Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Sooriyaan dhukaasa dhaabuu labsituus walitti bu'iinsi hammaate

Pirezidantiin Sooriyaa ''dhukaasa dhaabuu atattamaa'' labsaniis kibba Sooriyaatti walitti bu'iinsi gosaa itti fufe. Torban tokko keessa namoonni 900 ol ajjeefamuun gabaafameera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Meettaan erga dogoggora hiika barreefamaan ministirri Indiyaa 'du'uu' labsee booda dhiifama gaafate

    Dhaabbanni Meetaa kan duraan Facebook ture, erga barreeffamni miidiyaa hawaasaa ministira olaanaa Indiyaa tokko waltajjiiwwan isaa muraasa irratti dogoggoraan hiikamee booda dhiifama gaafachuusaa ibseera.

    Kunis sobaan ministirichi du'uu isaa labsee jechuun dhaabbanni oduu 'Press Trust of India (PTI)'tiif ibseera.

    Kibxata darbe Ministirri Olaanaan Kaarnaatakaa, Siddaramaiah barreeffaman afaan Kaanadaatiin toora Feesbuukii fi Inistaagiraamii isaaniirratti du'a taattuu tokkootiif gadda isaanitti dhagahame ibsanii barreessan.

    Haata'u malee, barreeffamoonni kunneen auto-transalated gara Afaan Ingiliffaatti yeroo hiikaman, dogoggoraan Obbo Siddaramaiah "du'aan boqotaniiru" jechuun hiikame.

    Dubbii himaan dhaabbata Meetaa Kamisa kaleessaa akka jedhaniitti, maashinni (external PTI) waltajjii kanarratti galchan ''rakkoo waan qabuuf amma sirreeffameera.''

    Dubbi himaan kun itti dabaluudhaan, ''Kun ta'uu isaatiif dhiifama gaafanna,'' jedhan.

    Barreeffamni jalqabaa kan aanga'ichi taatuu duraanii, B Saroja Deviif kabaja kennuu isaa agarsiisu dogoggoraan du'eera jechuun hiikame.

  2. Kooriyaa Kibbaatti rooba cimaan lubbuu namoota 4 darbee, 1,300 ammoo buqqaa'aniiru

    Roobni cimaan Kooriyaa Kibbaatti roobe namoonni afur yoo galaafatu, namoonni 1,300 ol ammoo akeekkachiisa aanga'ootaan bakka jireenyaasaanii irraa baqatan.

    Namoota du'an keessaa dhiironni lama kanneen umuriinsaanii waggaa 80 keessa jiru. Isaan keessaa inni tokko lolaa mana isaa darbii jalaan gale keessaa baasuuf osoo yaalaa jiruu akka du'e amanu aanga'oonni.

    Miidhamaan sadaffaan ammoo balaa keenyaan konkolaataa isaa irratti jigeen akka miidhame himame.

    Sa'aatii muraasa dura haadha warraa isaatti bilbiluudhaan konkolaataan isaa bishaaniin ''fudhatamaa jira'' jechuun itti himee akka ture dubbatu qondaaltonni. Miidhamaan afraffaan ammoo balaa onneen isaa hojjachuu dhaabeen du'e.

    "Akkamitti taateen akkanaa ta'uu akka danda'u hubachuu hin dandeenye," jette haatii qabeenyaa kaaffee magaalaa Giwangju, Kiim Ha-min. Roobni cimaan akkanaa yeroo jalqabaaf akka mudate dubbatti.

    Namoonni lama dhibee ho'a qaamaa gadi bu'aa (hypothermia) kan qabanii fi namoota lama gara biraa ammoo miillisaanii irratti miidhaan irra gahe dabalatee, guutuu biyyattii keessatti miidhaan qaamaa hedduun mudateera.

    Aanga'oonni biyyattis ummanni akka qarqara lageenii, karaa soloolaataa fi eddoowwan lafa jalaa irraa fagaataniif akeekkachiisaniiru.

