Afrikaan 'galii lammileen alaa ergan $37bn dhabuu malti'
Galiin biyyoonni Afrikaa lammiileesaanii biyya alaa jiranirraa argatan bara kana 20%’n xiqqaachuu akka malu Baankiin Addunyaa hubachiise.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Tamsaasni keenya har'aa xumurame.
Dhimmoota bal'inaan dubbisuu dandeessan keessaa:
Namichi Iboolaa qabu badun isaa yaaddessaa ta’e
Chaayinaan of tuuluun walta’umsaaf ‘summiidha’ jechuu
Keeniyaatti namoonni adda baafamani turan mana dhugaatiitti argamani
Ameerikaatti namoonni mil 26.4 hojiisaanii dhabu
Lammiileen Itoophiyaa osoo daangaa cabsanii seenan to’atamuu
Afrikaatti busaan kan amma ajjeesu dachaatti ajjeesuu mala jedhe WHO
Pirezidantiin Madagaaskaar qoricha koronaavaayirasii argadhe jedhan
Awurooppaatti walakkaan bakka kunuunsi taasifamutti du’an jedhame
Mootummaan Ertiraa uggura yeroo hin beekamneef dheeresse
Itoophiyaan 965 qorattee vaayirasii irratti dhabde
Obboloota lakkuu weerarri dhibee garaagarummaa waggaa 100 keessatti lubbuu galaafate

Madda suuraa, CNN
Ibsa waa'ee suuraa, Filiip Kahaan Obbolaan lakkuun Filiip fi Saamueel Kahaan jedhaman Ameerikaatti bara 1919tti dhalatan.
Samu’eel dhalatee torbanuma tokkootti weerara qufaa Ispaanish Filuu jedhamuun bara sanattii bifa weeraraan ka'een du’e.
Weerarri koronaavaayirasi tibbana addunyaa walgahees obbolessa lakkuu lubbuun hafe, Filiip garaagarummaa waggaa 100 booda weerarri dhibee walfakkaatun ajjeese.
Obbo Filiip loltuu waraana addunyaa lamaffaarraa lubbuun hafan turan.
Weerarrii obboleessa isaanii ajjeese daa'imummaatti biraa ajjeese ,gaafa tokko addunyaatti deebi’u malaa jedhanii dubbachuusaanii ilmi ilma isaanii tokko CNN'tti hime.
Wanti raagaan dhugomtee, lubbuu maanguddoo kanaas weerara dhibeetu tibbana lubbuusaanii galaafate.
Bara obboleessi isaanii du’e sanatti, qufaan Ispaanish Filuu jedhamu weeraraan ka’e addunyaarratti lubbuu namoota miliyoona 50- 10 galaafate ture.
Ameerikaattimmoo lubbuu namoota 600,000 olii galaafate.
Ilmi ilma maanguddoo kanaas ‘Seenaatu deebi’ee of lammeesse, waggaan 100 yeroo dheertuus mitii’ jechuun waan akaakaa isaarraa dhaga’e CNN tti himeera.
UK’tti lakkoofsi namoota duanii 616’n dabale
Hanga Roobii waaree boodaatti namoonni 18,738 koronaavaayirasiin qabamanii hospitaala keessatti du’aniiru, jedhe Ministeerri Fayyaa biyyattii.
Kana jechuun, isa guyyaa dura turerraa 616’n dabale jechaadha.
Lakkoofsi kuni kutaa kunuunsi taasifamutti kanneen du’an hin dabalatu.
Xaaliyaaniin namoonni 464 du’u gabaaste
Sa’aatii 24 darbe Xaaliyaanii keessa namoonni 464 du’u biyyattiin gabaaste.
Kanaanis, lakkoofsi waliigalaa Xaaliyaanii keessa koronaavaayirasiin du’anii 25,549 gaheera.
Kunis, Ameerikaatti aanee guddichadha.
Bundasliigaan Jarman Caamsaa 09 deebi’uu danda'a

