Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaaniif haasaa taasisan

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden falmii filannoo 2024 Tiraampi waliin taasisan irratti haasaa gara dhabe erga taasisanii booda Kaaroolaayinaa Kaabaatti degegartoota isaaniif haasaa taasisaniiru.

Guduunfaa

  • Hoogganaan Komishinii Mirgaa Itoophiyaa aangoorraa kaafaman
  • Allaamaaxaatti humnoota federaalaan ala meeshaa hidhachuun dhorkame
  • Waancaa Afrikaatti darbuuf biyyoonni Itoophiyaan morkattu baraman
  • Ten Haag Yuunaayitid waliin kontiraata haaraa mallatteessan
  • Sababa waraana Gaazaatiin Hamaas mormii qunnamaa jira
  • Aanga'oonni Matakkal yakkaman 'dhiifamaan' gadhiifaman
  • Walitti bu'iinsa gosaan Naannoo Somaaleetti namootti ajjeefaman
  • Itoophiyaan ejjennooshee hin geeddarre - Pirezidantii Somaaliyaa
  • Dirree gahaa malee Itoophiyaan akkamiin Waancaa Afrikaa qopheessiti?
  • Baayidan dorgommii keessaa 'hin bahu' jedhan
  • Israa'el ajajaa gameessa Hizboollaa Libaanositti ajjeefte
  • Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaanitti dubbatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Filannoo US 2024: Adeemsa filannoo keessatti 'Electoral College' maali?

  2. Naannoo Amaaraatti torbee kana keessa namoonni 27 ''humnoota mootummaan'' ajjeefamuu jiraattonni himan

    Bulchiinsa magaalaa Dabrasiinaa

    Madda suuraa, Bulchiinsa magaalaa Dabrasiinaa

    Naannoo Amaaraa godinaalee Kaaba Shawaa fi kaaba Goojjamitti ALI Waxabajjii 17 hanga 19, 2016tti haleellaa ''humnoota nageenyaa mootummaan'' raawwatameen namoonni nagaa 27 ol ajjeefamuu jiraattonni BBCtti himan.

    Godina Kaaba Shawaa Aanaa Xaarmaa Bar jedhamu keessatti handaara magaalaa godinichaa Dabrasiinaatti kan argamtu magaalaa xiqqoo Shoolaa meedaatti Waxabajjii 19 haleellaa humnoonni mootummaa raawwatan jedhameen yoo xiqqaate namoonni 15 ajjeefamuu fi namoonni afur madaa'uu jiraattonni himaniiru.

    Magaalattiitti bakka ''Agaam Bar Maganxayaa' jedhamu keessattis haleellaan raawwachuu kan himan namni ijaan argan, haleellaa kanaan isaan dabalatee namoonni baadiyyaarraa xaa'oo fudhachuuf dhufan hedduun miidhamaniiru jedhan.

    Bakka isaan turanitti qofa yoo xiqqaate namoonni 11 ajjeefamuu kan himan namni kun, namoota biroo sadii waliin ta'uun ulaa karaa duubaan jiruun miliquu himan.

    Wayita lubbuusaanii baafatanii bakka sanaa deeman garuu karaarratti obboleessa isaanii umriin waggaa 20 keessa ta'e karaarratti ajjeefamee akka argan himan.

    Haleellaa kanaa ilmisaanii akaakayyuuwwan isaa waliin jiraatu kan umriin waggaa 14 daandii manasaaniitti cinaa irratti ajjeefamee argamuu abbaan oladeemaa kanaa himaniiru.

    Maqaa namoota ajjeefamanii 11 tarreessanii akka qaban kan himan namni ijaan argan kan biraan ammoo guyyaa itti aanu Waxabajjii 20 reenfi afur dabalataan argamuu himuun, kun lakkoofsa namoota ajjeefamanii 15 taasisa jedhan.

    Humnoonni mootummaa ''hidhattoonni faannoo sadi boo'icha dhufaniiru'' shakkii jedhuun erga dhufanii booda hidhattoota barbaanna maqaa jedhuun haleellaa raawwatan jedhu jiraataan kun.

    Haleellaan walfakkaataan biraa Goojjam Kaabaa Aanaal Yilmaa fi Deensaa magaalaa Adeet keessatti Wiixata darbe (ALI Waxabajjii 17, 2016) raawwates namoota nagaa galaafachuu himan jiraattonni.

