Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Lammiileen Sooriyaa ulaa mana hidhaa hamaa Damaasqoo keessaa sakata'aa jiru

Lammiileen Sooriyaa erga Asaad aangooraa kaafameen booda ulaa lafa jalaa mana hidhaa hamaa Damaasqoo keessaa sakatta'an

Guduunfaa

  • Ameerikaan xumura Asaadiin gammaddus yaaddoos himatte
  • Israa'el waraanni Sooriyaa gadhiisnaan bakkeewwan Goolaan to'atte
  • Asaad Raashiyaa kooluu galuun gabaafame
  • Finciltoonni akkamiin saffisaan Damaasqoo gahan?
  • Raashiyaan Asaad 'marii' booda biyyaa bahuu himte
  • Masaraa Asaaditti gaazexeessitoonni BBC maal taajjaban?
  • Imbaasiin Iraan magaalaa Damaasqoo jiru haleelame
  • Namoonni baay'ee Asaad bu'uu isaanii barbaadu, achiiwoo maaltu ta'a?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, Neetaaniyaahuun Israa'el fi Hezboollaah dhukaasa dhaabuuf waliigaluu himan

    Benjaamin Netaaniyaahuu akka jedhanitti, Israa'el lola Libaanos keessatti Hezboollaah waliin taasiftu xumuruudhaaf dhukaasa dhaabuuf waliigalteetti.

    Kaabineen Israa’el ammoo waliigaltee dhukaasa dhaabuu kana gamaaggamuudhaaf jira.

    Netaaniyaahuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu waraana Libaanos keessatti Hezbollaa waliinii xumuramuuf kaabinee Israa’el akka raggaasisu akka itti dhiyeessan dubbatan.

    Waliigaltee kana keessatti Hezboollaan deebisee kan hidhatu yoo ta'e waliiglticha kan cabsu waan ta'eef yoo akkas godhe ammoo Israa'el ''deebii cimaa'' ni fudhatti jedha.

    Itti dabaluunis, Hezboollaan yoo waliigalticha cabse Israa'el haleellaa raawwatti jedhan.

    Hogganaan Israa'el kun akka jedhutti, namoonni tokkoo tokkoos dhukaasa dhaabuun mallatteessuun kun Israa'el yoo barbaachise gara Libaanositti deebi'uu akka hin dandeenye akeekkachiisan.

    Dhumarrattis Netaaniyaahuun, "waliigalteen hojiirra oolchuun ni danda'ama, ni raawwachiifnas" jechuun xumura.

  2. Hanga jiraattonni Kaaba Israa'el nagaan qe'eetti deebi'anitti waraanni hin dhaabbatu: Netaaniyaahuu

    MM Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuun jiraattota Kaaba Israa’el waliin haasawa gochuun jalqabaniin, ciminaa fi dandamannaa isaaniitiin akka boonan dubbatan.

    Akkasumas, galanni gootummaa Raayyaa Ittisa Israa'el kan injifannoo guddaa galmeessaniif haata'u jedhan.

    Addunyaa guutuun ajaa’ibsiifattee jirti jechuudhaan itti dabaluun, tarkaanfiin raayyaa ishees humna Israa’el guutuu Baha Giddugaleessaa keessatti qabdu kan calaqqisiisudha jedhan.

    Netaaniyaahuun itti fufuudhaan, hanga jiraattonni Kaaba Israa’el nagaadhaan gara qe’eesaaniitti deebi’anitti waraanni kun hin dhaabbatu jedhan.

  3. Waliigalteen dhukaasa dhaabuu milkaa'uutti dhiyaateera - Biliinkan

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa, Antoonii Biliinkan, haasaa walgahii G7 irratti taasisaniin, waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa’elii fi Hezbollaa gidduu sadarkaa milkaa'uutti dhiyaachuu himan.

    "Kun tattaaffii dippilomaasii cimaa Ameerikaa, michoota akka Faransaay fa'i ji'oota baayyeedhaaf Israa'el fi Libaanos waliin ta'uudhaan kan hojjatamaa turedha.