  3. Dubartii Oromoo loltoota Ameerikaa dhumaatiirraa oolchite- Aster Ayyaanaa

    Kaappiteen Aster Ayyaanaa Likkaasaa jedhamti. Koongoo keessatti lubbuu loltoota Ameerikaa dhumaatii irraa oolchuu isheen Humna Galaanarraa US, Humna Lafoo US, Humna Qilleensaa fi Nageenya Biyya Keessaa Ameerikaa irraa badhaasa addaa argateetti.

    Bara 1950'moota keessa ammoo loltoota Itoophiyaa nagaa kabachiisuuf UN jalatti gara Kooriyaatti ergaman keessaa Aster Ayyaanaa tokko turte.

    Tajaajila fayyaa Kooriyaa fi Jaappaanitti kenniteen gahumsa guddaa agarsiifteef mootummaa Kooriyaa irraa badhaasa addaa argateetti.

    Gahumsa ergama nagaa kabachiisaa Kooriyaa fi Koongootti gumaachiteefi gootummaa agarsiifteefis Aster Ayyaanaa UN irraa beekkamtii fi badhaasa addaa argateetti.

    Garuu Gootittiin addunyaa irratti akkas faarfamtee garuu seenaanshee uummata biyyashee biratti hedduu hin beekamne Kaappiteen Sr. Aster Ayyaanaa eenyu? Eessaa kaatee eessa geesse? Guutummaa odeessaa kanaa karaa kanaan argachu dandeessu.

  4. Kooriyaan Kaabaa riizoortiin torbanoota dura bante turistoota biyya alaa hin simatu jette

    Kooriyaan Kaabaa riizoortii haaraa tibbana qarqara galaanaa banamtee torbanootaan booda turistootni biyya alaa akka hin simanne beeksifteetti

    Zooniin Tuurizimii Qarqara Galaanaa Wonsan Kalma jedhamuufi Adooleessa 1, 2025 baname, hawwii hogganaan biyyattii, Kiim Jong Un turizimii guddisuuf qaban keessaa qaama ijoo ta'uun ibsamee ture.

    Riizoortiin kun banamuu isaa dura, hawwata namoota biyya keessaa fi biyya alaa ta'uun beeksifamee ture. Haa ta'u malee, torban kana irraa eegalee beeksisni marsariitii turizimii Kooriyaa Kaabaa irratti ba'e akka jedhutti, namoonni biyya alaa ''yeroodhaaf'' akka daawwatan hin hayyamamu jedheera.

    Torban darbe ammoo, turistoonni Raashiyaa jalqabaa riizoortii Wonsan akka gahan himamee ture. Kunis kan himame naannoodhuma sa'aatii ministirri dhimma alaa Raashiyaa Sargee Laavroov dursaa biyyattii Kiim waliin magaalattii keessatti wal arganitti ture.

  5. Itoophiyaa fi Ertiraa jidduutti waraanni yoo ka'e kan lamaanu barbaddeessu ta'a- Haayilee Manqaariyoos

    Dhaabbata Biyyoota Gamtooman (UN)iitti ittaanaa Barreessaa Olaanaa dhimmoota Siyaasaa kan turan Ambaasadar Haayilee Maanqoriiyoos Itoophiyaa fi Ertiraan gara waraanaatti kan seenan yoo ta'e balaa olaanaa akka qabaatu akeekkachiisan.

    Ambaasaadar Haayileen af-gaaffii BBC Tigriffaa waliin taasisaniin akka jedhaniitti, ''waraannii hin dhufu jettee yaaduu hin dandeessu.''

    Dippolmaatichi itti dabaluudhaan, ''waraanaa akkamii akka ta'u malu garuu tilmaamuun hin danda'amu. Lamaanuu amala dubbii barbaachaa qabu., fedhii ummataa caalaa ofiisaanii dursuu fi aangoo cimsuufi to'achuuf dursa kennu'' jechuun dureewan biyyoota lamaanii qeeqan.

    Dhaabbata UN keessatti walitti bu'iinsawwan addunyaa guutuutti mutan fuuruu keessatti sochiiwwan dippilomaasii dursaa kan turan Ambaasaadar Haayileen, Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ulaa galaanaa argachuudhaaf humnatti kan fayyadaman yoo ta'e, ''sarbama seera addunyaa ta'a'' jedhan.

