Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Waayit Haawus hojjettoonni manichaa hundi akka 'maaskii' uffatan ajaje

Erga hojjettoonni gameeyyiin lama koronaavaayirasiin qabamanii as Waayit Haawus hojjettoonni manichaa hundinuu 'maaskii'akka uffatan ajajeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Weerarri vaayirasii Ameerikaatti ji'a darbe qofa namoota mil 20 ol hojii dhabsiise

    Ameerikaatti hojii dhabdummaan lammilee biyyatti harka 14.7'n saffisaan guddate.

    JI'a Eeblaa darbe keessaa qofa lammileen biyyattii miliyoona 20.5 ta'an hoji dhabdoota ta'aniiru.

    Ji’a lama dura garuu hoji dhabdummaan harka 3.5 ture, wayita sanatti hojii dhabdummaan waggoota 50 keessatti gadi-aanaa ta'un ibsamee ture.

    Weerara vaayirasii biyyatti miidhe hordofuun diinagdeen Ameerikaa qorre.

    Bara 1930 keessa kufaatii dinagdee hamaa tureen asitti kufaatii dinagdee hamaatu biyyatti mudate.

    Dinagdee dilbii biyyoota addunyaa hundaa caalu kan qabdu Ameerikaan, ammatti sababa weerara vayirasiitiin rafama keessa jirti.

    Torbanoota jaha darban keessa lammileen biyyattii miliyoona 33 ta'an faayidaa hoji dhabdootaaf kennamu argachuuf iyyataniiru.

  2. Singapoor ittisa weerara Covid-19'f saroota roobootii bobbaafte

    Ittisa weerara koronaavaayirasii ilaalchisee teeknooloojiitti dhimma bahuun milkaa'aa kan jirtu Singaapoor amma ammoo saroota roobootii bobbaafte.

    Robootiiwwan SPOT jedhaman kunneen paarkiiwwan keessatti namoonni qajeelfama walirraa fagaachuu hordofaa akka jiran to'atu.

    Namoonni gamaanumaan sodaan rom'aa jiru jedhameera.

    "Waa balleessitee gaafa roobootiin saree si ari'u yaadi," jedha lammiin biyyattii tokko.

    Haa ta'u malee roobootiiwwan kunneen ammatti eenyuyyuu hin ari'an jedhameera.

    Olii gadi deemanii viidiyoo waraabuufi ergaa namni akka walirraa siqu yaadachiisu dabarsuu qofa.

    Kaameera lakkoofsa namoota naannoo isaa jiranii tilmaamus ofirraa qaba jedhameera.

    Guyyaa har'aa yeroo jalqabaaf kan bobbaafaman yoo ta'u sirnaan dalaguu isaanii mirkaneessuuf qondaalli poolisii waliin bobbaafama.

    Karoorri fuulduraaf jiru ofumaan kophaa bobbaafamuu akka danda'udha.

  3. Weerarri vaayirasii 'dambalii jibbaa gadi dhiise' jedhan Gutereez

    Barreessaa Olaanaan Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez sanyiiin wal qoodu weerara vaayirasiin walqabatu balaaleffatan.

    ‘Weerarri vaayirasii dambalii jibbaa fi sanyiiin wal qoodu dammaqse’ jedhanii ganama kana dubbatan.

    Gutereez godaantonni fi kolu-galtummaa baqattoonni barbaadan caalaatti rakkina kanaan miidhamuu jedhan.

    ‘Namoonni kunneen akka madda vaayirasichaatti ilaalamanii wal'aansa fayyaas dhorkaman’ jedhan.

    Wayita dubbatan otoo maqaa biyya kamu hin waamiin qeeqa kana dhiyeessun, hambisuuf tattafachuu qabna jedha.

    Barreessaa Olaanaan Biyyoota Gamtoomanii miidiyaaleen qabiyyee jibbinsa sanyummaa addatti namoota qoodan, moggaatti namoota dhiibanii fi hammeenya of keessaa qaban hambiisuu qabu jedhan.

    Itti dabaluunis, jaarmiyaleen barnootaa namoonni odeeffannoo karaa toora intarneetii tamsa'an ilaalchisee hubannoo akka qabaatu akka hojjetan dhaamaniiru.