    Haleellaa kanaan namoonni nagaa 11 caalan ajjeefamuu kan himan jiraattonni, haleellaa raawwate kana haaloo ba'uuf kan raawwatame ta'uu himu.

    Humnoonni mootummaa fi hidhattoonni faannoo yeroo dheeraaf walitti dhukaasaa erga turanii booda, erga dhukaasi dhaabbatee qaamoleen mootummaa namoota nagaa ajjeesuu himan.

    Erga hidhattoonni faannoo gadhiisanii booda humnoonni mootummaa ganda 02 iddoo addaa Irshaa Sabil jedhamutti mana manarra deemuun ''faannoof odeeffannoo keennitu'' jechuun namoota ajjeesan jedhan.

    Ajjeechaa raawwate jedhame kana ilaalchisuun BBCn aanga'oota mootummaa naannochaa argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

    Naannichatti jalqaba ji'a Waxabajjiirratti haleellaa humnoonni nageenyaa mootummaa godinaalee Goojjam Bahaa fi Goojjam Lixaatti raawwatan jedhameen namoonni 20 caalan ajjeefamuun gabaafamee ture.

    Walitti bu'iinsa hidhattoota Faannoo ofiin jedhanii fi humnoota mootummaa gidduutti waggaa darbe ji'a Hagayyaa keessa naannoo Amaaraatti eegale hordofee lammiileen nagaa hedduun ajjeefamuu jaarmiyaaleen mirga namoomaa gabaasaa turan.

  3. Ilmi pirezidaantii duraanii Laayibeeriyaa Ameerikaaf taphatu sanyummaan arrabsame

    Timootii Wihaa tapha Paanamaa fi US irratti sanyummaan arrabsame

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Timootii Wihaa tapha Paanamaa fi US irratti sanyummaan arrabsame

    Ilmi pirezidaantii duraanii Laayibeeriyaa Joorji Wihaa, Timotii Wihaa, tapha Paanaamaan Ameerikaa injifatte irratti sanyummaan arrabsame.

    Taphataan Moonaakoo Filoorin Balogun, taphataa Kiristaal Paalaas, Kiriis Riichaardis, fi taphataan Juuvantas Timotii Wihaan karaa oonlaayinii sanyummaan arrabsamaniiru.

    Dabalataan taphataa biraa Juuvantas Makeenaa kanneen arrabsaman keessaati.

    Timotii Wihaa tapha dorgommii Kooppaa Ameerikaa biyyi isaanii Ameerikaan Paanamaa waliin taasifte irratti daqiiqaa 18ffaa irratti taphataa Paanaamaa mataa keessa buunyaan dhahuun kaardii dimaan dirreetii baafame.

    Timootii Wihaa taatee kanaaf waayillan isaa dhiifama gaafateera. Arrabsoo kana hordofee Federeeshiniin Kubba Miilaa US, ''tapha keessatti arrabsoo jibbaa fi qoollifannaan akka kanaa nakka hin qbau'' jedhe.

    Paanaamaan sadarkaa Fifan 43ffaa irra jirti. Ameerikaan sadarkaa 1ffaa irra jirti.

    Ameerikaan bara 2026 Meksiikoo fi Kanaadaa waliin tahuun Waancaa Adunyaa qopheesiti.

  4. Ameerikaanotni ''si'ol ykn azaaba'' keessa jiraachaa jiru-Tiraampi

    Tiraamp fi Baayiden falmii bara 2024 jalqabaa gaggeessan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp fi Baayiden falmii bara 2024 jalqabaa gaggeessan

    Doonaaldi Tiraampi falmii pirezidaantummaa 2024 irratti ''Ameerikaanotni Si'ol ykn azaaba keessa jiraachaa jiru'' jedhan.

    Tiraampi dubbii isaanii ''komataa'' jechuun Baayideniin ibsuun jalqaban. Baayiden nama Ameerikaa yaaddoo nageenyaa keessa buusee fi waltajjii idil-adunyaa irratti kabaja dhabsiise jedhan.

    Imaammata Baayiden Iraan irratti hordofu akka Hamaas Israa'el haleeluuf eeyyameera jedhe.

    ''Waraanni Yuukireen waanuma tahuu hin qabne ture'' jedhe. Waggoota sadii fi walakkaaf si'oluma keessa jiraanne,'' jedhan.

