Afrikaan 'galii lammileen alaa ergan $37bn dhabuu malti'

Galiin biyyoonni Afrikaa lammiileesaanii biyya alaa jiranirraa argatan bara kana 20%’n xiqqaachuu akka malu Baankiin Addunyaa hubachiise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Pirez. Maadagaaskaar 'qoricha baalarraa' arganne jedhaniif ergaan baga gammadde isaan gahaa jira

    Pirez. Maadagaaskaar 'qoricha baalarraa' arganne jedhaniif ergaa baga gammadde isaan gahaa jira

    Madda suuraa, AFP

    Pireezidaantiin Maadagaskaar Andry Rajoelina “qoricha” koronaavaayiras argadhe isa jedhaniif gita isaanii Rippabilika Dimokiraatawa Koongoo irraa ergaan baga gammaddanii na gaheera jedhu.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) amma ammaatti qorichi koronaavaayirasii akka hin jirre ibsa.

    Akaadaamiin Meedikaalaa biyyattiis bu’a qabeessummaa argannoo pireezidaantichaarraa shakkii qaba jedhan.

    Pireezidaantichi gamasaaniitiin Fiiliiks Tshisekedi waliin viidiyoodhaan waa’ee qoricha baala/biqiltuu kanaa akka dubbatan ibsu.

    “Afriikaan tokkoomtee jirti. Akkasumas qoricha farra COVID-19 galata qabeenya uumamashee argattee jirti. Maalaagasaayi kunneen obboleewwansaanii cinaa dhaabbataniiru,” jedhanii maxxansan.

    Wiixataa darbe yeroo qorichi baalarraa hojjetame kun ifa taasifamu akaadaamiin meedikaalaa biyyattii gamasaatiin, ''gama saayinsiitiin waan hin mirkanoofneef” carraa fayyaa namootaa miidhuu akka qabu ibseera.

    Qorichi argame jedhame kuni dhaabbata ‘Malagasy Institute of Applied Research’ jedhamun kan qophaa'e yoo ta'u isaaniis biqiltuu ‘artemisia’ jedhamurraa qopheessani.

    Bu’aa biqiltuu kanaa yaala dhukkuba busaa keessatti dhimma ittiin bahama.

    Biyya ummata miiliyoona 25 qabdu keessa hamma ammaatti namoonni 121 COVID-19 kan qabaman yoo ta’u namni du’e hin jiru.

    RD Koongoo ummata miiliyoona 51 qabdu keessatti namoonni 359 vaayirasichaan yoo qabaman 25 du’aniiru.

  2. Awurooppaatti walakkaan bakka kunuunsi taasifamutti du’an jedhame

    Dr. Haans Kiluug

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dr. Haans Kiluug

    Awurooppaatti namoota koronaavaayirasiin du’an keessaa harki walakkaan giddugaleessa kunuunsii yeroo dheeraaf kennamu keessa namoota jiran ta'un ibsame.

    Daarektarrii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa damee Awurooppaa Dr. Haans Kiluug, duuni akkasii gaddisiisa ta'uu kaasuun tumsa argatanii yaalamu akka qaban himan

  3. Mootummaan Ertiraa yeroo hin beekamneef uggura dheeresse

    Alaabaa Ertiraa

    Madda suuraa, Getty Images

    Mootummaan Ertiraa uggura tatamsa’ina koronaavayirasii to’achuuf labsee ture yeroo dabalataaf biyyattii guutuu keessa dheeressuu isaa hime.

    Biyyattiin jalqaba baatii Ebla ture torban sadiif namni manaa akka hin baaneefi hin sochoone kan dhorkite.

    Uggurri kuni yeroo hin beekamneef kan dheerates nageenya ummataafi biyyaa eeguufi jedheera mootummaan.

    Wantoonni jalqaba irratti uggura kanaan dhorkamanis ammas ittuma fufu jedhameera.

    Yeroo uggura kanaa lammiileen biyyattii 1660 ol xiyyaaraan, buufata dooniifi lafoo kan dhufan guyyoota 21’f adda akka of baasan ta’eera. Kuni, ammas akka itti fufu ibsame.

    Kanneen vaayirasichi irratti argame wal’aansa yaalaa argatu jedheera mootummaan biyyattii.