  4. Ameerikaan Itoophiyaatti to'annoo weerara Covid-19'f deeggarsa miiliyoona 37 godheera jette

    Mootummaan Ameerikaa erga weerarri Covid-19 Itoophiyaa seenee to’annoofi ittisa weerara kanaaf deeggarsa doolaara miiliyoona 37 gochuu isaa beeksise.

    Ibsa Imbasiin Ameerikaa Finfinnee jiru baaseen Ejeensiin gargaarsa Idila Addunyaa Ameerikaa(USAID) fi Gidduugalli To’annoo Dhibee (CDC) dhaabbilee Itoophiyaa duula to’annoo Covid-19 irratti hojjetan waliin hojjechaa jiraachus beeksise.

    Ambaasaaddar Maayik Raaynar ‘‘wayita weerara kanaattis ta’u isaan booda michuu Keenya Itoophiyaa fi michuuwwan keenya biroofis hegeereen ifaa akka dhufu ni hojjennaa’’ jedhan.

    Ameerikaan waggoota 20 darban hojiilee garaagaraa maallaqaa doolaara biiliyoona 13'tti tilmaamamu Itoophiyaatti hojjechuufi biiliyoona 4 kan ta’u gama Fayyaan hojjetamuu Imbasichi ibseera.

  5. Raashaatti namoota 10,000 oltu guyyaatti koronaavaayirasiin qabamaa jira

    Biyyi Raashiyaa akka himteetti guyyaatti namoota vaayirasichaaan qabaman 10,699 galmeessite.

    Walumaagalatti guyyoota jahan darbaniif namoonni haaraan guyyaatti qabamu kuma 10 ol ta’u himame.

    Biyyattiin hanga ammaatti waliigalatti namooti 187,859 vaayirasichaan qabamuun isaanii beeksifte jirti.

    Kana malees namootti 1,723 ta’an Covid-19 kanaan lubbu dhanuun hinmameera.

    Akkasumas Raashaatti hojjattoonni hospitaala ‘maaskii malee hojjatu’ jedhameera.

    Koronaavaayirasiin bulchinsawwan Raashiyaa keessa hanguma babalataa adeemeen, hospitaaloonni duraa dullooman hanqinni meeshaalee madataa jira.

    Sababii kanaanis bakka infekshiniin keessa tatamsa’u ta’aa jira.

    Kanumaan walqabatees lakkoofsi hojjattoota fayyaa dhukkubsataniifi du’aanii dabalaa jira.

    Pirezidaanti Vlaadmiir Putiin hanqiinni meeshaalee ittiin of eeganii jiraachu amananiiru.

    Garuu ammayyu, hojjattoonni wallaansa fayyaa Raashiyaa baayyeen meeshaaleof eeggaannoo gahaa malee hojjachaa jiraachu isaanitiif ifatti dubbachuuf sodaachu himu.

  6. Naayijeeriyaatti namni maaskii hin godhanne ni adabama jedhame

    Lammiileen Naayijeeriyaa naannoo Oguun jiraatan bakkeewwan hawaasi walitti heddummaatutti yoo maaskii hin godhanne ni adabamu jedhan dubbi himaan poolisii Abiimboolaa Oyeeyeemi.

    Naannichi bakkeewwan vaayirasichi haalaan tamsa’e keessaa isa tokkoo yoo ta’u uggura guyyaa 35’f ture kan torbee darbe xumurame keessa ture.

    Tatamsa’inna koronaavaayiras ittisuuf bulchaan Daapo Abiiyiduun maaskii godhachuun dirqama jedhaniiru.

    Tarkaanfi kunis Caamsaa 1 irraa hojiirra kan oole yoo ta’u qondaaltonni naanichaa namoonni hojiirra oolchaa hin jiran jedhan.

    Poolisiin dhuma torbee kanaarraa hojiirra ni oolfama jedheera. Namoonni to’ataman hojii hawaasummaa hojjachaa guyyoota 14’f adda baafamu jedheera.

    Naannoo Oguun hamma ammaatti namoonni 100 vaayirasichaan qabamaniiru.

  7. Amma nu gahe, Itoophiyaatti dubartoonni sadi koronaavaayirasiin qabaman

    Qorannoo sa'aatii 24 darban keessaa saamuuda namoota 1861 irratti taasifameen namoota sadi irrati vaayirasiin argamu Ministirri Fayyaa beeksise.

