Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Lammiileen Sooriyaa ulaa mana hidhaa hamaa Damaasqoo keessaa sakata'aa jiru

Lammiileen Sooriyaa erga Asaad aangooraa kaafameen booda ulaa lafa jalaa mana hidhaa hamaa Damaasqoo keessaa sakatta'an

Guduunfaa

  • Ameerikaan xumura Asaadiin gammaddus yaaddoos himatte
  • Israa'el waraanni Sooriyaa gadhiisnaan bakkeewwan Goolaan to'atte
  • Asaad Raashiyaa kooluu galuun gabaafame
  • Finciltoonni akkamiin saffisaan Damaasqoo gahan?
  • Raashiyaan Asaad 'marii' booda biyyaa bahuu himte
  • Masaraa Asaaditti gaazexeessitoonni BBC maal taajjaban?
  • Imbaasiin Iraan magaalaa Damaasqoo jiru haleelame
  • Namoonni baay'ee Asaad bu'uu isaanii barbaadu, achiiwoo maaltu ta'a?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Yeroo finciltoonni Sooriyaa Aleeppoo seenaan jiran-Suuraan

    Magaalaan Aleeppoo (magaalaa Sooriyaa guddoo lamaffaa) yeroo ammaa kana labsii yeroo sochii daangeffame jalajirti. Kana kan labse ammoo finciltoota magaalattii to'atan yoo ta'u, labsiin kunis hanga boriitti tura jedhameera.

    Suuraawwan yeroo finciltoonni magaalaa seenan agarsiisan walitti qabneerra.

    Finciltoonni kunneen yeroo magaalaa seenanitti gammachuu ibsataa mul'atu.

  2. Raashiyaan Aleeppoo yeroo haleeltuufi finciltoonni Sooriyaa yeroo magaalattii to'atan

    Raashiyaan erga bara 2016 as yeroo jalqabaatiif magaalaa guddoo Sooriyaa lamaffaa kan taate Aleeppoo haleelte.

    Finciltoonni Sooriyaa ammoo humnoota mootummaa Sooriyaarratti haleellaa bananii magaalattii to’atan akka Dhaabbanni Sooriyaa Mirgoota Namoomaaf Falmu (SOHR) UK buufateeru jedhett.

    Waraanni Sooriiyaa ammoo “deebisee qolachuuf qophaa’uudhaaf” yeroodhaaf loltootasaa Aleeppootii baasuu dubbateera.

    Dubbi-himaan SOHR BBCtti akka himetti, manni-maree magaalattii, buufataaleen poolisiifi waajiraaleen intelejesnii “qullaa “ jiru.

    Raashiyaan Aleeppoo yeroo haleeltuufi finciltoonni Sooriyaa yeroo magaalattii to'atan daawwadhaa.

  3. Finciltoonni yeroo to'ataa jiranitti haleellaa Raashiyaan gaggeessite Aleeppoo rukkute

    Raashiyaan magaalaa guddoo lamaffaa Sooriyaa kan taate Aleeppoo irratti haleellaa qilleensarraa bante.

    Haleellaan qilleensarraa Raashiyaa kun humnoonni finciltootaa Sooriyaa jalqaba torban kanaa mootummaarratti waraana guddaadha jedhame banuu hordofeeti.

    Waraanni finciltoonni osoo hin eegamiin tasa banan kun erga bara 2016 as Raashiyaan yeroo jalqabaatiif haleellaa qilleensaa akka gaggeessitu kakaaseera. Kana hordofee ammoo waraanni Sooriyaa loltootashee akka baastu taasiseera.

    Finciltoonni waraana banuu hordofee namoota nagaa 20 dabalatee hanga ammaatti namoonni 300 ol ajjeefamuu dhaabbanni Sooriyaa Dhimma Mirgoota Namoomaa hordofu UK buufate himeera.

    Daandiin gara Aleeppoo geessan cufataniiru, buufataaleen xiyyaaraas akkasuma.

