Ashamaa! Tamsaasa kallattii jalqabneerra.
Ashamaa? Oduu kallattiin isniif dhiyeessinu jalqabneerra.
Oduu Baha Giddu-galeessaa, waraana Raashiyaafi Yukireen, ejjennoo Ameerikaafi Awurrooppaa ni argattu.
Dhiyaadhaa!
Pirezidantiin Yukireen Donaald Tiraamp waliin muddama seenan UK'tti simannaan ho’aa taasifameef. Liqaa paawundii biiliyoona 2.26 ta'us Ministira Muummee UK Kiir Istaarmar waliin mallatteessaniiru.
Ashamaa? Oduu kallattiin isniif dhiyeessinu jalqabneerra.
Oduu Baha Giddu-galeessaa, waraana Raashiyaafi Yukireen, ejjennoo Ameerikaafi Awurrooppaa ni argattu.
Dhiyaadhaa!

Madda suuraa, Getty Images
Keeniyaan gosa bosonuu gaaraa -sanyiin isaa akkaan xiqqoo tahe wiirtuu dahoo bineensotaa Ameerikaa irraa fudhatte.
Gosti bosonuu gaaraa kuni dhaloota sadaffaa sanyii bosonuu Keeniyaarraa bara 1960 keessa fudhatame dha.
Sanyiin bineensaa baduu jala jiru kuni Wiirtuu Eegumsa Bineensota Filooridaa irraa Keeniyaatti deebifamuun tattaaffii eegumsa bineensotaa Keeniyaa keessatti 'tarkaanfii murteessaa' jedhamuun jajameera
Bara 1970 keessa gosa bosonuu 500 turan keessaa yeroo ammaa 100 qofti hafuu Tajaajilli Eegumsa Naannoo Keeniyaa ibseera.
Dhaabbatichi mandheen isaanii manca'uu, adamoo, sochii namootaa seeraan alaa fi dhukkubni lakkoofsi bineensota kanaa akka hir'atuuf sababa jedhe.
Ministirri Tuurizimii Keeniyaa Rebeekaa Miyaanoo Dilbata kalee yeroo bineensota kana buufata xiyyaaraatti simatan ''miira gammachuu fi namatti tolu'' jedhan.
Bineensoti kunneen dahoo naannoo Gaara Keeniyaatti argamu kaawuntii Meeruutti geeffamaniiru.
''Sanyiin bosonuu kanaa duraan Keeniyaatti qofa argamu waggootaaf dararamaa bahee lakkoofsi isaa hir'isee,'' jedhan Rebeekaan.
Lakkoofsa bineensota kanaas bara 2050tti 500 geessisuuf karoorri jira jedhaniiru.

Madda suuraa, AFP
Magaalaa guddoo bulchiinsa kibba Sudaan kan taate el- Obeed hidhattoonni RSF waggaa lamatti dhiyaatuuf ugguranii turan.
Uggura hidhattoonni magaalicharra kaa’an cabsuun kan danda’ame RSF chaartara siyaasaa magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti erga mallatteessanii sa’aatii muraasa booda.
Hidhattoonni RSF fi waraanni Sudaan bara 2023 irraa kaasuun aangoo qabachuuf wal waraanaa jiru.
Sababa lola kanaan namoonni kuma kudhanitti lakkaa’aman ajjeefamaniiru, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman qe’eef qabeenyasaaniirraa buqqa’an.
Lolli Sudaan biyyattii bakka lamatti addaan kan hire yoo ta’u, waraanni Sudaan, kaaba fi baha biyyattii yoo to’atu, finciltoonni RSF ammoo naannoo Daarfur harka caalu to’atu.

Madda suuraa, Getty Images
Namni dukkana daheeffachuun furtuu walfakkaatuun mana namaa cabsuun hanna raawwate himannaa galmee lamaan irratti banameem addabbiin hidhaa cimaa waggaa 11 fi birri kuma shanii itti murtaa'u qajeelchi poolsii kutaa magaalaa Lamii Kuraa ibse.
Himatamaan maqaansaa Dassiyibal Abbabaa jedhamu kutaa magaalicha aanaa 2 naannoo Abeel jedhamuutti guyyaa garaagaraatti yakka walfakkataa raawwataa akka ture Poolisiin Magaala Finfinnee miidiyaa hawaasaa isaarratti ibseera.
Namni kunis halkan daheeffachuun manneen namoonni keessa hin jirree qorachuudhaan hanna raawwachuun alattis yakkicha wayita raawwatuutti shugquxii seeraan alaa qabatee akka sochaa'aa ture ibsameera.
Himatamaan kunis yakkicha raawwachuuf dukkana keessa bakka taa'ee turetti jiraattoonni naannichaa shakkuun eenyummaasaa adda baasuuf wayita itti siqaniitti sagalee dhukaasa shugguxii dhageessisuun kan miliqe ta'u jiraattoonni buufata poolisii naannichaatti iyyatan.
Poolsiinis eeruu kennameef ka'umsa godhachuun hordoffii nama yekka raawwatu kanaa adda baasuuf taasiseen, to'annaa jala oolchuudhaan himatamaanis manneen kanaan dura yakka hannaa irratti raawwate geessee agarsiisuu ittigaafatamaan buufata poolisii naannawa Lammii Kuraa Komaandarri ittaanaa Abarraa Bayyanaa ibsan.
Poolisiinis qorannoo taasisee xumuuruun ragaa abbaa alangaatiif dhiyeessuun himannaan erga irratti banameen booda, dhimmicha kan ilaalaa ture manni murtii sadarkaa jalqabaa Lammii Kuraa dhaddacha yakka tokkooffaa olmaasaa ALI Amajjii 27, 2017n addabbii warra kaan ni barsiisa jedhame irratti murteessuun himameera.
Haaluma kanaanis manni murtichaa Obbo Dassiyibal Abbabaa yakka hannaa mana cabsuun raawwateef hidhaa cimaa waggaa sagalii akkasumas meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatee argameen gocha yakkaatiif oolchuudhaan hidhaa cimaa waggaa lamaafi addabbii maallaqaa birrii kuma shanii irratti murteessuu ibseera barreeffamni poolisiin magaala Finfinneetiin maxxanfame kun.