    Namoonni vaayirasichaan qabaman sadanuu dubartoota umuriinsaanii waggaa 23-33 jidduutti argamuufi jiraattoota Magaalaa Finfinnee ta’uu beeksise ministeerichi.

    Akkasumas namoota kanneen keessa lamaan isaanii nama kana dura vaayirasichaan qabame waliin hidhata kan qaban yoo ta'u, kan ishee tokko ganaa qoratamaa jiraachuutu himame.

    Walumaagalattis Itoophiyaatti lakkoofsi namoota qorannoodhaan vaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa’ee 194 gahuu Minitirri Fayyaa beeksise.

    Gama biraatinis namoota lama kaleessa Finfinneefi naannoo Oromiyaatti fayyan dabalate, walumaagalatti namoonni 95 dhukkubicha irraa bayyanataniiru.

    Walumaagalatti hanga ammaatti saamudi namoota 30,304 irraa fudhatamuun kan qoratame yoo ta’u, namoonni dhukkuba kanaan boqatan ammoo afur.

  8. Kantiibaan Moqaadishoo namoonni koronaavaayirasiin du'an gabaafamaa jiraachuu shakkan

    Kantiibaan Magaalaa guddoo Somaaliyaa, Moqaadishoo magaalattiitti namoonni 500 ta’an torban lamaan darban keessa kan du’an yoo ta’u,namoonni kunneen tarii Covid-19 kan du’an ta’u hin oollee jedhee amana jedhan.

    Mootumman federaalaas hanga ammaatti namoota vaayirasichaan qabaman 928 keessaa du’aatii namoota 44 kan mirkaneesse yoo ta’u, garuu Kantiibaan Moqaadishoo Omaar Filish lakkoofsi dhugaa kan jedhameen ol ta’uu akka danda’u BBC’tti himan.

    ‘’Godina Baanaadir keessatti reeffa namoota awwaalamanii lakkoofneerra. Kanas erga wallaakkeessa baatii darbeetii qabnee raawwataa jirra. Harra qofaattis nammoota 33 du’u galmeessine. Lakkoofsi guyyaatti galmeessine olaanaan 49 yoo ta’u xiqqaan 22 ture,’’ jedhu.

    Hojjattoonni lafa awwaalchaa Moqaadishoo akka jedhaniitti lakkoofsi awwaalchaa dabalaa jira. Guyyaatti boolla gara 22 qotu.

    Hojjattoonni fayyaas yaaddoo Kantiibichaa qooddatu.

    Waldaan Wallaansa Somaaliyaas uggurri yoo hin kaa’amneefi hojjattoonni fayyaa deeggarsa barbaachisu hinargannee ta’e du’aatii hedduun mudachuu akka malu akekkachiisaniiru.

    Somaaliyaan wal waraansa waggoota dheeraaf keessa turteen wal qabatee biyya sirna fayyaa dadhabaa qaban keessa tokkoodha.

    Siree kunuunsa fayyaa hordoffii cimaa 20 gadi qofa kan qabdu yoo ta’u, dhukkubsattoota koronaavaayirasiin qabaman wallaanuuf hospitaala motummaa tokko qofaatu qophaa’e..

  9. Hojjattoonni mana bulchaa Motummaa Leegoos 10 Covid-19n qabaman

    Naayijeeriyaatti hojjattooni dallaa lafa jireenyaa buulchiinsa Motummaa Leegoos keessa hojjatan 10 koronaavaayirasiin qabaman.

    Bulchaan Magaalaa Leegoos Baabaajide Saanwo-Olu fi haatii warraa isaanii garuu irra deebiin yeroo sadiif qorataman illeen vaayirasichi irratti hinargamne, akka komishinarri fayyaa bulchinsichaa Akin Abaayoom himaniitti.

    Hojjattoonni vaayirasichaan qabaman 10 kunneenis ammoo jiddugala adda baafamuun keessa turamuutti wallaanamaa jiraachusaanii Profesar Abaayoom karaa ergaa tiwitaraatiin himan.

    Kana malees hojjattoonni bakka jireenyaa bulchaa kanaa keessa hojjatan hundinuu qoratamaniiru jedhame.

