Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Lammiileen Sooriyaa ulaa mana hidhaa hamaa Damaasqoo keessaa sakata'aa jiru

Lammiileen Sooriyaa erga Asaad aangooraa kaafameen booda ulaa lafa jalaa mana hidhaa hamaa Damaasqoo keessaa sakatta'an

Guduunfaa

  • Ameerikaan xumura Asaadiin gammaddus yaaddoos himatte
  • Israa'el waraanni Sooriyaa gadhiisnaan bakkeewwan Goolaan to'atte
  • Asaad Raashiyaa kooluu galuun gabaafame
  • Finciltoonni akkamiin saffisaan Damaasqoo gahan?
  • Raashiyaan Asaad 'marii' booda biyyaa bahuu himte
  • Masaraa Asaaditti gaazexeessitoonni BBC maal taajjaban?
  • Imbaasiin Iraan magaalaa Damaasqoo jiru haleelame
  • Namoonni baay'ee Asaad bu'uu isaanii barbaadu, achiiwoo maaltu ta'a?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Namoonni baay'ee Asaad bu'uu isaanii barbaadu, achiiwoo maaltu ta'a?, Hugo Baachegaa, xinxalaa Giddugala Bahaa

    Gargaarsa Raashiyaafi Iraaniin, Pirezidant Bashaar al-Asaad waggootaaf mormitoota hacuucaa turan. Kanattis aangorra turan.

    Yeroo ammaa garuu kuni hin taane. Michoonni isaanii, dhimma ofiin waan ko’oomanif isaan gargaaruu hin dandeenye.

    Gargaarsa isaaniin alammoo loltoonni Sooriyaa ofirraa loluu hin dandeenye.

    Inumaa bakkee tokko tokkotti finciltoota loluu hin barbaanne.

    Finciltoonni kuni jalqaba magaalota biyyattii keessaa guddinaan sadarkaa lammataarra kan jirtu, Aleeppoo, to’atan.

    Achii Haamaa, guyyoota muraasa boodammoo bakkeewwan ijoo Hooms to’atan.

    Sa’aatii muraasa keessattimmoo magaalaa guddoo biyyattii Damaasqoo seenan.

    Ummanni baay’ee Bashaar al-Asaad aangoorraa akka bu’an barbaadu. Garuu ittti aanee maal ta’uu qaba inni jedhu gaaffiidha.

    Fincilli kuni finciltoota Islaamistii Hayaat Taahiriir al-Shaamiin kan hogganamedha.

    Bu’uurri isaanii al-Qaayedaadha. Badii hamaa raawwachuun maqaan isaanii ka’a.

    Waggoota muraasa darban maqaa isaanii tottolchaa, ergaan isaaniis waa’ee araaraafi dubbiin isaaniis dippiloomasii kan caalsifate ture.

    Garuu namoonni baay’ee waan gochuuf deeman shakku, kanatti sodaatu.

  2. 'Abbaa irrichi' Asaad baqataniiru, Sooriyaan bilisa baate' - Finciltoota

    Finciltoonni Sooriyaa biyyattiin ‘’bilisa’’ baate jedhan.

    Waggoota dheeraaf Sooriyaa kan bulchan ‘’abbaa irree’’ jechuun kan ibsan Bashaar al-Asaad baqachuullee himan.

    Kuni, xumura bara dukkanaafi jalqabbii haaraati jedhan finciltoonni HTS, miidiyaa X gubbaa ergaa dhaamaniin.

    Bulchiinsa Asaad walakkaa jaarraa tokkoof tureen ummanni biyyaa baqateefi hidhame biyyatti deebi’uu danda’a jechuunis ibsan.

    Pirezidant Asaad dura abbaan isaanii Sooriyaa waggoota dheeraaf bulchaniiru.

    ‘’Sooriya haaraa’’ kan hunduu ‘’nagaafi haqaan keessa jiraatu’’ taati jedhanis.

  3. Finciltoonni magaalota Sooriyaa to'achaa jiran eenyudha?

    Hidhattoonni Islaamummaa Haayaat Taahrir al-Shaam (HTS) bara 2022 keessa maqaa biraatiin akka garee kallattiidhaan Al Qaa'idaa waliin hidhata qabuuttii hundeeffaman.

    Hogganaan garee Islaamummaa (IS), Abu Baakir al-Baagdaadiin hundeeffama garichaa isaa keessatti hirmaateera.

    Gareewwan Pirezidaantii Asaad irratti lola gaggeessan keessaa bu'a qabeessaa fi lubbuu namaa galaafatan keessaa tokko ta'ee ilaalama ture.

