Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Lammiileen Sooriyaa ulaa mana hidhaa hamaa Damaasqoo keessaa sakata'aa jiru

Lammiileen Sooriyaa erga Asaad aangooraa kaafameen booda ulaa lafa jalaa mana hidhaa hamaa Damaasqoo keessaa sakatta'an

Guduunfaa

  • Ameerikaan xumura Asaadiin gammaddus yaaddoos himatte
  • Israa'el waraanni Sooriyaa gadhiisnaan bakkeewwan Goolaan to'atte
  • Asaad Raashiyaa kooluu galuun gabaafame
  • Finciltoonni akkamiin saffisaan Damaasqoo gahan?
  • Raashiyaan Asaad 'marii' booda biyyaa bahuu himte
  • Masaraa Asaaditti gaazexeessitoonni BBC maal taajjaban?
  • Imbaasiin Iraan magaalaa Damaasqoo jiru haleelame
  • Namoonni baay'ee Asaad bu'uu isaanii barbaadu, achiiwoo maaltu ta'a?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dubartoonni Siwiidin maaliif hojii isaanii dhiisanii haadha manaa ta'uu filatu?

    Siwiidin addunyaa irratti biyyoota walqixxummaa saalaa sirrirtti kabajan keessaa tokko. Garuu dubartoonni hedduun hojii isaanii dhiisaa jiru. maalif?

    Viilmaa Laarsan, ganna 25, kanaan dura mana gurgurtaa nyaataa, mana kunuunsaa fi warshaa keessatti hojjettee turte. Garuu hojii ishee dhiistee mana turuu filatte. Akkas natti tolee hin beeku jechuun akkaataa jireenya ishee hordoftoota ishee kuma 11 ta'aniif Instagram, YouTube fi TikTok irratti qooddi. Amma dargaggotni yeroo isaanii irra caalaa hojiin utuu hin taane bashanannaa fi miidiyaa hawaasaatiin dabarsu.

    Halli akkasii kun bara 2010 irraa eegalee addunyaa guutuutti mul’ataa jira, Swidinittimmoo bayyee heddummataa dhufe.

    Garuu biyyoota walqixxummaa korniyaa fi galii fooyya’aa qaban keessatti hammaachuun isaa falmisiisaa ta’eera.

    Qorannoon baatii Hagayya darbe ba’e akka agarsiisutti shamarran umrii dargaggummaa keessa jiran dhibbeentaan 14 ta’an mana barumsaa sadarkaa lammaffaa wayita xumuran hojii hojjechuu caalaa hiriyaa gaa’elaa isaanii wajjin mana turuu filatu.

    Hoggantuun Paartii Feminiistii Siwiidin Gudrun Skiman, hirkattummaa dubartoonni galii hiriyaa isaanii irratti qaban '' balaa cimaa'' fi walqixxummaa koorniyaa ''tarkaanfii tokko duubatti deebisa'' jedhu.

    Kanaanis Siwiidin keessatti hojjechiistonni hojjettoota isaaniif waggaatti yoo xiqqate boqonnaa waggaa torban jaha akka kennan gaafataa jiru.

  2. Dhaabbileen mormituu pirezidantii Kooriyaa Kibbaa aangoorraa kaasuuf wixinee qopheessan

    Ministirri Ittisaa biyyattii wanta raawwatame hundaaf dhiifama jedhanii, gaafatama akka fudhatan beeksisan. dabalataan fedha isaaniin aangoo gadi-lakkisuuf iyyata galfataniiru.

    Kiim Yoong-Hiyuun aangoo lakkisuuf kan iyyata galfatan dhaabbileen mormituu pirezidantii biyyattii aangoorraa buqqisuuf wixinee qopheessuun dhagahamuu booda.

    Kun utuu kanaan jiruu paartileen mormitootaa jaha kanaan dura pirezidaanticha aangoo irraa kaasuuf yaada erga dhiyeessan booda amma walgahii guutuu paarlaamaa Kamisa dhufutti dhiyeessuuf karoorfachuun isaanii gabaafame.

