Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Sooriyaan dhukaasa dhaabuu labsituus walitti bu'iinsi hammaate

Pirezidantiin Sooriyaa ''dhukaasa dhaabuu atattamaa'' labsaniis kibba Sooriyaatti walitti bu'iinsi gosaa itti fufe. Torban tokko keessa namoonni 900 ol ajjeefamuun gabaafameera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kooriyaan Kaabaa 'haala kamuu keessatti' Moskoo akka gargaartu ibsite

    Bara darbe loltuu kuma 11 oliif meeshaalee waraaanaan Raashiyaa kan gargaarte Kooriyaan Kaabaa ''haala kamuu keessatti'' Moskoo akka gargaartu ibsite.

    Dubbiin kun kan dhagaahame Pirezidantiin US Doonaald Tiramp Yukireeniifi meeshaa waraanaa erguu akka itti fufan wayita beeksisanittidha. Michuun Mooskoo, Piyoongiyaang haala kana keessatti deeggarsa gochuu akka itti fuftu himte.

    Ministirri Haajaa Alaa Raashiyaa Serjee Laaviroov Kooriyaa Kaabaa wayita daawwachaa jiranitti ''haala kamuu keessatti'' Piyoongiyaangirraa deeggarsa akka argattu hogganaan biyyattii Kiim Joong Uun dubbachuu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

    Bara darbe Kooriyaan Kaabaa loltoota 11,000 Raashiyaaf egitee, Yukireen lolaaa bahan.

    Jalqaba ji'a kanaatti ammoo biyyattiin loltoota dabalataa 25,000-30,000 akka ergitu gabaasaaleen bahaniiru.

    Dabalataanis madda rasaasaa Raashiyaa guddoo taatee jirti.

    Hogganaan tika ittisaa Yukireen yaada barruu Biluumbargiif kennaniin sasaasa Raashiyan Yukireenitti dhukaafte keessaa 40% kan Kooriyaa Kaabaa ta'uu himaniiru.

    Yukireen akka jettutti Raashiyaan meeshaale fageenya dheeraafi sirna rookkettiiKooriyaa Kaabaa fayyadamaa jirti.

  2. Taankii, xiyyaara waraanaa fi misaa'ela: Meeshaalee waraanaa gara Yukireen ergaman

    Guraandhala bara 2022 Raashiyaan Yukireen irratti weerara guutuu erga raawwattee as biyyoonni lixaa gargaarsa waraanaa, namoomaa fi kanneen biroo doolaara biiliyoona 250 ol (£205bn) ta'u Yukireeniif ramadaniiru.

    Mee gosa meeshaalee waraanaa kanaan dura Yukireeniif kenname haa ilaallu.

    Yukireen misaa'ela Ameerikaan hojjetame ATACMS kan fageenya gara maayilii 190 (kilomeetira 300) qabu fayyadamaa turte. Ji'a Sadaasaa keessa ammoo Pirezidantiin duraanii Ameerikaa, Joo Baayidan uggura ture kaasuudhaan, ATACMS gara daangaa Raashiyaatti akka dhukaafamu hayyameera.

    UK fi Faransaay Yukireen misaa'ela 'Storm Shadow' ykn 'Scalp' kan fageenya guddaa naannoo maayilii 155 ( kilomeetira 250) qabuu fi kan Yukireen daangaa Raashiyaa keessatti dhukaasuu himame dhiyeessaniiru.

    Dhuma baatii Adooleessa bara darbee irratti prezidant Volodymiir Zeleniskiin humni qilleensaa Yukireen xiyyaarota waraanaa gosa F-16 tokko biyyoota lixaa irraa argachuu isaa dubbataniiru. Kanneen biroo hedduun akka barbaachise dubbateera.

