Tamsaasa kallattii haaraatti ce'aa
Tamsaasa kallattii haaraa baname asiin seenuu dandeessu.
Ulfaadhaa!
Hamaas namoota Onkoloolessa 7 bara 2023 Israa'el wayita haleele bute dabalatee namoonni ja'a Sambata darbe kana gadhiifaman. Bara 2014 kan butame dhalataan Itoophiyaa Averaa Mangistuu namoota gadhiifaman keessa jira.
Tamsaasa kallattii haaraa baname asiin seenuu dandeessu.
Ulfaadhaa!
Jala bultii jalqabbii waraana Raashiyaa fi Yukireen waggaa sadaffaa irratti Raashiyaan haleellaa diroonii bal'aa Yukireenirratti raawwatte.
Magaalaa Keheersan keessatti haleellaan kanaan namoonni lama ajjeefamuu hojjettoonni yeroo balaa dubbataniiru.
Dubbii-himaan Komaandii Humna Qilleensaa, Yukireen Yuurii Ignaat haleellaa qindaa'e al-tokko Raashiyaan raawwatteen dirooniiwwan 267 erguun lakkoofsa 'rekardii' tahe galmeessuu himan.
Hojjettoonni yeroo atattamaa haleellaan eda galgalaa gamoowwanitti ibidda qabsiisee kaan barbadeessuus himaniiru.
Ministeerri Ittisaa raashiyaa dirooniiwwan 20 Dilbata har'aa Raashiyaatti darbataman ''barbadaa'aniiru' jedhan.
''Waraanni itti fufeera,'' jechuun haleellaan booda Zelenskiin ibsa baasaniin kan himan yoo tahu, naannichatti nagaan akka bu'us gaafataniiru.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Mummee UK Keer Istaarmar haasaa torban dhufu Doonaald Tiraamp waliin taasisaniin barbaachisummaa walabummaa Yukireen akka mariyatan haasaa bilbilaan pirezidantii biyyattii waliin taasisaniin himan.
Keer marii Sambata kaleessaa Voloodmiir Zeleenskii waliin taasisaniin UK'n akka Yukireeniif deeggarsa 'jabaa' qabdu irra deebiin dubbatan.
Tiraamp Raashiyaa wajjin hariiroo akka haaraatti jalqabuufi waraanni Yukireen akka dhaabbatu fedhii agarsiisuun booda, hogganooti biyyoota lameenii guyyaa afur keessatti al lama bilbilaan marii taasisaniiru.
Vilaadmiir Puutiin Yukireen weeraruun Wiixata dhufu waggaa sadaffaa qabata.
Ministirri Hajaa Alaa UK Deeviid Laamii guyyicha irratti qoqqobbii haaraa Raashiyaa irra akka kaa'an himan.
Ministirri Mummee UK,''Yukireen waraana kana dhaabuuf marii taasifamu irratti hirmaattuu ijoo tahuu qabdi. Waraanni Raashiyaa seeraan alaa akka dhaabbatuufi nagaan waarawaa akka dhufu UK'n cichoomaan hojjetti,'' jechuu dubbii himaan waajira MM UK himeera.
Odeeffannoon waajira MM UK irraa bahe akka agarsiisutti Zelenskii fi Keer yeroon kuni nageenya egeree Yukireeniifi Awurooppaaf yeroo murteessaadha.
Ministirri Mummee kunis dabaluun, haasaa isaanii murteessaa kana torbee dhufu Tiraampiin Waashingitanitti yeroo argan akka kaasan himan.

Madda suuraa, Getty Images
Baha Faransaay magaalaa Mulhaawus keessatti haleellaa haaduun raawwatameen namni tokko yoo du’u, poolisoonni sadii madaa’an.
Namni ganna 37 lammii Aljeeriyaa bakka sanatti to'atameera. Shakkamaan kun "Allahu Akbar" ykn ‘Rabbi guddaadha’ jedhee iyyaa turuun kan gabaafame.
Abbaan alangaa shakkamaa kanarratti qorannoo shororkeessummaa irratti baneera.
Namichi poolisoota lama akka jabaa madeesse, poolisii isa tokko morma, tokko ammoo lapheerra madeesse.
Namni ganna 69 lammii Poorchugaal gidduu seenuuf yaale waraanamee ajjeefame.
Shakkamaan kun tarree namoota shororkeessummaan shakkamanii hordofamanii keessa waan tureef biyyaa ari'amuu mala ture jedha abbaan alangaa naannoo sanaa.
Pirezidantiin Faraansaayi Imaanu'eel Maakroon ''haleellaa shororkeessummaa Islaamistootaa ta'uun shakkisiisaa miti'' jedhan.
Maakroon maatii miidhamtootaaf jajjabina akka hawwan dhaamsa dabarsan.