    ''Erga waraanni Israa'el-Gaazaa jalqabeen as deeggartoota Filisxeem fincila gaggeessan hedduu nutti fide. Biyyattii guutuun sababa keetiin dhohaa jirti. Sababni isaa ammoo kabaja homaa siif hin qaban.''

    Dabalataan ofiisaa ammoo ''carraa hojii guddaa Ameerikaatti banuu, dinagdee bayyaannachiisuu fi tajaajila fayyaa gaarii tahe fiduus ibse,'' Tiraamp.

    "Amma biyyi keenya kufteetti. Kana booda garuu biyya kufte hin taanu, Ameerikaa irra deebiin jabduu goona'' jedhan.

  5. Falmii Baayidenii fi Tiraamp pirezidant Putiin ilaalaniiruu? Maal jedhan?

    Vilaadmiir Putiin

    Madda suuraa, Getty Images

    Dubbi himaan mootummaa Raashiyaa Dimitirii Peskoov dhimmi falmii pirezidantummaa Ameerikaa dhimma Raashiyaa miti jedhan.

    ''Pirezidanti Putiin obboroo sanaan hirribarraa ka'anii dhimma falmii Ameerikaa keessatti dhimma ilaalaniif hin qaban,'' jedhan Aab Peskoov.

    ''Kun ajandaa keenyayyuu miti,'' jedhan.

    ''Dhimmoota biyya keenyaaf faayidaa qaban hedduu harkaa qabna. Ajandaa ijoon keenya dhimma biyya keenyaati. Kun dhimma pirezidantiin keenya irratti xiyyeeffataniidha. Falmiin Ameerikaa dhimma dursa kenninuuf miti.''

    Garuu falmiisaanii akkuma nama kamiiyyuu miidiyaarraa arguu kan himan Aab Peskoov ''falmii kaarratti yaada xiinxalaa kennuufis yeroo hin qabnu,'' jedhan.

    ''Kun dhimma keessoo Ameerikaati. Kun duula filannoo Ameerikaati. Nuti gonkumaa dhimma filannoo US keessa seennee hin beeknu. Ammas keessa seenuuf fedha hin qabnu.''

  6. 'Nama gaddisiisa'; yerootti nama biraa filachuu qabnurra geenyeerra'- Dimokiraatota

    Joo Baayiden falmii jalqabaa 2024 irratti qabxii barbaadamu hin galmeessine

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Joo Baayiden falmii jalqabaa 2024 irratti qabxii barbaadamu hin galmeessine

    Falmii pirezidaantummaa filannoo bara 2024 jalqabaa Ameerikaan Joo Baayiden daqiiqaa 90 keessatti gahumsa qaamaa fi waa'ee umurii isa airratti gaaffii ka'uuf deebii gahaa kennee amansiisa jedhamanii eegamanii ture.

    Garuu pirezidaantichi gahumsa qaamaa gaarii irra jiraachuu isaanii miti falmicha yeroo jalqaban sagalee isaaniiyyuu haala gaariin baasuun dubbachuuf rakkataa turan.

    Kun warra Rippaablikaanotaa Tiraampiin deeggaraniif qofa osoo hin taane Dimokiraatota Baayiden deeggaraniif yaaddoo taheera.

    Mariyaa Shiriiver: haadha warraa bulchaa duraanii Kaalifoorniyaa fi durbii Joon F Keneedii kan taate Baayideniin nan jaaladha, garuu falmiin kun hedduu nama gaddisiisa... Paartii Dimokiraatotaa keessa naasuutu jira'' jette.

    Kantiibaa Saan Antooniyoo, Juuliyaan Kaastiroo, kan duraan miseensa kaabinee Baaraak Obaamaa tahan, Baayiden gara falmii kanaatti yeroo dhufan danqaa guddaatu isaan dura jira ture. Isumayyuu qulqulleeffachuu hin dandeenye'' jedhan.

    Andiriiw Yaangi: Bara 2020 Dimokiraatota bakka bu'uun Baayiden bakka bu'uun dorgomee kan ture akkas jedhe. Dimokiraatotni nama biraa Baayiden irra fooyyee qabu filachuu qabu- Kunis osoo isaanitti hin barfatiin tahuu qaba,'' jedhan.

    Namni isyaasaa gameessi Dimokiraatotaa maqaan akka eeramu hin feene, 'New York Times' akka himanitti 'Baayiden Dimokiratota keessatti nama aalatamoodha. Garuu amma humna isaanii waan fixatan fakkaata. Akka aangoo gadhiisaniif gaafatamuu malu'' jedhan.

