Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waayit Haawus hojjettoonni manichaa hundi akka 'maaskii' uffatan ajaje
Erga hojjettoonni gameeyyiin lama koronaavaayirasiin qabamanii as Waayit Haawus hojjettoonni manichaa hundinuu 'maaskii'akka uffatan ajajeera.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Tiraamp rippoortera Eeshiyaa-Ameerikaa taate tokkoon 'anaan osoo hin taane Chaayinaa gaafadhu' jedhan
Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gaazexeessituu hiddi dhalootashee Eeshiyaa-Ameerikaa taate tokkoon gaaffii isheen isaaf dhiyeessite 'dhaqii Chaayinaa gaafadhu' ittiin jedhe.
Tiraamp yeroo ibsa miidiyaadhaaf kennutti gabaastuu CBS News kan taate Weejiyaa Jiyaang gaaffii isa gaafatte.
Gaaffiin rippoortarittiis akka jedha: 'Qorachuun maaliif dhimma falmisiisaa ta'ee?'
Doonaald Tiraam yeroo deebisan akkas jedhan: 'Chaayinaa gaafachuun siirra ture'.
Namoonni sababa Covid-19 US'tti du'an 80,000 caalan
Ameerikaa keessatti lakkoofsi namoota sababa koronaavaayirasiin du'anii 80,397 yoo ta'u, kunis ida'ama biyyoota sadii waliin walitti siqa - UK, Xaaliyaanii fi Ispeen.
Sa'aatii 24 darban keessatti namoonni 830 du'aniiru.
Kunis lakkoofsa guyyaa darbee 776 irra ni caala.
Biyyattii keessatti hamma ammaatti namoonni 1,347,88 vaayirasichaan qabamaniiru.
Lakkoofsi kunis kan Chaayinaa harka 16'n caala.
Gaazexeessitoonni cidhni isaanii sababa Covid-19n danqame maal jedhu?
Dr. Teedros: ‘Labsiin sochii dhorkuu of-eeggannoon kaafamu qaba’
Weerara koronaavaayirasii qolachuuf suuta suuta tasgabbiidhaan biyyootni labsii yeroo muddamaa akka kaasaan daarektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Tedros Adahanoom akeekkachisan.
‘’Uggura sochii kaasuun ulfaataafi walxaxaadha,’’ jechuun.
Biyyootni hedduun garuu uggura sochii laaffisaa jiru.
Kooriyaa Kibbaa fi Jarman keessatti sababa kanaan namoonni haaraa qabamanis dabalaniiru.
Uggura sochii namaa laaffisuun dura biyyoonni weerarri vaayirasicha to’atamu mirkaneeffachuu qabu, sirna eegumsafayyaa yoo namoota haaraa qabamniis dabale to’achuu dandeessisuufi namoota qabaman addaan baasuuf gargaruu qabachuu biyyoonni mirkaneeffachuu qabu jedhan.
Manneen barnoota yoo deebi’anii banamaniis,namoonni walirraa hiiquu qabu jedhan.
Iddoo hojiittis vaayirasichi akka namootatti hin daddarbine uggura sochii laaffisu dura karoorfamu akka qabus jaarmiyaan fayyaa idil-addunyaa kun akeekkachisera.
Chaayinaatti namni haaraan tokko Covid-19 qabame
Chaayinatti namni haaraan tokko koronaavaayirasiidhaan kan qabame yoo ta’u kunis lakkoofsa namoota qabamanii gara 82,919’tti ol guddiseera.
Komishiniini Fayyaa Biyyaalessaa biyyattii namni haaraan qabame kun Mongooliyaarraa akka ta’e ibseera.
Biyyattiin gaafa Wiixataa namoonni 17 qabamuusaanii ibsiteetti. Isaan keessaa shan magaalaa Wuhaanitti kan qabamaniidha.
Wuhaan keessatti turtii ji’aa olitti namni haaraan vaayirasichaan qabame hin jiru ture.
Magaalaa Niwuyoorkitti lakkoofsi namoota vaayirasiin qabamanii hir'ataa jira
Newuyoork kutaa Ameerikaa weerarri vaayirasii caalatti itti hammaate turte.