  6. Raashiyaan biyyoota Awurooppaa hundaaf balaadha - Jarman

    Chaansilarri Jarman Firiidrich Merz Awurooppaan ittisaa fi nageenya mataa isheetiif gumaacha gahaa hin goone, US irratti hirkataa turte jedhan.

    Amma garuu hirkatummaa kana keessa bahuun barbaachisaa t'uun akka itti dhaga'amu himan.

    Chaansilarri Jarman kun akka BBC'tti himanitti, Raashiyaan Yukireen qofaaf osoo hin taane guutuu Awurooppaatiif balaadha jedhan

    ''Balaa guddaan nu mudachaa jira, balaan sun immoo Raashiyaadha. Balaan kun Yukireen bira darbee kan babal'atudha. Nagaa keenya, bilisummaa keenyaa fi tasgabbii siyaasaa Awurooppaa balaadhaaf saaxila," jechuun akeekkachiisan

    ''Kanaaf biyyattiin gumaacha keenya akka daballu nu gaafachaa jirti, nutis deebii gaarii kennaa jirra."jedhan.

    Obbo Merz akka jedhanitti, inniifi Pirezidaanti Tiraamp waraana Yukireen keessatti geggeeffamaa jiru xumuruuf waliin hojjechaa akka jiran himaniiru.

    Biyyoonni Awurooppaa yeroo hunda ofirraa ittisuu danda’uu akka qabanis ijjannoo qabu.

    Haala amma jiruun mootummaan Jarmanii nageenya biyyaa isaa fooyyessuuf maallaqa guddaa baasuu akka eegaleellee himan Chaansilarri Jarman dhiyeenyaa filataman Firiidrich Merz

  7. Obaamaa fi Miishel dhuguma gaa'ila isaanii diiganii?

    Pirezidaantiin duraanii US Baaraak Obaamaa fi haati warraa isaanii Miishel Obaamaa dhiyeenya gaa'ila isaanii diigan oduun jedhu baay'atee ture.

    Obaamaa fi haati warraa isaanii Miishel osoo hin eegamiin sagantaa Poodkastii Kireeg Roobinsan qopheessu irratti waliin argamaniiru.

    Sagantaan kun Roobii dheengaddaa tamsa'e. ''Jireenyakoo keessatti al takkaafillee abbaa warraakoo Obaamaa irraa adda baha jedhee yaadee hin beeku'' jette Misheel.

    Obaamaan ammoo kokkolfaa saganticha irratti yeroo argamu Misheeliin ofitti qabatee hammatee jaalala isheef qabu guddaa tahuu ibse.

    Kireeg yeroo isaan wal hammachuun Misheel baga nagaan dhufte jettuun isin lachuu ammayyuu wal jaallattuu? jechuun bifa Baacoon gaafate.

    ''Eeyyee abbaa manaakootii. Yeroo baay'ee ulfaataa keessa waliin dabarreerra. Yeroo baay'ee gaarii tahes waliin dabarsineerra. Waanan isatti heerumeef dubartii guddoo tahuu danda'e,'' jette.

    Obaamaan mee dhiisi ''na hin boossisin'' jechuun miira jaalalaan guutameen dubbate.

    Hamiin adda bahuu Obaamaa fi Misheel jalqaba bara kanaa irratti yeroo Obaamaan qofaa isaa sagantaa gurguddaa irratti argamu jalqabe.

    Doonaald Tiraampi yeroo aangoo qabate akkasumas sirna awwaalchaa pirezidanti Jiimii Kaarter irratti Obaamaan qofaa isaa argamuun akka hamiin kun dabalu taasiseera.Obaamaa fi Miishel ijoollee dubaraa lama qabu. Maaliyaa fi Sashaa Obaamaa jedhamu.

  8. Ibiraahim Tiraaworee Boordii Filannoo Burkinaafaasoo diige

    Ibiraahim Tiraaworee Boordii Filannoo biyyattii diige. Maallaqa balleessuudha jechuun boordicha diigan.