    Itti aantuun pirezidaantii US, Kamalaa Haaris jalqabbiin isaa suuta kan jedhe ture. Garuu haal agaariin falmicha xumuran jette.

  7. Mormii Keeniyaatti ka'e akka dhaabsisuuf humni waraanaa akka bobba'u manni murtii murteesse

    Humna waraana Keeniyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Mormii Keeniyaatti mudate dhaabsisuuf humni waraanaa akka bobba'u manni murtii murteesse.

    Seera Gibiraa mootummaan baase mormuuf namoonni heddu hiriira bahanii humna poolisii ol ta'anii ture.

    Hiriira guutuu biyyattiitti gaggeeffameen namoonni 20 ol ajjeefamaniiru. Mootummaan wixinee labsii gibiraa dhiisuu beeksisus guyyaa kaleessaa hiriirri gaggeeffamee ture.

    Poolisiiin gaazii imimaanessuun hiriirtota yoo bittumsu humni waraanaa ammoo daandiwwan magala Naayiroobii irratti mula'chuu eegalaniiru.

    Humni waraanaa bobba'uunsaa gamoowwaniifi biiroo waajjiraalee mootummaa eeguf murteessaa ta'uu ibse manni murtii.

    Waldaan Hawaasa Seeraa Keeniyaa ammoo waraanni mooraasaatti akka deebi'u gaafachuun murtee mana murtii mormeera.

    Pirezidant Wiiliyaam Ruutoo mormiin itti hammaaannan, wixinee labsii gibiraa parlaaman raggaasise akka hin mallatteessine beeksisanii ture.

  8. iPhone dubartoota heeruman qacaruu diduu hordofee Indiyaan kubbaaniyyaa teknooloojii kana sakattaate

    Dubartoota hojjettoota

    Madda suuraa, Reuters

    Indiyaa keessatti kubbaaniyyaan teknooloojii oomishaalee Appilii dubartoota heeruman qacaruu didnaan mootummaan biyyattii dhaabbaticha akka sakatta'uu fi ibsa bal'aa akka irraa barbaadu beekise.

    Kubbaaniyyaan Appilii Foxconn jedhamu kan bulchiinsa Tamil Nadu keessatti argamu dubartoonni abbaa manaa qaban oomishaalee iPhone keessatti akka hirmaataniif carraa kennuufii dide jechuun miidiyaaleen biyyattii gabaasaa turan.

    Dhaabbati Foxconn dubartoota qoollifachuu Rooyitarsis gabaaseera.

    Ministeerri hojjettootaa federaalaa biyyattii ''wayita qacarrii dhiiras ta'e dubartii irratti loogiin tokkollee jiraachuu akka hin qabne seeraan tumameera,'' jedhe.

    Foxconn ibsa baaseen qacarrii raawwate kamuu keessatti gaa'elarratti hundaa'uun loogiin raawwatame tokkollee akka hin jirre hime.

    Omishaalee Apple iPhone raabsuun kan beekamu Foxconn bara 2017 Tamil Nadu keessatti hundaa'e, ergasii Indiyaa keessatti akkaan babal'ateera.

    Rooyitarsi loogii dhaabbata kanaa irratti qorannoo bal'aa gaggeessuun gabaasa baase keessatti taateen kun kan raawwate bara 2023 fi 2024 keessa.

    Garuu akka dhaabbati Foxconn jedhutti qacarrii dhihoo kana raawwatame keessatti dubartoonni heeruman dhibbeentaa 25 ta'u.

    Beeksisoonni hojii 20 ta'an kan ejentootaan maxxanfaman ''ulaagaa keenya waan hin guunneef,'' bara 2022 haqamaniiru jedhe kubbaaniyyaan kun.

    Quuqamtoonni mirga dhala namaa akkaataan qacarrii kubbaaniyyaa kanaa yaaddessaadha jedhan. Sababni isaa kan achitti qacaramuuf carraa eegu kumaa kitila waan ta'eef.

    Rooyitasri gabaasa kubbaaniyyaa kana himatu kana wayita qindeessu ejentoota hojjettoota qacaran dubbisuu ibse.

    Akka gabaasi kun jedhutti ejentoonni qacartoota ta'an fi humni namaa Foxconn sababa jaarmiyaan kun dubartoota heeruman qacaruu diduuf wayita ibsan dirqama maatii, taatee yeroo ulfaa fi hojiirraa hafuu akka sababoota ijootti kaasan.