  4. Hireen dhaabbilee siviilii mootummaan dhorke 'yeroo gabaabaatti barama'

    Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Siviilii Hawaasaa Itoophiyaa dhaabbilee sadii dhihoo dhorkaa kaa’erratti ‘’murtee xumuraa yeroo gabaabaa keessatti’’ akka dabarsu beeksise.

    Torban darbe ture mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee siviilii hawaasaa sadii ‘walabummaa siyaaasaa hin qaban’ akkasumas ‘faallaa fedhii biyyaalessaa’ sosso’an jechuun himatee eeyyama kan dhorke.

    Eegasii booda gartuun mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal dabalatee kaan murtee kana qeeqaniiru.

    Dirreen siviilii dhiphachaa jiraachuus agarsiisa jedhan.

    Har’a ibsa kan waame dhaabbatichi ‘’taateewwan tokko tokko’’ eeruun ‘’… dirreen dhaabbilee siviilii dhiphate jedhanii gudunfuun’’ sirrii miti jedhan aangawaan dhaabbatichaa.

    Dhaabbileen dhorkaman Wiirtuu Mirgaafi Guddina Dimookiraasii (CARD), Itoophiyaatti Gurmuu Mirga Namoomaaf akkasumas Ogeeyyii Seeraa Mirga Namoomaaf jedhamanidha.

  5. Miidhaan misaa'ela US'n dhaqqabe 'xiqqaadha,' jedhan Puutiin

    Haleellaa Yukireen misaa’ela Ameerikaan dhimma bahuun raawwatteen miidhaan dhaqqabe ‘’xiqqaadha’’ jedhan Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutin.

    Duratti Puutin Raashiyaan bu’uuraalee humna elektirikaarratti xiyyeeffachuun kaleessa galgala raawwatte sababa Yukireen meeshaalee warra Lixaan itti dhukaaftef akka ta’e himan.

    Putiin kan kana dubbatan Kaazaakistaanitti ibsa miidiyaaleef kennaniini.

    Yukireen misaa’eloota biyyoota Lixaan gargaaramtee dhukaasuun akka ‘’biyyoonni Lixaa kallattiin’’ hirmaatanitti akka ilaalan dubbatan.

    Kunimmoo, ‘’balaa’’ qaba jedhan.

  6. Sigiga lafaa Ugaandaan namoonni 113 achi buuteen dhabame

    Balaa sigiga lafaa Ugaandaatti mudateen yoo xiqqaate namoonni 113 achi buuteen dhabamuu poolisiin dubbate.

    Hanga ammaa namoonni 15 immoo du’uun isaanii barameera.

    Sigigi lafaa rooba cimaan mudate kuni qe’ee Bulaambulii magaalaa guddoo biyyattii Kaampaalaarraa 280km fagaattee argamtu haalaan miidhe.

    Erga manneen 40 jijjigan booda lubbuu baraartonni barbaachatti jiru.

    Waraanni biyyattii barbaacha gargaaruuf bobba’eera.

  7. Yukireen 'goftoolii ishee meeshaa kadhataa jirti' jedhan Puutin

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutin yeroo jabina meeshaa waraanaa hidhatan dubbatanitti kana jedhan.

    Hoggantoonni Yukireen garuu ‘’meeshaa waraanaa biroof gooftolii isaanii kadhataa jiru,’’ jedhan.

    Siistama misaa’ela akkaan saffisaa nu qofatu qaba jedhan tarreessuun ibsaniiru.

    ‘’Humna guutuun oomishi isaanii dabaleera,’’ jedhan.

  8. Xiyyaarri waraanaa MM Abiy Itoophiyaan dalagde jedhan kan akkamiiti?

    Itoophiyaan xiyyaara waraanaa hojjette balaliif qophii gochuu Ministirri Muummee Abiy Ahimad dubbatan.

    Xiyyaarri waraanaa kun maqaa Sun 2 jedhamu kan qabdu yoo ta'u, biyya keessatti omishamuu MM Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii gubbaatti barreessan.

