Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaaniif haasaa taasisan

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden falmii filannoo 2024 Tiraampi waliin taasisan irratti haasaa gara dhabe erga taasisanii booda Kaaroolaayinaa Kaabaatti degegartoota isaaniif haasaa taasisaniiru.

Guduunfaa

  • Hoogganaan Komishinii Mirgaa Itoophiyaa aangoorraa kaafaman
  • Allaamaaxaatti humnoota federaalaan ala meeshaa hidhachuun dhorkame
  • Waancaa Afrikaatti darbuuf biyyoonni Itoophiyaan morkattu baraman
  • Ten Haag Yuunaayitid waliin kontiraata haaraa mallatteessan
  • Sababa waraana Gaazaatiin Hamaas mormii qunnamaa jira
  • Aanga'oonni Matakkal yakkaman 'dhiifamaan' gadhiifaman
  • Walitti bu'iinsa gosaan Naannoo Somaaleetti namootti ajjeefaman
  • Itoophiyaan ejjennooshee hin geeddarre - Pirezidantii Somaaliyaa
  • Dirree gahaa malee Itoophiyaan akkamiin Waancaa Afrikaa qopheessiti?
  • Baayidan dorgommii keessaa 'hin bahu' jedhan
  • Israa'el ajajaa gameessa Hizboollaa Libaanositti ajjeefte
  • Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaanitti dubbatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Barbaraan biyyoota Sahaaraa gadii keessatti buufata doonii isa filatamaa bara 2023 jedhame

  2. Taphni Euro 2024 Ingilaandiif Sarbiyaa 'balaa guddaa ni qabaata' jedhan aanga'oonni Jarman

  3. Ganama leenjisaa tureen waaree booda nagumaan dahe-Leenjistu ispoortii

  4. Kutaan waraanaa Israa'el kan Ameerikaan qoqqobuuf jettu maali? Maaliif kaanirraa adda ta'e?

  5. Ten Haag leenjisaa Maan Yunaayitid ta'ee akka itti fufu murtaa'e

    Leenjisaa maan Yunaayitd Eriik Teen Haag

    Madda suuraa, Getty Images

    Boordiin kilabichaa erga gamaggama gaggeessee booda leenjisaan Maanchester Yunaayitid Erik Teen Haag akka itti fufee leenjisu murteesse.

    Amma turtiin kontiraaata isaa dhumaa kan jiru Teen Haag waliin dubbachaa akka jiran hubatameera.

    Maanchester Yunaayitid gamaggama kan jalqabe akkuma xumurri waancaa FA Cup raawwatameenidha.

    Tapha waancaa FA Cup Maanchester Siitii waliin taasise kana dursee Teen haag waancicha mo'ates ari'amuudhiisuu isaatiif wabii hin ta'uuf osoo jedhamaa jiruu ture kan taphicha mo'ate.

    Maan Yunaayitid 2-1n Maanchester Siitiin mo'atee miira gammachuufi injifannoon ture boordiin kilabichaa kan gara gamaggamaatti seene.

    Osoo murtee tokkorra hin ga'iin torban sadiif turanillee, murteen kun ammoo leenjisaa ga'eessa umuriin isaa waggaa 54 ta'eef waan fedhiisaati.

    Baayer Muniik irraa kan gaggeeffame Tomaas Tuhel gara Maanchester Yunaayitid dhufuudhaaf hedduu kajeelaa turullee hn milkaa'iin hafeera.

    Chelsiirraa gaggeeffamee hojii barbaadaa kan jiru Maarisiyoo Pochetiinoonis qe'ee Maanchester Yunaayitd deemuu danda'a oduun jedhu tureera. Isaafis dubbiin hin milkoofne.

    Leenjistoonni warri akka Girhaam Pooter, Tomaas Firaank, Roobertoo Dii Zerbiifi leenjisaan garee biyyaalessaa Ingilaand Gaarez Saawozgeet kanneen Maanchester Yunaatid leenjisuuf kaadhimaman turan.

    Teen Haag yeroo murteen kun darbu maatiisaa waliin Odola Ibizaa bashannanaa jira.

    Teen Haag yeroo murteen kun darbu maatiisaa waliin Odola Ibizaa bashannanaa jira.

    Madda suuraa, Getty Images

  6. Baayidan murtee seeraa ilmisaanii yakka raawwachuu mirkaneesse nan kabaja jedhan

    Pirezidantii US Joo Baayidan ilmasaanii Hanter yoo hammatanii dubbisanitti

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan ilmisaanii Hanter Baayidan bittaa meeshaa waraanaa waliin walqabsiisee yakka raawwachuun mirkanaa'uu hordofee murtee mana-murichaa nan kabaja jedhan.