  9. West Baankitti boombin daandirratti awwaalame dhohee loltuun Israa'el tokko du'e, heddu madaa'an

    Bakka boombin itti dhohe

    Madda suuraa, AFP

    West Baank keessatti loltoonni Israa'el boombii daandirratti awwaalameen miidhaan irra gahe. Loltoonni kunneen Kaaba West Baank kaampii baqqattootaa Jeniin keessatti duula sakattaa yeroo gaggeessanitti kan balaan kun isaan mudate.

    Boombii daandirratti awwaalamee dhohe kanaan loltuun tokko yoo du'u 16 kan ta'an ammoo miidhaan qaamaa irra gahee jira.

    Miidiyaaleen Israa'el akka gabaasanitti loltooni sakattaa gaggeessanii yeroo bahanitti konkolaataan waraanaa ittiin deemaa turan boombii daandirratti awwaalameen haleelame.

    Haleellaa boombii kanaaf gareen hidhattoota Paalistiiniyaan Islaamik Jihaad 'anatu raawwate' jechuun itti gaafatamummaa fudhateera.

    Gaazaatti waraanni erga eegalee sakattaan Israa'el West Baankitti gootu kan durii caala akkaan jabaatera.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka gabaasetti Israa'elifi Hamaas gidduutti waraanni erga eegalee kaasee West Baank qofaa keessatti hidhattoonni, kanneen haleellaa gaggeessaniifi lammiilen nagaan 536 ajjeefamaniiru.

    Namoota du'an keessaa 519 loltoota Israa'elin kan ajjeefaman yoo ta'u, 10 ammoo qubattoota Israa'eliin kan ajjeefamaniidha akka gabaasa UNtti.

  10. Poolisiin Keeniyaa hiriirtota gaazii imimmaanessuun bittimsan

    Hiriira Kibxata turerratti yoo xiqqaate namoonni 22 du'aniiru

    Madda suuraa, AFP

    Hiriirri mormii labsii gibira haaraa mootummaa Keeniyaa mormuun gaggeeffamu har'attis qabamee ture. Garuu poolisiin biyyattii hiriirtota magaalaa Naayiroobiitti walitti qabamuuf turan gaazii nama imimmaanessu itti dhukaasuun bittimseera.

    Magaalaa Naayiroobii fi kutaalee biyyattii garaa garaatti qaamoleen nageenyaa baayyinaan ramadamaniiru. Paarlaamaan biyyattii humni waraanaa akka bobbaafamu raggaasiseera.

    Magaalaa Naayiroobii daandiiwwan ijoo ta'an osoo hiriirri hin eegalin qaamolee nageenyaan cufamaniiru.

    Mormii labsii gibira haaraaf hiriira Kibxata dheengaddaa (Waxabajjii 25,2024) ba'amerratti namoonni 22 du'uutu gabaafame. Hiriira mormii sanarratti hiriirtonni gamoo paarlaamaa [iddoo bakka buutonni seera gibiraa haaraa raggaasisaa turanitti] seenuun gubaniiru.

    Hiriira lubbuu namaa galaafatee fi qabeenya hedduu barbadeesse booda Pirezidantiin biyyattii Wiiliyaam Ruutoo gibira karoora isaanii ta'e kana akka hambisan ibsaniiru.

    Garuu lammiileen biyyattii pirezidantichi gaaffiisaanii waan deebiseef hiriira Kamisa har'aa (Waxabajjii 27, 2024) ba'uurraa duubatti hin jenne. Haqi namoota du'anii akka argamuuf gaaffiisaanii itti fufaniiru.

    Inumaa gariin masaraa mootummaa weeraruun bakka jireenya pirezidantichaa seenuu barbaadu.

    Humnoonni nageenyaa heddumminaan ramadamaniiru

    Madda suuraa, AFP

  11. Shakkamtuu konkolaataa hatuun to’atamte irratti himanni banamuu pooliisin ibse

    Dubartii konkolaataa hatuun shakkamte irratti himanni banamuu poolisiin hime

    Madda suuraa, Poolisii Finfinnee

    Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii konkolaataa hatuun shakkamte irratti himanni banamuu poolisiin hime

    Dubartii konkolaataa hatuun to’atamte ''dogoggoraan qabamte'' oduun jedhu miidiyaa hawaasaa gubbaa wayita bal'inaan qoodamaa jirutti, himanni irratti banamuu Pooliisin Magaala Finfinnee hime.