    Mootummaan Ertiraa namni manaa akka hin baane dhorkuu isaan ‘’jiruufi jireenya guyyuu lammiilee irratti rakkoo cimaa’’ akka uumuu amaneera.

    Ta’us, deeggarsa taasisu qabu irratti waan jedhe hin qabu. Balaan weerarri vaayirasichaa dhaqqabsiisu yoo ilaalamu carraa biraatu hin turre jedheera mootummaan biyyattii.

    Ertiraa keessaa yeroo ammaa namoonni 39 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u 6 bayyanataniiru.

  4. Meeshaan harkatti qabatanii nama ittiin sakatta'an Covid-19 ittisuuf maal gumaacha?

  5. Itoophiyaatti namoota 965 qorataman keessa namni COVID 19'n qabame hin jiru

    Itoophiyaan sa’aatii 24 keessatti namoota 965 qorattee namni COVID 19 qabame hin jiru jette.

    Tamsa’inni COVID-19 Itoophiyaa keessatti erga jabaatee hara’a yeroo duraaf Ministeera Fayyaa qorannoo sa’aa 24 keessaatti nama vaayirasichaan qabame hin arganne kan jedhe.

    Itoophiyaan guyyoota muraasa darban dandeettii saamuda qorachuu ishee dabalteetti.

    Hanga ammaatti namootni vaayirasichaan qabaman 116 dha.

    Kan bayyanatan ammoo 21 ta'uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasee beeksisaniiru.

    Ministira Ministeera Fayyaa, Dr. Liyaa Taaddesee

    Madda suuraa, Dr. Liyaa Taaddesee

  6. Amma nu gahe, Jarman keessatti namoonni 5,000 ol du'an

    Dubartii

    Madda suuraa, AFP

    Jarman keessatti namoonni vaayiarsichaan qabaman 2,352'n dabaluun gara 148,046'tti ol guddateera jedhan qondaltonni.

    Duuti sababa koronaavaayirasiin galmaa'e ammoo 215'n dabaluun ammatti 5,094 gaheera.

  7. Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa Itoophiyaatti weerarri gubaa qaamaa dhalachuu danda'a jedhe

    Dhibee gubaa qaamaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa Itoophiyaatti weerarri gubaa qaamaa, 'yellow fever' dhalachuu akka danda'u akeekkachiise.

    Guyyoota 50 dura namootn dhibee kanaan shakkaman sadii galmaahanii kan turan yoo ta'u lakkoofsi kun torbee lama dura gara 85'tti ol guddateeraa jedha gabaasni dhaabbatichaa.

    Kanneen shakkaman keessaa ammoo sadeet irratti dhibeen kun argamuun mirkanaa'eera.

    Taalalliin dhibee kanaa erga haalli kun beekamee eegalamus, Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa kanneen seenaa imalaa hin qabnerratti dhalachuun na yaaddesseeraa jedhe.

    ''Sadarkaa biyyaalessaatti yaaddoon isaa guddaa ta'uun hubatameera. amma naannoo Sabaafi Sablammoota Uummatoota Kibbaatti Godina Guraageetti 'yellow fever' babal'achaa jira. Bakka haalli dandamannaa hawaasaa xiqqaa ta'etti, lakkoofsi namoota shakkamanii guddaa ta'uun yaaddessaadha'' jechuun Dhaabbatichi yaaddo isaa ibseera.

    Itoophiyaan nannoolee dhibee yellow fever saaxilamoo ta'aniitti talaallii gaggeessaa turte.

  8. Ameerikaatti adurreen lama covid 19 qabaman

    Ameerikaa magaalaa New York keessatti adurreewwan lama koronaavaayirasiif erga qoratamanii booda dhibee kanaan qabamuunsaanii mirkanaa'e.

    Ameerikaa keessatti adurreewwan irratti vaayirasiin kun wayita argamu kun isa jalqabaati.

    Garuu hanga ammaatti bineensonni koronaavaayirasii ni daddabarsu kan jedhu saayinsiidhaan waan hin jirreef wanti daran nama rifaasisu hin jiru jedha ogeessi fayyaa gameessi US Dr Antony Fauci.

    Vaayirasiin kun maatii yookiin ollaarraa adurreewwan kunneen qabachuu akka hin oolle Giddu Galli To'annoo fi Ittisa Dhibee US ibseera.