    Biyyoonni Naatoo Beeljiyeem, Deenmaark, Neezarlaandi fi Noorweey dabalatee xiyyaarota Ameerikaan hojjetaman, humna qilleensaa isaanii irraa soorama baasuuf karoorfatanii kan turan keessaa 65 fi isaa ol Yukireen akka kennan waadaa galaniiru.

    Jalqaba bara 2023tti, biyyoonni lixaa taankii gara Yukireen erguuf waliigalaniiru. Humnoonni ishee sarara ittisaa Raashiyaa akka cabsanii haleellaa ittisaa raawwataniif ni dandeessisa jedhamee abdatama ture.

    UKn ammoo 'Challenger 2s' jedhaman 14 dhiyeessiteetti. Biyyoonni Awurooppaa taankii Jarmanii 'Leopard 1' fi 'Leopard 2' jedhaman 200 ol erganiiru jedha lakkoofsi Inistiitiyuutii Keel irraa argame. US ammoo, taankii ishee M1 Abrams 31 ergite, kunis addunyaa irratti sadarkaa olaanaa qaba jedhamee yaadama.

  3. Lakkoofsi namoota Aanaa Noonnootti hidhattootaan ajjeefamanii 16 gahuu jiraattonni himan

    Baay'inni lakkoofsa namoota haleellaa Kamisa darbe Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti hidhattootaan namoota nagaarratti raawwatameen ajjeefamanii 16 gahuu jiraattonni BBCtti himan.

    Jiraattonni aanichaa BBC'n haasofsiise haleellichi Kamisa darbe ALI Adoolessa 3, 2017 galgala naannoo sa'aa 1:30 eegalee Aanaa Noonnoo Magaalaa Daargee iddoo addaa Naannoo Guddinaa jedhamutti raawwatamuusaa himan.

    Jiraataan aanichaa nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan, "haleellaan kun hidhattoota finxaaleyyiitiin kan gaggeeffame. Sa'aatii sanatti osuma mana jirruu dhukaasa dhageenye" jechuun himan.

    Dhukaasni itti fufiinsaan daqiiqaawwan 30 ta'uuf turuu kan himan jirataaan kun, "sa'aatti 2:00tti yemmuu asii ol baanu namuma dhumedha kan argine" jedhan. Dbalataaf asiin seenuun argachuu dandeessu.

  4. Yukireenonni oduu meeshaa waraanaa US ergamuu jettuu simachu malu

    Hariiroon US fi Yukireen gidduu jiru ammaan tana kan haala gaariitti jijjiiramaa jiru fakkaata.

    Kiiv keessatti Pirezidanti Tiraamp gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin dinqisiifachuun isaaniitiin wal qabatee yaaddoo uumamee ture.

    Akkasumas, ibsa yeroo Pirezidaanti Zelensky magaalaa guddoo Ameerikaa daawwatanii gaazexeessitootaaf kallattiin Waajjira Ovaal keessatti kenname irratti uffannaa ummataa gadi buusuun qeeqamee turan irratti ija ol qabatee ture.

    Amma garuu Tiraamp ifatti Moskootti mufachuun, Pirezidanti Puutiin ''haasawa gaarii dubbata garuu sana booda galgala nama hunda irratti boombii darbata'' jechuun balaaleeffatan.

    Innis erga Waashingitan meeshaalee waraanaa muraasa Yukireeniif erguu akka dhaabdu beeksiisanii torban lamaan booda, amma Ameerikaan sirna ittisa misaa'elaa Paatriyaat gara Yukireenitti akka ergitu mirkaneessaniiru.

    Lammiilee Yukireenif oduu simatamaaa ta'us, of eeggannoo kan godhaniifi hariiroon biyyoota gidduu jiru diigamuu akka danda'us muuxannoo hadhaa'aa irraa beeku.

    Gariin Raashiyaan weerara kana xumuruuf fedhii waan hin qabne fakkaataa jirtuuf Yukireen ofitti amanamummaa dabalataa akka qabdaachuu akka qabdu dubbatu.