    Fuula Feesbuukii isaa irratti akka ibsetti, dubartiin konkolaataa hatuun shakkamte himanni irratti banamuun har’a mana murtiitti dhiyaateetti.

    Dubartiin kun magaalaa Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Kolfee Qaraaniyoo, aanaa 07 bakka addaa ‘Bicaa Fooq’ jedhamutti konkolaataa hatuun hordoffii poolisiin to’annoo jala ooluu poolisiin magaalichaa ibseera.

    Dubartiin maqaan ishee Mannaa Kabbadaa jedhamtu seera yakkaa bara 1996 bahe darbuun qabeenya isheef hin malle horachuuf konkolaataa lakkoofsi gabatee isaa 3 B 23912 tahe hatuu ibse.

    Poolisiin qorannoo gaggeessuun galmee ishee abbaa alangaatti dabarsuun himanni irratti banamuu qajeelchi poolisii Bulchiinsa Kolfee Qaraaniyoo himeera jedha maxxansi kun.

    Shakkaamtuun konkolaataa kana hin hanne, akkasumas gadhiifamteetti kan jedhu miidiyaa hawwaasaa irratti qoodamaa jiraachuu ibsi poolisii kun eereera.

    Miidhamaan konkolaataan isaa jalaa hatamuu himachuu fi shakkamtuun konkolaataa kana yeroo dheeraaf qabattee jalaa dhokachuun ragaan waan qulqullaa’eef yakka hannaan himanni banamuu ibse poolisiin.

  12. Dursaan fonqolca mootummaa Booliiviyaa to'annoo jala oolfaman

    Dursaa fonqolcha mootummaa

    Madda suuraa, Reuters

    Magaalaa guddoo Booliiviyaa kan taatee Laa Paaz keessatti masaraan mootummaa erga loltootaan weeraramee sa'aatiiwwan keessatti dursaan yaalii fonqolcha mootummaa to'annoo poolisootaa jala oolfaman.

    Konkolaataawwan waraanaafi loltoonni biiroolee mootummaa ijoon kan keessatti argaman adabaabaayi Muriilootti bobbaafamanii kan ture ta'ulleen hunduu deebii'uun bahaniiru.

    Waraanicha kan dursaa ture Janaraal Huwaan Zuuniigaa ''diimokraasii deebiisee ijaaruu akka barbaadu'' dubbachuudhaan Liiwoos Arseen isa kabajan illeen jijjiramni mootummaa akka dhufu beeksiisaniiru.

    Haata'u malee janaraalli kun ammaan tana to'annoo jalatti argamu.

    Pirezidanti Arseen yaalii fonqolcha mootummaa taasifame balaaleeffachuudhaan, ''uummanni ijaaramuun dimokiraasiidhaaf akka qabsaa'uuf'' waamicha taasisan.

    Masaraa pirezidantichaa irraa ergaa karaa TV biyyattiin wayita dabarsaniitti, ''fonqolca mootummaa lubbuu lammiilee biyyattii balleessuudhaaf gaggeeffame irra deebiin hayyamuuf hin qabnu'' jedhan.

    Haasaa pirezidantiichaa hordofuunis deeggartoonni dimokiraasii mootummaa deeggaruudhaan daandiitti bahaniiru.

    Yaalii fonqolchaa mootummaa taasifame hordofuunis Pirezidanti Arseen ajajoota waraanaa haaraa mudaa jiraachuu beeksisaniiru.

    Janaraal Zuniigaan dursaa Boolooviiyaa duraanii, Ivaa Mooraaleesiin ifatti qeequu hordofee aangoorraa kaafamnii ture.

    Moraaleesis yaalii fonqolcha mootummaa taasifame balaaleeffachuudhaan, Janaraal Zuuniigaa fi ''kanneen isaan waliin wal ta'an irratti'' himannaan yakkaa akka banamu akeekkachiisan.

    Abbaan alangaa biyyatiitiis qorannoo yakkaa baneera jedhameera.

  13. Himanni Somaaliyaan waraana Itoophiyaa irratti dhiyeesite 'bu'uura hin qabu'- Mootummaa

  14. Paakistaaniitti sababii ho’atiin guyyaa jahatti namoonni 500 du’an

    Namamho'aaf bishaan itti naqamu

    Madda suuraa, Getty Images

    Paakistaanitti sababii ho’a olaanaan guyyoota jaha keessatti namoonni 500 ol du’unsaanii ibsame.