  4. 'Damaasqoon nagaa qabdi,' jedhan hogganaan mormituu

    Hogganaan mormituu Sooriyaa, Hadii al-Baahiraa, bulchiinsi Bashiir al-Asaad kufuun ''barri dukkanaa seenaa Sooriyaa keessa ture darbuu'' isaa agarsiisa jedhan.

    Miidiyaa Arabaa, Al-Arabiyaa, jedhamuuf ture kana kan dubbatan.

    Baahiraan Qindoomina Warraaqsa Sooriyaa fi Humnoota Mormituu hoogganu.

    Haalli magaalaa guddoo Sooriyaa, Damaasqoo, keessa jiru nagaa qaba jedhan.

    ‘’Ummata keenya amantiin kamuu hordofuuf, lammii kaanirratti hanga hin dhukaasnettifi mana hanga turanitti, hunduu nagaadha,’’ jechuun X gubbaa kataban.

    ‘’Haaloonis ta’e sarbamni mirgaa hin jiru. Ummanni kabaja ni argata.’’

  5. Akkamiin saffisa kanaan mudate?

    Bulchiinsi Pirezidantii Sooriyaa Bashaar al-Asaad guyyoota muraasa keessa raafamee kufe fakkaata.

    Haa ta’u malee, sababoonni garagaraa kuni akka mudatu taasisan jiru.

    Waraanni Pirezidant Bashaar al-Asaad waraana waggaa dheeraaf turen laafeera jedhu Yunivarsitii Meelborn keessatti saayintistii siyaasaa kan ta’an Daaraa Konduwit.

    Michoonni ijoo Asaad – Raashiyaa, Iraaniifi Hezbollaand lola biraan ko’oomaniiru jedhu yeroo BBC’tti dubbatan.

    Kanaaf, ‘’Asaad dadhabaniiru,’’ jechuun himan.

    Akkasuu ta’e wanti finciltoonni raawwatan waan xiqqoo akka hin taane dubbatan.

    Finciltoonni Sooriyaa magaalota Sooriyaa qabdu keessaa guddinaan sadaffaa kan ta’e, Hooms, erga qabatan booda gara magaalaa guddoo Damaasqootti imalan.

    Achii Pirezidantiin Sooriyaa Bashaar al-Asaad amma bakka hin beekamnetti imaluun isaanii gabaafame.

  6. 'Qondaalonni waraanaa Sooriyaa Damaasqoo jiran gaggeeffaman'

    Dhaabbati buufata isaa UK godhateefi dhimma mirga namoomaa Sooriyaa keessaa hojjetu akka himetti taanaan miseensonni waraanaa Sooriyaa dhibbaan lakkaa’amaniifi humnoonni nageenyaa uffata waraanaa isaanii baasaa jiru.

    Kunis, erga mootummaan kufuu isaa itti himameen booda jedhameera.

    Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Damaasqoodhaa akka bahan ajajni kan isaaniif darbe, akka gabaasonni jedhanitti, erga xiyyaarri dhuunfaa tokko balali’e boodadha.

  7. Finciltoonni Sooriyaa magaalaa Damaasqoo to'achuu himan

    Finciltoonni Sooriyaa magaalaa Damaasqoo to’achuu himan

    Finciltoonni Sooriyaa magaalaa guddoo biyyattii, Damaasqoo, to’achuu isaanii himan.

    Magaalaa guddoo Sooriyaa kana keessatti sagaleen dhukaasaas dhagahamaa ture.

    Finciltoonni mootummaa Bashaar al-Asaad morman torban muraasa keessatti magaalaa guddoo gahani.

    Akka finciltoonni jedhanitti Pirezidantiin Sooriyaa Damaasqoo keessa hin jiran.

    Akka gabaasonni jedhanitti, Asaad xiyyaaraan bakka hanga ammaa hin beekamne deemani.

    Sooriyaan yeroo gabaabaa keessatti harka finciltoota jala seenuu ishee akka isaan ajaa'ibsiise xinxaltoonni himaa jiru.

  8. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.

    Keessumaa waan Sooriyaa keessa adeemaa jiruufi qalbii addunyaa dhuunfate isin biraan geenya.

    Nu waliin turaa.

  9. Kaaba Wallootti haleellaa diroonii sinootiraakii irratti raawwateen namoonni du'an

    Naannoo Amaaraa godina Kaaba Wallootti torbe darbe konkolaataa fe'umsaa siinootiraak jedhamurratti haleellaa diroonii raawwateen namoonni 50 tahan ajjeefamuu namoonni ijaan arganiifi maatiin miidhamtootaa BBCtti himan.