Madda suuraa, Rooyitars
Poopi Firaansis dhibee akka asmii fakkaatuun yeroo dheeraaf erga dararamaa turanii ‘’haala hamtuu keessa’’ jiraachuu Vaatikaan beeksisfte.
Maanguddoon gannaa 88 kun dheengadda caala kaleessa itti hammaachuun kan eerame yoo ta’u, dhiigni arjoomame isaaniif kennamuu ibsi kun eere.
Poop Firaansis dhiyeessiin oksijinii baayyeen akka isaan barbaachisuu fi hordoffiin itti dhiyeenyaan akka barbaachisu eerameera.
Maanguddoon kun nimooniyaa somba isaanii lamaan keessatti argameef Hospitaala Jemellii Roomitti argamutti yaalamaa turan.
Dhiiga kennuufiin kan barbaachiseef pilaatileetiin dhiiga Poop Firaansis keessa jiru garmalee xiqqaachuun Animiyaa waliin hidhata waan qabuufi jedha ibsi Vaatikaan.
Dhimmoota addunyaa fi biyya itti jiran jala jalaan isin biraan geenya. Nu hordofaa!

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa garaagartummaa qabxii Liiverpuul waliin qaban shanitti gadi buustuu jedhamee yoo gaafatamu ''hojii keenya hojjechuu qabna'' jedhe.
''Boru tapha ulfaataa ta'a. Yoo isa gochuu dandeenye(injifachuu) tapha isa Dilbataa san eegna(kan Liiverpuuliifi Maanchister Siitii).''
Arteettaan taphootni hafan 13 ta'uu yaadachiisuun ''tapha baayyeetu hafa'' jedheera. Ammoo ''achi gahuu qabna. Piriimiyeer Liigii keessatti muuxannoo gaarii qabna, gareen hunduu morkkataa cima aakkamii akka ta'e beekna'' jedhe.
Meriinoon sarara fuuldurraa taphachuu deemaa jedhamee isa gaafatameef ammoo taphattoota biroos iddoo shaakalchiisaa akka tureefi isaan fayyadamuu akka danda'u dubbate.
Jifattootnisaa miidhamarra jiran bayyanachaa jiraatanis dhiyootti akka hin deebine hime.