  5. Arsenaal taphataa abaarsa waancaa waggaa 20 olii irraa cabsu harka galfachuuf

    Arsenaal waancaa erga injifatee waggoonni 20 darbaniiru. Abaarsa kana eenyutu irraa cabsa? Arteettaan erga Arsenaal leenjisuu jalqabee as dachaa sadii taphataa sarara duraa kan mallatteesisan karra eegaadha.

    Rakkoon Arsenaal sarara duraati. Arsenaal kan mallatteesisu ammoo irra caalaan karra eegaadha.

    Arteettaa jalatti Arsenaal karra eegaa jaha mallatteesise. Barana waan garaa kutate fakkaata. Araada karra eegaa mallattesisuus hin dhiifne.

    Keeppaa Cheeelsii irraa mallattesiseera.

    Beenjaamiin Seeskoo RB Leepzhig irraa mallattesisuuf yaalaa kan ture Arsenaal kilebichi gatii guddaa gaafachuu fi Seskoon ammoo miindaa guddaa gaafachuu irraa kan ka'e fuula isaa gara Poorchugaalitti deebise. Odeessaa kanarratti dabalataan dubbiifachuu yoo barbaaddan asiin galuu dandeessu.

  6. Yukireen dirree Zaporizhzhiyaa dirooniitiin haleelu Raashiyaan himte

    Dirooniin Yukireen Dilbata galgala wiirtuu leenjii warshaa niwukilaraa Zaporizhzhiyaa keessatti argamu irratti haleellaa raawwachuu bulchiinsi warshaa Raashiyaan kibba baha Yukireen keessatti to'atamu irratti hundeessite ibseera.

    Miidhaan "cimaan" warshicha irra akka hin geenye ta'uus gabaasa bulchiinsi kun ganama har'aa toora 'Telegram' isaa irratti maxxanse kana BBCn mirkaneessuu hin dandeenye irratti ibsameera.

    Gabaasni kunis Ejensiin Humna Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) guyyaa Sambataa galgala warshaa kana irratti dhukaasa meeshaa xixiqqaa dhibbaan lakkaa'amu dhaga'uu isaa erga ibsee guyyaa tokko booda kan dhufeedha.

    Hhumnoonni Raashiyaa warshaa Zaporizhzhiyaa kana torban jalqabaa weerara guutuu Yukireen irratti Guraandhala 2022 keessa bananiin to'achuunsaanii ni yaadatama.

    Gama lamaaniinuu yeroo hunda dhukaasa ykn tarkaanfii balaa niwukilaraa kakaasuu danda'u raawwachuutin wal himatu.

  7. Faayidaan maaddii tokkorraa waliin nyaachuu maali?

    "Namni maaddii tokkorraa nyaate wal hin ganu," jedhama. Kun aadaa Itoophiyaa keessatti sabaafi sab-lammoota hunda biratti jechuun haala danda'amuun kan baratamedha.

    Yoo namni baay'atee bakki taa'anii nyaatan dhiphaterraa kan hafe mana tokko keessatti caabiin [gabateen] lama hin dhiyaatu.

    Miseensi maatii mana tokko keessa jiru: Ijoollee, abbaafi haadha, akkoofi akaakayyuun, eessumaafi adaadaanis jiraannaan maaddiidhuma tokkotti dhiyaatu.

    Yeroo qophiin addaa kan akka ayyaana waggaa, daboofi afooshaa jiraates ollaan, hawaasni walitti dhiyoo jiru maaddii tokkotti dhiyaatee nyaata.

    Doeessa kana bal'insaaa argachuudhaaf karaa kanaan seenaa.

