Afrikaan 'galii lammileen alaa ergan $37bn dhabuu malti'

Galiin biyyoonni Afrikaa lammiileesaanii biyya alaa jiranirraa argatan bara kana 20%’n xiqqaachuu akka malu Baankiin Addunyaa hubachiise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ministirri Dhimma Alaa US Chaayinaafi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa qeeqan

    Maayik Pompewoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Pompewoo dhimma weerara Covid-19 irratti mootummaa Chaayinaa fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) qeeqan.

    ‘’Paartin Koministii Chaayinaa weerara koronaavaayirasii kanaa yeroodhaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti hin beeksifne,’’ jechuun dubbatan.

    Biyyoonni ‘’fayyaa hawaasa addunyaa eeguuf biyyoonni ragaa kennuu qabu,’’ jedhameetu eegama jedhan.

    Chaayinaan odeeffannoo qabdu hunda hin qoodne jechuun inumaa ‘’dhukkubichi akkam hamaa akka ta’e dhoksite’’ jedhan.

    ‘’Warra addunyaa akekkaachiisuuf jedhanis doorsiste’’ jechuun himan.

    ‘’Yeroo weerara koronaavaayirasii kanaa to’annoon WHO ifatti laafee mul’ate,’’ jechuun himan.

    ‘’Iftoominniifi odeffannoo sirrii argachuun lubbuu baraaruuf murteessaadha,’’ jedhan.

    Buchiinsi Ameerikaa deeggarsa biyyattiin WHO’f taasistu akka adda kuttu himaniiru.

    Ta’us, qarshiin kana dura kenname akka hin deebine himameera.

    Waa’ee atakaaroo pirezidant Tiraampiifi WHO bal’inaan baruu feetuu?

  2. Awuroppaatti waan haaraa maaltu jira?

    Faransaay keessa lakkoofsi namoota du’anii 21,000 caaleera.

    Guyyaa darbe kana qofa namoonni 544 hospitaalaafi bakka kunuunsa argatan keessan lubbuu dhabaniiru.

    Kanaanis, lakkoofsi biyyattiitti hanga ammaa du’anii 21,340 gaheera.

    Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin Xaaliyaanitti du’anii 25,000 caale.

    Sa’aatii 24 darbe namoonni 437 du’uu kan gabaafame yoo ta’u kanaanis lakkoofsi waliigalaa 25,085 gaheera.

    Hammi namoota du'anii biyya Xaaliyaanii keessa galmaa’e Ameerikaatti aanee sadarkaa addunyaatti isa guddicha.

    Bulchinsoonni Jarman hunduu, 16 ta’an, maaskii fayyadamuun dirqama akka ta’u deeggaruun labsan.

    Kunis, yeroo uggurru biyyattii keessa hamma tokko akka laafu yeroo taasifamaa jirutti dhagahame.

    Haa ta’u malee, bulchinsa tokkorraa kaanitti jijjiiramni itti fayyadama maaskii muraasa ni jira.

  3. Niiw Yoork erga Ebla 2 duuni namootaa xiqqaa ta’e galmaa’e

    Gddugala koronaavaayirasii kan taate magaalaa Niiw Yoork keessatti foyyeetu dhagahame.

    Sa’aatii 24 darbe namoota 474’tu du’e jedhan kantiibaan magaalitti. Kunis, erga Ebla lamaa isa xiqqaadha.

    Guyyoota walitti aanan sadiifi hammi nama guyyaatti magaalattiitti du’ee 500 gadi ta’e.

    ‘’Amma hamma tokko haala gaariirra jirra,’’ jedhan kantiibaan magaalatti Andiriiw Kuumo

  4. Dr Teedroos : Addunyaa dursinee akeekkachiisneerra jedhan

    Dr Teedroos Adihaanom

    Madda suuraa, Reuters

    Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa haalli tatamsa’ina koronaavaayirasii Afrikaa, Giddugalaafi Kibba Ameerikaa akkasumas, Baha Awurooppaa keessatti cimuu mala jechuun akeekkachiisan.