    ''Akkasumas, xumurarra yoo geenye, yeroo dhiyootti akka jijjirama olaanaa taasifnu abdiin qaba," jedhan.

    Garaagarummaan sun lubbuu fi jireenya lammiilee Libaanos baraaruu, Israa’elonni gara kaaba qe’ee isaaniitti akka deebi’anii fi lammiileen Libaanosis gara mana isaanii kibbaatti akka deebi’aniif haala uumuu akka ta’e dubbatan.

    Biilinkan itti dabaluudhaan, qaxanicha keessatti muddama mul'atu hir'isuu keessatti, kun waldhabdee Gaazaa keessattis xumuruuf gargaaruu danda'a jedhan.

    Sababiin isaas "Hamaas addawwan gara biroo irratti waraanni banamuu lakkaa'uu akka hin dandeenye ni beeka" jedhan.

    Biliinkan haasaa walgahii garee G7 Xaaliyaanitti taa’amerratti dubbataniin, dhimmi guyyaa guyyaan nuti argaa jirru, rookkeetotaa fi misaa'eloonni kallattii lamaan dhukaafaman, dhukaasa dhaabuun hammam ariifachiisaa akka ta'e kan hubachiisudha.

    Ameerikaan Baha Giddugaleessaa keessatti kaayyoo mataashee akka qabdu guyyaa jalqabaa irraa kaaftee ifa ta’uu dubbatan.

    "Tokko taateen Onkoloolessa 7 Israa'el irratti raawwatame sun lammata akka hin mudanne tattaaffii taasiftu deeggaruudhaaf waan dandeenyu hunda akka goonu mirkaneessuudha," jedha Biliinkan.

    Lammaffaan, waldhabdeen kun gara addawwan haaraatti akka hin babal’anne waan hunda gochuudha jedhan.

    Itti dabaluudhaanis, "qormaata hedduufi yeroo hedduu kun salphaatti gara waraana naannootti guddachuu danda'us qabatamaan sana gochuurratti milkaa'inni guddaan argameera," jedhan.

    Sadaffaan, namoota "dhukaasa qaxxaamuraa suukaneessaa" kana gidduutti danqaman gargaaruuf waan hunda gochuudha jedhan.

  4. Amma nu gahe, Waliigalteen dhukaasa dhaabuu har'uma akka labsamu eegama - Qondaala US

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa’eliifi Hezbollaa gidduu yeroo muraasa dhufan keessatti akka ifa ta’u, qondaalli US dubbatan.

    Waliigalteen kuni guutuufi waarawaadha jedhameera.

    Waliigalteen kuni ‘’karaarra jira’’ jedhamuu Ameerikaatti michuu BBC kan ta’e CBS gabaaseera.

    Waliigaltee kana qaamoleen lamaan erga raggaasisan booda Pirezidant Baayidan waliigaltee kana keessa US jaarsummaan qooda fudhachu ni labsu jedhamee eegama.

    Achiis kallattiin hojiirra oola jedhameera.

    Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan Ameerikaafi Faransaay qaamoleen lamaan akka waliigalteerra gahan ji’ootaaf carraaquu ibsaniiru.

  5. Maanguddoon umrii dheeraa jiraatan ganna 112tti du'an

    Namni addunyaarratti umrii dheeraa jiraatan ganna 112tti du'uu maatiin isaanii mirkaneessaniiru.

    Joon Alfireed Tiniswuud Wiixata kaleessaa mana kunuunsaa Saawuzpoort bakka jiraatanitti du'an.

    Maanguddoon umrii isaanii guutuu deeggaraa Liivarpuul turan bara kana ji'a Ebla keessa erga Juuwaan Viiseente Peereez umurii waggaa 114tti du'an booda nama umrii guddaa lubbuun jiran turani.

    Tiniswuud, bara Hagayya 26, 1912, bara dooniin Taayitaanik liqimfame dhalatan.

    Bara 2020tti nama UK keessatti umrii dheeraa jiraatan ta'an.

    Ebla bara 2024 keessa nama umuriin isaanii addunyaarratti guddaa ta'uun galmee 'Guinness Book of Records'n beekamtii argataniiru.

