Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaaniif haasaa taasisan

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden falmii filannoo 2024 Tiraampi waliin taasisan irratti haasaa gara dhabe erga taasisanii booda Kaaroolaayinaa Kaabaatti degegartoota isaaniif haasaa taasisaniiru.

Guduunfaa

  • Hoogganaan Komishinii Mirgaa Itoophiyaa aangoorraa kaafaman
  • Allaamaaxaatti humnoota federaalaan ala meeshaa hidhachuun dhorkame
  • Waancaa Afrikaatti darbuuf biyyoonni Itoophiyaan morkattu baraman
  • Ten Haag Yuunaayitid waliin kontiraata haaraa mallatteessan
  • Sababa waraana Gaazaatiin Hamaas mormii qunnamaa jira
  • Aanga'oonni Matakkal yakkaman 'dhiifamaan' gadhiifaman
  • Walitti bu'iinsa gosaan Naannoo Somaaleetti namootti ajjeefaman
  • Itoophiyaan ejjennooshee hin geeddarre - Pirezidantii Somaaliyaa
  • Dirree gahaa malee Itoophiyaan akkamiin Waancaa Afrikaa qopheessiti?
  • Baayidan dorgommii keessaa 'hin bahu' jedhan
  • Israa'el ajajaa gameessa Hizboollaa Libaanositti ajjeefte
  • Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaanitti dubbatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Duulli Raafaa obba'aa waan jiruuf loltoonni gara daangaa Lebaanan duulaa jiru- Neetaniyaahuu

    Haleellaa Israa'el booda, Gaazaa- Raafaa

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaniyaahuu Gaazaa keessatti ''gulantaan duula waraana cimaa'' xumuramaa waan jiruuf, loltoonni hedduun gara kaaba biyyattii imaluun daangaarratti Lebaanan haleeluuf carraa argataniiru jedhan.

    Erga waraanni Gaazaa Onkoloolessa 07, 2023 eegalee miidiyaa Israa'elitti yeroo jalqabaaf kan dubbatan Neetaniyaahuun, oppireeshiniin waraanaa bifa addaan kutaa kibba Gaazaa magaalaa Raafaa keessatti gaggeessaa jiran yeroo muraasa booda akka goolabamu ibsaniiru.

    Garuu kana jechuun ''waraanni Gaazaa xumuramuuf deema jechuu miti,'' kan jedhan Neetaniyaahuun, hanga Hamaas guutummaatti dhabamutti waraana akka itti fufan dhaadataniiru.

    Waraana Hizboollaa waliin bifa haaraan eegalee hammaachaa jiru irratti wayita yaada kennan, ''adda waraanaa hedduurratti loluuf qophoofneerra, humna isaas qabna,'' jedhan.

    Waraanni Hizboollaa waliinii waraana hamaa naannawa sanatti jalqabsiisuu danda'a jedhamee sodaatama.

    Ega waraanni Gaazaa dhukaasa rookeetii Hamaasiin eegalee gareen Hizboollaa misaa'eloota, rookeetiiwwan fi dirooniiwwan dhukaasuu dhaabee hin beeku.

    Gareen hidhatee Lebaanan keessa socho'u Hizboollaan garee hidhataa Gaazaa keessatti olaantummaa bulchiinsaa fi waraanaa qabu Hamaas deeggaruun kaaba Israa'elirratti haleellaa waraanaa raawwata.

    Gareen lameenuu (Hamaas fi Hizboollaan) deeggarsa Iraan qabu.

    Haleellaa Hamaas Onkoloolessa 07, 2023 Israa'el irratti raawwateen lammiileen Israa'el 1,200 yoo du'an 251 humnaan ukkaamfamaniiru jetti Israa'el

    Ergasii Israa'el haaloo ba'uuf duula waraanaa Gaazaa keessatti gaggeessaa jirti. Kanaanis namoonni kuma 37 fi 590 ta'an Filisxeem irraa du'aniiru.