Kutaalee Ameerikaa birootti lakkoofsi namoota haaraa qabamanii wayita dabalu Niwuyorkitti gadi bu’a adeeme. Ta'us lubbuun namoota darbuun hin dhaabbanne.
Dilbata kaleessaa namoota 207 vaayirasichaan du’an, namoonni 520 haaraa vaayirasichan qabamaniiiru.
Walakkeessa ji’a kanaarraa qabe uggurri sochii namaa daangesse laaffisuuf kan karoorfamera.
Maanguddoota giddu galeessa kunuunsaa keessa jiraataniif eegumsi akka taasifamuf Bulchaan Niwuyoork himaniiru.
Yooyyaa
Gabaasa kallattiidhaan isin biraan geenyu eegaleerra.
Odeessaalee biyya keessaa fi gola addunyaa mara irraa bakka kanatti argattu.
Dhiyaadhaa!
Tamsaasa kallattii har'aa asumarratti xumureerra.
Bor ganama irraa eegaluun odeeffannoo haaraa marsariitii keenya irraa argattu.
Halkan gaarii! Feesbuukii keenya irraan ammoo odeeffannoo garaagaraa argachuu dandeessu,daawwadhaa.
Hojii gaggeessan daandii xiyyaaraa Kuwaatar fedhiin namoonni imaluuf qaban amma bara 2023tti yoo deebi’e ‘na ajaa’iba’ jedhan
Weerararri vaayirasii indastirii balalii haalaan danqeera, imaltootni hir'ataniiru.
Hojii gaggeessan daandii xiyyaaraa Kuwaatar fedhiin namni imaluuf qaban amma bara 2023/2024tti yoo deebi’e 'na ajaa’ibayyuu' jedhan.
Akibar al-Bakir imaltoonni dhimma bizinasiif bakka tokkoorraa gara biraatti imalan sirumayyuu achuman badanii hafuu maluu jedhani soda qaban dubbatan.
Daandiin xiyyaara Kuwaatar wayita weerarri vaayirasii hammaates iddoowwan 30 tti balali’uu addaan hin kutne.
Daandiin xiyyarichaa amma xumura ji’a Waxabajjiitti gara iddoowwan 80tti guddisuuf karoorseera.
Weerara vaayirasicha dura garuu gara iddoowwan 165 tti balali’a ture.
Hoji gaggeessaan daandii xiyyaarichaa Rooyitarsitti akka himanitti,teessoo xiyyaarota harka walakkaa oli imaltootni ni guutu jedhanii abdatu.
Kana malees, imaltoonni akka walirraa hiiqan jajjabeessina jedhan.
Addunyaarratti ogeeyyii fayyaa 100,000 bilisaan/kaffaltii malee gara qe’eesaaniitti deebisuuf daandiin xiyyaaricha waadaa seene.
Naayijeeriyaatti hoteelotni labsii weerara koroonaavaayirasii ittisuuf bahe darban diigaman
Naayijeeriyaatti bulchaan kutaa Riivars Nesoom WiIkii kaleessa wayita hootelli diigamu dhaqanii ilaalaa turan.
Namoonni murtoo fudhatame kana miidiyaalee hawaasarratti dhiyeessuun qeeqan.
Bulchaan kutaa kibba biyyatti kun garuu, Namoonni vaayirasichaan qabaman baay'een hoteelotatti argamanii jechuun falmatan.
Haata’u malee, hoteelota lamaan diigaman keessatti namoonni vaayirasichaan qaban argamuu ilaalchisee yaada dhiyeessan hin qabani.
Itti gaafatamtoonni hoteelota lamaniis mana hidhaatti ergamaniiru.
Kutaa bulchinsa Naayijeeriyaa kanatti namoonni 21 koronaavaayirasiin qabamaniiru, namoonni lamas sababa kanaan du’uutu ibsame.
Guutummaa Naajeriyaatti namoonni 4,399 vaayirasichaan wayita qabaman,namoonni 143 du’an.