    Ibsa maatiin isaanii kennaniin ''amaloota gaarii hedduu qabu'' jedhan.

    "Inni beekaa, murteessaa, goota, nama rakkoo kamiyyuu keessatti tasgabbaa'aa ta’e, dandeettii herregaa kan qabuu fi nama baay’ee haasa'uu danda’a ture," jedhan.

    Amaloonni kun yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti Korporeeshinii Kaffaltii Waraana Mootii keessa tura akka gaariitti isaan fayyadaniiru jedhu.

  6. Raashiyaan dippilomatii Biriiten basaasun shakkite ariite - Gabaasa

    Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa ambaasaaddara Biriiteen ofitti waamun dhimma kana gaafachuullee miidiyaan Raashiyaa Taas jedhamu gabaaseera.

    Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa UK deebii kennaniin ‘’Raashiyaan himannaa bu’uura hin qabne hojjettoota keenyarratti yeroo dhiheessitu kuni yeroo jalqabaaf miti.

    ‘’Fuula duratti deebii ni kennina,’’ jedhaniiru.

    Miidiyaan mootummaa Raashiyaa akka gabaasetti, dhaabbatni tikaa Raashiyaa Odeeffannoo sobaa kennuufi basaasurratti bobba’un dippilomatii kana himate.

    Fulbaana keessa Raashiyaan dippilomaatota Biriiten jaha basaasutti bobba’an jechuun himatte eeyyama dhorkachuun ni yaadatama.

    Hariiroon UK fi Raashiyaa eega Raashiyaan Yukireen weerarte booda akkuma hammaatetti jira.

  7. Rookeetonni 10 Libaanos irraa Israa'elitti dhukaafaman - Waraana Israa'el

    Israa'el har'a waaree booda misaa'eloonni 10 Libaanos irraa gara kaaba biyyattiitti furguggifamaniiru jette.

    "Rookkettoota shan kan Libaanos irraa gara naannoo Israa'elitti qaxxaamuran humni qilleensaa Israa'elii qolataniiru," jedheera Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) ibsa baaseen.

    Gama biraan haleellaa qilleensaa Israa’el giddugala Beerut irratti raawwateen namoonni 7 du’uu ministeerri fayyaa Libaanos beeksiseera.

  8. Deeggartoonni Imraan Kaan magaalaa waan gahaniif haalli hammate

    Namoonni ministira muummee duraanii Paakistaan ​​Imraan Kaan akka hidhaarra hiikaman gaafatan magaalaa guddoo Paakistaan ​​ Islaamaabaad gahaniiru.

    Gara Addabaabayii Dimookiraasii kan gamoolee mootummaa ijootti dhihoo ta’etti osoo deemaa jiranii humnoonni mootummaa gaazii imimmaan nama boochisu itti darbatani.

    Imraan Kaan malaammaltummaadhaan hidhaa waggaa sadiin adabamaniiru, isaan garuu badii waakkatu.

    Ammallee mana hidhaa keessa jiru, garuu hordoftoota isaaniin "hanga dhumaatti akka qabsaa'an" fi hanga gaaffiin isaanii guutamutti mormii akka itti fufan X irratti dhaamaniiru.

    Angawoonni mootummaa Islaamaabaad keessatti daandii guddaa cufanii, tajaajila moobaayilaa fi intarneetii naannoo murtaa’e keessatti addaan kutan.

    Erga hiriirri kun Dilbata eegalamee kaasee mormitoonni dhibbaan lakkaa'aman to'annoo jala oolaniiru.

  9. Walgahiin kaabinee Israa'el eegaleera

    Kaabineen Israa’el waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hezbollaah waliin Libaanos keessatti taasifamuu danda’u irratti walga’ii eegaluu isaa AFP qondaala tokko wabeeffachuun gabaaseera.

    Walgahiin kun sa'aatii muraasa kan turu ta'a jedhamee eegama.

    Ministirri Dhimma Alaa Libaanos kanaan dura waliigalteen dhukaasa dhaabuu galgala kanaatti akka milkaa'uu danda'u abdii qaban ibsaniiru.