    Dr Teedroos Adihaanom ibsa har'a kennaniin, haalli vaayirasichaa biyyoota Lixaa keessa jiru kan hir’ate yookiin tasgabbaa’e fakkaatus, biyyoota hedduu garuu fuulduratti hubuuf jiraa jedhan.

    Biyyoonni tokko tokko yeroo weerarri koronaavaayirasii eegale akka to’atanitti mul'atus, lammata deebi'ee itti ka'aa jira jedhan..

    ‘’Akka hin dogongorre, Imala dheeraatu nu hafa. Vaayirasichi nu waliin baay’ee tura,’’ jedhan biyyoonni akka of hin daganne hubachiisuuf.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa waa’ee koronaavaayirasii addunyaa dursee akeekkachiseeraa jedhan Dr Teedroos Adihaanom himannaa dhaabbaticharratti ka'u yeroo deebisan.

    Dhaabbatichi yeroo vaayirasichi nama 82 irratti argameefi namni homaatu hin duunetti akeekkachiise jedhan.

    ‘Kuni Amajjii bultii 30 ture. Ji’a lamaafi guyyoota 21 dura ture – ji’a sadiitti siqa,’’ jedhan.

    Mootummoonni baay’een dhaabbaticha deeggaranis seera tumtoonni US qeeqa guddaa irratti kaasan.

    Aangoorraa akka ka’anis gaafataniiru.

    Waa’ee aangoorraa akka ka’an gaafatamuu isaaniirratti deebii akka kennan yeroo gaafataman lubbuu baraaruuf ‘’guyyaafi halkan’’ nan hojjedha jedhan.

  5. Lammiileen Chaayinaa ‘hoteela keessaa miliquun himataman’

    Lammiileen Chaayinaa jaha hoteela magaalaa guddoo Yugaandaa Kaampaalaa keessaa baqachuun himataman.

    Gaazexaan Deeyili Moonitar jedhamu akka gabaasetti, lammiileen kuni achi keessa akka addaan fo'amanii turan murtaa’ee ture.

    Akka gabaasaaleen biyya keessaa baha agarsiisanitti, kunneen konkolaachisaa isaanii lammii Yugaandaa akkasumas haadha warraa isaa waliin gara Rippablika Dimookiraatawaa Koongoo osoo imalaniiti baatii darbe kan qabamani.

    Lammiileen Chaayinaa kunneen guyyoota 14 hoteela keessa turuu qaban hin xumurre.

    Akka gaazexaan kuni himutti, gaafa Kibxataa mana murtiitti yeroo dhihaatan seera cabsuu isaanii amananiiru.

    Gaafa Caamsaa 04,bara 2020 murteen isaaniirratti ni kennama jedhameera.

  6. Jibuutii keessatti lakkoofsi namoota haaraa koronaavaayirasiin qabamanii saffisaan dabalaa jira.

    Qarqara qaama bishaanii Jibuutii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Qarqara qaama bishaanii Jibuutii

    Lakkoofsi namoota qabamanii waliigalatti 974 qaqqabeera akka ragaa yuunvarsiitiin Hopkiins baasuu agarsiisutti.

    Namoonni haaraa qabaman 29 yoo ta’an ,Kibxata darbemmoo namootni 99 qabamuu biyyattiin ifoomsitetti.

    Amma yoonatti namootni lama sababii weerara vaayirasii kanaan du’aniiru. Biyyattin xiqqoo taatus uummata qabdu wajjin wal bira wayita madaalamtu gaaffi uumeera.

    Biyyi uummata miiyoona tokko hin guunne qabdutti, guyyoota lama keessatti namooti 200 ol haaraa vaayirasichaan qabamuutu ibsame.

    Sababni lakkoofsi namoota haaraa qabamanii saffisaan ol dabaleef garuu ammas ifa miti.

    Ogeeyyiin akka ibsanitti,biyyi xiqqoo kun biyyoota ollaa kanneen akka Itoophiyaa, Somaaliyaa, Sudaanii fi Keeniyaa caalaa guyyaatti namoota hedduu qorachaa waan jirtuuf ta’uu kaasan.