Madda suuraa, SM
Naannoo Amaaraa godina Baha Gojjaamitti haleellaa diroonii Kamisa Guraandhala 20/2025 raawwatameen daa'imman dabalatee namootni 16 ajjeefamanii, 10 ammoo madaahuu namootni ijaan argan himan.
Aanaa Goonjaa Siisoo Innesee gandaa Innegesh jedhamu keessatti manneen walitti jiran afur irratti guyyaa keessaa naannoo sa'aa shaniiti haleellaan diroonii kun raawwachuu namootni BBCn dubbise himaniiru.
Haleellaa kanaan manneen daldalaa xixiqqoon sadiifi manni shaayii tokko haleelamuu himaniiru.
''Nu naanna'aa turte(diroonii)'' kan jedhan namni ijaan arganiifi eenyummaa isaanii akka ifa goone gaafatan, bakka balaan kun qaqqabe irraa fageenya 100m irra akka turan himan.
Miidhamtootni balaa kanaa ijoollee daandiirra taphataa turaniifi namoota daldalaaf bahan ta'uu himan.
Warra du'an keessaa ilmisaanii waggaa saddeetii Mulugeetaa Ballaxaa jedhamu akka jiru kan himan haati tokko, ''suuqiiwwan duratti kubbaa miilaa taphachaa ture'' jedhaniiru.
Mulugeetaa dabalatee sirni awwaalchaa namoota balaa kanaan ajjeefamanii guyyaadhuma Kamisaa Bataskaan Gabri'eelitti raawwatmuufi reeffi namoota eenyummaan isaanii adda bahuu hin dandeenye torbaa ammoo walumatti bakka tokkotti awwaalamuu namootni BBC'n dubbise himaniiru.
Haleellaa kana booda magaalaa xiqqoo kun gaddaa fi rifaatuu guddoo keessa ta'uus himaniiru.
Naannoo Amaaraa kan hidhattootni Faannoo mootummaa Federaalaa itti lolan keessa haleellaan diroonii namoota ngaa miidhuun yeroo gabaafamu kun kan jalqabaa miti. Irra deddeebiin mudateera.
Ajajaan Waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa himannaa namootni naga amiidhaman jedhuuf adda baasanii haleellaa raawwachaa akka jiraniifi namni nagaan qiyyaafannoo isaanii akka hin taane ibsaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Piriimiyeer Liigiin Ingiliz taphoota torbee 26ffaa Jimaata har'aa eegala. Taphootni jajjaboon ammoo Sambataafi Dilbata gaggeefamu.
Liiverpuul Dilbata gara Etihaaditti imalee Maanchister Siitii morkata. Liiverpuul taphoota lamaan darban dirree alagaatti taphaterraa qabxii lama qofa argate. Etihaadittis qabxii gatamoo ni injifata?
Saatan sararri Ittisaa Siitii akkamiin jifattoota Liiverpuul dhaabuu danda'a? jechuun gaafata.
Tapha kana Liiverpuul 3-1 injifata jedhee tilmaameera.
Taphni morkii waancaa keessatti murteessaa ta'e kan biraan Liiverpuulirraa qabxii saddeetiin fagaatee lammaffaarra kan jiru Arsenaal isa dirreesaatti Weestihaamiin keessummeessudha.
Weestihaam leenjisaa haaraa Giraam Pooter jalatti badaa hin madaqne.
Jifattoota miidhamaan dhabee rakkoo keessa kan jiru Arsenaal ammoo tasa Mikeel Meriinoo argateera.
Saatan tapha kana Arsenaal 3-0n injifata jedheera.
Yunaayitiid Gudisan Paarkitti imalee Evertan waliin 1-1 bahaa jedhee tilmaame.
Taphni biraan morkii miidhagaa keessummeessa jedhamu Viilaa Paarkitti Astoon Viilaafi Chelsii walitti fida. Tilmaamni Saatan Viilaan 2-1n injifata kan jedhudha.
Taphni biraan hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara dhufuu milkeessuu keessatti shoora qabu Seent Jeemsi Paarkitti Niiwkaasiliifi Foorest walitti fida.
Saatan tapha kana Niiwkaasil 2-0n mo'ata jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaan garee wanbadeewwanii balaafamaa Siriilaankaa tokko nama abbaa alangaa fakkaachuun seeneen mana murtii keessatti rasaasaan rukutamee du'uu poolisiin beeksiseera.
Poolisiin akka jedhutti, namni qawwee hidhate kunis meeshaa waraanaa rivoolverii kan fayyadame yoo ta'u, dubartii shakkamtuu tokkoo kitaaba qola qabu keessatti seeraan ala galfame.
Hogganaan wanbadeewwan Saanjeewa Kumaaraa Saamaararatine yeroo rasaasaan wayita rukutametti himannaan irratti banameeti gara mana murtiitti eeggamee ture.
Poolisiin akka jedhutti, namni amma ajjeeffame kunis kan dhimmoota yekka garaa garaatiin shakkamaa turedha.
Haleellaan magaalaa guddoo Kolomboo keessatti raawwatame kun ajjeechaa walduraa duubaan wanbadoota wal dorgomaniin raawwatan keessaa tokko yoo ta’u, aanga’oonni jeequmsa wanbadoonni biyyattii keessatti raawwatamu to’achuuf dhaadannaa itti fufanii jiru.
Hogganaan wanbadootaa maqaa Gaanemule Sanjeewa jedhamuun beekamu fi amma mana murtii keessatti ajjeefame kunis, erga Fulbaana bara 2023 to'annoo jala oolee kaasee mana hidhaa ture.
Poolisiin akka jedhetti, Roobii darbe poolisoota hedduudhaan dabaalamuun gara mana murtiitti eeggamee ture.
Erga rasaasaan rukutamee booda gara hospitaalaatti geeffame kan ture yoo ta'u, erga achi gahee booda du'uun isaa ibsame.
Namni qawwee hidhatee ajjeechaa kana raawwates yeroof miliqee kan ture yoo ta'u, boodarra poolisiin qabame.
Eenyummaan nama kanaatis angawootaa fi miidiyaalee biyya keessaatiin akka nama garaa garaatti kan ibsame yoo ta'u, poolisiin garuu maqaa hedduu akka fayyadame dubbate.
Poolisiin dubartii qawwee mana murtichaa keessa galchuudhaan shakkamtee kan ganna 25 maqaanshee Pinpuraa Dewaage Ishaaraa Seewandi ta'uu adda baaseera.