    Filannoo gara fuulduraatti gaggeessinu ministeerumti dhimma biyya keessaa haa hordofu jedhan. Burkinafaasootti filannoon bara 2022 gaggeeffamuu qaba ture.

    Hanga bara 2029tti filannoo gaggeessuun akka hin barbaachifne kan murteesse Tiraaworeen ofumaaf aangoorra tura. Ibiraahim Tiraaworee amaloota akkamiin beekama? Aanga'aa kana ilaalchiisuun gabaasa kanaan durra hojjanne asiin argachu dandeessu..

  9. Maqaan basaastota Biriteeniifi SAS odeeffannoo Afgaanistaan miliqee bahe keessatti dhahame

    Miseensoota humna addaa fi MI6 dabalatee, eenyummaan qondaaltota Biriteen 100 ol ta'anii odeeffannoo miliqee bahe keessa kan jiru yoo ta'u, kunis lammiilee Afgaanistaan kumaatamaan lakkaa'aman balaa haaloo ba'uuf saaxilee ture jechuun gabaafamuu danda'a.

    Kufaatiin dhiheenya odeeffannoo miliqeen wal qabatee icciitiin eegamaa ture kunis hanga Kamisaatti yeroo abbaa murtii Mana Murtii Olaanaatiin dhorkaa akka kaafamuuf ajajaniitti dhokfamee ture.

    Sunis ammoo dhaabbileen miidiyaa yaadannoowwan dhimmichaa bal'aan kuusaawwan odeeffannoo namoota dhuunfaa dhoksaa ta'e humnoota addaa fi basaastotaa akka qaban akka ibsan isaan dandeessiseera.

    Mootummaanis Kibxata darbe ragaan lammiilee Afgaanistaan kan kuma 19 ta'an kanneen waraana waggoota 20'f Afgaanistaan keessatti gaggeeffame keessatti Ingilizoota waliin hojjetanii fi UK keessa qubachuuf iyyataniif osoo hin beekin akka miliqe amanee ture.

    Taalibaan namoota yeroo waldhabdee keessa mootummaa Ingilizii waliin hojjetan irratti haaloo ba'uu waan barbaadaniif hedduun isaanii balaa hamaa ykn du'aaf illee saaxilamu jedhamee murtaa'eera.

    Kanaaf, ture sababiin odeeffannoon kun "super-injunction" jedhamun eegumsa argatee kan ture, ajajni sun illee akka hin gabaafamnes dhorke ture.

  10. Viinishiyees Juuner miindaa biiliyoona tokkoon Riyaal Maadiridii bahuufii?

    Maanchister Yuunaayitid taphataa Bireentifoordi Biriyaan Embuumoo mallatteessisuuf paawondii miliyoona 70 dhiyeesseera. Garuu Bireentifoordi gatii kana fudhachuufi dhiisuu ammayyuu hin himne.

    Waayila isaa Yowaanee Wiisaa ammoo Niwkaastil Yuunaayitid akka barbaadu ibseera. Taphatichi garuu leenjisaa isaa duraanii Toomaas Firaanki hordofuun gara Tootenhaam deemuu barbaada.

    Arsenaal taphataa haalaan barbaadaa ture Viiktar Giyookeres mallatteesssisuuf guyyoonni qabamuu gabaasonni adda addaa agarsiisu.

    Akkuma taphatichi qorannoo fayyaa ykn medikaalaa gaggeessee xumureen kontiraata isaa waggaa shanii mallatteessuuf qophiidha jedhame. Guutummaa odeessa kanaa asiin argachuu dandeessu.

  11. Israa'eel haleellaa Waldaa Kaatolikii Gaazaa irratti raawwatachuun lubbuu balleessetti gadduu ibsite

    Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun biyyi isaanii ''dhukaasa karaarraa maqeeen'' Waldaa Kaatolikii Gaazaa tokkicha rukutee namoota achi keessa dahatan sadii ajjeesuu isaatti baay'ee akka gaddan dubbataniiru.

    "Lubbuun qulqulluun bade hundi gaddisiisaadha. Gadda maatii fi amantootaa ni qooddanna," jechuun ibsa kennaniin dubbataniiru.

