Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Waayit Haawus hojjettoonni manichaa hundi akka 'maaskii' uffatan ajaje

Erga hojjettoonni gameeyyiin lama koronaavaayirasiin qabamanii as Waayit Haawus hojjettoonni manichaa hundinuu 'maaskii'akka uffatan ajajeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Hojii kiyya waanan hojjedheef qofan Covid-19'n shakkame'

  2. Libaanos guutummaan guutuutti sochii dhorkite

    Kaabineen Libaanos biyyattii keessatti Roobii sa’aatii 19:00 (akka biyyaatti halkan keessaa sa’aatii tokko) irraa kaasee hanga Wixata 05:00 (akka biyyaatti obboroo sa’aatii 11:00)tti “guutummaan guutuutti” sochiin dhorkamuu labsaniiru.

    Akka ragaan Yunvarsiitii Joon Hopkiins agarsiisutti biyyattii keessatti namoota 870 irratti koronaavaayirasiin argamuun mirkanaa’eera.Namoonni 26 ta’an ammo sababa vaayirasii kanaatiin du’aniiru.

  3. Tujaarri Angolaa qabeenyi jalaa qabame akka gadhiifamu gaafatte

    Dubartii tujaarri lammii Angolaa Isaabel Saantoos qabeenyi Angolaa fi Poorchugaalitti akka hin sochoneef jalaa qabame akka gadhiifamu gaafatte.

    Isheen akka jettuutti, manni murtii fi mootummaan ragaa dharaa uumanii dhiyeessuun na himatanii jetti.

    Intalli pirezedantii duraanii Angoolaa kun qabeenya dhaabbata boba’a biyyatti doolara biliyoona tokko qisaasessuu keessa qooda qabdi jedhamteti jalqaba bara kanaa himatamte.

    Sababa kanaan qabeenyi horatte akka hin sochoone jalaa dhorkamee ture.

    Isaabel Saantoos himannaa irratti dhiyaate dhara jettee haalaa turte

  4. 'Komishinoota hundeessuun aangoon MM Abiyyi waggaa tokkoof dheeressuun furmaata'

  5. Dubbi himaan pirezedant Vilaadimiir Puutiin koronaavaayirasiin qabaman

    Dubbi himaan pirezedant Vilaadimiir Puutiin, Dimeetirii Peeskoov, koronaavaayirasiin qabamuu midiyaaleen biyyatti himaniiru.

    Peeskoov hospitaala Mooskootti geeffamuu ofiisaanii dubbataniiru.

  6. Wayita weerara Covid-19 kanatti namoonni 500,000 HIVn du'uu malu jedhe WHOn

    Mootummoonni addunyaa tarkaanfii barbaachisaa hin fudhatan taanaan, bara kanaafi bara dhufu keessa, osoma weerarri koronaavaayirasii addunyaa qoraa jiruu, namoonni miiliyoona walakkaa ol ta'an biyyoota Sahaaraan gadii keessaa HIV'dhaan du'uu malu jedha, Dhaabbati Fayyaa Addunyaa.

    Akka xiinxalli dhaabbatichaa ibsutti dhiibbaa ji'oota ja'an darban keessa mudateen duuti sababa HIV/AIDS'n mudatu kan bara 2008 mudateetti deebi'aa jira.

    Bara 2008 keessa sabab AIDS'tiin Afriika keessaa namoonni 950,000 ol du'aniiru.

    Namoonni miiliyoona walakkaa ta'an ni du'u jedhamee tilmaamamuun seenaa hamaa kanaan dura dabarsinetti nu deebisa jedhan Daarektarri Olaanaa dhaabbatichaa Dr Teedroos Adhaanoom.

    Akka qondaalli kun jedhanitti sababa weerarri koronaavaayirasiitiin biyyoonni qorannoo fi wal'aansa dhibee AIDS dgachuu hin qaban.

  7. Raashiyaan UStti aantee biyya baayinna namoota Covid-19 irratti argameen lammaffaa taate

    Raashiyaan US'tti aantee biyya baayinna namoota Covid-19 irratti argameen lammaffaa taate.

    Kiibxata har'aa, sa'aatii 24 keessatti qorannoo gaggeeffameen namoota haaraa 10,899 irratti koronaavaayirasiin argameera.

    Hanga ammaatti lakkoofsi waliigalaa namoota Raashiyaatti qabamanii 232,000 qaqqabeera.