  10. Afriikaatti namoonni 190,000 sababa Covid-19 du’uu danda’u jedhe WHO

    Tarkaanfiwwan fudhataman yoo bu’aa hin buusne ta'ee koronaavaayirasii Afriikaa keessatti namoota 190,000 ta’an ajjeesuu danda’a jedhe Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO).

    Lakkoofsi kunis meeshaalee fayyaa ardicha keessatti argaman irratti dhiibbaa uumuu danda’a jedha qorannoo haaraa dhaabbatichi taasise tokko.

    Afriikaatti Daayirektarri WHO Matshiidoo Moo’eeti akka jedhanitti, vaayirasichi Afriikaa keessatti suuta suutaan tatamsa’aa jiraatus weerarichi yeroo dheeraadhaaf akka turu taasisuu danda’a jedhan.

    “Koronaavaayiras akka biyyoota Afriikaan alatti jiran keessatti saffisaan tamsa’aaru sanitti Afriikatti tamsa’uu dhabuu danda’a garuu biyyoota Afriikaa yeroo kanatti lakkoofsa guddaa qaban keessatti yeroo dheeraa turuu danda’a,” jedhan Dr Moo’eeti.

    Dhaabbichi biyyoonni Afriikaa sirna fayyaasaanii akka jabeessan dhaameera.

    “Mootummootaan tarkaanfiiwwan jajjaboon yoo hin fudhatamnee Covid-19 waggoota dhufan hedduuf jireenya keenya jijjiiru danda’a.''

    Kanaafuu ''Qoranoo taasisuun adda baasuu fi yaaluun nurraa eeggama,” jedhan Dr Moo’eeti.

  11. Liqaan Yugaandaan ittisa Covid-19'f gaafatte doolaarri mil. 491 mirkanaa’eef

    Dhabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) liiqaa Yugaandaan ittisa koronaavaayirasiif gaaffattee dolaara miliyoona 491 mirkanneesseef..

    Kunis dinagdeen biyyattii wallaansa weerara koronaavaayirasii ittisuuf taasifamu akka dandamatuuf gargaaruufiidha.

    Dhaabbanni idil-addunyaa liiqaa kennu kunis haalli dinadgee sababii Covid-19n dadhabes ‘’haala sassaabbii galii fi baasii biyyootaa irratti dhiibbaa olaanaa geessisa,’’ jedheera.

    Dhaabbanni Waashingitaniitti bu’ureffate kunis maallaqni kun Yugaandaan akka dhaabbilee fayyaatiif deeggarsa taasistuufi dinadgee akka tasgabbeessuun, hawaasa maallaqaa idil addunyaa biyaa akka dabalata argattuuf ni gargaara jedheera.

    IMF dinagdeen Yugaandaa weerara Covid-19 kanaan garmalee miidhaamuu kan hubate yoo ta’u, keessattu u dameewwan dinagdee kan akka turizimii, geejiba, ijaarsa, warshaaleefi qonnaa balaarra jiru jedheera.

    Kana malees maallaqni lammiilee Yugaandaa biyya biraatti hojjataniin garas ergamu gadi bu'uun akkasumas kufaatiin diinagdee addunyaas invastimantii biyya alaatii galu miidheera.

  12. Baangilaadish uggurri sochii uummataa laaffannaan masjiida bante

    Biyyi lammiileenshee 12,000 koronaavaayirasiin qabamanii 200 kan ta'an du'an Baangilaadish wayita uggurri sochii uummataa laafaa jirutti masjiidota bante.

    Namoonni hedduunis amma masjiidatti walga'anii salaatuu eegalaniiru.

    Ji'a tokkoo oliif cufamanii kan turan masjiidonni kunneen wayita banaman garuu of eeggannoo koronaavaayirasiif wantoota barbaachisan hin guuttanne.

    Masjiidonni hedduun waan ittiin harka qulqulleeffatan (sanitizer) hin qopheeffanne, namoonni gara masjiidaa deemaanis maaskii hin godhanne.

    Ebla darbe keessa imaammi masjiidaa tokko namoota 20 ol ta'an erga salaachisee booda koronaavaayirasiin qabamuunsaa gabaafamee ture.