  3. Dursaan taphattootaa Kirsitaal Paalas hidhannoo harkaa deeggarsa hariiroo saal walfakkaataa qabu irratti barreefama kaaheen ijoo dubbii ta'e

    Guyyoota dura dursaan taphattootaa Episwiich Taawun Saam Moorsiiy hidhannoo irree mallattoo jaallattoota saala walfakkaataa keewwachuu diduun isaa kan yaadatamu yeroo ta'u, dursaan taphattootaa Kiristaal Paalaas Maarki Guuhii ammoo barreeffama ''Yesuus si jaalata'' (Jesus loves you) jedhu irratti barreessuu isaatiin yaadachiifni itti ergameera.

    Waldaan Kubbaa Miilaa biyyattii, FA, ergaan amantii huccuu tapharratti uffatamu irratti hin hayyamamu jedhee yaadachiiseera.

    Taphatana kun Sambata darbe tapha Niiwkaasil Yunaayitiid waliin godhan irratti hidhannoo irree kan halluu jaallattoota saala walfakkaataa ittiin beekaman irratti bareeffama ''Yesuus si jaalata'' jedhu kan kaahe yeroo ta'u Tapha gareensaa Kibxata kaleessaa Episiwiich Toown waliin godhe irratti ammoo ''Yesuusiin nan jaaladha''(I love Jesus) jedhu qalamaan barreesse dhiyaate.

    Tapha kanarratti gitisaa Episiwiich Moorsiiy hidhannoo irree malee dhiyaate.

    Hidhannoon halluu warra jaallattoota saala walfakkaataa kun liigicha keessa hojiirra ooluu kan eegale deeggarsa namoota LGBTQ+ taaniif kennamu agarsiisuuf yeroo ta'u waliigaltee dhaabbata dhimmaknaaf falmu Stonewalls jedhamu waliin galame irratti hundaa'ee kaawwatama.

  4. Aadde Adaanech Abeebee hoggana waraana duranii WBO karaa nagaa galan simatan

    Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee tibba kana mootummaa naannoo Oromiyaa waliin waliigaltee raawwachuun karaa nagaa qabsaa'uuf kan galan jila Sanyii Nagaasaa waajjira isaaniitti simatan.

    Kantiibaa Adaanach jila Sanyii Nagaasaa kan muuziyeemii Adawaa daawwate wayita simatan ''baga gara daandii nagaatti dhuftan'' jechuu waajirri Kantiibaa Finfinnee gabaaseera.

    Sanyii Nagaasaa gama isaan simannaa godhameef galateeffatee waamicha nagaa simachuun miidhama uummataa xiqqeessuu cinaatti filannoo sirrii ta'uu dubateera.

    Waliigalteen mootummaa Oromiyaa fi hoogganaa WBO duraanii Saanyii Nagaasaa gidduutti raawwatame kan mallattaa'e dhuma torbee darbeeti.

    ABO-WBO wliigalteen kun qaamolee seera waraanichaa cabsuun moggeefaman waliin raawwate jechuun ''diraamaa mootummaati'' jedheera.

  5. Naamibiyaan filannoo falmisiisaa booda pirezidaantii dubartii jalqabaa filatte

    Naamiibiyaan filannoo falmisiisaa ta'e torbee darbe erga gaggeessitee booda Neetumboo Naandii Nidaayitwaahiin Pireezidaantii dubartii jalqabaa gochuun filachuu ibsameera.

    Neetumboo Naandii Nidaayitwaahiin Paartii Ummattoota Kibba Lixa Afrikaa kan waggoota dheeraf aangorra jiru irraa dorgoman sagalee 57% argachuun Pireezidaantii jalqabaa Naamiibiyaa ta’uun yoo filaman, morkataa isaani cimaa kan ture Panduleni Itula sagalee 26% argachuu Komishiniin Filannoo biyyattii ifoomseera.

    Netumboon baatii Gurraandhalaa darbe irraa eegalee itti aanaa pirezidaantii ta'uun tajaajilaa kan jiran yoo ta'u, jaarraa walakkaa kan ta'uuf mana hojii mootummaa keeessatti hojjataa turan

    Bu'aa sagalee ibsame hordofuun,Panduleni Itula Paartin isaanii bu'aa filannoo kenname akka hin fudhanne ibsaniiru.