    Magaalaan guddoo Raashiyaa, Mooskoon, bakka weerarri Covid-19 itti hammaate yoo taatu magaalattii keessatti sa'aatii 24 darbanitti qofa namoota 5,000 irratti dhibeen kun argameera.

    • Dhaabbileen yeroo koronaavaayiras kanatti buufatan eenyufaadha'aa? Kan kasaaran hoo?

    • Ji'oota weerarri Covid-19 Itoophiyaa mudate keessatti jiruun narsootaa akkam ture?

    • Keeniyaan nama wallaansaaf hospitaala deemu mara koronaavaayirasii qorachuuf

      Aanga’oonni fayyaa Keeniyaa namoonni wal'aansa fayyaaf gara hospitaalaa deeman hunduu qorannoon koronaavaayirasii akka taasifamuufiif qabu beeksisan.

      Yaadni kun kan dhiyaateef ogeessota fayyaa vaayirasicharraa eeguuf, akkasumas tatamsa’ina isaa hir’suuf jedhameeti jedhan daarektarri dhimmoota fayyaa Paatiriik Hamoot.

      “Namoonni gara hospitaalaa deeman hundi isaanii akka qorannoon koronaavaayirasii taasfamuuf qajeelfama keenya keessa deebinee ilaalaa jirra.”

      Namoota hospitaala deeman qorachuun isaaniifi ogeessota fayyaa gargaaruu qofaaf osoo hin taane, namoota hospitaalatti wallaansarra jiraniifi warra dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu isaanii gad-aanaa ta’erraa vaayirasii kana ittisuuf gargaara jedhan daarektarichi..

      Murtoon kun kan ibsame wayita lakkoofsi namoota biyyatti keessatti vaayirasichaan qabamanii 700 qaqqabuun, namoonni 33 vaayirasichaan lubbu dhabuun gabaafametti.

      Magaalota gurguddoo biyyatti Naayiroobii fi Mombaasaa dabalatee, magaalota lama biroottis sochiin namoota ugguruun ammas itti fufeera.

    • Amma nu gahe, Itoophiyaan namoota 2,424 qorattee 11 irratti Covid-19 argamuu mirkaneessite

      Itoophiyaatti sa'aatii 24 darban keessa qorannoo laaboraatoorii namoota 2,424 irratti taasifame keessaa 11 irratti koronaavaayirasiin argamuu ministeerri fayyaa beeksise.

      Lakkoofsa hanga har'aatti guyyaa tokkotti qoratame keessaa kan har'aa kun isa gudaadha.

      Namoota Covid-19 irratti argame haaraa keessaa 8 naannoo Affaarirraa yoo ta'an, tokkoo tokkoo naannolee Tigiraay, Amaaraafi Somaaleetti ammoo nama tokkotu argame.

      Namoonni haaraa har'a koronaavaayirasiin irratti argame hundi isaanii seenaa imala biyya alaa kan qabanidha.

      Itoophiyaatti hanga ammaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irratti argamee 261 kan qaqqabe yoo ta'u, kan dandamatan ammoo 106 ta'eera.

      Koronaavaayirasiin Itoophiyaa keessatti erga argamee har'a ji'a lamaan isaati.

      Baatii lamaan kana keessatti lakkoofsi namoota qaqabmanii dabalaadhuma jira.

      Keessattuu, dhuma baatii Ebla irraa kaasee lakoofsi namoota vaayirasichaan guyyaa guyaan qabamanii baayyee dabalaa waan jiruuf of eeggannoo taasifamuu akka qabu ministeerri fayyaa akeekkachiisaa jira.

    • Jarman keessatti namoonni haaraan 1,000 Covid-19 qabaman

      Jarman keessatti namoonni 933 ta'an koronaavaayirasiidhaan kan qabaman yoo ta'u kunis lakkoofsa namoota qabamanii gara 170,508'tti ol guddiseera.

      Asiin dura namoonni guyyaa tokkotti dhukkubichaan qabaman 357 ture.

      Biyyattiin eega marsaa lammaffaaf uggura laaffiste booda lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii haalan hordofaa jirti.

      Lakkoofsi kuni sababa Sanbataa fi Dilbata lakkoofsi namoota qabamanii ifa waan hin godhamneef dabaluu hin oolu jedhama.

      Nmaoonni guyyaa tokkotti du'an gara 116'tti ol kan guddate yoo ta'u waluma galatti namoonni hamma ammaatti du'an 7,533 ta'eera.