    Miidiyaaleen Israa’elis galgala kana ibsi kennamuu mala jedhu.

    Kun osoo deemaa jiruu, Waraanni Israa'el haleellaa Beerut irratti raawwateen daqiiqaa lama keessatti bakka 20 rukuteera jedhe.

    Raayyaan Ittisa Israa’el akka jedhetti, xiyyaaronni waraanaa saddeet wiirtuu kutaa ittisa qilleensaa Hezbollaa, wiirtuu basaasaa, wiirtuu ajajaa fi bakka kuusaa meeshaa waraanaa jedhame irratti haleellaa raawwataniiru.

    Caasaaleen faayinaansii Hezbollaa torba rukutamuu ibsaniiru.

  10. Israa'el qiyyaafannoo Hezbollaa Beerut jiran irratti haleellaa cimsite

    Waraanni Israa’el bakkeewwan kibba magaalaa guddoo Libaanos, Beerut, argaman haleeluu eegale.

    Kanaanis namoonni sadii ajjeefamuu ministeerri fayyaa Libaanos beeksiseera.

    Haleellaan kuni erga namoonni qe’ee sana keessaa akka bahan dursitee ergaa dhaamte booda dhagahame.

    Haleellaan kuni osoo kaabineen nageenyaa Israa’el Hezbollaa waliin waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota 60’f turu irratti mari’atuuf taa’uu isaa dura mudate.

    Waraanni Israa’el baatii lama dura ture lafoo Libaanos weeraruun Hezbollaa loluu kan eegale.

    Kunis Hezbollaan lola Israa’el Hamaas waliin Gaazaa keessa adeemsistuurratti Hamaasiif goree loluu isaafi Israa’elittis rokeetii waan dhukaasaa tureefi.

    Waraanni Israa’el qiyyaafannoowwan Hezbollaa Beerut keessa jiran irratti haleellaa raawwachaa akka jiru kan beeksise.

  11. Chaayinaan waraana daldalaan eenyuyyu hin mo'u jechuun akeekkachiifte

    Pirezidantii US ta’un kan filataman Donaald Tiraamp meeshaalee Chaayinaa Ameerikaa seenan irratti taarifa 10% akka dabalan erga dubbatan booda dubbatte.

    Kuni taarifa 60% Tiraamp meeshaalee Chaayinaarratti nan kaa’a jedhanii duularratti dubbatanirraa addadha.

    Kuni jalqabbiidha malee Tiraamp taarifa dabalataa kaan dabaluuf jedhu jechuun sodaa qaban dubbatu.

    Miidiyaan mootummaa Chaayinaa akeekkachiisa Tiraamp ‘’maal na dhibdee’’ jechuun qeeqe.

    Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa qorichi keessumaa ‘fentanyl’ gara US akka hin seenne dalaguu beeksise.

    Chaayinaan garuu waan kana dura turerraa ka’un waan Tiraamp gochuuf deeman eegaadhuma turte.

    Oomishaalee ishee dabalataa gara biyyoota michuu US hin taanetti ergaa jirti.

    Oomishaalee qonna fa’i Biraazil, Arjantiinaafi Raashiyaadhaa galchaa jirti.

    Kunis ta’u Beejing waraana daldalaa Ameerikaa waliin hin feetu. Sababni isaa immoo guddinni dinagdee ishee harkifateera.

  12. Waliigaltee dhukaasaa dhaabuu Israa'eliifi Hezbollaa keessati waantota hammataman

    Akkuma gabaasaa turre Kaabineen Israa’el, yaada guyyoota 60f dhukaasa dhaabuu biyyattiifi Hezboollaah gidduu akka taasifamuuf dhiyaate ilaalchisuun sagalee kennuuf jira.

    Yaada waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhiyaate kana jalatti, loltoonni Israa’el Libaanos keessaa ni ba’u; Hezboollaan ammoo loltoota isaafi meeshaa waraanaa kibba Laga Litaanii kan karaa Libaanos Israa’eliin daangessiturraa kiiloomeetira 30 fagaatee argamu keessaa ni baasa.