    Kanarraa kan ka’e paartileen mormitootaa harki caalaan isaanii bu'aa filannoo kana akka hin fudhannee magaalaa guddoo Wiindhoek keessatti bu’uun mormaniiru.

    Biyyattiin bara Faranjootaa 1990 bilisummaa ishee erga goonfattee eegalee paartuma amma injifate kanatu aangoorra jira.

  6. Dubartiin dhugdee konkolaataa oofte misirroo ajjeesuu amante

    Dubartiin lammii Ameerikaa dhugdee konkolaataa osoo ooftuu akka tasaa misirroo reefu cidha raawwatte ajjeesuu ishee amante.

    Dubartiin ajjeefamte erga cidha godhattee reefu sa’aatii muraasadha jedhameera.

    Uffatuma cidhaayyuu ofirraa hin baasne ture.

    Isheen yeroo duutu abbaa warraan ishee Ariik Hachiinsaniifi namoonni lama biroo immoo miidhamanii lubbuun hafan.

    Dubartiin himannaa kanaan yakkamtuu taate Jeemi Lii Komoroskii jedhamti.

    Qorannoon dhiigaa yakkamtuuf galgala balaan dhaqqabe taasifame daangaa dhugdee oofuu hin qabne dacha sadiin caalee argamuu ibsuu qondaalonni ibsaniiru.

    Hidhaan waggaa 25 itti murameera.

    Balaan kuni waggaa dura US bulchiinsa Kibba Kaarolaayinaatti mudate.

    Haati warraa isaa Samaantaa Miilar, ‘’galgalli suni osoo bari’uu baate barbaaddi turte’’ jechuun mana murtiitti boo’aa dubbachuu AP gabaaseera.

  7. Baayidan daawwannaa Afrikaa isaanii jalqabaan Angoolaa jiru

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan ‘’pirezidantii Ameerikaa jalqabaa Angoolaa daawwatan ta’u kiyyaan baay’een boona,’’ jedhan.

    Pirezidantiin aangoon isaanii xumuramaa jiru kuni pirezidantii Angoolaa ‘João Lourenço’ waliin dhimma nageenyaafi daldalaa mari’ataniiru.

    Mootummaan US daandii baaburaa 1,300km dheeratuufi Angoolaa Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo waliin wal qunnamsiisu deeggaraa jira.

    Daawwannaan biyya boba’aan badhaatetti taasifame kuni qaama US dinagdeefi invastimantii Afrikaarratti xiyyeeffachuu agarsiisa.

    Xinxaltoonni kuni dhiibbaa Chaayinaa qolachuuf yaadameeti jedhu.

    Kuni daawwannaa jalqabaafi tokkicha Pirezidant Baayidan osoo aangoorra jiranii gara Afrikaatti taasisanidha.

    Angolaan erga walabummaa gonfattee booda Chaayinaafi Raashiyaa wlaiin hariiroo jabaa ijaarratte.

    Pirezidantiin amma aangorra jiraniifi bara 2017 aangotti dhufan garuu hariiroo isaanii biyyoota lixaa waliin cimsan.

    Baayidan biyyattii daawwachuuf murteessuun isaanii kanarraa madduu mala jedhu xinxaltoonni.

    Pirezidantiin US muziyeemii garbummaa Angoolaa keessa jiru daawwatu jedhamee eegama.

    Namoonni miiliyoona afur caalan daldala garbummaan naannawa Afrikaa kanaa gara Ameerikaa geeffamaniiru.

  8. Taphataan 'sababa amantaan' jaalattoota saala wal fakkaataa hin deeggaru jedhe eenyu?

    Taphataan kuni Saam Morsii jedhama. Dursaa taphattootaa [ambalii] kilaba Ipsiwiichidha.

    Haa ta’u malee, hidhannoo dursaan taphattootaa godhataniin walqabatee ijoo dubbii ta’eera.

    Kunis, ‘’sababa amantaan’’ hidhaa irreerratti dursaa taphattootaa kanneen ta’a uffatan hin godhadhu jechuu isaa kilabichi beeksiseera.

    Hidhannoo kanarratti mallattoon jaalattoota saala wal fakkaataatu jira.