    Taatee kun Kamisa darbe yeroo haleellaan Israa'el Waldaa Maatii Qulqulluu Magaalaa Gaazaa rukute mudate. Namoonni hedduunis miidhamaniiru jedhan Paatriyaarkeetii Laatiin Yerusaalem kan waldaa xiqqaa kana bulchu.

    Phaaphaasiin Liyoon 14ffaan ''lubbuu fi miidhaan waldicha irra gahe baruun isaanii baay'ee akka gadde'' dubbatanii, irra deebiin Gaazaatti dhukaasa dhaabuu akka taasifamuuf waamicha taasisan.

    Netaaniyaahuun ibsa kennaniin, Israa'el ''taatee kana qorachaa jirti, lammiilee nagaa fi iddoowwan qulqulluu eeguuf kutannoo qabdi'' jedhan.

    Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) booda keessaa ammoo ibsa Kamisa darbe kenneen akkas jedhe: "Qorannoon jalqabaa gabaasa namoota dhuunfaa Waldaa Maatii Qulqulluu Magaalaa Gaazaa keessatti madaa'an ilaalchisee gaggeeffame akka agarsiisutti, tibba oppareshiiniin naannoo sanatti gaggeeffamuutti dhukaasni faca'e dogoggoraan bataskaana rukute. Sababni taatee kanaa gamaaggamaa jira."

    "IDFn dhukaasa isaa kallattiin bakkeewwan waraanaa qofa irratti kan kiyyeeffatu yoo ta'u, miidhaa namoota nagaa fi caasaa amantii irra gahu salphisuuf carraaqqii danda'amu hunda kan godhu yoo ta'u, miidhaa osoo itti hin yaadin isaan irra gahu kamiyyuu ni gadda," jedhe ibsichi dabaluun.

  12. Iccitiin buufanni Ameerikaa haleellaa misaa'elaa addunyaa guutuu hordofuu BBC'n argate maali?

    Kutaa iskiriinii kompiwuutaraan guutame kan qarqara magaalaa Deenver, Koloraadotti argamu keessatti, miseensi hojjettootaa dhiiraafi dubartootaa yuunifoormii uffatan sagalee ol kaasanii wacu.

    "Yamanii dhuka'e!" gareen kunis dafanii sagalee tokkoon, "Copy, launch Yemen" jedhee deebii kenna.

    Humna qilleensaa Ameerikaa keessatti loltoota osoo hin taane eegdota jedhamanii beekamu.

    Buufata naannoo magaalaa Deenver, Koloraadotti argamu taa'anii, addunyaa irratti bakka kam irraayyuu misaa'ela furguggifamuu hordofuufi bakka irraa furguggifame kaasee hanga dhaqee bakka haleeluu malutti hordofuu danda'u.

  13. Hokkara kibba Sooriyaatti mudateen namoonni 600tti siqan ajjeefamu gareen hordoffii ibse

    Gareen hordoffii tokko akka jedhetti, jeequumsa dhiheenya kana kibba Sooriyaa keessatti mudachuun booda gara walitti bu'iinsa kutaa gareetti jijjirameen namoonni 594 ajjeefamaniiru.

    Dhaabbanni Hordoffii Mirga Namoomaa Sooriyaa UK keessa buufate (SOHR), ajjeechaa guyyaa Dilbataa irraa eegalee bulchiinsa Suweedaa keessatti gara jabummaan guddaan raawwatame galmeesseera.

    Miseensonni amantii xiqqaa Diruuz gara dhibba sadii ta'an kan ajjeefaman yoo ta'u, isaan keessaa qabsaa'ota 146 fi lammiilee nagaa 154 dabalatee, kanneen 83 ta'an humnoota mootummaatiin "ajjeefamaniiru" jechuun SOHR Kamisa galgala ibseera.

    Akkasumas humnootiin mootummaa 257 fi loltoonni Beedowuun 18 kan ajjeeffaman yoo ta'u, namoonni nagaa Beedowuun sadi ammoo loltoota Diruuz ajjeefamu itti dabaluun ibseera.