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Tiraayitti waldhabdee siyaasaa garee lamaan jidduutti cimaa dhufee hordofee haleellaa raawwatameen yoo xinnaatee namoota 20 irra miidhaan qaqabuun gabaafame.
Haleellaan kunis guyyaa Kibxata waaree booda aanaa Sehaartii jedhamuutti mudachuu namoonni ijaan argan BBC Tigriffaatti himan.
Bulchiinsi Yeroo Naannichaa haleellaa ollaa Atsigebtaa, kutaa magaalaa Addis Alam jedhamu keessatti raawwatame kana balaaleeffachuun ajajoota waraanaa siyaasaan kaka'an jedhe muraasa himateera.
''Taateen gaddisisaan Aanaa Sehaartii keessatti mudate kunis akka fakkeenya caasaa humnaan diiguudhaaf tarkaanfii namoota nagaa irratti fudhatameetti fudhachu dandeenya'' jedhe bulchiinsi yeroo naannichaa ibsa baaseen.
“Dureewwan waraanaa Tigraay muraasni boromtaa Guraandha 11 (yaadannoo guyyaa TPLF itti hundeeffame)tti caasaa bulchiinsa yeroo yoo diigana har'a gaarreerra'' jedha ibsichi dabaluudhaan.
Waldhabdeen pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaa fi damee TPLFdursaa kan jiran Dr Dabrastiyoon Gabramikaa'el jidduutti mudates naannichatti yaaddoo nageenyaafi siyaasaa umaa jira.
Taatee Kibxata mudate kana ilaalchisee jiraattoon BBCtti akka himaniitti, namoonni uffata dambii waraana Tigraayi uffatan 10 jalqaba rakkoon jiraachuun erga itti himameen booda naannicha dhaquufi dubbatan.
Booda irra ammoo erga deemanii booda 30 ta'udhaan dhufanii bulchaa Ganda Addis Alam kan ta'an Obboo Malas Asgadi akka chaappaa isaaniitti kennu dirqiisiisan jedhu.
Obbo Nagaash Berhaanuu jiraataan ollaa Astigebtaa, hidhattoonni kunneenis shororkaafi dararaa ummata irratti raawwatan jedhu.
''Akkuma tasaa dhufuudhaan chaappaa fudhachuuf yaalan. Ummannii fi jaarsooliin walitti qabamuudhaan akka dhaabaniif gaafatan. garuu isaan dhagahuu hin barbaadne ture.''
Ittigaafatamtuun dhimma dubartoota gandichaa Tsaguu Barihee walitti bu'insiichii yaaddeessaa ta'u dubbatte.
''Ani mana keessan ture. Isaanis dhufanii akkan chaappaa itti kennuuf na gaafatan'' jetti Tsaguun.
Namoonni meehsaa hidhan kunneenis akka gochaa kana dhaabbaniif wayita gaafatamaniitti chaappaa fudhachuun ummata walitti qabame irratti dhukaasa banuu jiraattoonni himaniiru.
Haleellaa kanaan is yoo xinnaatee namoonni 20 ta'an miidhaan irra gahuudhaan Hospitaala Riifaraalii Ayidar geeffamuu jiraattoonni BBCtti himaniiru.