    Ergasii namoonni akka mana turanii fi gara masjiidaa heddumminaan akka hin deemne mootummaan ajajee ture.

    Masjiida guddicha Makkaa dabalatee bara kana ji'a ramadaanaa keessas ta'e yeroo biroos namoonni heddummaatanii gara masjiidaa deemanii akka hin salaanne dhorkameera.

    Ramadaana keessa hawaasi muslimaa hawwiidhaan kan eegu salaati taraawiillee masjiidatti akka hin taane godhameera.

  13. Chaayinaan madda Covid-19 qorachuuf WHO bira nan dhaabadha jette

    Chaayinaan madda koronaavaayirasii qorachuu keessatti Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) waliin kan hojjettu ta’uu beeksiste.

    Haa ta'u malees, qorannoon gaggeeffamu qorannoo saayinsaawaa malee ajandaa siyaasaa qabatee kan deemu ta’uu hin qabus jetti.

    Ameerikaan maddi vaayirasichaa miliqfamuu fi weerarri kun to’atamuu dhabee adunyaatti faca’uu isaaf irra deddeebiin Chaayinaa komachaa turte.

    Chaayinaan garuu himannaa irratti dhiyaatu kana haalteetti.

    Dhiyeenya kana ammoo inumaa vaayirasichi jalqaba kan dhalate Chaayinaan alatti ta’uu ibsaa turte.

    Dubbi himaan ministeera dhimmi alaa Chaayinaa, Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompeyoo dhugaa haalanii, sobaaf loogan jechuun komatan.

    Ragaa amma jiruun Chaayinaan keessatti guyyaatti nama tokko qofarratti argame, dheengadda ammo nama lama qofarratti argame.

  14. Furdinni garmalee carraa koronaavaayirasiin qabamuu dabalaa?

    Furdina garmalee qabaachuun balaa dhukkuboota akka kaansarii, dhukkuba onneefi sukkaaraa akka dabalu beekamaadha.

    Akkasumas qorannoon haaraan tokko furdinni garmalee koronaavaayirasiin qabamufis balaa akka qabaatu himameera.

    Kunis sababii namoonni ammuma furdataa deemanii, baayyinni cooma qaamasaanii keessatti waan hedduummatuuf, dandeettiin somba nama Sanaa gadi bu’aa adeema.

    Kana jechuunis namni baayyee furdaan oksijiinii gara qaamasaa keessatti fudhachuuf nama kaan caalaa baayyee rakkata.

    Haaluma kanaanis tibba weerara akka koronaavaayirasii kanattis balaa cimaa nama sanarraan qaqqabsiisuu danda’a.

    ‘’Dhumarratti, qaamni garmalee furdaan oksijiinii qaama hundaan geessisuurratti dandeettiinsaa waaan hirratuuf baayyee rakkata,’ jedhu Dr Dyaan Selaayaah Yunivarsitii Riidingi irraa.

  15. Facebook fi Google hojjettootni isaanii hanga dhuma bara kanaatti manaa akka hojjetan murteessan

    Feesbuukiifi Guugil hojjettootni isaanii hanga dhuma bara kanaatti manaa akka hojjetan murteessan

    Dhaabbatootni teeknoolojii gurguddoon kun sababa Koroonaavaayirasiin manneen hojiii hedduu cufanii namuu manaa akka hiojjetu ajajanii kan turan yoo ta'u, ji'oota dhufan keessatti waajiraalee isaanii banuuf karoorfataniiru. Ta'uus hojjettootni hedduun manaa hojjechuu itti fufuu jedhaniiru.

    Google ji'a amma keessa jirru waajira isaa banuuf ture. Facebook gama isaan karoorri isaa ji'a dhuftuutti waajiraalee isaa banuu ture.

    Facebook dhaabbilee hojjetootni isaanii manaa akka dalagan ajajan keessaa kan jalqabaa yoo ta'u, manaa hojjechuu isaaniifis hojjetootaaf maallaqa dabalataa( boonasii) $1000 kenneera.

  16. Ashamaa Hordoftoota keenyaa!

    Gabaasa kallattiin yerooo kanaa qabee odeessaale garaagaraa biyya keessaa, biyyoota ollaa fi addunyaa guutuu isin biraan gahuu itti fufna. Nu hordofaa yeroo gaarii qabaadhaa.