    Dhaabbilee nageenyaa biyyattii rifoormii qabatamaa agarsiisan keessaa Humni Qilleensaa Itoophiyaa adda duree ta'uu kan eeran MM Abiy, daandiin qilleensichaa xiyyaara waraanaa oomishe ergamaaf qophii gochuu ifa godhan.

    "Humni Qilleensaa waggaa 89ffaa isaa yeroo kabajataa jirutti, xiyyaara waraanaa Sun 2 jedhamtu, kan biyya keessatti omishamte, ergamaaf qopheessuun milkaa'ina guddaa argamsiiseera," jedhan.

    Xiyyaarri waraanaa kun teeknolojii ergama milkaa'inaan raawwachuuf gargaaru hidhachuu kan himan MM Abiy, kaayyoo Humni Qilleensa Itoophiyaa bara 2030tti humna qilleensaa guddaa ta'uuf qabullee kan milkeessu ta'uus himan.

  9. Wiirtuuwwan ajajaa Kiiv jiran ni rukunna - Puutin

    Raashiyaan misaa’eloota 90 fi diroonii 100’n galgala kaleessaa Yukireenitti dhukaasuu Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutiin dubbatan.

    Kunis, sababa torban darbe Yukireen misaa‘eloota US fi UK’tti dhimma bahuun waan nutti dhukaasteefii jedhan.

    Si’achi Raashiyaan wiirtuu ajajaa magaalaa guddoo Yukireen, Kiiv keessatti argamanirratti xiyyeeffachuun akka dhukaastu dubbatan.

    Pirezidantiin Yukireen Voloodimir Zeleeniskii haasaa taasisaniin lakkoofsa meeshaa waraanaa Puutiin eeran fakkaatu eeraniiru.

    Meeshaaleen waraanaa bu’uuraa lammiilee nagaarratti dhukaafaman jedhan.

    Yukireen yeroo jalqabaaf torban darbe meeshaalee waraanaa US fi UK fayyadamuun yeroo jalqabaaf daangaa Raashiyaa keessatti dhukaafteetti.

    Eegasii booda ture Raashiyaan haleellaa haaloo bahuun kan irra deddeebiin dhukaasaa jirtu.

  10. Attam ooltan!

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra. Dhihaadhaa!

  11. Humni Waraana Libaanos bakka Hezbollaan keessaa bahe to'achuuf loltoota sochoosuu eegale

    Humni Waraana Libaanos ibsa baasen kibba biyyattii bakka Hezboollaah keessaa bahe to'achuuf loltoota dabalataa garasitti erguu jalqabuu beeksise.

    Akkaataa walii galtee waraana dhaabuu Israa'elifi Hezbollaatti, humni loltoonni Israa'elifi hidhattoonni Hezbollaa Kibba Libaanos keessaa bahanii, loltoonni biyyattii ni to'atu.

    Humni Waraanaa Libaanos kutaalee waraanaa dabalatee gara kibbaatti bobbaasaa jiraachuu beeksise.

    Israa'elifi Hezbollaan waraana dhaabuf walii galuusaanii hordofee lammiileen Lobaanosiif gama Israa'elii buqqa'an qe'eesaaniitti deebi'aa jiru.

    Akkaataa walii galtee waraana dhaabuu kanaan, loltoonni Israa'el guyyaa 60 keessatti Libaanos keessaa bahanii, Humni Waraana Libaanosiifi humni nagaa kabachiisaa UN (UNIFIL) bakka isaanii bu'ee Kibba Libaanos to'atu.

  12. Dhumaatii lammiilee hambisuuf jennee waraana dhaabuuf tole jenne - Hezbollaa

    Israa'el wajjiin ji'oota 13 oliif kan waraana keessa ture Hezbollaan, "dhumaatiifi duguuggaan sanyii lammiilee nagaa irratti gaggeeffamu akka dhaabbatu barbaanne" jechuun sababa waraana dhaabuf walii gale ibse.