Madda suuraa, Getty Images
Indiyaa fi UK'n marii daldala bilisaa tibbana deebisanii kan jalqaban yoo ta’u, kunis filannoo waliigalaa biyyoota lamaan dura mariin erga dhaabbatee gara waggaa tokkoo booda.
Ministirri daldalaa UK Jonataan Reynolds Delhii kan jiran yoo ta’u, marii guyyoota lamaaf turu kana jalqabuuf gita isaanii Indiyaa Piyush Goyaal waliin wal arguuf jiru.
Walgahii kanaan dura Reynolds waggoota muraasa booda dinagdee addunyaa sadarkaa sadaffaa irratti akka argamtu kan tilmaamame Indiyaa waliin waliigaltee daldalaa barbaaduun ''waan gaarii'' ta'uu dubbataniiru.
Biyyoonni kunneen bara 2022 irraa eegalee marii marsaa hedduu kan gaggeessan yoo ta’u, ta'uus garuu waliigalteen tokko irrayyuu hin qaqabamiin hafeera.

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Daldalaa Niiw Ziilaand, Andireew Beeyliin torban darbe hojjetaa tokkoo irra harka kaawwachuu hordofee qeeqa muudateen aangoo gadhiisaniiru. Gochi kunis amala ''ol'aantummaa'' jedhamuun ibsameera
Beeyliin Wiixata har'aa taatee uumame irratti ''gaddi cimaan natti dhagahameera'' jechuun aangoo akka gadi lakkisan ibsuuniiru.Haata'u malee ammas miseensa paarlaamaa ta'ee itti fufu.
Aangoo gadhiisuun ministirichaa kuni kana dabalataan baatii Onkoloolessa darbe keessa hojjetaa mana wayinii tokko "mo'amaa" jechuun arrabsuu hordofee qeeqni jabaan isaa muudachuudhani.
Yeroo sanattis quba isaa boca 'L' addasaa irra kaa'uu dabalatee, jecha arrabsoo namummaa namaa xiqqeessu fayyadame jedhamee jedhame. Boodarra ammoo gocha isaa kanaaf dhiifama gaafachuu ifoomse.
“Akkuma baay’een keessan beektan, jijjiirama waajjira ministeerota koo keessatti gaggeessuuf obsa dhabeen ture,” jechuun Beeyliin ibsa aangoo gadhiisuu isaanii beeksiseen dubbatan.
"Torban darbe hojjetaa tokko waliin waa'ee hojii marii sochii qabu taasiseera. Marii kana fageenyatti geessuudhaan, harkakoo harkasaanii gubbaa kaa'een ture, kunis sirrii hin turre."
Himannaan dhiyaateera garuu sirriitti maaltu akka ta'e bal'inaan hin ibsu jedhan. Beeyliin Jimaata darbe aangoo gadhiisuu isaaniitiin booda Ministirri Muummee Niiw Ziilaand Kiristoofar Luukon ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, taatee kun guyyoota sadii dura, Guraandhala 18 akka ta’e ibsaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Eeejansiiwwan ijoo US hojjettooti isaanii ergaa imeelii Iloon Maask itti ergeef deebii akka hin kennine himan.
Iloon Maask dhaabbileen kuni torban darbe keessa waan dalagan akka barreessan gaafatanii ture.
Dhaabbileen Iloon Maaskitti ergaa akka hin deebisne jedhanii dhaaman FBI, Ministeera Dhimma Alaafi Pentaagon fa’idha.
Hoggantoonni dhaabbilee biraa ergaa Iloonif deebii akka kennan yoo himan, kaanimmoo deebisuun dura gorsa akka eegan dubbatan.
Maask hanga Wiixata galgalaatti ergaa deebisuu diduun akka hojii fedha ofiin gadhiisuutti ilaalama jedheera.
Pirezidant Donaald Tiraamp dhimma imeelii kanarratti ammatti yaada hin kennine.
Ergaan gaafa Sambataa galgala hojjettoota federaalaa miiliyoonaan lakkaa’amaniif ergame.
Ergaan kuni erga Tiraamp hojii Maask jajuun kana caalaa tarkaanfii cimsu akka barbaadan erga miidiyaa hawaasaa isaaniirratti ibsan booda dhagahame.
Abbaa qabeenyaa kan ta’e Iloon Maask Pirezidant Tiraampiin muudamuun isaa ni yaadatama.
Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo haaraa eegalleerra.
Dhimmoota biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.
Asumaan Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook keenya hordofaa.
Tamsaasa kallattii kana dura ture asii argattu.
Lafa nagaa oolaa!