    Gaafa Sambataa kilabiin isaa Nootingihaam Foorast waliin yeroo taphate hidhannoo kana osoo hin godhatiin seene.

    Taphattoonni Pirimiyeer Liigii deeggarsa jaalattoota saala walfakkaataaf qaban agarsiisuuf hidhannoo irreerratti godhamu godhatu.

    Ibsa kilabichi baasen kilabii ‘’hunda galeessa’’ ta’uf kutannoo akka qabu ibseera.

    Murtee taphataa lammii Masrii kanaas akka kabaju hime.

    Duulli deeggarsaa kuni torban darbe kan eegale yoo ta’u gaafa Kamisaa xumurama.

    Ipsiwich guyyaa har’aa Kiristaal Paalaas waliin tapha qaba.

  9. Akkam ooltan?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra.

    Nu waliin turaa.

  10. Sooriyaa keessatti maaltu ta'aa jira?

    Humnoonni finciltootaa bulchiinsa pirezidaantii Sooriyaa Bashar al-Asaad morman, amma buufata xiyyaaraa Aleeppoo fi magaalota naannoo sana jiran hedduu to’achuusaanii Dhimma Mirga Namoomaa Sooriyaa dhaabbanni hordofu (SOHR) ibseera.

    Wanti beekuu qabdan kunooti:

    • Jiraattonni magaalattii jeequmsi biyyattii keessatti baay’achaa waan jiruuf, halkan tokkoon booda uggura sochii finciltoonni dirqisiisaniin hirribaa dammaqaa jiru.
    • Kun wal waraansa Sooriyaa keessatti lola waggoota dhiyoo asitti biyyattii keessatti geggeeffame isa guddaadha. Lola Sambata darbeetiin yoo xiqqaate namoonni 70 ajjeefamaniiru jedha SOHR.
    • Haleellaan dhiheenyaa kunis garee milishoota Islaamaa Haayaat Taahriir al-Shaam (HTS) jedhamu fi dameewwan michuu Tarkiidhaan deeggaramaniin gaggeeffama.
    • Idlib manaagaala kaaba-lixaa, Samabata kaleessaa haleellaa qilleensaa sagal Raashiyaadhaan raawwatameen rukutamte jedha SOHR.
    • Itti dabalunis, SOHR haleellaa Raashiyaan kaleessa raawwatteen namoonni nagaa 16 Aleeppoo keessatti ajjeeffamu hime.
    • Guyyaa Sabmataa irratti, Pirezidanti Baashaar al- Asaad haleellaa deebii raawwachuuf dhaataniiru erga loltoonni mootummaa magaalaa biyyattii guddoo lamataa taate keessaa gadhiisanii bahaniin booda.
  11. Asaad Sooriyaa waan itti dhufe irraa ittisuuf dhaadatan

    Loltoonni finciltootaa naannawa ijoo Aleeppoo dhuunfachuusaanii viidiyoo toora interneetii irratti qooduu akkuma jalqabaniin sa’aatii muraasa booda, pirezidaant Bashar al-Asaad humnoota farra mootummaa kanneen irratti dheekkamsa cimaa dhageessisan.

    Pirezidaantiin Sooriyaa ''shororkeessitoota hundaa fi deeggartoota isaanii fuulduratti tasgabbii fi walabummaa daangaa [Sooriyaa] eegisuuf'' dhaadatan.

    “[Biyyattiin] deeggarsa michootaafi hiriyootashee waliin ta'udhaan, haleellaan shororkeessummaa hammam cimaa ta’ullee, isaan injifachuu fi dhabamsiisuuf dandeettii qabdi,” jechuun waajjirri isaanii Sambata kaleessaa isa wabeeffachuun ibseera.

    Akka yaadachiisaatti, wal waraanni biyyattii keessatti gaggeeffamuun namoota gara walakkaa miliyoonaa ta’an lubbuu dhabamsiise, erga mootummaan Asaad hiriira deeggartoota dimokiraasii irratti tarkaanfii gara jabinaanfudhateen booda bara 2011 keessa jalqabe.

