Weerarri vaayirasii Ameerikaatti ji'a darbe qofa namoota mil 20 ol hojii dhabsiise
Ameerikaatti hojii dhabdummaan lammilee biyyatti harka 14.7'n saffisaan guddate.
JI'a Eeblaa darbe keessaa qofa lammileen biyyattii miliyoona 20.5 ta'an hoji dhabdoota ta'aniiru.
Ji’a lama dura garuu hoji dhabdummaan harka 3.5 ture, wayita sanatti hojii dhabdummaan waggoota 50 keessatti gadi-aanaa ta'un ibsamee ture.
Weerara vaayirasii biyyatti miidhe hordofuun diinagdeen Ameerikaa qorre.
Bara 1930 keessa kufaatii dinagdee hamaa tureen asitti kufaatii dinagdee hamaatu biyyatti mudate.
Dinagdee dilbii biyyoota addunyaa hundaa caalu kan qabdu Ameerikaan, ammatti sababa weerara vayirasiitiin rafama keessa jirti.
Torbanoota jaha darban keessa lammileen biyyattii miliyoona 33 ta'an faayidaa hoji dhabdootaaf kennamu argachuuf iyyataniiru.