Yeroo haleellaan kun addabaabayii guddaa Bukaavuu keessatti raawwatame Nangaa fi Bertrand Bisimwa kan M23 duraan achii ba'anii akka turan amanama.
Ibsa Nangaa kenneen, haleellaa kanaan wal qabatee namoonni lama to'annoo jala ooluu fi shakkamtoota biroos sakatta'amaa jiraachuu ibseera.
"Gochi hammeenymmaa fi gara jabinaa kun addabbii malee hin hafu" jedhan.
Finciltoonni kunneen baatii Guraandhalaa irraa eegalee karaa baha DR Koongoo gara fuulduraatti cimaa kan jiran yoo ta’u, magaalaa guddittii naannichaa Bukaavuu fi Goma dhuunfatanii jiru.
Lolli kun namoota gara kuma 500 ta’an qe’eesaanii irraa kan buqqise yoo ta’u, kunis rakkoo namoomaa duraanuu hamaa ta’e hammeessee jira jedha Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii.
Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii dhukaasa dhaabuu fi finciltoonni naannoo amma to’atan keessaa akka ba’aniif gaafataniiru.
Ruwaandaan M23 deeggaru haaltee turte, dhiheenya kana garuu naannoo daangaa DR Koongoo fi Ruwaandaa gidduutti lola uumamu nageenya isheef balaadha jechuun sarara ittisaa caalaa fudhattee jirti.
Ogeeyyiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kanaan dura loltoonni Ruwaandaa 3,000 hanga 4,000 ta’an baha DR Koongoo keessa akka jiran tilmaaman.
Waliigalteen daldalaa UK- US taarifni ‘hanga hin barbaachifneetti’ deemuu danda’a
Madda suuraa, Reuters
US fi UK gidduutti waliigalteen daldalaa “baayyee saffisaan”
taasifamuu danda’a jedhan Pirezidant Doonaald Tiraamp ibsa waloo MM UK Sir Kiir
Istaarmer waliin kennanirratti.
Haasaa daawwanna MM Istaarmer Waayit Hawusitti taasisanirratti
dubbii dubbateen, UK waliin daldalli taarifa (qaraxa) malee jiraachuu danda’a
jedhe Tiraamp.
Bara 2018'tti paartiin isheen hoggantu Barbados Labour Party teessoo mana maree hunda mo'achuun biyyattii keessatti haala mul'atee hin beekneen paartii mormituu Democratic Labour Party injifate.
BBCn Zelenskiin wabii nageenyaa inni barbaadu Tiraamp yoo kan hin dhiheessine ta'e waliigaltee kana kan dhiisan akka ta'e gaafannan, “karaa NATO ykn karaa waan kana fakkaatu argachuu yaalla” jechuudhaan deebisuun: “Yoo wabii nageenyaa hin arganne dhukaasa dhaabuu hin qabnu, wanti tokkollee hin hojjetus, homtuus hin ta’u” jedhan.
Gaazaatti torban darbe keessa daa'imman ja'a sababa qorraan du'an
Kanaadaatti lammuummaan
kan haqamu yoo namni sun yakka waliin
dhahuu dalage, namni sun haala sirrii
hin taaneen yoo of ibse ykn odeeffannoo immigireeshiinii
fi dhimma lammummaa yoo dhokse.
Afrikaa Kibbaatti kan dhalate Iloon Maask lammuummaa
Kanaadaa fi Ameerikaa qaba.
Biliyeenarrii kun Kanaadaan ''dhugaatti biyya miti'' jechuun toora miidiyaa hawaasaa isaa X irratti erga deebii kennee booda barreeffamasaa haqeera.