  7. Afrikaan ‘’dolaara biiliyoona 37 dhabuu malti’

    Galiin biyyoonni lammiilee isaanii biyya alaa jiranirraa argatan bara kana 20%’n xiqqaachuu akka malu Baankiin Addunyaa hubachiise.

    Kunis, sababa weerara koronaavaayirasiin hojiin biiznasii waan laaffateefi.

    Yeroo takkaatti yoo galiin citu hin galmoofnes ,kan baranaa galmee haaraadha.

    Wanti kuni jireenya lammiilee hedduu Afrikaafi biyyoota guddataa jiran biroo ni miidha jedhamee yaadama.

    Sababa kanaanis, godaantonni biyyoota guddatan keessa jiran akka durii maatiifi jaallan isaanii qarshiin deeggaruu hin danda’an jechuudha.

    Sadarkaa addunyaatti qarshiin hojjettonni biyyoota galii gadi –aanaafi giddugaleessaa arganitti ergan dolaara biiliyoona 360’n hir’ata jedhamee tilmaamame.

    Biyyoota Sahaaraa gadiitti immoo hammi gadi bu’e %23 ni ta’a jedhamee kan tilmaamame yoo ta’u, kanaanis doolara biliyoona 37 dhabuu danda’u biyyooni kuni.

    Dabalataanis, gabaasni Baankii Addunyaa kaffaltiin biyyoota kanatti qarshii erguuf oolu biyyoota kaaniin yeroo walitti qabamu dachaa sadiin guddata.

    • Koronaavaayirasiin attamin diinagdee Itoophiyaa miidha?
    • Dhiibbaa Covid-19 hoteelota Finfinneerraan gahe
  8. Iraan saatalaayitii waraanaa yeroo jalqabaaf furguggisuun milka’uu beeksifte

    Saatalaayitii Iraan gara oorbiitii dabcheetti ergite

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Saatalaayitii Iraan gara oorbiitii dabcheetti ergite

    Humni waraana biyyatti akka beeksisetti, saatalatiin waraanaa jalqabaa kun milkiidhaan gara orbiiti qaqqabdetti.

    Satalaayiitiin kun maqaa Nur (ifa)jedhamu kan qabdu yoo taatu, gammoojji biyyatti keessaa dhukaafamtee 425km ol qajeelte oorbitii dacheerra marsitu qaqqabde.

    Yeroo hedduuf biyyattin saatalaayitii furguggisuuf yaaltuus hin milkoofne ture.

    Dhugumatti saatalaayitii orbiitiirra qubsiisu biyyattin mirkanoofnaan, Iraani fi Ameerikaa giddutti muddama fiduuf jira jedhamee eegama.

    Biyyattiin saatalayitii orbiitiirra qubsiisu ibsitus, sa’aatiiwwan muraasan booda Pirezedantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp toora tiwitarasaanirratti bidiruun Iraan qawwee hidhate isin qoccollaan/dorsiifnaan, ’rukuta barbadeessaa’ jedhanii dooniwwan humna galaanaa Ameerika naannicha socho’aniif ajaja dabarsan.

    Dubbii himaan waraana Iraan sana booda barreeffama Tiraamp qeeqaniru.

    Ameerikaan irra deddebiin dooniwwan Iraan daangaa galaana biyyatti mil’atan dooniiwwan Ameerikaatti saffisaan dhiyaatanii balaa irraan gahuuf yaaluun himatti.

    Ji’a Amajjii keessa Ameerikaan jeneraala waraana gameessa biyyatti Janaraal Qaasim Sulimaanii jalaa ajjeesuun ishii biyyoonni lamaan waraanatti ce’uuf fixeerraa qaqqabaniis turan.

  9. Guutummaau UK’tti namoonni 759 dabalataan koranaan du’an

    Janaraalaa waraana Biritish

    Madda suuraa, Reuters

    Erga guyyaa Kibtaxaa qoratamaniin booda hospitaaloota guutuu UK’tti argaman keessatti namoonni dabalataa 759 koronaavaayirasiin du’usaanii odeeffannoon motummaa mulliseera.