    Haleellaan kuni kan qaqqabe aanaa Zoonuu Daawunti jedhamu keessatti Kamisa darbe gaafa A.L.I 19/2017.

    guyyaa keessaa sa'atii 8:00 irratti ture. Miidhamtoonni dhimma isaaniirraa gara magaalaa Kurbaa jedhamtutti deebi'aa kan turan tahuu jiraattonni himaniiru.

    Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa waa'ee haleellaa kanaa eeruun akka isa qaqqabeefi odeeffannoo walitti qabaa akka jiru BBCtti himeera.

    Reeffi hamma halkan sa'atii 9:00 kaafamaa turuufi konkolaataan fe'amee gara buufata fayyaa geeffamaa akka ture jiraataan nnaannichaa hime. Lakkoofsa nama du'ees kophee, wayyaa fa'iin addaa baasaa akka ture hime.

    ''Reeffa 50 caalaa lakkaa'eera,'' kan jedhe jiraataan kuni shufeerii dabalatee namoonni 10 biroon madaa'uu himeera.

    Sababa rakkoo geejibaa naannicha jiruun konkolaataa fe'umsaan marmaaruun baramaa akka tahe jiraattonni BBC'n dubbise dubbataniiru. Konkolaatichi ashawaafi namoota walitti fe'ee akka tures himaniiru.

    Namoota gabaa oolanii galan, qonnaan bultoota, dargaggootaafi kaanis haleellaa kanaaf saaxilamuu himan.

    BBC'n bulchiinsa godina Kaaba Walloo irraa odeeffannoo argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

  10. Raashiyaan lammiileen ishee hatattamaan Sooriyaatii akka bahan ibsite

    Imbaasiin Raashiyaa Sooriyaa keessa jiru lammiileen Raashiyaa Sooriyaa jiran akka hatattamaan bahaniif waamicha godhe.

    ''Haala waraanaa fi siyaasaa ulfaataa tahe jira'' kan jedhe imbaasichi karuma buufataalee xiyyaaraa hojiirra jiranii bahuu akka qaban lammii isaaniif dhaamsa dabarse.

    Moskoon deeggartuu cimtuu pirezidaanti Bashir al -Asaad yoo taatu, amma garuu deeggarsa hidhattootaa irratti olaantummaa isaaf kennu dhiyeessaafii hin jirtu. Torban darbe qofa magaalaa Idilib iddoowan hidhattoonni qabatan keessatti haleellaa qilleensarraa gaggeessuun akka isaan yeroo gabaabaa keessatti gara Damaasqoo hin deemne goote.

    Tiki Yuukireen akka ibsetti ammoo Vilaadmir Putin dhaabbilee waraanaa dhuunfaa irraa loltoota gara Baha Gidduugaleessaatti erguuf akak jedhu ibseera.

    Hidhattoonni Asaadiin lolaa jiran magaalaa murteessituu biraa Hoom km1 qofa fagaatanii jiru. Magaalaa guddoo lammaffaa biyyattii Aleeppoo qabataniiru.

  11. Joordaan daangaa ishee Sooriyaatti galchu cufte

    Hidhattoonni Sooriyaa keessaa magaalota murteessoo qabachuu hordofee Joordaan daangaa Sooriyaa waliin qoodattu cufte.

    Ministeerri Dhimma Biyya keessaa Sooriyaa daangaan akka cufamuuf murtoon darbuu mirkaneesse.

    Ministeerri Dhimma Biyya keessaa Sooriyaa Maazen al-Farayaa daangaa naannoo Jaaber gara magaalaa Sooriyaa keessaa Naasib jedhamuutti ceesisu sodaa hidhattoota gara Kibbaa irraa kan ka'e cufamuu ibsan.

    Magaalaan Naasib daangaa biyyoota lameenii irratti kan argamtu taatee karaa imaltootaa fi magaalaa daldalaa isa guddaadha.

  12. Poolisiin garee wanbadee keessa jirti jechuun monoksee to'annoo jala oolche

    Qorannoo poolisiin Xaaliyaanii wanbadoota irratti taasiseen namoota 24 kaaba biyyattiitti qabaman keessaa tokko monoksee dha.

    Monoksee kuni Siistar Anaa Doneelii akka jedhamtu miidiyaaleen Xaaliyaanii gabaasaniiru. Isheenis garee wanbadee kan Indiraanheetaa jedhamuufi miseensotasaa mana hidhaa jiran gidduu akka deddeebi'aa turte himan.