  12. Finciltoonni magaalaa lammaffaa Sooriyaa to'achaa jiran eenyudha?

    Hidhattoota Islaamummaa Haayaat Taahrir al-Shaam (HTS) bara 2022 keeaa maqaa biraatiin akka garee kallattiidhaan Al Qaa'idaa waliin hidhata qabuuttii hundeeffaman.

    Hogganaan garee Islaamummaa (IS), Abbu Baakr al-Baagdaadiin hundeeffama garichaa isaa keessatti hirmaateera.

    Gareewwan Pirezidaantii Asaad irratti lola gaggeessan keessaa bu'a qabeessaa fi lubbuu namaa galaafatan keessaa tokko ta'ee ilaalama ture.

    Haata'u malee kaka'umsa warraaqsaa isaa caalaa ilaalchi jihaadistii isaa humna isaa sochoosu ta'ee mul'ate. Yeroo sanatti ammoo gamtaa finciltootaa isa guddaa alaabaa 'Sooriyaa Bilisaa' jedhu jalatti akka wal faallessutti ilaalame ture.

    Garuu bara 2016tti hogganaan garee kanaa Abbu Mohammed al-Jaawlaani ifatti Al Qaayidaa waliin hiriira cabsuun Jaabhaat al-Nusra diiguun dhaabbata haaraa hundeesse. Dhaabbanni sunis waggaa tokkoon booda gareewwan walfakkaatan biroo hedduu waliin yeroo walitti makamu maqaa Haayaat Taahrir al-Shaam jedhu fudhate.

  13. Doonaald Tiraamp biyyoota BRICS kan Itoophiyaan dhiyeenya miseensa taate akeekkachiisan

    Pirezidaantii haaraa Ameerikaa ta’uun dhiyeenyatti gara Waayit Haawus galuuf kan jiran Doonaald Tiraamp, biyyoonni BRICS doolaara maallaqa haaraan bakka buusuuf yaalii taasisan yoo itti fufan walitti dhufeenya US waliin qaban akka kutan akeekkachiisan.

    “Yeeroon yaalii biyyoota BRICS, doolaara maallaqa biraan bakka buusuuf taasisan teenyee ilaallu dhumatee jira,” jedhan ergaa fuula X isaaniirrattibaasaniin.

    Gamtaan biyyoota dinagdeen guddachaa jiran gurguddoo shaniin kan hundaa'eefi amma Itoophiyaa dabalatee biyyota hedduun miseensa ta'aa kan jiran BRICS, maallaqa mataa isaanii olaantummaa doolaara Ameerikaa cabsu uumuuf yaalii gochaa tureera.

  14. Finciltoonni Sooriyaa magaalaa guddoo biyyattii lamaffaa akka qabatan maaltu godhe?

    Waggoota baayyeetiif, Sooriyaa keessatti Idilbiin dirree waraanaa taatee itti fufteetti. Bakki kun bakka finciltoonni ol aantummaa irratti qabanidha waan ta’eef humnoonni mootummaa Sooriyaa deebisee to’achuudhaaf yeroo yaalutti lolli ni hammaata.

    Haata’u malee bara 2020 waliigalteen dhukaasa dhaabuu mallattaa’e ture. Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun akka mallattaa’uuf jaarsummaa kan taa’an ammoo Raashiyaa fi Turkiidha. Raashiyaan michuu barbaachiftuu yeroo dheeraa pirezidaantii Sooriyaa Bashir Al-Asaad yoo taatu, Turkiin ammoo finciltoota deeggarti.

    Aleeppoon dirree waraanaa dhiigni itti dhangala’e turte. Finciltootaaf ammoo mo’amuu guddaa kan bakka buutudha.

    Mo’icha bakka kanatti argateef Asaad humna qilleensaa Raashiyaa fi waraana Iraan kan humnoota lafoo, keessumaa milishoota Iraan ispoonsar gootuun humna argata. Milishoonni Iraan akka Asaad gargaaran gootu keessaa tokko Hazboollaadha.

    Haleellaa Israa’el Libaanos keessatti tibbana Hezboollaah irratti gaggeessitee isa dadhabsiifteetti. Akkasumas Israa’el ajajoota waraanaa Iraan Sooriyaa keessa jiranirratti haleellaan raawwatte ni jira.