    Lakkoofsi kunis namoota biyyattii keessatti koronaavaayirasiin du’an 18,100 gaheera.

    Haata’u malee, lakkoofsi kunis kanneen hospitaalaan ala akka bakkeewwan kunuunsaatti du’an hindabalatu jedhameera.

    Namoota haaraa du’an keessaa 665 kanneen Magaalaa Inglizii keessatti qofa du’aniidha.

    Haaluma kanaanis 77 Iskotilaandii, 15 ammoo Weelsi keessatti du’uunsaanii himameera.

    Akka raga kanaattis namoonni sababbii Covid-19 kanaan Weelsii keessatti du’an waliigalatti 624 gaheera.

    Haala waliigala koronaavaayirasiin walqabatee biyyatti keessa jiru ilaalchiisuun ibsi Janaraala waraana biyyaatti dabalatee yeroo gabaabaa keessaatti kan kennamu ta’u himame.

  10. Jarman yaalii talaalli koronaavaayirasii namarratti jalqabuuf

    Qorannoo laabiratoorii  gaggeeffamu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Qorannoo laabiratoorii gaggeeffamu

    Talaalliin Covid-19 namarraa ittisuuf fayyada jedhame kun walta’iinsa dhaabbata Jarmanii BioNTech fi dhaabbata Ameerikaa qoricha oomishu Pfizer jedhamuun qophaa’e.

    Yaaliin jalqabaa namoota fayya buleeyyii 200 umriin isaanii ganna 18 fi 55 gidduu jiranirratti gaggeeffama.

    Talaallin kun qoricha lilmoon dhiigatti dabalamuun yaalama.

    Ministeerri Fayyaa biyyattis talaalli barbaadurratti fulduratti tarkaanfata jirra jedhanii ibsan, ta’us garuu ji’oota muraasaaf turuu mala jedhame.

    Sadarkaa addunyaatti yaaliin sadarkaa kilinikaalaarra gahe muraasa qofa.

    Ogeeyyiin garuu, talaalliin qophaa’ee tajaajilarra ooluuf yoo xiqqaate waggaa tokko gaafata jedhu.

  11. Gaazeessaan oduu dharaa tamsaasuun himatame wabiin gadhiifame

    Gaazexessaa Yaayyasaw Shimallis

    Madda suuraa, A. Standard

    Abbaan Alangee Federaalaa Yaayyasawu Shimallis mirgi wabii birri 15,000 qabsiisuun mana hidhaatiin ala turuun galmee himannaasaati akka hordofu murtaa'e.

    Labsii haasaa jibbinsaa fi odeeffannoo dharaa tamsasuurratti ragga’e cabsuu himannaa walqabatu kaleessa abbaan alangaa irratti baneera.

    Mannii murtii olaanaa Federaalaa dhaddachi Lidataa mirga wabii eegeef kunis ittisa ragaa akka dhiyeeffatuuf beellama kenneefi jira.

  12. Ministirri Afrikaa Kibbaa seera weerara koronaavaayirasii to’achuuf bahe cabsanii maallaqan adabaman

    Isteellaa Danbeeni wayita seera cabsan kana boqonna  fudhatanii mana turan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Isteellaa Danbeeni wayita seera cabsan kana boqonna fudhatanii mana turan

    Ministirri Kominikeeshinii biyyatti Isteellaa Danbeenii seera cabseera jedhanii amananiiru garuu adabamuurra oolchuu dhabe malee.

    Maallaqa biyyatti raandii 1,000($53) adabbisaanii kaffalaniiru.

    Wayita manaa hin bahina jedhameetti mana hiriyaa isaanii duraani laaqana otoo wajjin nyaatanii argaman.

    Akka maallaqaan adabaman mana murtiitu ajaje.

    Abbaan alangee biyyaatti akka ibsetti, Ministirri biyyatti seera darbanii adabamuun lammiin hundi seera duratti walqixa ta’u mirkaneessa jedhan.