  2. Kooriyaa Kibbaatti baatiriin dhohuun yoo xiqqaate 22 du'an, kaan madaa'an

    Balaa dhohiinsaa

    Madda suuraa, ONHAP/EPA-EFE/REX/Shutterstock

    Dhohiinsa baatirii kana booda abidda warshaa keessatti ka'een namoonni 22 caalan du'uun alatti hedduun miidhamaniiru.

    Warshaan baatirii Aricell jedhamu kun magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa- Sewul irraa kiilomeetira 45 qofa fagaachuun magaalaa Hwaseong keessatti argama.

    Wayita baatiriin dhohetti baaxiin manaa diigamuun gamoowwanis jijjiganiiru, kanaanis miidhaan namaa fi qabeenyarra ga'eera.

    Kooriyaan Kibbaa oomisha baatirii liitiyemiin hedduu beekamti. Gosti baatirii kun konkolaattota elektirikii irraa hanga laaptoomiitti kan faayidaa kennuudha.

    Balaa dhohiinsaa mudate kanaan qaamni namootaa garmalee kan gubate yoo ta'u, eenyummaa namoota du'anii adda baasuunillee rakkisaa akka ture qondaalli balaa abiddaa Kim Jin-young himan.

    Wayita balaan kun mudatetti namoota warshaa keessa turan 100 keessaa 22 yoo du'an, saddeet madaa'aniiru. Kanneen madaa'an keessaa lama ammoo akka malee miidhamaniiru.

    Battala balaan kun mudatutti warshaan Aricell baatiriiwwan kuma 35 of keessaa qaba ture.

    Ka'umsi balaa kanaa hanga yoonaa hin baramne, garuu gosti baatirii kun yoo miidhaan irra ga'e yookiin yoo garmalee ho'an dhohuu danda'u.

  3. Sababa ho'aa yoo xiqqaate namootni 1,300 ol Hajjiif imalan du'aniiru- Saawdii Arabiyaa

  4. Somaaliyaatti hoogganaa IS kan jedhamu Abdulqaadir Muumin eenyu?

  5. Paakistaanitti turistiin ‘kabaja Quraanaa gadi buuse’ jedhame haleellaa daboon ajjeefame

  6. Raashiyaan wiirtuu humna ibsaa Yukireen irratti haleellaa guddaa bante

    Dubartii bishkiliitiin gamoo bira darbaa jirtu

    Madda suuraa, Getty Images

    Yukireen halkan darbe kana wiirtuun humna ibsaashee haleellaa Raashiyaa "akkaan jabaa" ta'e jala turuu himte.

    Raashiyaan ji'a sadan darban keessatti bu'uuraalee humna ibsaa biyyattii yeroo seddetiif haleelteetti jedhan ministirri annisaa Yukireen.

    Halkan darbe kana humni qilleensaa biyyattii misaa'eloota Raashiyaa 16 ergaman keessaa 12 fi dirooniiwwan 13 rukkutee kuffiisii humni ittisaa Yukireen beeksiseera.

    Hojjetoonni humna ibsaa lama haleellaa kanaan madaa'aniiru.

  7. Fannoo Diimaa waajirasaa Gaazaa jiru cinaatti haleellaa gaggeefameen namoonni 22 ajjeefaman jedhe

    Waajira Fannoo Diimaa Addunyaa Gaazaa keessa jiru

    Madda suuraa, AFP

    Koreen Fannoo Diimaa Addunyaa (ICRC) waajirrisaa Gaazaa keessa jiru haleellaa namoota 22 mooraa keessa da’atan ajjeeseen manca’uu hime.

    “Jimaata meeshaan humna guddaa qabu waajiraafi bakka jireenyaa Koree Fannoo Diimaa Addunyaarraa meetira xiqqoo fagaattti lafa dhahe,” jedha ibsi ICRC baase kun.

    Qaamoleen hunduu namoonni nagaafi dhaabbileen gargaarsaa akka hin miidhamne gochuudhaaf dirqama qabu jedha ibsi ICRC kun itti dabaluun.