    • Namoonni biyya biraa jiraatan maatiisaaniif maallaqa erguuf rakkataa jiru

    • Iraanitti masjidonni yeroodhaaf banaman

      Tarkaanfiiwwan mootummaan Iraan uggura laaffisuuf fudhataa jiru keessaa tokko masjidota yeroodhaaf irra deebiin banuudha.

      Salaataa ji'a Ramadaanaa keessatti galgala jamaadhaan salaatamuuf guyyoota sadiif banaa ta'u.

      Namoonni salaataaf deemanis of eeggannoo barbaachisu akka godhan gorfamaniiru.

      Itti fufinsaan banamuunsaanii ifa miti jechuun Fars news gabaaseera.

      Hogganaan waliigalaa Iraan Ayaatoolaa Kohameeniin qondaaltonni biyyattii fedhii namootaa akka eeganiif waamicha keessumaayyu ji'a Ramadaanaa keessatti.

      Iraan keessatti hamma ammaatti namoonni 109,286 vaayirasichaan yoo qabaman, 6,685 ammoo du'aniiru.

    • Kalaqa mana rifeensaatti tamsa'ina Covid-19 hir'isuuf kaayyeffate

    • Ibiddi hospitaala qabateen dhukkubsattoonni shan wal'aansarra turan du'an

      Balaa ibiddaa Raashiyaa hospitaala St Piitersibarg qabateen dhukkubsattoonni koronaavaayirasii wal'aanamaa turan shan du'uu isaanii burqaan oduu Raashiyaa gabaaseera.

      Balaan ibiddaa kun rakkoo elektiriikaa ventileetarii wal'ansaarratti uumameen qaqqabe.

      Balaan ibiddaa qaqqabe kunis yeroo ammaa kan to'atame yoo ta'u, namoonni 150 ta'an hospitaala sana keessaa baraaramuu isaanii ministiirri ittisa balaa biyyattee beeksiseera.

      Balaa kanaan namoonni meeqa akka madaa'an garuu ifa hin taane. Dhukkubsattoonni du'an shanan wal'aansa addaa keessatti ventileeteriin irra ture.

    • Bitooteessaa hanga Caamsaatti haalli Covid-19 Itoophiyaatti maal fakkaataa?

    • Seeneegaal manneen amantaa deebistee banuuf

      Seeneegaal har'a irraa kaastee uggura namoonni akka wal hin geenyee fi sochii keessee turte laaffisuuf jirti.

      Kanarraa ka'uun ammoo Masjiidonnii fi Bataskaanonni ni banamu.

      Baatii sooma Ramadaanaa kana Masjiidonni banaa akka ta'an kan ibsame yoo ta'u Bataskaanonnis amantoota isaaniif banaa ni ta'u.

      Sababii sochiin dhorkameenis gabaawwaniifi suuqiiwwan torban keessatti guyyaa muraasa qofa banamaa turan amma garuu torban guutuu akka banaman taasifamu.

      Pirezedaantiin biyyattii Maak Saal, buufata TV irratti bahanii ergaa dabarsaniin, "Lammileen Seeneegaal dhuunfaanis ta'e akka hawaasaatti of-eeggannoo taasisuun jireenya isaanii gaggeeffachuu jalqabuu qabu," jedhan.

      Seeneegaal keessatti hanga ammaa namoota 1,886 irratti vaayirasichi kan argame yoo ta'u, namoonni 19 ammoo dhibee kanaan du'aniiru.

    • Oromiyaatti wantoota tatamsa’ina Covid-19 ni hammeessuu jedhamanii sodaataman

    • Yugaandaa sodaa koronaavaayirasiif jecha filannoo dabarsuuf jetti

      Pirezidaantiin Yugaandaa Yuweerii Museveenii wayita weerara koronaavaayirasiin qoramaa jirru kanatti filannoo gaggeessuu jechuun maraatummaadha jedhan.

      Miidiyaa biyyasaanii NBS'tti akka himanitti weerarri kun hanga Adoolessa dhufuutti hin badu taanaan karoorri filannoo jalqaba bara 2021'tti gaggeessuuf qabame irra deebiin ilaalamee fooyya'uu qaba jedhan.

      Yugaandaa keessatti hanga ammaatti namoonni 122 ta'an koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta'u namni du'e garuu hin jiru.

      Tamsa'ina vaayirasichaa hir'isuuf jecha biyyattii keessatti uummanni akka walitti hin heddummaanne, akkasumas qaamoleen siyaasaa akka uummata walitti hin qabne dhorkameera.