    Hezboollaa bakka bu'uun miseensa parlaamaa Libaanos kan ta'e Ibraahim al-Mowusaawwii BBCtti akka dubbatetti, Hezbollaan waliigaltee waraana dhaabuu kana akka kabajus ibse.

    Akkaataa walii galtee kanaatti Hezbollaan kibba Libaanos keessaa bahuu qofa osoo hin taane deebisee yoo of gurmeesseefi Israa'el yaaddodha jettee yaadde haleellaa irratti gaggeessiti.

    Ibraahim al-Mawusaawwii akka jedhanitti Hezboollaan Murtee Mana Maree Nageenyaa UN 1701 kan bara 2006 murtaa'e akka kabajus ibseera.

    Murteen Mana Maree Nageenyaa UN 1701, Hezbollaan daangaa Israa'el irraa 30km akka fagaatuufi humni waraana Libaanos kibba biyyattii akka to'atu murteessee ture.

  13. Liivarpuuliif yeroon ammaa Riyaal Maadirid injifachuuf carraa gaaridhaa?

    Galgala har’aa tapha Chaampiyeens Liigiin Liivarpuul Riyaal Maadiridiitin morkata.

    Waggoota 15 dura Liivarpuul kilabii Ispeeniin 4fi 0’n mo’achuun irra aanee ture.

    Suni garuu yeroo xumuraaf kilabiin Ingilaand Pirimiyeer Liigicha dursaa jiru kilaba Ispeen kana mo’atedha.

    Liivarpuul taphoota saddeet darban Riyaal Maadirid waliin taphate keessaa tokkoyyuu mo’achuu hin dandeenye. Kunis waggaa 15 guute.

    Kuni har’a jijjiiramuu danda’aa?

    Xiinxaltoonni akka jedhanitti yeroon ammaa Liivarpuuliif gaarii fakkaata.

    Galgala har’aa Anfiilditti yeroo Riyaal Maadirid keessummeessan carraa kana itti fayyadamuu danda’u.

    Liivarpuul leenjisummaa Arnee Isloot jalatti milkaa’inatti jira.

    Taphoota Chaampiyeens Liigii afur taphatan keessaa afranuu mo’aniiru. Kudhan galchanii, takka qofatu itti seene.

    Faallaa kanaan Riyaal Maadirid Chaampiyeens Liigii irrattis ta’e Laa Ligaarratti rakkootti jira.

    Gareen Kaarloo Anchooleetiin durfamu bara darbe waancaa lamaanuu injifatus barana yeroo ammaa liigichaan sadarkaa lammaffaarra jiru.

    Taphoota Chaampiyeens Liigii afur taphatan keessaa sadii qe’eetti taphatan. Istuutgart fi Dortimuund mo’atanis, Eesi Miilaan 3fi 1’n isaan mo'amani.

    Ganna darbe taphataan lammii Faransaay Kiliyaan Imbaappee Maadirid seenus, ga’umsa isaa duriirra hin jiru jedhama.

    Kanaaf sababni ijoo bakka akka taphatu ramadamedha.

    Gama kaaniin immoo ga’umsa jabaarra kan jiru Vinishiyees Juuniyer immoo miidhamaan hin hirmaatu.

    Kanaaf, Liivarpuuliif carraa gaarii ta’u mala jedhu xiinxaltoonni.

  14. Israa'el haleellaa Gaazaatti raawwatteen namoonni 15 ajjeefaman

    Israa'el kaabatti Hezbollaa waliin nagaa buustus, kibbatti Gaazaa haleeluu ittuma fuftee jirti.

    Haleellaa har'a Gaazatti raawwatteen namoonni 15 ajjeefamuu ogeeyyiin fayyaa himan.

    Kanneen du'an keessaa ijjoollen lama kan dubbi himaa duraanii Hamaas Faawuzii Baarhom keessatti akka argaman maddi oduu Rooyitars maddeen fayyaa Gaazaa waabeffachuun gabaase.