    Dubbi-hamaan Humna Ittisaa Israa’el BBCtti akka himetti ammoo, qorannoon jalqabaa akka akeekutti bakka sanatti haleellaa akka gaggeesse “wanti agarsiisu hin jiru”, ta’us garuu dhimma kanarratti ammas “qorannoon gaggeeffamaa jira”.

    “Haleellaan kun bu’uura waajira ICRC miidheera.

  8. Saamtonni mana taphataa duraanii Xaaliyaanii cabsanii seenuun miidhan

    Roobertoo Baajiyoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Roobertoo Baajiyoon taphataa beekamaadha

    Taphataan duraanii Juventuus fi AC Miilaan, Robeertoo Baajiyoon, mana isaa Xaaliyaani jiru keessatti saamtotaan miidhame.

    Akka poolisiin gabaasetti saamtonni kaleessa galgala shan ta’anii dallaa isaa seenan.

    Yeroo kana Baajiyoon maatii isaa waliin tapha Waancaa Awurooppaa Xaaliyaaniin Ispeen waliin morkattu ilaalaa ture jedha gabaasi bahe.

    Baajiyoon wal’aansa argachuun isaa gabaafameera. Taateen kuni daqiiqaa 40’f turuulle ibsame.

    Akka AFP’n gabaasetti, Baajiyoon isaan dhaabsisuuf yaalus kanneen saamichaaf mana seenan keessaa tokko qawween mataa keessa rukutanii madeessan.

  9. Puutin Kooriyaan Kibbaa Yukireen akka hin hidhachiifne akeekkachiisan

    Pirezidantii Raashiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Puutin Veetinaamiiti rippoortarootatti dubbatan

    Yoo Kooriyaan Kibbaa Yukireeniin hidhachiifte ‘’dogongora guddaa raawwatti’’ jechuun Pirezidantiin Raashiyaa akeekkachiisan.

    Dhihoo Kooriyaa Kaabaa kan daawwatan Putin, Yukireen waliin lolatti jiru.

    Dubbiin Puutin kan dhagahame Kooriyaan Kibbaa Yukireen hidhachiisuu yaaduushee erga ibsitee boodadha.

    Kooriyaan Kibbaa kana kana jette erge Raashiyaafi Kooriyaan Kaabaa yeroo weeraraa wal bira dhaabbachuuf waliigaltee raawwachuu hordofeeti.

    Yoo Kooriyaan Kibbaa meeshaa waraanaa Yukireenif ergite Moskoon ‘’murtee hooggansa Kooriyaa Kibbaa amma aangorra jiru hin gammachiifne ni murteessiti,’’ jechuun Putiin rippoortarootatti dubbatan.

    Puutin kana dura kanneen biyyoota Lixaa dura dhaabbatan hidhachiisuf yaada akka qaban dubbatanii turan.

    Yoo US fi michoonni ishee Yukireeniif meeshaa waraanaa dhiheessuu itti fufan, Kooriyaa Kaabaa akka hidhachiisan dhaadataniiru.

    Dubbii Puutin booda Kooriyaan Kibbaa Yukireen hidhachiisuf ‘’filmaata garagaraa’’ akka ilaaltu dubbatte.Kunis akkaataa Raashiyaarratti hundaa’eeti jette.

    Ambaasaaddara Raashiyaas waamtee waliigaltee waraanaa Kooriyaa Kaabaa waliin seenan akka haqan gaafatte.

  10. Luuziyaanaan abboommiin kurnaan Macaafa Qulqulluu daree barnootaa hunda keessatti akka maxxanfamu ajajuun qeeqa kaase

    Jeef Laanderii

    Madda suuraa, Getty Images

    Manneen barnootaa mootummaa hanga kutaa 12 jiran hunda keessatti abboommii kurnaan Macaafa Qulqulluu akka maxxansan (dhoobaman) isteetni Luuziyaanaa ajaje.

    Dhaabbilee mirgaa garuu murtee kana dura akka dhaabatan himan.