Madda suuraa, Getty Images
Liigiin Kubbaa Miilaa Jarman taphoota Bundasliigaa biyyattii yoom akka deebi’u mari’achaa jira.
Dura taa’aan liigichaa Kiristiyaan Siifart Caamsaa bultii 09 akka eegalu akka abdii qaban ibsaniiru.
Sababa koronaavaayirasiin liigiwwan garaa garaa adda cituun isaanii ni yaadatama.
Of tuuluun walta’umsaaf ‘summiidha’ jedhan Ambaasaaddarri Chaayinaa

UK’tti Ambaasaaddarri Chaayinaa koronaavaayirasiin sanyii adda hin foo’u jechuun himan.
Kanaaf bara vaayirasichi hammaate keessatti ‘’wal himachuufi maqaa wal balleessuun gatii hin qabu’’, jedhan.
Baatii darbe Pirezidant Tiraamp Covid-19 ‘’vaayirasii Chaayinaa’’ waan jedhanif qeeqamanii turan.
Ibsa magaalaa Landan kennamerratti Liwu Shiyawooming biyya tokko addatti balaaleeffachuun sirrii miti jedhan.
‘’Wanti akkanaa biyyoota waldhabdee keessa buusa, walta’umsa idil-addunyaa balleessa akkasumas fedhii dhala namaa hunda miidha,’’ jedhan.
Taphataan Chelsii daldaltoota Siyeraaliwoonif maaskii bituufi

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Taphataan kuni lammiiwwan Siyeeraaliwoon irraa Jarmanitti dhalatee guddate Taphataan Chelsii Antoniwoo Rudigar daldaltoota gabaa keessaa Siyeraaliwooniif maaskii akka bitaniif galii walitti qabuu eegale.
Rudigar akka jedhetti maaskiin kuni akka of eeggataniifi tatamsa’ina vaayirasichaa haanqisuuf gargaara.
Akka inni tiwiitara isaa irratti barressetti taanaan kaan waliin ta’un maaskii 60,000 kennuuf jedha.
Taphataan kuni lammiiwwan Siyeeraaliwoon irraa Jarmanitti dhalatee guddate.
Waliigala dolaara kuma 30,000 walitti qabuuf kan yaade yoo ta’u Mesut Ozil, Nigolo Kaante, Olivar Jiruu fi kaan deeggarsa taasisanif galateeffateera.
Namichi Iboolaa qabuufi Kongootii bade barbaadamaa jira

Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Erga weerarri Iboolaa bara 2018 eegalee as namoonni 2,200 ol du’aniiru Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhukkubsataan Iboolaa torban darbe giddugala fayyaa Rippablika Dimookiraatawaa Kongoodhaa bade dhukkubicha tamsaasaa jira jedhe yaadda’e.
Hojjeettonni fayyaa barbaacha kan jiran yoo ta’u hawaasni akka hin dhoksines gaafataniiru.
Ogeessonni fayyaa meshaalee of eeggannoo taasisan yo isa argatan kilinika magaalaa Baha Kongoo argamtu Beniitti isa fudhatanii deemuuf yaadaniiru.
Namichi bade kuni namoota jaha yeroo biyyattiin Iboolaan badeera jettee labsuuf kaatu kan vaayirasichi irratti argame keessaa tokkodha.
Erga weerarri Iboolaa bara 2018 eegalee as namnnii 2,200 ol du’aniiru.
Keeniyaatti namootni iddoo addatti fo'amanii miliqanii mana dhugaatii keessatti qabaman