    Loltoonni Hezboollaah bakka sana jiran ammoo Waraana Libaanosiin bakka buufamu.

    Dhimmoota waliigaltee kana keessatti dhiyaatan keessaa lacuu dhukaasa dhaabuufi Israa’el zoonii moggaa kibba Libaanos keessatti qabatte hin jiraatu akka Israa’el Chaanaal 12 gabaasetti.

    Chaanaal 12 kun itti dabaluun, Humni Ittisaa Israa’el (IDF) guyyoota 60f Libaanos keessa turuun, yeroo huni waraanaa Libaanos IDF bakka bu’aa deemenitti mootummaan Libaanos meeshaa waraanaa bituufi omishuu biyyattii keessatti deemsifamu ni hordofa.

    US koree biyyoota shan qabu dhukaasa dhaabuu kana hordofu kan dursitu yoo taatu, yoo Hezboollaan waliigaltee kana kan diigu ta’e Israa’el Libaanos haleeluudhaaf mirga akka qabdu xalayaan mirkaneessitiif.

    Ministirri muummee Israa’el Benjaamiin Netanaiyaahuu waliigatee kana “sadarkaa yaadaatti”fudhachuusaanii The Times of Israel gabaaseera.

    Af-yaa’iin itti-aanaa paarlaamaa Libaanos, Eliyaas Bowu Saab Roohitarsitti akka himanitti, waliigaltee kana hojiirra oolchuurrattti “Netaniyaahuu yaada isaa hin jijjiirratiin malee, gufuun hamaa ta’e hin jiraatu."

  13. Kaabineen Israa’el Hezboollaah waliin dhukaasa dhaabuurratti mariyachuuf

    Kaabineen nageenyaa Israa’el dhimma guyyoota 60f Hezboollaah waliin dhukaasa dhaabuurratti mariyachuuf jiru.

    Loltoonni Israa’el lafoon Libaanos keessa seenanii waraana kan banan ji’a lama dura yoo ta’u, kun ammoo deebii ruokkeettii Hezboollaah wagga tokkoon dura itti dhukaasaa tureeti.

    Akka gabaasaaleen agarsiisanitti, waliigaltee ta’uuf jiruun loltoonni Israa’el suuta suutaan Libaanos keessaa akka ba’an ta’ee, Hezboollaan ammoo daangaa Israa’elirraa fagaata.

  14. Kataar Hamaas fi Israa'el araarsuu maaliif dadhabde?

    Mootummaan Kataar marii nagaatiin Israa’elii fi Hamaas walitti dhiyeessuuf tattaaffii taasisaa ture yeroof dhaabuu ibse.

    Sababni ijoon Kataar ibsitemmoo gartuun lachuu mari’achuuf fedhii dhaban kan jedhuudha.

    Kana qofaa miti, Kataar waajjira Hamaas biyyattii keessa jiru akka cuftuufis dhiibbaan US itti cimeera.

    Biyya xiqqoofi dureetti taate Kataar, Baha Giddu Galeessaatti akka jaarsaa araaratti of ilaalti, garuu waldhabdee Israa’el fi Hamaas jaarsummaan furuun itti cimeera.

    Kataar akkamiin jaarsummaan maqaa tolfatte?

    Kataar biyya xiqqoo Galoo Galaana Pershiyaa keessa jirtu yoo taatu, kaaree kiiloo meetira 11,600 bal’atti.

    Garuu biyya boba’aa baay’ee guddaa biyyoota birootti ergitu yoo ta’u, galii nama-tokkeetiin addunyaarratti sadarkaa 6ffaa irratti argamti.

  15. Tiraamp guyyaa jalqabaa Chaayinaa, Kanaadaafi Meksiikoorratti taarifa akka dabalan dhaadatan

    Piezidantii Ameerikaa 47ffaa ta’uuf kan filataman Doonaald Tiraamp, guyyaa jalqabaa baalliin harka isaan geesse, Chaayinaa, Kanaadaafi Meksiikoorra taarifa akka kaa’an dhaadatan.

    Tiraamp kana kan godhaniif namoota karaa seeraan alaa gara Ameerikaa seenan dhaabsisuufi daddabarsa qoricha sammuu namaa adoochanii ittisuudhaaf akka ta’e dubbataniiru.