    Yunaayitiid Isteets keessatti seerri kun yeroo duraaf tumsa warra Rippaablikaanii argachuun bahe. Bulchaan Isteetichaa Jeef Laanderii seera manneen barnootaa mootummaa hundi hanga Yunivarsiitiitti akka eegan ajaju irratti Roobii darbe mallateessan.

    Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa biratti ajajoonni kurnan ajaja rabbii ittiin jiraatan ta'eetu hordofama.

    Seerri haaran kun ajajoota kanaan ''bu'uura biyyaafi bulchiinsa biyyaalessaati'' ittiin jedheera. Warri morman ammoo qajeeltoo mootummaa fi amantaan gargari jedhutti bu'a jehcuun qeequ.

    Dhaabbileen walabummaa Siiviiliif dhaabatan afur seera kana ''faallaa heeraati'' jechuun seera duratti muggutanii kuffisuu hojechaa jiru.

  11. Indiyaatti namoonni alkoolii summaa'e dhugan 34 ta'an du'an

    Namoota dhukkubsatanii hospitaala

    Kibba Indiyaa bulchiinsa Taamil Naaduu keessatti dhugaatii alkoolii karaa seeraan alaa qophaa'eefi summaa'e namoota dhugan keessaa yoo xiqqaate namoonni 34 du'uu aanga'iinni himan.

    Balaan kun kan qaqqabe araddaa Kaalaakuruuchii keessatti yoo ta'u, jiraattonni Kibxata galgala dhugaatii alkoolii kana erga dhuganii booda dhukkubsataii ture.

    Namoonni dhuganii dhukkubsatan yoo xiqqaate 80 ta'an wallaansi fayyaa taasifamaaf kan jiru yoo ta'u, lakkoofsi namoota du'anii dabaluu akka danda'u aanga'oonni kunneen ibsaniiru.

    Waan mudate kana waliin walqabsiisee hanga ammaatti namoonni lama shakkamanii to'annoo jala kan oolfaman yoo ta'u, qorannoon bal'aan garuu taasifamaa jira.

    Dabalataan dhugaatii hin hayyamamne osoo kutaa biyyattii keessa daddabarfamuu callisaniiru kan jedhaman qondaala poolisii olaanaa tokkoofi miseensonni qaamolee nageenyaa biroo kudhan hojiirraa ari'amaniiru.

    Indiyaa keessatti waggaa waggaan sababa dhugaatii alkoolii karaa seeraan alaa qophaa'uun lubbuun namoota baayyee darbaa jira.

    Dhugaatiin akkasii kunneen summii Mettaanool jedhamu baayyeen kan itti dabalamu yoo ta'u, kun ammoo dhugaatichi akka hin qabbanoofne gochuudhaan qabiyyeen alkoolii isaas akka hin jijjiiramne taasisa.

    Mettaanool hanguma xiqqoollee yoo fudhatamu ija jaamsuu, ol deebisuu, miidhaa tiruufi du'allee qaqqabsiisuu danda'a.

    Namoonni dhugaatii alkoolii kana dhugan mallattoowwan akka naanneessuu, bowwuu mataa, haqqeessuu, diddigsuu, dhukkubbii garaaafi ija hooksisuutu irratti mul'ata.

  12. Sochii dargaggoota Keeniyaa - Gen Z: Mormii gibiraa biyyattii ‘miila tokkoon dhaabaa’ jiru

  13. Daa’imman Harargee dallaalotaan walharkaa fuudhamanii hanga qarqara galaanaatti geeffaman

  14. Gareen biyyaalessaa Sarbiyaa Waancaa Awurooppaa dhiisee bahuuf dhaadate

    Tapha Kirooshiyaa fi Sarbiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Gareen biyyaalessaa Sarbiyaa dhaadannoo tapha Kirooshiyaafi Albeeniyarratti dhagaahamaa turetti dheekkamuun dorgommicha adda kutee bahuuf dhaadate.

    Ramaddii B jalatti morkii godhame kanarratti deeggartootni waraana Addunyaa lammataarratti dhumaatii warra Sarbiyaa kaasuun dhaadachaa deeggaraa turan.