Madda suuraa, Image copyrightTWITTER/VARIOUS
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni wayita iddoo addatti fo'amani miliqaa turan Keeniyaatti namoonni lama iddoo addatti fo'amanii akka turaniif ajajaman keessaa miliqan otoo dhugaatii alkoolii dhugaa jiranii qabamuunii hidhaman.
Namoonni lamaan mana dhugaati kessatti qabaman kunis garuu namoota miliqan keessa turan.
Warri miliqanis iddoon turan qulqullina dhabuu fi namootni walitti baay’achuu fa’a komatan.
Manneen dhugaatii akka cufaman mootummaan ajajee ture.
Maaliif akka badaan gaafatamaniis,‘hin qoratamne, maallaqa iddoo turruuf kaffalamus hin qabnu’ jedhan.
Halkan tokkotti iddoo turaniif doolara 20- 100 ta’u kaffalu namoota addatti fo'amanii turaniirra eegama.
Namoonni 400 ol ta’an ammas sababii garaa garaatiin iddoowwan addatti fo’amanii akka turaniif qophaa’e keessa jiru.
Amma nu gahe, Faransaay keessa namoonni haaraa 516 du’an
Biyya Faransaay keessa sa’aatii 24 darbe qofa namoonni 516 hospitaalaafi bakkee kunuunsa argatanitti du’uu isaanii biyyattiin beeksifte.
Kanaanis, lakkoofsi waliigalaa namoota biyyattii keessa koronaavaayirasiin du’anii 21,856 gaheera.
Gaanaan poolisoota 8,000’f qorannoo koronaavaayirasii gochuufi

Madda suuraa, AFP
Poolisoonni Gaanaa 8,000 ol uggura kabachiisuuf bobba’aanif qorannoon koronaavayirasii taasifamuufi.
Uggurri torban sadiif ture Wiixata darbe ture hanga tokko akka laaffatu kan taasifame.
Walumaa gala uggura kana kabachiisuuf humnoonni nageenyaa 30,000 ol bobba’anii turan.
Kanneen qoratamuuf jedhan kanneen bakkeewwan koronaavaayirasin hammaatetti ramadamanidha jedhameera
Hanga ammaa biyyattii keessa namoonni uggura cabsan 8,000 ol hidhamaniiru.
Gaanaa keessa namoota 1,154 irratti vaayirasichi kan argame yoo ta’u 9 du’aniiru.
Weerara koronaavaayirasii hordofuun namoonni mil 26.4 Ameerikaatti hojiisaanii dhaban

Madda suuraa, EPA
Humna namaa hojjachuu danda’u Ameerikaan qabdu keessaa harka 15’n namoota ta’anitu hojii dhabe.
Namoonni hedduun hojiisaanii waggootaaf hojjataa turan dhaban. Weerarrii dhibee kun otoo darbee hojiisaani idileetti akka deebi’an abdatu.
Torban kana keessa qofayyuu Ameerikaatti namoonni miliyoonatti lakka’aman deeggarsa hojii dhabeeyyiif kennamu gaafata jiru.
Lammiileen Itoophiyaa karaa Jibuutiin osoo daangaa cabsanii seenan to’ataman
Lammiileen Itoophiyaa 20 gama Jibuutiin daangaa cabsani yeroo biyya seenan to’atamuu Eejansiin Immigireeshinii, Lammummaafi Galmeessa Ragaalee Bu’uraa Federaalaa beeksise.
Itoophiyaan tatamsa’ina weerara koronaavaayirasii to’achuuf daangaa ishee cufteetti.
Ta’uus lammiileen kuni Jibuutii gama keellaa Gaalaafii osoo seeraan ala seenanii hojjettoota immigireeshiniifi humnoota nageenyaan to’atamuutu gabaafame.
Namoonni kunneen torban darbe konkolaataa fe’isaan osoo daangaa ce’anii kan qabamanidha.
Yeroo ammaas Naannoo Affaar Yunivarsiitii Samaraa keessa bakka adda baafaman qophaa’e keessa jiru jedhameera.
Biyyoota ollaa Itoophiyaa ta’an keessaa biyyi hedduu qorachuunis ta’e namoota vaayirasichaan qabaman hedduu kan argatte Jibuutiidha.
Tibbanaa eegalees qorannoo Itoophiyaan taasistuun kanneen Jibuutiirraa dhufanirraa vaayirasichi argameera.