Madda suuraa, Poolisii Israa'el
Biyya Israa’el kibba magaalaa Tel Aviivitti konkolaattonni sadii dhodhohaniiru.
Taatee kuni tarii haleellaa shororkeessummaa ta’uu mala jechuun poolisiin Israa’el ibseera.
Dhodhootuun konkolaattota lama biroo keessa turan immoo hin dhoone, shakkamtoota qabuuf poolisoonni baay’ee bobba’ullee ibse.
Ministirri Geejibaa Israa’el Mirii Regeev sakattaaf jecha konkolaattotaafi baabura akka dhaabatan ajajuu miidiyaan Israa’el gabaaseera.
Viidiyoon miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodame yoo xiqqaate konkolaataan tokkoo lafa dhaabbatutti yoo gubatu mul’isa, aarris samiitti ol bahaa ture.
Hanga yoonaa miidhaan dhaqqabe yoo jiraate hin gabaafamne.
Dubbii himaan poolisii Ariyeeh Doroon sakattaan itti fufuufi bombiin biraas yoo jiraate qorannoo itti fufuu ibsan.
Akka miidiyaa biyya keessaatti, meeshaan hin dhoone tokko 5kg ulfaatu argameera.
Irrattis immoo ergaa ‘’haaloo Tulkaarem irraa ergame’’ jedha.
Kuni, oppireeshinii tibbana waraanni Israa’el West Baankitti taasise ilaallata.
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.
Oduufi xiinxala BBC irraa argachuuf Chaanaalii WhatsApp hordofaa.
Gama Facebook keenyas nu argattu.
Lafa nagaa oolaa!

Madda suuraa, Getty Images
Jifataan Liiverpuul Daarwiin Nuneez carraawwan gareensaa ittiin Astoon Viilaa injifachuu danda'u qisaasuu booda ''gaarii hin turree'' jedhe.
''Torban sadii dura gaarii hin turre. Ammas isa caalatti badaa miti. Yoon kufes, deebi'ee nan ka'a'' jechuun X gubbaatti maxxanse.
Dabaluunis abdii kutadhee na hin agartan. Hanga guyyaa dhumaa Liiverpuul jirutti waan hundumaanin of kenna'' jedheera.
Daarwiin Nuuneez jifataa carraa goolii Liiverpuul mijeesse Diyeegoo Jootaa bakka bu'uun boqonnaa booda jijjiiramee gale. Carraawwan goolii lama argatee qisaase.
Leenjisaa Arni Isloot kutaa jijjiirraa keessa hundaa ol taphataan tokko carraa qisaasuun gadduutti jira jechuun midiyaaleetti himaniiru.

Madda suuraa, John Nelson
Daandiin Qilleensaa Deeltaa imaltoota xayyaara Wiixata darbe balaan isa mudateef doolaara 30,000 akka kennu hime.
Xayyaarri Ameerikaa irraa ka'ee magaalaa Kanaadaa qaqqabe kuni mataan otoo hin galgaliin dura lafa qubannaa irratti sigigataa ture. Imaltoonni homaa otoo hin miidhamiin keessaa bauu isaanii dinqamaniit haasa'aa turan.
Balaa kanaaf waan sababa tahe ammallee kan hin baramne yoo tahu, qorannoon itti fufee jiara.
Balalii kanarra imaltoota 76 fi hojjettoota daandii xiyyaarichaa afurtu ture. Xayyaarichi magaalaa Ameerikaa Miniyaapooliis irraa ka'eetu Kanaadaa Torontoo gale.
Dubbi himaan Deeltaa qarshiin kennuuf jedhaniif imaltootarraa akka deebitti waan eegan akka hin qabneefi mirga isaaniitti akk hin buune ibsaniiru.
Hojjettoonni daandii qilleensichaa dafanii imaltoota xayyaara caccabe keessaa baasuu isaaniif jajamaa turan. Kana malees xayyaarichi nageenya imalaa akka eegutti tolfamuunsaasa lubbuun namaa akka hin dabarreef sababa jedhameera.
Namoota 21 hospitaala geeffaman keessaa tokko malee hunduu Roobii ganama bahaniiru jedhe daandiin qilleensaa kuni.

Madda suuraa, Rooyitars
Reeffa namoota butamanii Gaazaa geeffamanii afur gara Israa'elitti deebisuu Waraanni Israa’el beeksise.
Waraanni Israa’el reeffa namoota kanaa adda baasuuf inistitiyuutii ashaaraa Abu Kabiiritti ergamuu jiraachu beeksise.
‘’Bakka buutonni loltoota Israa’el yeroo rakkoo kanatti maatiii namoota du’an kana waliin dhaabbaata’’ jedheera ibsi bahe.
Reeffi namoota afurii Israa’eliitti dabarsuu Hamaas magaalaa Kibba Gaazaa mancaaatetti gaggeeffame.
Wayita reeffi namoota afurii wayita Waldaa Qavxxaamura Diimaatti kennamu loltoonni Hamaas fi gareen hidhattoota biroo waliin hiriiraniiru.
Lammileen qorra fi roobaa cimaa keessa reeffa butamtoota gara Teel Aviiv geeffamu eegaa jiru.
Israa’el guutuun gaddarra jirti.