    Barreessaa Olaanaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Sarbiyaa Jovaan Sarbaatoov qoqqobbii jabaan akka kaahamu waamicha godhan.

    ''Wanti raawwate saalfachiisaadha, qaamni kubbaa miila Awurooppaa bulchu(Uefa) qoqobbii akka kaahu gaafanna.''

    Sarbayiyaan ramaddii C jalatti tapha jalqabaan Ingilaandiin 1-0n injifatamte.

    Deeggartootni Sarbiyaa taphni kun eegaluu dura hokkora uumuuf yaalan adabbiin maallaqaa Paawundiin kuma 12 ol irratti murtaaheera.

    Amma deeggartootni Kirooshiyaafi Albeeniyaa hin adabaman taanaan dorgommicha dhiisanii bahuuf dhaadatan.

  15. Kanaadaan Humna Eegumsaa Warraaqsa Iraan Shororkeessummaan galmeessite

  16. Putin Kooriyaa Kaabaa booda biyya michuusaanii durii Veetinaam daawwachuu deeman

  17. Sababa ho’a cimaa Jibuutiitti mudateetiin lammiileen Itoophiyaa sadii du’an

  18. 'Ilmoo dhaleen akkan hin ilaallee mallatteesse'- baqattuu Itoophiyaa Xaaliyaanitti

  19. Morkii Kiloop fi Gaardiyoolaatu akkan Liiverpuul dhufu na godhe - Siloot

  20. Maatiin miidhamtoota balaa xiyyaaraa Boeing kaampaanichi doolaara biliyoona 25 akka adabamu gaafatan

    Maatiin miidhamtoota balaa xiyyaara Boeing lama mudatee kaampaanichi doolaara biliyoona 25 akka adabamuuf gaafatan

    Madda suuraa, Rooyitarsi

    Ibsa waa'ee suuraa, Maatiin miidhamtoota balaa xiyyaara Boeing lama mudatee kaampaanichi doolaara biliyoona 25 akka adabamuuf gaafatan

    Maatiin miidhamtoota balaa xiyyaaraa Boeing 737 Max kaampaanichi doolaara biliyoona 24.8’n akka adabamuuf gaafatan.

    Seenaa Ameerikaa keessatti balaan xiyyaaraa lamaan, balaa xiyyaara Itoophiyaa 2019 fi kan Indoonezhiyaa bara 2018 ‘’balaa isa hamaa lubbuu namootaa galaafate’’ jedhama.

    Abukaatoon maatii miidhamtootaa Pool Kaasel, ‘’yakka Boeing lubbuu namaa irratti raawwateef adabbiin haa kaffalamu jedhame sirriidha,’’ jedhan.

    Xalayaa fuula 32 qabu Pool Kaasel mootummaa Ameerikaaf barreesse BBC’n arge irratti, abukaatichi mootummaan Ameerikaa namoota yeroo balaan kun dhaqqabee lubbuu namoota 346 galaafate kaapmaanicha gaggeessaa turan akka to’annoo jala oolchuuf gaafateera.

    Hojii Gaggeessaan kaampaanichaa Deev Kaalhun, Kibxata yeroo Kongirensiitti yaada isaanii kennan, ‘’gadda sababa balaa nu mudateen maatii kanarra gaheef dhiifama gaafanna,’’ jedhan.

    Onkoloolessa bara 2018 keessa xiyyaarri Boeing 737 Max Indoonezhiyaa magaalaa Jaakaartaa irraa ka’e daqiiqota 13 booda Galaana Jaavaa jedhamu keessatti kufuun lubbuu namoota 189 galaafate.

    Bitootessa bara 2019 keessa ammoo Xiyyaarri Daandii Qilleensa Itoophiyaa Boeing 737 Max tahe Finfinnee irraa gara Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti imaluuf ka’e daqiiqaa jaha keessatti kufuun namootni keessa turan 157 du’an.

    Balaan lameenuu hanqina to’annoo balalii xiyyaaricha irra jiruun akka mudate himameera.