Madda suuraa, INVVA
Afrikaatti lakkoofsi namoota dhibee Busaan du’anii dachaan dabala- WHO

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Busaan akkuma waggoota 20 dura nama ajjeesaa turetti deebi’eef sodaa uume Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhibeen Busaa akkuma waggoota 20 dura lubbuu namoota hedduu dabarsaa turetti deebi’ee lubbuu namaa galaafachuuf jiraachuu akeekkachiise
Biyyoota gammoojjii Sahaaraan gadi jiran keessatti barana weerara koronaavaayirasii uumame wajjin walqabatee dachaan dabaluuf jiraachuu jaarmiyaan fayyaa idila addunyaa kun akeekkachiisera.
Weerarrii koronaavaayirasii dhiyeessii qorichaafi farra ilbiisotaa rabsuus danqeera.
Namoonni Busaan ajjeesaa ture harki 90’n Afrikaa kan jiraatan yoo ta’u, barana lubbuu namoota 760,000 dabarsuu mala jedhamee soda uumera.
Soomanni bifa ittisa Covid-19 cimsuun akka raawwatu Obbo Shimallis gaafatan
Pirezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa hordoftoota amantii Islaamaan baga sooma Ramadaanaa geessan jedhan.
Ibsa mootummaan naannichaa baaserratti akka ibsametti hawaasni muslimaa ji’a kana kadhaa akkasumas, kaan bira dhaabbachuun akka kabajuu qabu dhaameera.
‘’… qajeelfama of eeggannoo dhibee kanaa Mootummaan baaseefi gorsa abbootii amantaafi ogeessota fayyaa kan hordofu bifa ta’een kan raawwatamu akka ta’u hawaasni muslimaa sirritti hubatee hojiirra akka oolchu abdii guddaan qaba‘’ jedhaniiru Obbo Shimallis.
Duudhaa nagaa wal gaafannaa Chaayinaa tibbana ajandaa dubbii ta’e

Ibsa waa'ee suuraa, Barattoota duudhaa’’ zuoyi” jedhamuun nagaa walgaafatan Duudhaan nagaa walgaafannaa Chaayinaatti baratame“zuoyi”jedhamee beekamuun ,namoonni otoo harka wal hin qabatiin nagaa waliif dhaamu.
Wayita weerarri dhibee jabaate kanatti namoonni akka addaan hiiqanii fi harkaan akka wal hintuqne gorsuun immoo akka jajjabeeffamu taasisera.
Kanaaf, tibbana midiyaalee hawaasarrattis qalbii namoota hedduu hawwateera.
Akkaataan nagaa wal gaafannaa Chaayinaatti baratame kanaan namoonni dhaabbilee mootummaa keessattillee otoo hin hafiin akka itti fayyadamanitu jajjabeeffamu eegale.
Namoonni nagaa wayita walgaafatan harkaa ofiisaanii lamaan ofduratti diriirsaniitu walitti qabuudhaan nagaa waliif dhaamu mul'isu.
Namaa dubbisan harkaa hin fuudhan/hin qabatanii jechuudha.
Duudhaan kun garuu, erga weerarri koronaavaayirasii dhufee kan baratame otoo hin taane waggoota hedduu darba dabarsaan kan dhufeedha.
Bara mootota Chaayinaa durii keessattillee duudha kanaan nagaa ittin walgaafachuun baratameera.
Barattoonni mana barnoota sadarkaa tokkoffaa duudhaa’’ zuoyi” jedhamuu kanaan otoo nagaa walgaafatanii viidiyoon argasiisuu tibbana erga toora intarneetirratti argamee garuu mata-duree haasaa ta’eera.
Keeniyaatti namoota 17 irratti koronaavaayirasiin argame
Ibsa har’a Ministeerri Fayyaa keeniyaa kenneen akka ibsametti sa’aatii 24 darbe biyyattiin saamuda 668 qoratte.
Isa keessaa 17 irratti vaayirasichi aragameera jedhame. 17 keessaa shan Naayiroobiidhaa yoo ta'u 12 Mombaasaati.
Kudha torba keessaa lama qofatu kutaa adda baafamani keessaa kan argame. Kaan sakattaa taasifameeni.
Kanneen haaraa irratti argame keessaa 9 dhiira, 8 dubartootadha.
Kanaanis, lakkoofsi waliigalaa vaayirasichi irratti argame 320 gaheera.
Har’a 6 kan bayyanatan yoo ta’u walumaa gala kanneen bayyanatan 89 gahaniiru.
Kanneen vaayirasii kanaan du’animmoo 14 dha.
Angeelaa Merkel:Weerarrii koronaavaayirasii ni jalqabe malee hin goolabamne

Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Chaansilara Jarmanii Angeelaa Merkeel Chaansilarri Jarmanii Angeelaa Merkeel biyyisaanii weerara dhibee mudate ofeggannoofi ciminaan keessa akka darbituuf akeekkachiisan.
‘Weerarri kun ni jalqabe malee, hin goolabame’’jedhan.
Jarman keessattii vaayirasichi lubbuu namoota 5334 galaafachuusaa ragaan yuunvarsiitii Hopkiins irraa arganne kan mul'isu.
Biyyoonni kanneen akka Itaalii, Ispeenii fi Faransaayii biyyoota Gamtaa Awuroppaa lakkoofsa namoota du'aanii hedduu qabaachuun tartiibaan heeramaniidha
Werara dhibichaas to’achuuf waltumsi biyyoota Awurooppaa gidduu jiru caalatti cimsuun akka barbaachise dubbatan.
Miira wal cinaa dhaabbanna agarsiisuuf jechas, fandiin maallaqa yeroo murta’eef kennamu weerara dhibichaa Awurooppaatti to’achuuf oola jedhame kanas biyyisaanii akka maallaqan deeggartu ibsaniiru.
Hoggaantoonni biyyoota Gamtichaas, fandii yeroo muddamaa kanatti yuuroo biliyoona 560 biyyoota weerara dhibichaa caalatti miidhaman gargaaruuf oolu Kamisa kanatti ni raggaasisu jedhameetu eegama.
Biyyoonni akka Itaalii fa’aan weerara dhibichaan caalaatti miidhamanis, baajatni yeroo muddamaaf barbaachisu gara yuuroo tiriliyoona tokkootti akka guddatu gaafatan.
Pirezedantiin Faransaayii Imaanu'eel Maakiroon weerarrii dhibee kun Gamtaan Awurooppaa jiraate itti fufuullee gaaffii keessa galchu kaasuun. Yaada Ispeenii fi Itaalii deeggaruudhaan cina hiriiruu isaaniitu himame.
Maallaqni kunis, carraa hojiilee weerara kanaan miidhamaanifi hojiilee bizinasii biyyoota Gamtichaatti deeggaruuf karoorfame.
Shaampiyoonaan kubbaa miilaa dubartoota Awuroppaa bara itti aanutti dabarfame

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Shaampiyoonaan kubbaa miilaa dubartoota Ganna dhufaa jiru keessaatti Inglaand Shaampiyoonaa Kubbaa Miilaa Dubartootaa Awurooppaa keessummeessuuf turte.
Ta'us waggaa dhufu Adoolessa 6-31, bara 2022'tti darbeera.
Dorgommichi yeroo karoorfametti akka hin gaggeeffamneef danqaa guddaan weerara koronaavaayirasiin kan ka'edha.
Kanaafuu, akka dorgommii Olompikii Tookiyootti ganna keessa dorgommichi kan hin gaggeeffamne ta’uun barameera