Madda suuraa, AFP
Hamaas reeffa Israa’eloota afur butee Fannoo Diimaa Gaazaa jirutti dabarseera. Kun erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu hojiirra oolee namoota butaman keessaa warra du’an deebisiin kan jalqabaati.
Konkolaataan Fannoo Diimaa yeroo reeffa Gaazaatii fuudhee gara Israa'el geessaa jiru ni mu'ata.
Hamaas akka jedhetti, namoonni dua'nii reeffii isaanii deebiyaa jiru sadan kunneen: maatii Biibaas yoo ta'an -haadha Shirii, akkasumas ijoolleeshee xixiqqoo Kifiir fi Ariyaal jedhamanidha. Ijoolleen Shiirii lamaan umuriin isaanii tokko ji'a sagala, kana ammoo waggaa afur turan yeroo butamanitti.
Akka gabaasaan keenya Paawol Adaams gabaasetti, Israa'el har'a waaroo gaddaa uffattee mul'atti.
Hamaas maatiin Biibaas sadan haleellaa qilleensaa Israa'el gaggeessaan Sadaasa 2023 ajjeefaman jedhe. Israa'el garuu ammatti kana kan hin mirkaneessiin jirtu yoo ta'u, qorannoo foorensikiitiin eenyummaa isaanii qofa akka adda baastu imteetti.

Madda suuraa, AFP
Akkam jirtu? Oduu kallattiin isiniif dhiyeessnu jalqabneerra.
Israa'el-Gaazaa, Raashiyaa-Yukireeniifi kaan oduu ilaallatan qabna.
Dhiyaadhaa!

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin US, Doonaald Tiraamp miidiyaa hawaasaa dhuunfaa isaaniirratti dhaamsa maxxansaniin pirezidantii Yukireen Zeleniskiitiin ''abbaa irreedha'' jedhan.
''Zelenskiin saffisaan deemuu yoo baate biyyi hafuuf hin jiru'' jedhan.
Dabalataan ''Yukireeniin nan jaaladha garuummoo Zeleniskiin waan badaa hojjete, biyyisaa gaaga'ameera, miliyoononni haala barbaachisaa hin taaneen lubbuu dhabaniiru'' jedhan.
Ammoo US waraanicha xumuruuf ''Raashiyaa waliin marii nagaa milkeessaa jirtii'' jedhan.
Sa'aatiiwwan muraasa dura Zeleniskiin Tiraamp waayee Yukireen odeeffannoo dogoggorsaa argachaa jira jedhanii ture.
Yukireen keessatti filannoo pirezidantummaa gaggeefamuu male ilaalchiseemmoo Yukireeniif kan barbaachisu ''rasaasa malee sagaleen filannoo miti'' jedhanii ture.
Tiraamp biyyoota Awurooppaa amma Zeleniskii cinaa dhaabbataniin naannichatti ''nagaa buusuu hin dandeenye'' jechuunis komataniiru.

Dura Taa'aan dhaaba Koongireesii Federaalaawaa Oromoo Piroofeesar Mararaa Guddinaa marii dhaabni isaanii har'a gaggeessuu eegale ilaalchisee yaada gabaabaa BBCf kennaniin ammatti qaamni mootummaa irratti hirmaatu akka hin jirre himan.
''Mariin kun Koongireesii Federaalaawaa Oromoo fi Adda Bilisummaa Oromoo gidduutti gaggeefama'' jedhan.
Dabaluunis ''hawaasa Oromoo adda addaa: Abbootii Gadaa, Qaalluu, bakka buutota amantaa gargaraa, hayyoota, jaarroleefi kaanis hirmaachiseera'' jedhan.
Mariin kun mootummaafi dhaabbilee siyaasaa lamaan gidduutti gaggeefama yaadni jedhu miseensotuma dhaaba KFC keessaa dhagaahamee kan ture ta'us Piroofeesar Mararaan garuu marii marsaa kanaa keessa mootummaan hirmaannaa hin qabu'' jedhaniiru.
Dhimmoota marii fi odeeffannoo dabalataa kenneef garuu ''amma yeroo sirrii miti'' jedhaaniiru.