  8. Pirezidaantiin Kaameeruun umuriin waggaa 92 Pool Biyyaa irra deebiin filannoof dorgomuufi

    Pireezidaantiin Kaameeruun ganna 92 Pawull Biyaa, hogganaa hangafaa addunyaa ta’anis, filannoo preezdaantummaa Onkoloolessa 12 gaggeeffamuuf kaadhimamuu isaanii labsaniiru

    Ibsa miidiyaa hawaasaa irratti baasaniin, murtee marsaa 8ffaaf dorgomuu isaaniif sababni ''waamicha baay'ee fi cimaa naannolee biyyatti fi hawaasa biyya alaa irraa dhufen'' ta'uu himan.

    "Ani filannoo pirezidaantummaa Onkoloolessa 12 gaggeeffamuuf kaadhimamaadha" jechuun beeksisan

    Itti dabaluudhaanis, "Kutannoon ani isin tajaajiluuf qabu qormaata guddaa nu mudateen wal gitu ta'uu isaa isiniif mirkaneessa," jedhan.

    Bulchiinsi Pawul Biyaa gara waggaa 43'tti dhiyaatuf qeeqamaa kan ture yoo ta’u, namoonni hedduun malaammaltummaa, qisaasama, bulchiinsa badaa, fi qormaata nageenyaa furuu dhabuun komii guddaa irratti kaasaa ture.

    Filannoo kana irratti kaadhimamuun isaanii dhiheenya kana michoota ijoo naannolee irraa dhufan waliin waligaltee siyaasaa irra gahuu isaanii hordofee yoo ta'u naannoleen kunneen kutaa tarsimoo biyyatti filannoowwan kanaan duraa irratti sagalee argachuuf gargaaruu keessatti gahee guddaa qabaniidha.

    Filannoo pirezedaantii mo'amanii kan hin beekne manguddoon kun filannoo marsaa kan waggaa torbaa kana yoo injifatan, yeroo bara hojii isaanii xumuranitti wagga 100 guutuuf adeemu.

    Biyaan filannicha akka dorgoman utuu hin beeksisin dura hogganaa haaran tokko biyya giddu galeessa Afrikaaf ni dhufa jedhamee eegamaa ture.

  9. Cheelsiin bakka Tiraampi argamanitti shaampiyoonaa kileboota addunyaa tahe, PSG maaltu tuqe?

    Taphattoonni Cheelsii tapha PSG waliin waancaa 'Club World Cup' taphatan dura 'PSG kilaba cimaa addunyaa kanaati. Haa tahu malee, nuyi Inter Miilaan ykn Riyaal maadirid miti' jedhan.

    Shaampiyoonaa Awurooppaa tahuu qofa osoo hin taane xumura waancaa 'Club World Cup' kanaaf Baayern Muunik, Riyaal maadirid, Atileetiikoo Maadirid injifachuun kan dhaqabe PSG'n harka Cheelsiitti kufe.

    Cheelsiin waancaa kanaaf dhaqaba tilmaama jedhu hin arganne ture. PSG garuu kileboota waancaa 'Club World Cup' injifatu jedhamuun eegaman keessaa tokko ture. Sababni isaas taphoota gurguddaa sadii gaggeesse irratti galchii 15 lakkoofsisuun osoo tokkollee irratti hin lakkaa'amiin xumuraaf gahe.

    Ballina odeessa kanaa karaa kanaan yoo seentan ni argattu.

  10. Yukireen namoota qondaala ishee ajjeesuun shakkaman lama ajjeesuu beeksiste

    Yukireen namoota lama kan Kamisa darbe qondaala olaanaa basaasaa biyyattii irratti dhukaasa banan jette ajjeesuu ishee ibsete.

    Namoonni kunneenis ergamtoonni Raashiyaati jetteetti. Hogganaan tajaajila nageenyaa Yukireen Vaasil Maalik, ergamtoonni laman tajaajila nageenyaa Raashiyaa-FSB hojjechaa kan turan yoo ta'u, ajjeechaa raawwatan sanaan booda hordofamuudhaan tarkanaafiin kun irratti fudhatamuu ibsan.