    Kana malees poolisiin namoota siyaasaa lamaafi Yuroo miiliyoona 1.8 magaalawwan garagaraa irraa qabateera.

    Poolisiin waggaa afuriif qorachuun booda gareen wanbadee Indiraanheetaa Awurooppaa keessatti garee yakkaa guddaafi balaafamaa tahe keessaa miseensota to'achuu kan jalqabe.

  13. Nyaatni Ayivoorii Koost hambaa killeyyaa UN tahuun galmaa'e

    Nyaatni jaalatamaa Ayivoorii Koost Acheekee jedhamu kan daakuu kaasaavaa irraa tolfamu hambaa aadaa killeeyyaa tahuun UNESCO jalatti galmaa'e.

    Acheekeen akka qinceetti kan nyaatamu yoo tahu hundee kaasaavaa irraa tolfama. Akkaan jaalatamaa waan taheef ciree, laaqanaafi irbaata irratti nyaatama.

    Yeroo baayyee qurxummii waadamaa wajjin nyaatama. Jalqaba qarqara galaanaa Ayivoori Koost nyaatamaa kan ture yoo tahu amma garuu Lixa Afrikaa hundattii beekamaa dha.

    Ayivoorii Koostitti bakka bu'aan UNESCO Raamaataa Liiy-Baakaayookoo yaa'ii 19ffaa Paaraaguwaayitti geggeefameen ''Achiikeen akkaan jireenya hawaasaatti kan hidhate dha,'' jedhan.

  14. Mootummaa waliin waliigaltee keeyyata 13 qabu mallatteessine - Obbo Sanyii Nagaasaa

    Qondaala Waraana Bilisummaa Oromoo kan turan Obbo Sanyii Nagaasaa dhiyeenya mootummaa waliin araaramuun karaa nagaa qabsaa'uuf mootummaa naannoo Oromiyaa wajjiin waliigaltee tolfataniiru.

    Dhimma sana irratti miidiyaalee biyya keessaaf ibsa kan kennan Ajajaan duraanii WBO Zoonii Giddugaleessaa, Obbo Sanyiin, marii mootummaa waliin taasifameen waliigaltee keeyyatoota 13 qabu mallatteessuu himan.

    Xumura torban darbe Mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoota qondaalota Waraana Bilisummaa Oromoo waliin waliigaluu ibseera.

    Eegasiis jalqaba torban kana hidhattooti WBO aanolee Shawaa Lixaafi Shawaa Kibba Lixaatii simatamaa jiru.

    Obbo Sanyiin waliigalteewwaan kunneen kam faa akka ta'an bal'inaan hin ibsine.

    Ta'us, dhimmootni nageenyaafi hiree waraanaarratti xiyyeeffatan, Abbootii Gadaafi jaarsoliin biyyaa sirna araaraa kana akka gageessan dubbatan.

    Akkasumas, qabeenyi sababa waraana kanaan barbadaa'ee fi miidhaa qaqqabe bakka buusuu, raawwiin waliigaltichaa akka to'atamuuf koreewwan adda addaa qaamolee lamaanirraa filatamuufaa miidiyaaleen gabaasaniiru.

    Raawwiin waliigaltee sanaa akka hojiirra oolu abdii qabaachuufi kan hordofamus ta'uus himan.

    Waliigaltichis guyyoota lama booda hojiitti hiikamuu kan eegalu ta'uu eeran.

    Akkuma nuti nagaa biyyaatiif jennee qawwee keenya gadi qabnee dhufnee mootummaanis waliigaltee kana ummataaf jedhee hojiitti hiikuun itti gaafatamummaasaa bahachuu qabas jechuun dubbatan.

    Gabaasota kanatti dhihaatan:

  15. Bulchiinsa Hindiitti foon loonii nyaachuun dhorkame

    Kaaba-baha Hindii bulchiinsa Asaam keessatti foon loonii mana nyaataa dabalatee uummata fuulduratti nyaachuun dhorkame.

    Kanaan dura foon loonii dhihoo manneen amantiitti gurguruun dhorkamee kan ture yoo tahu kunis qaamuma dhorkaa sanaati jedhan qondaalli bulchiinsichaa

    Haa tahu malee foon kana suuqiidhaa bituufi mana keessatti nyaachuun danda'ama jedhaniiru.