    Kanaaf, milishaan Isilaamummaafi gareen finciltootaa Idilbii keessa jiran murtee tasaafi osoo hin eegamiin Aleeppoo akka qabatan taasise keessatti kunneen waan gumaachan qabaachuu akka danda’an shakkiin hanga tokko ni jira.

    Yeroo ta’een asitti , Hayaat Taahiriir Al-Shaam (HTS) humna isaa Idilbii keessatti cimsateera. Bakka kana keessatti ammoo sarbama mirgoota namoomaa qaqqabsiiseera maqaa jedhuun maqaan isaa xuraa’ee fudhatama dhabus akka bulchaa nannoo kanaatti fudhatama.

    Fedhiin Idilbiirra darbanii bakka biraa qabachuun garuu ifa miti ture.

    Erga Al Qaayidaa irraa adda bahee, galmi isaa sirna bulchiinsa Islaamummaa leellisuu Sooriyaa keessatti hundeessuuf yaaluurratti kan daangeffame ture.

    Akka ISIS Kaalifaa bal’aa hundeessuuf yaalee kufee osoo hin taane Sooriyaadhuma keessatti sirna bulchiinsa Islaamummaa leellisuu ijaaruudha.

    Hanga dhiyeenya kanaatti, humna isaa cimsatee deebiyee Sooriyaa keessatti walitti bu’insa haaraa banuun guutummaa biyyattii keessatti bulchiinsa Al Asaad dura dhaabbata jedhamee hin yaadamne.

  15. Finciltoonni Sooriyaa magaalaa guddoo biyyattii lamaffaa akka qabatan maaltu godhe?

  16. Bofti summii cimaan beekamu miila dubartii konkolaataa oofaa turte jalatti argame

    Dubartiin konkolaataa saffiisaan ofaa turte tokko, daandii Awustiraaliyaa Melboorn irratti akka tasaa yoo gadi jettee miilashee jala ilaaltuu bofa lubbuu namaa galaafachuun addunyaarratti beekamu konkolaataashee keessatti argite.

    Dubartiittiin konkolaataashee erga daandii cinaa dhaabdeen booda naasuudhaan iyyaa konkolaattoota darbaa jiran akka gargaaraniif kadhataa turte.

    Poolisiin dubartii kana akka gargaaruuf waamamuun bakkichatti argamu poolisiin Viiktoriyaa hime.

    Dubartiin kunis daandii bilisaa 'Monash' irratti saffiisa sa'aatiin kilomeetira 80 (50mph) ta'een osoo konkolaataa oofaa jirtuu miila ishee irratti waan tokko akka itti dhaga'ame qondaaltotaaf himteetti.

    Bineensi kun bofa qeerransa (tiger snake) kan jedhamuun beekamu yoo ta'u, bineensota addunyaa irratti summii guddaa qaban keessaa tokko ta'uun adda kan baafameedha. To'attoonni bofa Meelboorn akka deebisaniif waamame.

    Dubartiittiinis tarii bofichaan hiiddamte yoo ta'eef akka wal'aamtuuf gara hospitaalaa kan geeffamte yoo ta'u, hanga ammaatti nagaa ta'u dhaabbanni To'annoon Bofa Meelboorn miidiyaa hawaasaa gubbaatti maxxanseera.

    "Wanti nama ajaa'ibu, osoo garagaltee konkolaataa ishee keessaa utaaltee hin ba'in dura bofa kana ofirraa ittisuu fi konkolaataa keessatti ittisuu dandeesseetti,"jedha Poolisiin Viktoriyaa.

    Qondaaltonni akka jedhanitti, baayyee bitaa itti galuufi ''haala rifaatuu'' keessa turte.

    Konkolaachiftoonni karaa sanarra darban bofti kun konkolaataa keessaa yeroo baafamu ''of wallaalanii hafan'' jechuun poolisiin dabalee ibseera. Kaanis yeroo konkolaataa keessaa baafamu viidiyoodhaan waraabaa turan.

    To'annoon Bofa Meelboorn, bofti kunis ''mana jireenyaa, namootaa fi bineensota manaa irraa baay'ee fageeffamuun'' gara bosonaatti akka deebiifamee gadhiifame ABC News'tti hime..