    Adurreewwan kunneen yeroo ammaa mallattoowwan covid 19 salphaa kan agarsiisan yoo ta'u yeroo gabaabaa keessatti ni bayyanatu jedhan doktaroonni.

    Kanaan duras Qeerransi shanii fi leenci sadi Paarkii New York keessatti, saree lama ammoo Hong Kong keessatti koronaavaayirasiin qabamanii turan.

    Cats test positive
  9. Akeekkachiisa masjidotaa ji'a Ramadaanaa keessa

    Masjida

    Madda suuraa, Getty Images

    Haakimoonni Paakistaan keessa jiran tatamsa'inna COVID-19 to'achuuf murtee qondaaltonniifi sheekonni namoonni salaataaf gara Masjidaa deeman hayyamaniif akka jijjiiran gaafatan.

    "Qondaaltonni murtee sirrii hin taane labsan; sheekoonnis akkasuma," jedhan Dr Qa'iser Sajjaad Waldaa Haakimoota Paakistaan irraa.

    Gaafa Roobii MM Imraan Kahaan koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru. Biyyattii keessattis namoonni 10,000 vaayirasichaan yoo qabaman namoonni 212 du'aniiru.

    Baha Eezhiyaarraa:

    • Aministiin Baangilaadish baqattoota Roohinjiaa 500 akka baraartuuf waamicha dhiheesseera. Jalqaba ji'a kanaarratti biyyattiin baqattoota bishaaniin nyaatamuuf turan heddu baraarteetti
    • MM Neeppaal gargaarsa Indiyaan qorichoota murteessoo toonii 23 taasifteef galatoofataniiru. Neeppaal keessatti namoonni 45 VOVID-19'n qabamaniiru
    • Erga Sirii Laankaa keessatti lakkoofsi namoota COVID-19'n qabamanii 41 gahe booda biyyattiin seera uggura sochii laaffisuuf turte dhiisuun gara Ebla 27'tti dheeressiteetti.
  10. Baqattootni Itoophiyaa Jibuutii maalitti jiru?

  11. Naayijeeriyaatti namoonni dabalataa 91 koronaavaayirasiidhaan qabaman

    Loltuu fi namoota biroo

    Madda suuraa, Reuters

    Naayijeeriyaattii namoonni haaraan 91 Covid-19 kan qabaman yoo ta'u kunis lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii gara 873'tti ol guddiseera.

    Wirtuun Ittisa Dhibee biyyattii akka jedhetti namoonni kunneen keessaa 74 jiraattota magaalaa Leegoosidha. Lakkoofsi kun immoo magaalattii keessatti namoonni vaayiarsichaan qabamanii 500 akka ta'an taasiseera.

    Magaalaan guddoon biyyattii, Abujaatti namoonni 119, Kaanootti 73 COVID-19 qabamaniiru.

    Biyyattii keessatti namoonni 200 ta'an hospitaalaa kan bahan yoo ta'u namoonni 28 du'aniiru.

  12. Ramadaana baranaa keessatti wantoota jijjiiramuu malan shan

  13. Qaamooleen gareen yakka raawwatan weerara Covid-19'tti fayyadamuun hawaasa hawwataa jiru

  14. Veetinaam - Seenaa milkii biyya Baha Eezhiyaa

    Namni mootara oofaa

    Madda suuraa, Reuters

    Biyyattii keessatti guyyoota torbaaf namni haaraa vaayirasichaan qabame ibsame waan hin jirreef har'arraa qondaltonni biyyattii seera ugguraa laaffisuuf.

    Hamma ammaatti namoonni 268 COVID-19 yoo qabaman, namni du'e hin jiru.

    Akkamitti irra aanan?

    Biyyattii tatamsa'ina koronaavaayiras to'achuuf saffisaan ture kan tarkanfii fudhachuu eegalte.

    Biyyattiinis balalii xiyaaraa gara Chaayinaa taasifamu dhoorkuufi murteewwan jajjaboo fudhataa turte.

    Biyyattiin tatamsa'inna COVID-19 guutuu biyyaa keessatti to'achuuf namoonni akka adda of baasaniif to'annoo cimaa taasisaa turte.

    Sirni fayyaa biyyattii haalan kan guddanne ta'us weerara kanarraa irra aanteetti.