    Kibba Paakistaanitti ho’a garmalee dabaluun wal qabatee lakkoofsi namoota du’anii dabalaa kan jiru yoo ta’u, tajaajilli ambulaansii Idiihii jedhame guyyaatti namoota du’an 30-40 ta’an gara bakka mana reeffaa Kaaraachiitti geessaa jiraachuu beeksiiseera.

    Guyyoota darban jaha keessatti reeffa namoota 568 kan walitti qabe yoo ta’u, 141 kan ta’an ammo kan guyyaa Kibxataa du’an akka ta’e ibseera.

    Sababiin du’a namoota kanneenii maal akka ta’e sirriitti dubbachuuf ganaa ta’ulleen, du’aatiin kun kan mudate sababii ho’a garmalee dabaluu magaala Kaaraachitiin jedhameera.

    Haalli ho’a bulchiinsicha keessa jiru digrii sentiigireedii 40 ol yoo ta’u, haalli qilleensa ho’aa nama ukkaamsuu (humidity) ammo gara diigrii seentiigireedii 49 ta’u gabaasaaleen ni mul’isu.

    Namoonni baayyeenis haaluma kanaan wal qabatee deeggarsa barbaacha gara hospitaalotaatti qajeeluun dhagahame.

    Hospitaalli siiviilii Kaaraachii torban darbe guyyaa Dilbataa fi Roobii jidduutti sababii ho’aa garmalee dabaleetiin namoonni 267 gara hospitaalichaa dhaqusaanii ittigaafatamaan kutaa balaa tasaa Dr Imraan Saarwaar Sheek ibsaniiru.

    Namoota kanneen keessaayis lubbuun namoota 12 darbuu himaniiru.

    ‘‘Kanneen gara hospitaalichaa dhufan keessatti kan umuriinsaanii waggaa 40 fi 20 ta’anilleen kan argaman yoo ta’u, irra caalaan isaanii garuu gaheessoota umuriin wagga 60motaa fi 70mota keessatti argamuudha,’’ jechuun BBCtti himan Dr Imraan.

    Namoonni kunneenis ho’a cimaa dabaltee mallattoolee garaa kaasaa, haqisiisaafi kan biraa irratti mul’ateera jedhan.

  15. Barattoota Kooriyaa Kaabaa akka Kiim Jong Unitti rifeensa sirreeffachuuf dirqisiifamaa turan

  16. Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaatti ilmi haadhasaarratti abbaa reebuun ajjeese to'atame

    Nama abbaasaa ajjeesun shakkame

    Madda suuraa, Southwest Ethiopia Police Commission

    Naannoi Kibba Lixa Itoophiyaatti abbaan warraa haadha warraa osoo reebaa jiruu ilmi qaaqabuun abbaa reebee ajjeese poolisiin to'ate.

    Taaten kun kan mudate naannoo dhiyeenya hundaa'e Kibba Lixa Itoophiyaa, Godiina Kafaa Aanaa Gawwaataa jedhamu keessatti.

    Poolisiin Naannichaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti akka ibsetti, abbaan warraa haadha warraa osoo reebuu ilmi qaqqabuun abaasaa erga reebee booda ajjeese.

    Poolisii Aanaa Gawwaataa waabeffachuun naannichi akka beeksisetti, haadha warraafi abbaa warraa gidduutti wal-dhabdee uumameen abbaan warraa haadha warraa irratti reebicha osoo raawwatuu ilmisaanii biraan bahuun [akkamitti haadha koo reebda] kan jedhuun abbaasaa mataandhan garaa keessa rukutee lubbuun akka darbu godheera.

    Namni haadhasaarra goruun abbaa reebee ajjeesun shakkame kun yeroo ammaa to'amee himanni irratti banamee jiraachuu ibse poolisiin.

  17. Amma nu gahe, Wiiliyaam Ruutoo wixinee faayinaansii manni maree sagalee caalmaan dabarse hin mallatteessu jedhan.

    Wiiliyaam Ruutoo Wixinee Faayinaansii mormiin mudate hin mallatteessu jedhan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Wiiliyaam Ruutoo Wixinee Faayinaansii mormiin mudate hin mallatteessu jedhan

    Wiiliyaam Ruutoo wixinee daballii gibiraa ‘Finance Bill’ manni maree sagalee caalmaan dabarse hin mallatteessu jedhan.

