Meettaan erga dogoggora hiika barreefamaan ministirri Indiyaa 'du'uu' labsee booda dhiifama gaafate
Dhaabbanni Meetaa kan duraan Facebook ture, erga barreeffamni miidiyaa hawaasaa ministira olaanaa Indiyaa tokko waltajjiiwwan isaa muraasa irratti dogoggoraan hiikamee booda dhiifama gaafachuusaa ibseera.
Kunis sobaan ministirichi du'uu isaa labsee jechuun dhaabbanni oduu 'Press Trust of India (PTI)'tiif ibseera.
Kibxata darbe Ministirri Olaanaan Kaarnaatakaa, Siddaramaiah barreeffaman afaan Kaanadaatiin toora Feesbuukii fi Inistaagiraamii isaaniirratti du'a taattuu tokkootiif gadda isaanitti dhagahame ibsanii barreessan.
Haata'u malee, barreeffamoonni kunneen auto-transalated gara Afaan Ingiliffaatti yeroo hiikaman, dogoggoraan Obbo Siddaramaiah "du'aan boqotaniiru" jechuun hiikame.
Dubbii himaan dhaabbata Meetaa Kamisa kaleessaa akka jedhaniitti, maashinni (external PTI) waltajjii kanarratti galchan ''rakkoo waan qabuuf amma sirreeffameera.''
Dubbi himaan kun itti dabaluudhaan, ''Kun ta'uu isaatiif dhiifama gaafanna,'' jedhan.
Barreeffamni jalqabaa kan aanga'ichi taatuu duraanii, B Saroja Deviif kabaja kennuu isaa agarsiisu dogoggoraan du'eera jechuun hiikame.