'a jechuun ogeeyyiin fayyaa sodaa qaban ibsu.

  14. Itoophiyaatti namoota16 irratti Covid 19 argame, namni tokko du'e

    Itoophiyaatti sa'aatii 24 darban namoota qorataman 2,383 keessaa namootni 16 Covid-19'n qabamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksise.

    Namoota vaayirasaichaan qabamuun mirkanaa'e kana keessaa lama seenaa imalaa kan qaban yoo ta'u, 13 namoota vaayirasichaan qabamuun dursee mirkanaawe waliin kanneen hariiroo qabaniidha.

    Namni tokko garuu seenaa imalaas ta'e nama dhukkubsate waliin hariiroo kan hin qabneedha.

    Kanneen qabaman kun torba dhiira, 9 ammoo dubartoota.

    Umuriin isaaniis 20-60 gidduutti argama.

    Bakki jireenyaa namoota haaraa qabaman kanaas ibsameera.

    13 Kanneen Finfinnee jiraataniidha.

    Namootni lamaa Naannoo Uummatootaa Kibbaatti Walaayittaa Sooddoofi Butaajiraa irraayi.

    Namni kan biraan tokko ammoo Naannoo Amaaraa bakka adda of baasanii turuuf magaalaa Waldiyaatti qophaaye keessaati.

    Maanguddoon waggaa 65 jiraataa magaalaa Finfinnee ta'an waldhaansa addaa argachaa erga turanii booda lubbuun isaanii darbuus Ministeerichi ibseera.

    Kanaanis lakkoofsi namoota du'anii 5 gaheera.

    Namootni dabalataa lama Finfinneetti dhibee kanarraa bayyanachuun lakkoofsi waliigalaa namoota bayyanatanii 97 akka gahu godheera.

    Walumaagalatti Itoophiyaa keessatti lakkofsi namoota Covid 19'n qabamanii 210 gaheera.

  15. Yugaandaan dhorkaa 'salbaajiirra' keesse kaafte

    Yugaandaan dhorkaa huccuufi kophee 'salbaajii' alaa galchuurratti keessee ture kaafte.

    Dhorkaan kun kaahamee kan ture Covid -19 gara biyyatti galchuuf carraa guddaa qaba sodaa jedhuun ture.

    Kaampaniwwan Yugaandaa huccuu oomishan dhorkaan kun gabaa isaanii waan dabaluuf gammachuun simatanii kan turan ta'us, daldaltootni bittaa gaggeessinee meeshaan galaanarraan fe'amee dhufaa jira jechuun komii dhageessisaa turan.

    Dabalataanis Vaayirasiin kun guyyoota hedduuf huccuufi kopheerra lubbuun turuu danda'a kan jedhu waan mirkanaahe waan hin taaneef haa hayyamamu jechuun gaafachaa turan.

    Meeshaaleen kun Chaayina, Awrooppaa fi Ameerikaarraa dhufu.

    Dhorkaan kun kaahamee sa'aa 24 keessatti jijjiirame.

    Meeshaaleen hedduun ajajaman fe'amanii waan jiraniif dhorkaa kanaan turuun haqummaa hin qabuu jedhan Ministirri Daldalaafi Indaastirii.

    Daldalli huccuufi kophee uffatamoo 'salbaajii' Yugaandaa keessatti waggaatti doolaara miiliyoona 200 sochoosa.

  16. Koronaavaayirasiin Waayit Haawus gale

    Gargaartuu dhiyoon Pirezidaantii Itti Aanaa Ameerikaa Maayik Peensi, Katie Miller koronaavaayirasiin qabamuu Waayit Haawus ibseera.

    Qondaala gameettii kanarratti vaayirasichi kan argame erga miseensi Waayit haawus kan biraan tokko shakkamee qorannaan taasifamee booda.

    Waayit Haawus guyyaa guyyaan Pirezidaanti Tiraampii fi Itti Aanaa isaanii Maayik Peensi koronaavaayirasiif qorachuu eegaleera.

    Qondaaltota Olaanaa kanneeniif xiyyeeffannaan hordoffiin godhamuufii akka qabus ibseera.

    Ameerikaa keessatti hanga ammaatti vaayirasichaan namoota qabaman keessaa 76,000 kan caalan du'aniiru.

    Ameerikaan guyyatti namoota 248,000 kan qorattu yoo taatu hanga ammaattis namoota miiliyoona 8.1 qoratteetti.

  17. Ashamaa hordoftoota keenyaa

    Gabaasa keenya kallatiitiin yeroo kanarraa eegallee odeessaalee biyya keessaa fi addunyaa guutuu isin biraan geenya. Nu hordofaa. Yeroo gaarii isniif haa ta'u!

  18. Goolabneerra!

    Gabaasni kallattii kan Caamsaa 08 bara 2020 asumarratti xumurameera!

    Gadi daddabarsuun gabaasaalee har'aa fi kan guyyoota darbanii argachuu dandeessu.

    Koronaavaayirasiirraa of eeggachuu hin dagatinaa.

    Boru walitti deebina, Nagaatti!

  19. Dubartii ijoollee isheef waan laattu dhabdee dhagaa affeelteef jalaa daa’imni duute

    Keeniyaattii haati ijoollee ishee waan nyaachistu dhabnaan dhagaa affeelteef daa’ima tokkoo du’aan dhabde.

    Peninaa Bahaatii, haati ijoollee ishee qophaa guddiftu kun daa’ima ishee kan xumuraa du’aan dhabuu gaazixaan Keeniyaa Daily Nation gabaasera.

    Daa’imni baatii ja’aa guutte hospitaala itti yaalaama turte keessa akkuma baafamteen jalaa du’uu ilmi Peninaa ganna 24 himeera.

    Gaaf kaan ijoollee isheef waan laattu dhabdee dhagaa affeeluu eegalte, nyaatni gahaa jira jedhanii abdiin osoo eeganii akka rafaniifi jette.

    Magaalaa Mombaasaa kan jiraattu Peninaan rakkina hamtuu keessa jiraachuu dubartiin ollaa jiraattuu tokkotu hawaasatti ifa baase.

    Sana booda namoonni dhuunfaa fi dhaabbilee naannoo jiranille maallaqa walitti qabaniifi lakkofsa herreega baankii akka baafattu deeggaruun himamee ture.

  20. Amma nu gahe, Italiitti namni koronaavaayirasiin du'e 30,000 tare

    Italiitti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du'anii 30,000 darbe.

    Kunis biyyoota Gamtaa Awurooppaa keessaa isa olaanaadha.

    Guyyaa har'aa namni du'e 243 yoo ta'u, walumaagalatti namni 30,201 vaayirasii kanaa lubbuu dhabeera.

    Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota haaraa qabamaniis ta'e du'anii guyyaa gara guyyaatti gadi bu'aa jira.

    Addunyaarratti lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin du'anii hedduu qabaachuun Italiin Ameerikaa fi UK'tti aantee sadaffaarra jirti.