Adunyaa irratti lakkoofsi namoota koroonaavaayirasiin qabamanii mil. afur caale
Adunyaarratti lakkoofsi namoota koroonaavaayirasiin qabamanii mil. afur caaluu ragaan Joon Hopkiinsi walitti qabe agarsiisa.
Lakkoofsi namoota vaayirasii Kanaan adunyaa kana irraa du’anii ammoo kuma 200 fi kuma 77 caaleera.
Ameerikaan ammoo biyya akka malee vaayirasii Kanaan hubamte yoo taatunamootni miliyoona 1.3 ol tahan vaayirasichaan qabamaniiru.
Namootni kuma 80tti siqan ammo lubbuu dhabaniiru. Ogeessonni kan jedhan biyoonni baay’een qorannaa xiqqaa gaggeessaa waan jiraniif lakkoofsi namoota Covid-19’n qabamanii kana caaluu danda’a.
Lakkoofsi namoota guyyaan du’anii garuu xiqqaataa dhufeera.