    Adeemsa mana-murtee torban tokko fudhateen abbootiin seeraa 12 ga'eessa umuriin isaa waggaa 54 ta'e Hanter Baayidan bara 2018 wayita meeshaa waraanaa bitatutti unka guuterratti qoricha sammuu nama adoochu nama fayyadamu miti jechuun sobuu isaatiin yakka raawwachuun itti murtaa'eera.

    Yakkamaa ta'uun isaa kan mirkanaa'e Hanter Baayidan hidhaan adabamuu danda'a.

    Seenaa Ameerikaa keessatti pirezidantiin osoo aangoorra jiruu ilmisaanii yakka raawwatee itti murtaa'uun kun kan jalqabaati.

    Murteen yakka raawwachuu ilma Joo Baayidan irratti darbe kun, wayita pirezidaantichi filannoo pirezidantummaa US itti aanuuf duula filannoo gaggeessaa jiraniifi pirezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp yakka raawwachuuun isaanii itti murtaa'uusaatiin boodadha.

    Joo Baayidan yeroo yakki irratti murtaa'u dhaddacharratti argamuu baatanis, haadhaa biddeenaa Hanter kan taate Giifti-duree Jiilii Baayidan, obboleettiifi eessumni Hanter jajjabeessuuf mana-murtiitti argamanii ture.

    Murtee kana booda Baayidan gara murteen kun itti darbe Deelweer deemuudhaan ilmasaanii waliin yeroo walhammatan mul'ataniiru.

    Pirezidant Joo Baayidan murtee kana hordofee ibsa baasaniin, "ANi Pirezidaantiidhas, abbaadhas" jedhan.

    "Aniifi Jiiliin ilma keenya ni jaallanna, eenyummaa inni amma irra ga'etti ni boonna," jedhanii booda sirna haqaa biyyattii akka kabajaniifi murtee manni-murii dabarses akka fudhatan dubbataniiru.

    Abbootiin seeraa haadha warraa duraanii Hanterirraa, akkasumas jaalalleesaarraa ragaa kan dhaga'an yoo ta'u, ragaa sanadaallee ilaalaniiru. Kanarraa ka'uun, Hanter Baayidan qoricha sammuu adoochu Kookeeyin jedhamu baayyisee fayyadamaa osoo jiruu meeshaa waraanaa hidhachuun isaa mirkanaa'eera.

    Akka seera yakkaa Ameerikaatti yakka Hanter baayidan raawwatan hidhaa hanga waggaa 25 kan adabsiisuu danda'u ta'us, ogeessonni adabbiin kun Hanter irratti ni raawwatama jennee hin eegnu jedhu.

    Hanter Baaidan

    Madda suuraa, Getty Images

  7. Dargaggeessi ‘falfala natti hojjachiise’ jedhe Abbaasaa ajjeesee Adabame

  8. Itoophiyaatti wixineen seeraa toora kominikeeshinii ajaja mana-murtii malee butuu eeyyamu maali?

  9. Magaalli ijoon Sudaan yeroo dhihootti harka finciltootaa galuu malti – US

    Hidhattoota Sudaan erga waraana biyyaa waliin wal loloo qabanii waggaan darbe

    Madda suuraa, AFP

    Sudaanitti Ergamaan Addaa Yunaayitid Isteetis, kan dhiha Daarfur keessatti marfamtee argamtu, El Faashar, humnoota finciltootaa jalatti kufuu akka dandeessu akeekkachiiseera.

    Magaalaan El Faashar magaalaa bulchiinsa dhiha Daarfur keessaa hanga ammaatti to'annoo waraanaa jalatti argamtu tokkittiidha. Humni waraana biyyattiis wal waraana ji'oota 14’f tureen Humna Deeggarsa Ariifataa (RSF) waliin wal lolaa tureera.

    ErgamaanUS, Toom Peri’eeloon BBC'tti akka himanitti, RSF keessaa tokko tokko magaalaa El Faashar qabachuunsaanii Daarfur akka buulchiinsa biyyattii irraa adda baateetti hundeessuuf isaan gargaaruutti yaadu.

    Aab Toom itti dabaluudhaan, Ameerikaan ‘‘haala kamuu jalatti’’ Daarfuriin akka biyya of dandeessuutti beekkamtii hin kennituuf jedhan.

    Akkasumas magaalaa walakkeessa baatii Eblaa irraa eegalee humni RSF irratti haleellaa raawwachaa turetti dhukaasa dhaabuun akka ta’uf gaafataniiru.