  17. 'Ummanni Salaalee waggoota afran darban jireenyasaa dhabe' - Weellisaa Dajanee Jaalataa

  18. Tiraamp michuu isaa amanamaa dursaa FIB gochuun filate

    Gorsaan duraanii pirezidantii Ameerikaa dhiheenya filataman, Doonaald Tiraamp kan turan, Kaash Paateel Biiroo Qorannoo Feederaalaa (FIB) akka hogganan filataman.

    Bulchiinsa Tiraamp duraa keessatti dursaa Ministeera Raayyaa Ittisaa kan turan Paateel, michuu amanamaa fi deeggaraa Tiraampiidha.

    Paateel daarektara FIB ta’un kan mudaman yoo ittigaafatamaan ammaa Kiroostofar Reey hojii gadhiisan ykn ari’atamaniidha. Tiraamp xalayaa mudamichaa irratti garu waa’ee dhimma kanaa waanti jedhan hin jiru.

    Oduu mudamaa gara biraatiin ammoo Tiraamp dursaan poolisii Kaawuntii Hiilsbooroow kan Filooridaatti argamtu, Chaad Karooniistar dhaabbata to’annoo qorichaa akka hogganan filatan.

    Namoota Sambataa darbe kana mudamni kennameef keessaa kan biraa Chaarlis Kushinar yoo ta’an, Faransaayiitti Ambaasaadara Ameerikaa taasifamuun mudaman.

    Chaarlis Kushinar dhirsa intala Tiraamp Ivaankaa Tiraamp, Jaald Kushinariti.Namni kun kana dura siyaasa irratti osoo hin taane, Riil Isteetiin muxannoo fi beekamtii kan qabaniidha.

    Tiraamp yeroo lammaffaatiif pirezidantii ta’un filatamu hordofee, firootaaf aangoo yoo kennan kun kan jalqabaati.

    Namoonni Tiraamp mude kunneenis aangoonsaanii akka raggaasifamuuf sagalee seeneetii argachu qabu.

    ‘‘Kaash jechuun nama seera beeku, qorataa fi ‘dursi Ameerikaaf’ kan jedhu, umuriisaa guutuu malaammaltummaarratti kan qabsaa’uu, haqa hordofuu fi lammiilee Ameerikaa tiksuun kan jiraateedha’’ jedhan Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaanii irratti yoo barreessan.

    Kaash Paateel yaada kanaan dura FIB sirreessuuf jechuun dhiyeessaniin, aangoosaa akka ‘‘daangeeffamuu fi namoonni ijoon akka ari’ataman’’ akka barbaadan dubbataniiru.

    Daareektarri FIB ammaa, Kiristoofar Wariin bara 2017tti Tiraampiin kan mudaman yoo ta’u aangoonsaaniis wagga 10f kan turudha.

    Haata’u malee aanga’aan kunis sababii himannaa odeeffannoowwan icciitii haala malee itti fayyadamaniiruu jedhamuun Tiraamp irratti dhiyaateetiin wal dhabdee keessa galan.

    Maatii baqattoota Indiyaa irraa kan ta’an Kaash Paateel abookaatoo fi abbaa alangaa federaalaa ta’un tajaajilaniiru. Bara 2017tti wayita koree nageenya miseensa mana maree turaniitti ijaTiraamp keessa galan.

    Bara 2019tti gorsaa nageenya biyyaaleessaa ta’un Tiraampiin muudamee, waggaan booda ammo itti gaafatamaa (Chief of staff) waajira Peentaagon ta’an.

  19. Namoonni nyaata waliin nyaachuu maaliif jaallatu?

  20. Finciltoonni Aleeppoo qabachuusaaniitti yeroo gammachuu ibsatan-Daawwadhaa

    Finciltoonni Sooriyaa kaleessa yeroo isaan Aleeppoota'atanitti viidiyoon waraabame osoo isaan gammachuu ibsatanii mul'isa.

    Viidiyoo kana keessatti loltoonni yeroo alaabaa Sooriyaa gubaniifi gammachuusaanii ibsatan argitu.