Kun otoo haala kanaan jiru, bulchaan magaalaa Leegoos namoonni yoo waliirra hiiqu dhiisan uggurri sochii namaa daaangessee ture deebi’ee akka eegalamu malu akeekkachisan.
Raashiyaatti namoonni Covid-19n qabaman kan UK fi kan Xaaliyaanii caale
Baayyinni lakkoofsa namoonni Raashiyaa keessatti Covid-19n qabaman kan biyya Uk fi Xaaliyaanii caaluu himame.
Raashiyaan biyyoota addunyaa namoonni baayinaan keessatti vaayirasii Kanaan qabaman keessaa sadarkaa sadaffaa irratti kan argamtu yoo ta’u, sa’aatiiwwan darban 24 keessatti qofa namoonni 11,656 Covid-19'n qabamunsaanii gabaafameera.
Hanga ammaattis baayyinni lakkoofsa namoota 221,344 gaheera. Kanneen keessaa namoonni 2,009 ta’an sababiidhuma Kanaan lubbusaanii dhabaniiru.
Biyyoota akka Ameerikaafi Ispeen keessatti lakkoofsi baayyina namoota dhibee Kanaan qabamanii kan caalu yoo ta’u haalli guyyaa guyyaa galamaa’a jiru garu kan Raashiyaa haalaan dabalaa dhufeera.
Raashiyaa biyyi lakkoofsa namoota guyyaa guyyaan qabamanii itti dabalaa jiruus uggura sochii keessee boruu xumurama.
Kana ilaalchisees pirezidaantiin biyyatti Vilaadmiir Putiin haasaa akka taasisan eegamaa jira.
Tuuniziyaatti namni haaraan Covid-19 qabame hin jiru
Tuuniziyaan erga jalqaba ji’a Bitootessaatii as namni haaraan koronaavaayirasiidhaan qabame hin jiru jette. Mootummaanis uggura sochii ni laaffisa jedheera jechuun Rooyitarsi gabaaseera.
Biyyi Afriikaa Kaabaa tun Bitootessa 2 ture namni jalqabaa Covid-19 qabamuusaa kan ibste.
Hamma ammaatti namoonni 1,032 yoo qabaman 45 immoo du’aniiru.
Dhukkubsattoonni 745 kan bayyanatan yoo ta’u 11 qofti hospitaala jiraachuusaanii qondaaltonni ibsaniiru.
Tuuniziyaan torbee darbee kaasee uggura laaffisuudhaan hojiileen ijaarsaa, manneen nyaataa, tajaajiloonni geejjibaa fi hojjattoonni mootummaa walakkaan hojiitti akka deebi’an taasifteetti.
Giddu galli gabaa, suuqonni uffataa fi manneen rifeensaa har’a banamu.
Mootummaan diinagdeen biyyattii %4.3 gad bu’uu mala jedheera. Kunis eega walabummaa biyyattii bara 1956 as isa xiqqaadha.
Seektarri tuurizimii doolara biiliyoona 1.4 ni dhaba akkasumas bara kana namoonni 400,000 hojii dhabdoota ta’uu malu jedheera Rooyitarsi gabaasa isaa keessatti.
Taphni Laaliigaa Ispeen adda citee ture Waxabajjii 12, 2020 itti fufa
Taphni Laaliigaa Ispeen Waxabajjjii 12, bara 2020 irra deebiin akka jalqabu pirezidaantiin Laaliigaa Haviyer Tebaas himan.
Dorgommiin Laaligaa Ispeen ji’a Bitootessaarraa jalqabee sababii weeraravaayirasiitiin adda citee ture.
Taphattoonni shaakala idileetti akka deebi’anii fi dorgommichas iddoo daawwattootni taphaa kallattiin hin argamnetti gaggeessuuf torban darbeerra eegalee taphattoota fayyummasaanii sakatta’uun eegalameera.
Taphattoota ramaddii olaanaa qorataman keessa shanan isaanii vaayirasichaan qabamuun Dilbata kaleessaa mirkanaa’eera.