    ''Sababii marfama RSF magaalattii irratti raawwateen namoonni nagaa miliyoonaa ol beela'uu isaanii argineera,'' jedhan. "Haleellaan boombiis hospitaalota keessaa lubbuu namoota galaafateera."

    "Dubartoonni ulfaa 45,000 ta'an kanneen kunuunsa da'umsa duraa dhugaa dhaban qofa osoo hin taane, guyyaatti nyaata gahaa ulfa fayya qabeessa ta'eef sooratanilleen akka hin arganne agarra,’’ jedhan.

  10. Haati manaa hoogganaa duraanii IS Abuu Bakar al- Baagdaadii waan hanga yoonaa hin dhagahamne dubbatte

  11. Hamaas yaada furmaataa Gaazaa ilaalchisuun dhiyaaterratt waraanni ‘guutummaatti akka dhaabbatun’ barbaada jedhe

    Namoota lafa waraanaan barbadaa'e keessaa bishaan waraabbataa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Yaada Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu USn deeggaramee dhiyaaterratti deebii kan kenne Hamaas, kun akka dhugoomuuf Israa’el guutummaatti dhukaasa dhaabuurratti akka waliigaltuun barbaada jedhe.

    Aanga’oonni olaanoo garee kanaa BBCtti akka himanitti, garichas ta’e michuu isaa kan ta’e Paalisitiiniyaan Islaamiik Jihaad (PIJ) waliigalteerra gahuudhaaf “qixa sirriin qophii ta’uu” ibsaniiru.

    Karoorri dhukaasa dhaabuu Wixata galgala Mana-maree Nageenyaa UN irraa deeggarsa kan argate yoo ta’u, dhukaasni ji’a ja’aaf dhaabbatee adeemsa keessa ammoo gara guutummaatti dhaabuutti kan geessudha jedha.

    US waliin Israa’eliifi Hamaas walitti fiduudhaaf jaarsummaan hojjechaa kan jiran Qaataariifi Masiriin, gareen warra Filisxeem kun deebiisaa galfachuu mirkaneessaniiru.

    Dubbi-himaan nageenya biyyaalessaa Waayit Hawus Joon Kirbii, Hamaas deebii kennuun isaa “bu’a-qabeessa” jechuun, aanga’oonni US gaaffiiwwan gareen kun dhiyeesse madaalaa jiru jedhe.

    Kibxata kaleessaa ammoo ministirri dhimma alaa US Antoonii Bilinkan karoora Gaazaatti dhukaasa dhaabuu ilaalchisuun ministirri muummee Israa’el Benjaamiin Netaniyaahuu “murannoo akka qaban irra deebiin mirkaneessaniiru”, waan ta’eef adunyaan deebii Hamaas kennu eegaa ture jedhan.

  12. Pirezidantii Iraan balaa xiyyaaraan du’an bakka bu’uuf dorgomaa kan jiran eenyufa'i?

  13. Bilisummaa Masfin: Kaayyoon koo 'America’s Got Talent' irratti dhiyaachuudha

  14. Pirezidaantii ittaanaan Maalaawii balaa xayyaaraan du'uun mirkanaa'e

  15. Yukireen bakka irraa Raashiyaan misaa'ela dhukaastu haleelte

    Misaa'ela

    Yukureen daangaa bakka irraa Raashiyaan misaa'ela dhukaastu irratti qiyyaafachuun haleellaa bante. Kanarraa kan ka'e naannoon Kaarkiv haleellan Raashiyaan heddu miidhamaa turte amma haara galfataa akka jirtu kantiiban magaala Kaarkiv himan.

    Meeshaalee waraanaa biyyoota lixaarraa argattuun Yukireen daangaa Raashiyaa akka haleeltu USfi biyyoonni lixaa kaan erga hayyamaniifii torbee lama boodadha haleellan kun kan dhagahame.

    Kiivitti aanun guddinaan kan beekamti magaalli Kaarkiiv haleellaa Raashiyaan gaggeessituun heddu miidhamaa turte. Biyyoonni lixaa meeshaa waraanaa kenaniifin Raashiyaa akka haleeltuf Yukireenif hayyamuun isaanii dhiibbaa Raashiyaan geessisaa jirtu irraa salphisuufi.

    Ministiirri Ittsaa Yukieen akka beeksisetti, buufataalen lama Raashiyaan misaa'ela irraa dhukaastu hojiin ala godhameera.

  16. Yaada Gaazatti waraana dhaabuu USfi UN dhiyeessan Hamaas yoo fudhachuu dide isatu itti gaafatama- Antonii Biliinkan

    Namoota hiriira bahan

    Madda suuraa, Reuters

    Gaazatti waraanni akka dhaabatuuf yaada US dhiyeessitee UN irraa deeggarsa argate Hamaas hin fudhatu taanan isatu itti komatama jedhan Ministiirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan.