  13. 'Sa'udiin bara darbee keessa namoota 184 du'aan adabdeetti'

  14. Roomaniyaan namoota qajeelfama sochii dhorkuu cabsan adabuun galii guddaa sassaabbatte

    Poolisota namoota adabanii seera raawwachiisan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Poolisota namoota adabanii seera raawwachiisan

    Romaaniyaan namoota hedduu adabuun ji’a tokko keessatti yuroo mil. 78 funaante.

    Guyyaatti namni waan bu’uura ta’an qofa bitachuufi hojiiwwan hafuu hin qabne qofa hojjachuuf manaa baha.

    Poolisoonni seera kana raawwachisan namoota kuma hedduu adaban.

    Kantibaan magaalaa Bukareestillee paarkii hawaasaa ykn iddoo bashannaanaa waloo keessa biskiliiti oofee adabame.

    Namni seera darbe galii giddugaleessa namni tokko ji’atti argatu((€600) dacha 6 adabama.

  15. Afriikaan Kibbaa uggura kabachiisuuf dabalataan loltoota 70,000 bobbaasuufi

    Afriikaan Kibbaa murtee dirqiin mana keessa turuu hojiirra olchuuf dabalataan loltoota kuma 70 bobbaasuu ishee Midiyaan biyyattii ‘SABC’ jedhamu gabaase.

    Akka xalayaa hogganaan paartii mormituu Joon Siteenhuzeyin xalayaa pirezidantiin biyyattii paarlaamaaf barreessan fuula tiwitara isaaniirratti qoodan taanaan loltoota 73, 180'tu bobbaafama.

    Biyyattiitti lakkoofsi namoota vaayirasiin qabamanii dabalaa jiraachun kan eere xalayichi, tatamsa’ina vaayirasichaa ittisuuf tarkaanfii cimaa fudhachuun barbaachisaa akka ta’e ibsa.

    Pirezidantichi kana dura loltoota sochii ugguraniifi mana keessa turu hojiirra olchan 3,000 akka bobba’an hayyamunsaanii ni yaadatama.

    Biyyattii keessatti miilaan imaluu, fiigichi akkasumas dhugaatii gurguruun gutummaan dhorkameera.

    Ta'us, loltoota 3,000'n seera bahe kabachiisuun hin danda'amne jedhameera.

    Ministirri Ittisaa Nosiviwe Maapiisaa Naakiilaam gama isaanitiin, ‘’haalli tatamsa’ina vaayirasichaa haala ammaatiin kan itti fufu yoo ta’e, humna waraanaa kana caalu bobbaasuun keenya hinolu,’’ jechuusaanii AFP gabaaseera.

    Afriikaa Kibbaatti namoonni 3,465 vaayirasichaan qabamunsaanii kan mirkanaa’e yoo ta’u, 58 ammoo du’aniiru.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  16. US'tti kanneen qajeelfama sochii dhorkuu mormuun namoota uffata hakiimii uffataniin danqaman

    Dubartii konkolaataa keessaan baatee sagalee mormii dhageessiftu

    Madda suuraa, ALYSON MCCLARAN

    Ameerikaa Kolaaradootti namoonni qajeelfama mana oolaa jedhu mormuuf daandiitti bahan, dhiraafi dubartiin uffata doktaroota uffatan dhaabachuun callisaan mormamaniiru.

    Suuraan isaanii bal’inaan miidiyaalee irraatti qodamaa jira.

    Bulchiinsoti tokko tokko akkeekkachiisi ogeessota fayyaa irraa weerarri kun ni dabala jedhu kennamus, bulchiinsoonni tokko tokko ammoo deebisanii hojii eegalaa jiru.

    Namootni qajeelfama sochii dhaabuu mormanis Arizoonaa, Waashingtan, Montaanaafi Koloraadotti walitti qabamanii jiru.

    Koloraadootti mormiitoonni konkolaataa isaanii iyyisisaa daandii cufanii, namootni 200 ta’an ammoo dirree waajjira bulchiinsa magaalaa irratti walitti qabamanii turan.