    Israa'el haleellaa kana kan raawwatte michuu Hamaas kan ta'e Hezbollaa wajjin yeroo waraana dhaabdee jirtutti.

    Ministiirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu sababa Libaanositti waraana dhaabu barbaachiseef jedhanii ibsan keessaa tokko Hamaas qophaatti hambisuun loluudha.

  15. Walii galtee dhukaasa dhaabuu booda Libanoosif boqonnaan haaraan akka jiru nan abdadha - MM Libaanos

    Ministeerri Muummee Libaanos Naajib Mikaatii Israa'el guutummaan Libaanos keessaa akka baatu gaafachuun waliigalteen waraana dhaabuu Israa'eliifi Hezbollaa Libaanosiif boqonnaa haaraa fidee akka dhufu abdii qabaachuu dubbatan.

    Waliigalteen waraana dhaabuu akkuma hojiirra oluu jalqabeen sa'aatiwwan muraasa keessatti kaabineesaanii walitti qabuun humni waraanaa Libaanos kibba biyyattiitti akka bobba'u murteessuus himan.

    "Kuni Libaanosiif boqonnaa haaraa akka ta'u abdiin qaba," jedhan Naajib Mikaatii.

    Akkaataa waliigaltee waraana dhaabuu kanaan, Israa'elifi Hezbollaan waraana isaanii Kibba Libaanos keessaa baasun, humni waraana Libaanos ni dhuunfata.

    Waraanni Israa'el gulantaa gulantaan guyyoota 60 keessatti Libaanos keessaa bahee waraanni Libaanos bakka bu'a.

  16. Miidiyaaleen Iraan dhukaasa dhaabuu kan fide injifannoo Hezboolaati jechuun faarsaa jiru

    Miidiyaaleen, gaazexoonniifi aanga'oonni Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu kana kan argamsiise injifannoo Hezboollaa akka ta'etti faarsaa jiru. Akka isaan jechaa jiranitti, "weerarri" Israa'el Libaanos keessatti raawwatte dhaabbachuun Israa'eliif mo'amuu yoo ta'u, Hezboollaaf ammoo injifannoodha jedhan.

    Hezboollaan garee hidhattoota maallaqaa fi meeshaadhaan Iraaniin deeggaramuti.

    Mata-dureewwan gaazexootaa biyyattii tarkaanfii waraanaa Hezboollaah yeroo lolli kun turetti fudhatee dinqisiifachuun, Benjamaiin Netaniyaahuun gara hin taanetti deema jira jechuun maxxansaniiru.

    Miidiyaan Agah jedhamu akka gabaaetti, ciminni Hezboollaah "waan warri Tsihon shallagan jalaa diige" jedhe.

    Gaazexaan Jaam-e Jam jedhamu ammoo dhukaasa dhaabuu waanti jedhamu kan dhufe "diddaa" ture ka'uunii jechuun dinqisiifateera.

    Farhikhtegan ammoo yaada dhiyeesseen waliigaltee kana mallatteessu isaatiin "Netaniyaahuu sartifikeetii du'aatiisaatti mallatteesse" jedheera.

    Miseensi Mana-maree Alireezaa Salimii ammoo oduu waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanatti gammaduu ibsuun, "Warri Tsiyon deeggarsa guutuu warra Lixaarraa argatan dabalatanii Hezbollaatiin mo'amaniiru," jechuun tarkaanfii Israa'el "gocha abdii kutuuti" jedhan.

    Dubbi-himaan ministira dhimma alaa Esmaa'eel Bagaahi ammoo, Iraan "oduu" weerarri Israa'el Libaanosirratti raawwatte dhaabbachuu kana ni simatti" jedhan.

  17. Dhukaasa dhaabuun kuni loltuun Libaanos 'of agarsiisuuf' carraadha - Jeneraala duraanii

    Kaahaaliil Heluu jeneraal loltuu Libaanos duraanii yoo tahu waliigalteen dhukaasa dhaabuu kuni loltuu Libaanosiif yerootti ''of agarsiisudha,'' jedhe.