    Gaazatti waraanni guutummaan akka dhaabatuf yaada Pirezidaant Baayidan guyyaa 11 dura dhiyeessan Hamaas akka fudhatuuf Antoonii Biliinkan irra deebin waamicha dhiyeessan.

    Kan murteessuf furtuun nama ulaa lafa jalaa keessa gamaa kudhan gadi fagaatu keessa dhokatee jiru harka akka jirus dubbatan.

    Kana jechuunsaanii gaggeessaa Hamaas kan ta'e Yaahyaa Siinwaaritu murteessa jechuudha.

    Yaahyaa Siinwaar Kibba Gaazaa, Raafaa, keessa ulaa lafa jalaa keessa dhokatee akka jiru Israa'el irra deddeebin ibsaa turte.

    Antoonii Biliinkan kana jedhan daawwannaa Baha Giddu Galeessatti taasisaa jiraniin yoo ta'u, guyyaa kaleessaa MM Israa'el Beeniyamin Netaaniyaahuu wajjin wal-arguun mariyatanii Gaazatti waraana dhaabuf yaada dhiyaate akka fudhatan irra deebin akka mirkaneessaniif ibsan Antoonii Biliinkan.

    Beeniyaamin Netaaniyaahuu yaada waraana dhaabuu torban tokko dura Baayidan dhiyeessan ifatti nan fudhadhas hin fudhadhus hin jenne.

    Yaada Baayidan dhiyeessan deeggaruun murtee Manni Maree Nageenyaa UN dabarse Hamaas akka deeggaru mallattoo abdii qabu agarsiisus himan Biliinkan.

    Manni Maree Nageenyaa UN murtee dabarseen Israa'el yaada waraana dhaabuu Baayidan dhiyeessan fudhachuushee ibsuun Hamaasis yaadicha akka fudhatu waamicha godheera.

  17. Bidiruu lammiilee Itoophiyaafi Somaaliyaa feetee turte keessaa kan du'an 49 gahan

  18. 'Xiyyaarri pirezidantiin ittaanaa Maalaawwi keessa turan bosona keessatti kufuu hin oolle'

    Saawulos Chilimaa

    Madda suuraa, AFP

    Xiyyaarri pirezidantii ittaanaa Maalaawwii qabattee turte bosona kaaba biyyattii keessatti kuftee caccabuu akka hin oolle, qondaalli waraanaa olaanaa hime.

    Saawulos Chilimaafi kanneen biroo sagal Wixata darbe ganama biyya keessa balali'aa turan yeroo xiyyaarri isaan keessa turan raadaarii buufata xiyyaaraa keessaa dhabamte.

    Xiyyaarri raayyaa waraanaa kun haala qilleensaa badaa keessa kan balali'aa turte.

    Xiyyaara achi buuteen dhabamte kana humni waraanaa Bosona Chikaangawaa keessa barbaadu.

    Ibsa Kibxata kenneen Kamaandarri Humna Ittisaa Maalawwii Paawol alentinoo Phirii akka jedhetti, sababa urruutiin bosonicha keessa waan haguugameef yaalii barbaaduu rakkisaa taasise.

    Pirezidant Laazarus Chakweraa hanga xiyyaarri kun argamutti barbaachi itti fufa jedhe.

    Pirezidantiin Itti-aanaa achi buuteen dhabame ministeera duraanii mootummaa guyyoota sadii dura du’an irratti mootummaa bakka bu’anii argamuuf ture kan imalan.

    Buufati xiyyaaraa itti qubatu jedhamee eegamaa ture lafa owwaalchi raawwatutti dhihoo akka ta’e Obbo Kunkuyuun himaniiru.

    Erga balaan dhaqqabuu dhagahan booda Pirezidantiin Maalaawii Laazaaras Chaakweraa imala gara Bahaamaas taasisuuf turan haqaniiru.

    Bara 2022, Dr Chiliimaan maallaqa fudhachuun kontiraata mootummaa nami fedhan akka argatu taasisun himatamanii turan.

    Baatii darbe manni murtii himannaa hunda addaan kuteera. Haata’u malee, sababa kana godheef hin ibsamne.

  19. 'Daa'imni tokkoffaa ba'e madaallii keenyaan sadarkaa keessayyuu hin turre' - Abbaa Murtii Daddaraaroo

  20. 'Nama ciqilee dhungatu naan jedhu' - Dargaggoo qaamasaa dadachaasu