    Wixinee faayinaansii Wiiliyaam Ruutoo ofumaan qopheesse mormii guddaan mudateera.

    Dhaloota haaraa Keeniyaa 'Gen Z' mormii faayinaansii kana adda durummaan gaggeessaniiru.

    Waxabajji 25 bara 2024 guutummaa Keeniyaatti mormii waamameen magaalaa Naayiroobii keessatti qofa namootni jaha poolisiin ajjeefamuu gabaafameera.

    Hiriirtotni paarlaamaa biyyattiitti abidda qabsiisuun gar tokkeen yoo gubatu meeshaaleen keessa turan caccabuun manca'aniiru.

    Waajjirri bulchaa magaala Naayiroobiis akkasuma manca'eera.

  18. Yuunvarsiitota barattoota isaanii sooruu dadhabaniif baajatni dabalamuuf

    Yuunvarsiitota barattoota sooruuf hanqinni baajataa mudateef bara dhufu baajatni dabalataa kennamuuf

    Madda suuraa, WOLDIA UNIVERSITY/FB

    Ibsa waa'ee suuraa, Yuunvarsiitota barattoota sooruuf hanqinni baajataa mudateef bara dhufu baajatni dabalataa kennamuuf

    Ministeerri Maallaqaa baajatni nyaata barattootaa yuunvarsiitota mootummaaf ramadamu akka dabalu hime.

    Baajata kana fooyyessuufis Ministeerri Barnootaa, Tajaajila Istaatiksii Biyyaalessaa waliin tahuun qorachaa jiraachuu Ministera Maalaqaatti gorsaan Dhimma Baajataa Obbo Taffarraa Dammaqaa himaniiru.

    Marii har’a gaggeeffame irratti yuunvarsiitota lama bakka bu’uun namootni argaman Koree Dhaabbiif yoo himan, barattoota sooruun rakkoo guddaa itti tahuu hubachiisaniiru.

    Pirezidaantiin Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaa Dr Lammii Guutaa, haala amma jiruun barattoota bara 2017 keessa simannee barsiisuuf baajatni nyaataa jiru rakkoo guddaa taheera’’ jedhan.

    ‘’Qorannoo irra akka jiru ni dhageenya. Amma qoratamee qaamni dhimmi isaa ilaallatu yoo furmaata itti hin laanne bara dhufu baruu fi barsiisuu irratti rakkootu nu mudata jedhan.

    Yuunvarsiitii Samara bakka bu’uun kan argaman Obbo Hasan Tabaaluu haala amma jiru dandamannee itti fufuu waan hin dandeenyeef manni maree haala kana ilaalee furmaata kennuu qaba jedhan.

  19. ICCn qondaaltota waraanaa olaanoo Raashiyaarratti ajaja hidhaa baase

  20. Mormitoonni miseensota paarlaamaarratti xiyyeeffatan ture

    Mormitoonni yeroo qabeenya gubanitti

    Keeniyaatti mormitoonni labsii gibiraa 2024 falmiisaa ta’e akka haqamu gaafatan miseensota paarlaamaarratti kan xiyyeeffatan yoo ta’u, addatti ammoo gamoowwaniifi biizinasiiwwan deeggartoota Pirezidant Rutoo ta’aniifi labsicha deeggaran mancaasaniiru.

    Miseensonni Kora Biyyaalessaafi Kora Kaawontiiwwanii warra irratti fuullefatame keessaati.

    Kaawontii Nyerii keessatti mormitoonni supparmaarketii Chieni jedhamu saamaniiru, hubaniirus.

    Akka gabaasaaleen agarsiisanitti supparmaarketiin kun miseensa paarlaamaa kan ta’an Nijoroogee Waayinaayinaati jedhama.

    Viidiyoon miidiyaa hawaasaarra naanna’aa ture gamoon supparmaarketii kun Kibxata gaafa mormiin gaggeeffamutti yeroo gubatu agarsiisa.

    Akkasumas mormitoonni, mana shubbisaa kan miseensa mana maree Oskaar Sudii michuu dhiyoo pirezidanti Ruutooti jedhamuus mancaasaniiru.

    Kaawontii Embuu keessatti ammoo mormitoonni waajira kaawontichaa gubaniiru.