    Amajji 20 ifatti hojii isaanii kan jalqaban Tiraamp, guyyaa jalqabaa omishaalee Kanaadaafi Meksiikoorraa galanirra taaifa %25 akka kaa’amuuf ajaja akka mallatteessan beeksisan.

    Bulchiinsi pirezidantiin Ameerikaa baallii kennan Joo Baayiden Chaainaan omisha qoricha sammuu namaa adoochu qopheessuuf oolu Fentaaniil jedhamu hojjechuu akka dhaabduuf gaafachuun isa ani yaadatama.

    Waashigiten akka jettutti, bara darbe keessa qofa sababa Fentaaliin kanaatiin Amerikaanonni kuma 75 du’aniiru.

    Kanaadaafi Meksiikoon baqattoota seeraan ala gara Ameerikaa seenan hanga dhaabsisanitti, akkasumas qoricha sammuu adoochu Fentaaniil jedhamu gara Ameerikaa akka hin seenne hanga dhorkanitti taarifni irra kaa’amee tura jedhan.

    Doonaald Tiraamp aanga’oota Beejing akkuma kana dubbiin tuqaniiru.

    Akka inni jedhutti, aanga’oonni Chaayinaa qoricha sammuu adoochu Fentaaniil namota omishan du’aan adauuf waadaa galanii ture.

    Waashingiteenitti dubbi-himaan Embaasii Chaayinaa “yaadni Chaayinaan ta’e jettee Fentaaniil akka gara Ameerikaa galu gooti jedhu dhugaarraa kan fagaatedha,” jedhan.

  16. Israa’eliifi Hezboollaah waliigaltee dhukaasa dhaabuu taasisuutti dhiyaatan

    Israa’eliifi Hezoollaah karaa Libaanos waliigaltee dhukaasa dhaabuutti kan dhihaatan fakkaatu, kaabineen Israa’el ammoo har’a walga’ii irratti mari’achuuf akka jiru qondaaltonni Israa’eliifi Ameerikaa himan.

    Lola Israa’eliifi milishaa Libaanos keessaa maadheffateefi Iraaniin deeggaramu Hezboollaah gidduutti taasifamaa jiru dhaabuuf guyyoota 60f waraana dhaabuun yaadni dhiyaachaa jira.

    Humni Israa’el kibba Libaanos keessaa bahuufi Hezboollaan ammoo naannoo sanatti argamuu dhaabuu kan dabalatu ta’uu himama.

    Dubbi-himaan Mana-Maree Nageenya Biyyaalessaa Ameerikaa Joon Kirbii, ''nuti sadarkaa walitti dhiyaatanii mariyachuutti dhiyaanneerra jennee amanna,'' jedhan. Garuu "ammallee achi hin ga’iin jirra" jedheera.

    Ameerikaa fi Faransaay - michuu yeroo dheeraa Libaanos kan ta’an - yaalii dhukaasa dhaabsisuu keessatti hirmaataniiru.

    Yeroo baay’ee barii jala baayyee dukkanaa’a jedhamee dubbatama. Yeroo qaamonni lachuu dhimmoota waliigaltee dhukaasa dhaabuurratti dubbatamaa jiruu, walitti dhukaasuun Israa’eliifi Hezboollaah cimee itti fufeera.

    Baayyeen isaanii kan qolataman ta’ullee, Dilbata Hezboollaan Libaanosirraa rokkettii 250 Israa’elitti dhukaaseera.

    Israa’el ammoo bakkeewwan Hezboollaan jira jettee shakkiturratti haleellaa qilleensarraa gaggeessuu itti fufteeti.

  17. Akkam jirtu? Tamsaasa kallattiin isniif dhiyeessinuun deebineerra

    Akkam jirtu? Tamsaasa kallattiin isniif dhiyeessinuun deebineerra.

    Oduu marii dhukaasa dhaabuu Israa'el fi Hezboollaa giduutti taasifamuufi kanneen biroo ni argattu.

    Dhiyaadhaa.