Pirezedantiin liigichaa Haaviyeer Tebaas, yeroo taphni eegalamu carraan taphattoonni vaayirasichaan qabamuu akka hin jiraanneef sakatta’iinsi kun eegalamu dubbatan.
Ispeen biyyoota Awurooppaa vaayirasichi hedduu miidhe keessa tokko, garuu tibbana sochii ugguraa dabarsite laaffisaa jirti. Lakkoofsi namoota guyyaan du’aniis xiqqaataa dhufeera.
Bundisliigaan Jarman sanbata fuuldura keenyaa kana ni eegalama jedhamee eegama.
Keeniyaan namoota 7,000 sababa weerara vaayirasiin mana hidhaatii gadhiifte
Weerarri koronaavaayirasii Keeniyaatti erga mul’atee asitti hidhamtoonni kun gadhiifamu ministirri dhimma biyya keessaa Firiid Matiyaangi himaniiru.
Ministirichi akka himanitti,namoota mana hidhaa Naayirobiitti argamu keessa turan lamarratti vaayirasichi argamee ture.
Akka midiyaan biyyattii Citizen TV’n gabaasetti ,namoota mana hidhaa keessa jiran hunda qorachuun jalqabameera.
Magaalaa guddoo biyyatti Naayiroobii dabalatee, Mombaasaa fi magaalota biroo biyyatti lama kan biroo keessattis sochiin namaa torbanoota lamaan dhufaniif ugguramuun itti fufa.
Keeniyaatti amma yoonaatti namoota 672 koronaavaayirasiin kan qabe yoo ta’u, lubbu namoota 32 galaafateera.
Sabbataatti namni osoo farda qalaa jiruu argame to'atame
Amma nu gahe, , Itoophiyaan hanga ammaatti namoota 36,624 qorattee 250 Covid-19n qabamuu mirkaneessite
Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbe keessa qorannoo namoota 1,764 irratti taasifame keessaa namoota 11 irratti koronaavaayirasiin argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Biyyattiin walumaa galatti namoota 36,624 ta'an qorattee keessaa 250 kan ta'an irratti dhibeen kun argameera.
Kan har'a koronaavaayirasiin irratti argame keessaa shan seenaa imala biyyaa alaa kan qaban yoo ta'u, ja'a ammoo namoota kanaan dura dhibee kanaan qabaman waliin walitti dhufeenyan kan qabanidha.
Yeroo ammaa namoonni 138 adda baafamanii wallaansi kennamaafii kan jiru yoo ta'u, kan har'aa 6 dabalatee walumaa galatti namoonni 105 dhibee kanarraa dandamataniiru.
Yeroo ugguruu keessa dubartoonni attamiin dhiira isaan miidhu waliin turu?
Baatii Ramadaanaa keessa maal akka raawwatamu quba qabduu?
Tibbi kun baatii Ramadaanaa kan hordoftoonni Islaamaa fuula Rabbii fuuldura kadhannaan itti turaniifi hojiiwwan qulquulluu ta'an hedduu itti raawwataniidha.
Namoonni haala kana sirriin hinbeekne mee ibsituu asiin gadii kana ilaalaa.
Warra soomaa Ramadaanaa irra jirtaniif amma ji'a Ramadaanaa gaarii isiniif hawwiina.
DR Koongootti namoonni Covid-19 qabaman 1,000 darbe
DR Koongoo keessatti namoonni koronaavaayirasiin qabaman 1000 caaleera.
Magaalaa guddittii Kinishaasaanis magaalaa vaayirasichi keessatti haalaan tatamsa’e taateetti.
Hamma ammaatti namoonni 1,024 vaayirasichaan qaban keessaa 938 kan ta'an namoota magaalaa guddittii keessatti argamaniidha.
Biyyattiin namni jalqabaa koronaavaayirasiin qabamuu Bitooteessa 10 kan ifa goote.
Manneen Paarlaaman lamaa torbee darbe keessaa labsii muddamaa fayyaa guyyoota 15f akka dheertu raggaasisaniiru.
Pireezidant Félix Tshisekedi tatamsa’ina vaayirasichaa ittisuuf Bitooteessa 24 ture kan labsii yeroo muddamaa labsan.