    Hindii keessatti dhimmi nyaata foonii dhimma jabaa yoo tahu, sa'aan immoo hordoftoota amantii Hinduu harka 80 tahan biratti kabaja guddaa qabdi.

  16. Milkaa'ina Arsenaal, hiree Saalaa, Siitiin mo'ichatti deebi'uufi morkii waancaa Chelsii

  17. Hidhattoonni nama nagaatti akkamiin makamuu qabu?

  18. US nama odeeffannoo namicha hoogganaa biiroo fayyaa ajjeesee miliqe kenneef USD kuma 10 kennuuf

    Poolisiin Ameerikaa Magaalaa New York nama haguuggii fuulaa uffatee hoji gaggeessaa dhaabbata eegumsa fayya tokkoo ajjeesee miliqe adamsaa jiraachuu ibseera.

    Hojii gaggeessaan dhaabbata United Healthcare Biraayan Toompsan Roobii darbe dugda keeessa rasaasan rukutamee ajjeefame.

    Qorattoonni akka jedhanitti ajjeechaan sun ''kan itt yaadamee fi dursee karoorfame'' akka ta'ee fi nama ajjeechaa kana rawwate adamsuuf hirmaannaa taasisaa jiraachuu beeksisan. Nama odeeffannoo shakkamaan kun akka to'annoo jala oolchuuf gargaaru dhiyeesseef gatii dadhabbii doolaara kuma 10 waadaa galameera.

    Akka poolisiin jedhutti shakkamaan kun haguuggii fuulaa gurraachaafi jaakkeettii uffatee hanga Thompson bahutti daqiiqaa shani oliif eegataa ture.

    Amma poolisiin ragaa tokko tokko qabatee socho'aa jira. Qorattoonni namicha adda baasuuf teknooloojii fuula adda baasuutti fayyadamaa jiru. Fuulli isaa haguugamus naannoon ijaa fi afaan isaa mul'ataa ture.

    Kana malees, rasaasni sadii bakka ajjeechaan kun itti raawwatametti argame qorannoon taasifamaa jira. Kana malees Poolisiin karaa shakkamaan kun itti baqate irratti bilbila harkaa argachuun ibsameera.

    Namichi kun maaliif ajjeechaa kana akka raawwate hanga ammaatti wanti beekame hin jiru, qabeenya nama ajjeesee kanas hin fudhanne.

  19. Sababoota ijoo rakkoo nageenyaa Oromiyaa furuu danqan

  20. Koongootti dhukkubni maalummaan isaa hin beekamne namoota 79 galaafate.

    Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti sababa dhukkuba haaraa mallattoo qufaa fakkaatu qabuun yoo xiqqaate namoonni 79 du'uu ministeerri fayyaa biyyattii beeksiseera. Namoota du’an keessaas harki caalaan isaanii dargaggoota umrii 15 hanga 18 gidduu jiranidha.

    Ho'i qaamaa, mataa dhukkubbiin, qufaa, afuura kutuu, dhangala'an funyaan keessa gadi yaa’uu fi hir'inni dhiigaa mallattoolee dhukkuba kanaa yoo ta'an, biyyattitti hanga ammaatti namoota 300 ol irratti mallattooleen kunnen mul'ataniiru.

    Ogeeyyiin fayyaa gara bulchiinsa Kwaangoo bakka dhibeen kun bal’inaan itti babal’ateera jedhame dhaquun maalummaa dhibee kanaa fi namoota dhukkubichaan qabaman qorataa jiru.

    Qondaalli Waajjira Dhaabbata Fayyaa Addunyaa naannoo Afrikaa BBC'tti akka himanitti, ''garee saamuda walitti qabuu fi qorannoo laabraatoorii hojjatu gara iddoo sanaatti erguuf karoorfannee jirra,'' jedhan.

    Jiraattonni bakka balaan kun itti dhaqqabe harka isaanii saamunaadhaan akka dhiqatan, walitti qabamuu irraa of qusachuu fi hayyama ogeessota fayyaa gahumsa qaban malee reeffa namoota du'anii akka hin tuqne yaadachiisaniiru.

    ''Hospitaalonni biyyatti ammoo sababa hanqina qorichaatiin weerara kana dhaabuu hin dandeenye. Gargaarsi hatattamaa nu barbaachisa."jedhu

    Rippabilikni Dimookiraatawaa Koongoo dhukkuba qufaa Kanaan alas weerara dhukkuba mariyyee daljeessaa ykn 'empox' jedhamuun miidhamaa jirti.Waggoota muraasa durammoo weerara vaayirasii Iboolaatiin qormaata keessa turte.