    Veetnaam biyyi yoo tokko taate fi hawaasani ergaa mootummaarraa darbu hojiirra oolchuu qabachuun weerara koronaavaayirasiif gahaa akka ta'e biyya mul'istedha.

  15. Daa’imti baatii tokkoo koronaavaayirasii irraa fayye

    Daa'ima vaayirasii irraa fayye

    Madda suuraa, Reuters

    Oduu gaarii ganama kanaa.

    Daa’imtii baatii tokkoo biyya Taaliyaanditti nama umuriin xiqqaa kan jalqabaa kan ta’e, amma koronaa irraa bayyanate!

    Hakimoonni daa’ima kana wallaanuuf qoricha farra vaayirasii gosa afur akka fayyadaman Rooyitars hakima isa wallaanee eeruun gabaase.

    ‘’Tooftaan daa’imti kana ittiin wallaanames guyyoota 10’f qoricha kennuun ture. Guyyaa guyyaan hordoffii taasifne ture. Isaan booda raajiin isaa waljalaan fooyya’insa agarsiise,’’ jedha Visaal Moolasaart Institiyutii Dhukuboota Infekshinii Baamrasnaradura Baangkook irraa.

    Taayilaandi keessaa namoonni vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa’e 2,826 kan argaman yoo ta’u, 49 ammoo du'aniiru.

  16. Qoricha dhibee Covid-19 fayyisu yoom argannaa?

  17. Chayinaan sababa koronaavaayirasii du’aatii tokkollee osoo hin argiin guyyoota dabarsaa jirti

    Dhiirota Chaayinaa lama

    Madda suuraa, AFP / Getty

    Chaayinaan biyya weerarri koronaavaayrasii jalqaba itti argameef lammileen ishee kumaatamaan sababa kanaa dhabdus, amma garuu dhibee kana to’attee du’aatiin dhaabbatee jira.

    Akka gabaasa biyyattiin baastutti Chaayinaan osoo du’aatii sababa dhibee Covid-19 hin mudatiin torban tokko caaleera.

    Biyyoota addunyaa biroo, keessumaa biyyoota Awurooppaafi Ameerikaa keessatti garuu du’aatiin sababa dhibee Covid-19n mudatuu lakkoofsi xiqqaadha hin jedhamne guyyaa guyyaatiin galmaa’aa jira

  18. Tamsaasa kallattii Ebla 23, 2020

    Hordoftoota keenyaa tamsaasa kallattii kan Ebla 23, 2020 jalqabneerra.

    Odeeffannoo dhimmoota koronaavaayirasiin walqabatan beekuu qabdan kan biyya keessaa, kan hollaafi guutummaa addunyaa isiniif dhiyessana.

    Yeroo Gaarii!

    Aaga Dhaga'aa Oolaa!

    Namoota boolla dukkanaa keessaa ifatti bahaa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

  19. Tamsaasni keenya har'aa xumurame.

    Tamsaasni keenya kallattii har'aa xumurameera.

    Gaaritti bulaa!

  20. Beeli fi haati warraan isaa yuuroo 500,000 arjooman

    Gaarez Beel tapataa Riyaal Maadiriidiifi dursaa taphattootaa garee biyyaalessaa Weelsi

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Gaarez Beel tapataa Riyaal Maadiriidiifi dursaa taphattootaa garee biyyaalessaa Weelsi

    Taphataan kubbaa miila beekama Gaarez Beelifi haati warraan isaa weerara koronaavaayirasiin namoota miidhaman gargaaruuf kan kan oolu yuuroo 500,000 arjooman.

    Maallaqni arjoomaan kunis hojjattoota fi dhukkubsattoota fandiin UK hankaake/hin argatiin hafan deeggaruuf oola.

    Maallaqa kanas fedhiisaaniitiin tolaa ooltummaan boordii fayyaa Yuuvarsiitii Kaardiifi Vaaliif jedhamuuf gumaachaN.

    Dargaggeessi ganna 30 Beel, ‘hoospitaala Yuunvarsiitiii Weeliif jaalala addaan qaba’ jedhe dubbate.

    Sababas wayita ibsu, Hoosptaala kanattin dhaladhes, hiriiyootaafi maatii koos dabalatee hawaasa deeggaraniiru.

    Kanaaf, maatii wajjin tumsuu barbaannes jedheera.