    Namootni uffataa oggeessota fayyaa uffatan lamaan kun daandii irratti ba’anii konkolaattota mormitoota kana fuldura callisanii dhabachuun adeemsa dhorkaniiru.

    Ogeessa fayyaa mormitoota karaa itti cufee dhaabbatu

    Madda suuraa, ALYSON MCCLARAN

  17. Lakkoofsi namoota beela'anii dachaan akka dabalu dabaluu UN akeekkachiise

    Nama farra vaayirasii biifaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) sababa weerara koronaavaayirasiin addunyaarratti lakkoofsa namoota beelli itti hammaate dachaan dabaluuf jira jechuun akeekkachise.

    Keessattuu biyyoota akka Sudaan, Sudaan Kibbaa fi lammiileen D.Rippablika Koongoo beelaaf saaxilamuun yaaddessaadha jedha.

    Sagantaan Nyaataa Idila -addunyaa (WFP) weerarri vaayirasichaa lubbuu namoota miliyoonatti lakka’amanii balaarra buusuu ibse.

    Dafqaan bultoota guyyaatti yeroo tokko nyaatan duraanu balaa keessa jiru jechuun itti dabalee ibse.

    Gabaasni dhaabbaticha akka agarsiisutti,lakkoofsii namoota beela’anii bara darbe mil 135 irra gara mil 250 tti dabaluuf deema jedhe.

    Biyyoonni 10 walwaraansa keessa jiran,raafama dinagdee keessa jiraniifi jijjiramni qilleensa baramaa miidhe caalaatti miidhamoodha jedhe.

    Biyyoonni akka Sudaan Kibbaa,Yaman, DR.Koongoo, Veenzuweelaa, Haayiitii, Siriyaa fi Afgaanistaan tarree kana keessa biyyoota jiranidha.

    • Amma nu gahe, Itoophiyaatti qorannoo sa'aatii 24 keessatti namoota 1074f taasifameen lamarratti vaayirasichi argameera

      Itoophiyaatti qorannoo koronaavaayirasii namoota 1073 irratti taasifameen vaayirasichi namoota lama irratti argamuu Ministeerri fayyaa beksiseera.

      Namoota lamaan kana keessaa tokko dargaggoo umuriin isaa waggaa 22 ta’e jiraataa naannoo Affaar Gewwaanee yoo ta’u gara biyya alaatti seenaa imalaa kan hin qabnedha. Eessaa akka dhibeen kun isa qabates qoratamaa jira akka ibsa ministeerichaatti.

      Namni lammaaffaa ammoo lammii Itoophiyaa umuriin isaa ganna 54 ta’e seenaa imalaa gara US qabuufi bakka itti adda of baasanii turan keessa kan turedha.

    • Feesbuukiin ragaa mallattoo koronaavaayirasii UK keessatti waliitti qabuuf

    • Amma nu gahe, Ispeen sochii dhorkitebaatii Caamsaa laaffisuuf

      Ministirri Muummee Ispeen Pedroo Saancheez ibsa paarlaamaa biyyattiif kennan

      Madda suuraa, Getty Images

      Ministirri Muummee Ispeen Pedroo Saancheez mootummaan isaanii walakkeessa baatii Caamsaa booda sochii weerara koronaavaayirasii ittisuudhaaf kaawwamee ture laaffisuu akka jalqaban himan.

      Dhorkaawwan turan suuta suutaafi haala miidhaa hin geessifneen nageenya mirkaneessaa kaafna jedhan yeroo ibsa paarlaamaatiif kennanitti.

      Labsii yeroo muddamaa Ispeen ammoo hanga Caamsaa 9tti tura jedhameera.

      Ispeen sochii dhorkuu kan hojiirra oolchuu jalqabde Bitootessa 14 irraa kaastee ture. Namoota koronaavaayirasiin irratti argame 204,178 adda baasuun addunyaarratti Ameerikaatti aantee lamaffaadha akka raga Yunvarsiitii Joon Hoopkinsiitti.