  17. Obbaasne!

    Gabaasa kallattii kan har'aa asumarratti goolabne.

    Boru walitti dachaana, Horaa bulaa!

  18. Miidiyaaleen Chaayinaa madda koronaavaayirasirratti ‘qoccollaa’ Ameerikaatti duulaa jiru

    Ameerikaa fi Chaayinaa jidduu waraanni jechoota akkuma itti fufetti jira. Pireezidanti Tiraamp Koronaavaayiraiin haleellaa jabaa amma dura Ameerikaarra gahee hin beeknedha jedhanii kanaafis Chaayinaatti quba qaban.

    Miidiyaaleen Chaayinaa ammoo yaada qondaalonni Ameerikaa koronaavaayirasiin kutaa yaalii Wuhaan keessaa miliqee bahuu dubbatanitti duula jiru.

    Keessattu yaada Ministirri Hajaa Alaa Ameerikaa Maayik Poompeyoon dhiyeessan irratti xiyyeefatan.

    Gulaalaan gaazexaa 'Global Times' Hu Jiin akkas jedhe:

    ‘Namoonni Ameerikaa fi Awurooppaatti jalqaba vaayirasichaan qabaman reefu argamaa jiru kanaafuu bulchinsi Tiraamp ka’umsa vaayirasichaarratti Chaayina himachuun itti ulfaataa’ jechuun qeeqe.

    Kantiibaan magaala Ameerika Niwujeersii osoo vaayirasichi Chaayinaa magaalaa Wuhaanitti hin argamiin ji’a tokko dura ‘vaayirasichi na qabeera’ jedhani dubbachuusaanii hordofuun Hu Jiin qeeqa kana dhiyeessan.

    Dubbi himtuun Ministeera Hajaa Alaa Chaayinaa kaleessa ‘qoccollaa weerara vaayisichaarratti dhiyaatu uummatni Chaayina lammaffaa hin simannuu,‘ jedhan.

    Yaada Poompiyoon vaayirasichi kutaa yaalii keessaa akka hin baane guutammatti hin ammanne jechuun dubbachuusaanii caalaa maaliif lubbuu namoota kuma dhibbatti laakka’amanii du’arraa hambisuurratti hin hojjanne jechuun qeeqxi.

  19. Keeniyaan baasii namoota addaatti tursifamanii kaffaluu eegaluufi

    Mootummaan Keeniyaa baasii namoota koronaavaayirasiin qabamanii addaatti tursiifamanii kaffaluu akka eegalu hime.

    Tarkaanfichi namoonni otoo hin sodaatiin akka qorataman jajjabeessuudhaafi.

    Namoonni hedduun yoo vaayirasichaan qabamne iddoo tursiisaa gatiin isaa qaalii ta’etti nu ergu jedhanii sodaatu.

    Iddoon tursiisaa mootummaan qopheesse halkan tokkootti yoo xiqqaate doolara 20 nama tokko kaffalchiisu.

    Weerarri vaayirasicha biyyatti keessatti erga eegalee namoonni hedduu iddoo addaatti fo’amanii tursiifaman keessa akka bahan itti himamullee, maallaqa kaffalan dhabanii yeroo dheeraaf achitti ugguramani turu.

    Torban muraasa dura namoonni kaffaltiin nutti hammaate jedhanii komatan iddoo tursiisa keessaa miliqanii baha turan.

    Kaanis gamoo guddaarraa foddaarraan gadi utaalla jedhanis mufiisaani himatan jiru.

    Keeniyaatti namoonni 607 vaayirasichaan yoo qabaman, namoonni 197 bayyanatanii, 29 lubbuu dhabaniiru.

  20. Taphni Bundasliigaa Jarmanii Sambata achi aantu eegalama

    Sababa weerara vaayirasiiin Bitootessa 13, bara 2020 irraa eegale addan citee ture.

    Caamsaa 16 wayita eegalamu kanatti daawwattoonni akka yeroo kaanitti taphattoota jajjabessuuf garuu hin carroomne, istaadiyeemii hin seenan.

    Dorgommichi liigii tapha kubbaa miilaa biyyoota Awurooppaa weerara dhibeetiin adda citee dorgomiitti deebi'e isa duraati.