    Qondaala olaanaa basaasaa Yukireen Koloneel Ivaan Voronich magaalaa Kiiv keessatti bakka konkolaataa dhaabuutti guyyaa adiin dhukaasni itti banamuun erga haleellameen booda, namni eenyummaan isaa hin beekamne achii baqataa wayita turan viidiyoo kaameraa CCTV'n waraabameen ni mul'ata.

    Poolisiin biyyoolessaa Yukireen Dilbata darbe ergamtoonni lamaan du'an 'lammii biyya alaa' ta'uu beeksisee ture, garuu lammii biyya kamii akka ta'e ibsa dabalataa hin kennine.

    Moskoonis hanga ammaatti dhimma kanarratti deebii hin kennine.

    Shakkamtoonni haleellaa kanaan dura sochii Koloneelichaa hordofaa kan turan yoo ta'u, bakka sagaleen dhukaasaa guddaa hin dhaga'amnetti itti dhukaasuuf haala miijeffataa turan jedhameera.

  11. Pirezidaantiin Iraan haleellaa Israa'eliin madaa'aniiru jedhame

    Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan haleellaa Israa'el ji'a darbeen madaa'anii akka ture himame.

    Miidiyaan mootummaa Iraan Farsi jedhamu akka gabaasetti, Waxabajji 16, yeroo pirezidaantiin Iraan Masuud buufata lafa jalaa tokkotti wal gahii ariifachiisaa gaggeessaa jiran karaa galma buufatichaa Israa'el boombiiwwan jaha buustee ture.

    Pirezidaanti Masuud yeroo Israa'el haleellaa kana raawwattu Mana Maree Nageenyaa Olaanaa Iraan waliin wal gahii ariifachiisaa gaggeessaa turan.

    Miidiyaan kun Humna eegumsa warraaqsaa Iraanitti dhiyeenya qaba. Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf karaa kanaan seenuu dandeessu.

  12. Tiraamp Puutiin qeequun US meeshaalee 'hammayyaa'aa' Yukireeniif akka ergitu ibsan

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp har'a Yukireen irratti ibsa "guddaa" kennuuf mallattoo agarsiisan. Kunis mufannaa pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin irratti qaban dabalaa dhufeen kan ka'e fakkaata.

    Dilbata halkan keessaTiraamp, misaa'ela ittisa qilleensaa Paatriyaat dabalatee, meeshaaleen waraanaa ''hammayyaa'' ta'an gara Yukireen ergaman dubbataniiru.

    Akkasumas pirezidantiin Ameerikaa, Moskoo Yukireen keessatti dhukaasa dhaabuuf tarkaanfii fudhachuu dhabuu isheetiin kan aarse fakkaata. Tiraamp gaazexessitootatti wayita dubbataniitti, "Puutiin ... haasa'aa garii taasise, sana booda galgala keessa ammoo nama hunda irratti boombii roobsa" jeechuun dubbatan.

    Yaadni isaa kunis af-gaaffii Kamisa darbe taasise, kan ittiin ''ibsa guddaa'' har'aa akka kennan waadaa itti galan hordofeetiidha. Dhaabbanni oduu Ameerikaa 'Axios' kaleessa galgala akka gabaasetti, pirezidantichi meeshaa waraanaa haleellaa Yukireenitti erguuf yaadaa akka jiru gabaaseera.

    Hanga ammaatti Tiraamp meeshaa ittisaa biyyattii qofa ta'an kan akka sirna Paatriyaat dhiyeessan.

    Tiraamp har'a Waayit Haawusitti hogganaa Naatoo Maark Ruuteetii waliin kan wal argan yoo ta'u, Yukireenitti ergamaan Addaa Ameerikaa, Keet Keeloog torbee kana mariif Kiivitti ni argamu.

    Dhimma kana irratti waan haaraa hordofeen sababii isiniif dhiyeessinuuf fuula kallattii keenya mil'adhaa.