Iboolaan deebi'ee Rippablika Dimookiraatawaa Kongootti mul'ate

Madda suuraa, Getty Images
Rippablika Dimookiraatawaa Kongootti (DRC) dhukkubni Iboolaa deebi'ee dhalate.
Dhukkubni kuni yeroo addunyaan koronaavaayirasiin dhiphate jirutti deebi'ee ka'un isaa dhagahame.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akka beeksisetti turtii guyyoota 52 booda namni dhukkuba kanaan qabame argameera.
Silaa dhaabbatichi akka jedhetti guyyoota lama booda gaafa Wiixataa dhukkubni kuni badeera jedhee labsuuf ture.
Kanaanis, abdiin duratti horatan rakkoo godhateera.
Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adihaanom lakkoofsi namoota Iboolaan qabamanii dabaluu akka malu himaniiru.
Dhukkuba biyyoota Lixa Afrikaa balaa hamaa irraan geessise kanaan namoonni kumaan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru.
Ragaa jirun erga waggaa lamatti siqu dura dhukkubichi Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo keesa jiraachuun himame as biyyattiitti namoonni 3,400 qabamanii 2,200 immoo lubbuu dhabaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Qondaaltonni biyyattii silaa dhukkubni kuni badeera jedhanii yaadanii turani Iboolaa, koronaavaayirasiifi gifiria to'achuuf hojjechuurratti itti fufu.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas hojii kanaan akka isaan gargaaru hime.