    Akka qajeelfamni Mana Maree Nageenyaa UN 1701 jedhutti dhumarratti loltuun Libaanos kibbatti bobbaafama jedhee akka abdatu hime.

    ''Dhimma abdachuu qofa osoo hin taane dhimma itti gaafatamummaa fudhachuu dha,'' jedhe yaada BBCf kenneen.

    Waraanni Libaanos sababa mootummooti dhufanii darban Hezboollaan akka Israa'el lolu eeyyamaniif burjaaji keessa ture. Kunis otooma qajeelfama UN 1701 eeguuti.

    ''Maraatummaan siyaasaa kuni loltuun burjaajii furmaata kennuuf rakkisaa tahe keessa akka turu godhe'' jedhe Kaaliil.

    Kaaliil Hezboollaan murtoo siyaasaa Libaanos ''karaarra maqse'' Israa'el wajjin yeroo waraanatti seenu mootummaas tahe waraana waliin hin marii'anne.

    ''Amma waraanni Libaanos qormaata keessa galeera. Waraanni kuni kibba Libaanositti of agarsiisuuf yeroon amma,'' jedhe

  18. Filatamuun Tiraamp adeemsa nagaa si'oomse - Duula Filannoo

    Aanga'aan duula filannoo Doonaald Tiraamp waliigalteen nagaa bulchiinsa pirezidantii aangoo gadhiisuutti dhiyaatan Joo Baayiden jalatti taasifamaa jiru Tiraamp filannoo mo'achuu isaatiin akka si'aawu ta'e jedhan.

    "Sababa injifannoo seena-qabeessa ta'e argameetiin qooda fudhattoonni [waraanaa] qaxanaa sana keessa jiran nagaa filatu jechuun Pirezidant Tiraamp sirriiti tilmaamee ture. Kan ta'ee argaa jirru kunis isumadha," jechuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'el fi hezoollaah gidduutti irra ga'ameen walqabsiisuun dubbatan.

    Aanga'aan duula filannoo kun itti dabaluun, Tiraamp "deeggarsi Israa'eliif qabu kan hin jijjiiramne akka ta'e" ifatti ibseera. Akkuma akana ammoo "nagaa Baha Giddu-galeessaa keessa ilaalchisuunis ejjennoo cimaa qaba."

    "Warri Iraaniif waraana bakka bu'ummaatti bobba'anii waraanan amma sa'aatiin dhumaa jiraachuu ifatti argaa jiru," kan jedhan aanga'aan duula filannoo kun, Tiraamp "garee nageeyaa biyyaalessaa waliin" yeroo Amajji keessa gara aangootti deebiyanidha" jedhan.

  19. Waliigalteen taasifamus Israa’el lammiilee Libaanos kibbaa ammallee manatti akka hin deebine akeekkachiifte

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa’el fi Hezboollaah giduutti taasifame pirezidantiin US Joo Baayidan beeksisuu hordofee hojiirra ooluu jalqabeera.

    Akka sa’aatii bakka sanaatti Roobii 04:00 irratti hojiirra oolchuun jalqabamus, Humni Waraanaa Israa’el IDF jiraattonni Libaanos kibbaa ammallee qe’eesaaniitti deebiyuu akka hin qabne akeekkachise.

    Akeekkaciisni kun jiraatus garuu konkolaataawwan namoota qabatan Libaanos kibbaarraa sababa haleellaa qilleensarraa Israa’el gaggeessituun buqqa’anii turan erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun dhaga’amee gara kibbaatti deemaa jiraachuu Rooyitars gabaaseera.

  20. ASHAMAA! Tamsaasa kallattii har'aa jalqabneerra.

    ASHAMAA! Tamsaasa kallattii ha'aa waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'el fi Hezboollaah gidduutti taasifameefi oolmaa Baha Giddu-galeessaafi addunyaa isiniif dhiyeessinu jalqabneerra.

    Nu hordofaa!