    Waraanni kunis walitti bu'iinsa hawaasoota Diruuz fi Bedowuun jidduutti umameen kan hammaateedha.

    Kana malees, haleellaa qilleensaa Israa'el Diruuz ittisuu fi humnoonni mootummaa Suweedaa keessaa akka ba'an gochuuf raawwachuu himteen, miseensoonni loltuu mootummaa 15 gara biraa ajjeefamuunsaanii kan himame dhaabbatichi.

    Baayyina lakkoofsa SOHR eeree kana battalumatti mirkaneessuun hin danda'amne.

    Haata'u malee, maddeen nageenyaa baayyina namoota du'anii 300 akka ta'e kan ibsan yoo ta'u, gareen hordoffii gara biraa, Neetworkiin Mirga Namoomaa Sooriyaa ammoo yoo xiqqaate du'a namoota nagaa 169 galmeessuu ibseera.

    Kamisa kaleessaa erga humnoonni mootummaa magaalaa Suweedaa kan baay'inaan Diruuz keessa jiraattu keessaa erga bahanii booda tasgabbiin hanga tokko umameera.

    Jiraattonni taateewwan miidhaa fi saamichi, akkasumas reeffa daandii irratti argamu gabaasan.

  14. Tamsaasa kallattiin deebiineerra

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan hundatti.

    Tamsaasa kallattii ittiin odeessaalee addunyaa gabaabsiinee isin biraan geenyu kan guyyaa Jimaata har'aa kunoo amma eegalleerra.

    Odeessaalee kaan bal'inaan yoo barbaaddan ammoo marsariitii keenya, ykn Facebook keenya, ykn chaanaalii WhatsApp akkasumas YouTube keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Bakka nagaa oolaa!

  15. Haleellaa Israa'el bataskaana Gaazaarratti raawwatteen sadii du'an

    Haleellaa Israa'el Bataskaana Kaatolikii Gaazaa keessa jiruurratti raawwatteen namoonni sadii ajjeefaman.

    Paappaasiin Ijoo Bataskaana Kaatolikii, Poop Liwoo 16ffaa, haleellaa kana booda irra deebii dhukaasni akka dhaabatu waamicha taasisaniiru.

    Namoonni ajjeefaman kuni Bataskaana Kaatolikii keessa dahatanii turani.

    Haleellaa waraanaa raawwateen ''guddaa gadduu'' ergaa bahe mul'isa.

    Paatiriyaarkiin Iyyeerusaleem Bataskaana kana hoogganan gama isaaniin Bataskaanni kuni ''waraana Israa'eliin haleelamuu'' dubbatan.

    Namoota sadii du'aniin ala namoonni sagal biroo miidhamaniiru. Kanneen keessaa tokko haala yaaddessaarra jira jedhameera.

    Kanneen miidhaman keessaa tokko lubadha.

    Ministirri Dhimma Alaa Israa'el Bataskaanicha yookiin lammiilee nagaarratti miidhaa gaheen gadduu hime.

    Waraanni Israa'el taateen kuni qoratamaa akka jiraachuu ibseera.

  16. Hogganaan Sooriyaa hawaasa Diruuz tiksuuf waadaa seenan

    Pirezidantiin yeroo Sooriyaa hawaasa Diruuziif eegumsa gochuun ''dursa kan kennaniif'' akka ta'e dubbatan.

    Dubbiin isaanii kuni eega Israa'el waraanni Sooriyaa hawaasa kana haleelaa jira jechuun himattee waraana Sooriyaa haleelte booda dhagahame.

    Erga Israa'el gaafa Roobii magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoo haleelte booda Ahimad al-Sharaan haasaa yeroo jalqabaaf taasisaniin lammiileen Sooriyaa waraana hin sodaatan jedhan.

    Miidiyaan mootummaa Sooriyaa akka gabaasetti, waraanni biyyattii bakkee Suweedaa jedhamu keessaa bahaa jira.

    Kunis, hoggantoota hawaasa Diruuz waliin waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasifame boodadha.

    Haa ta'u malee, walii galteen kuni itituun isaa hin beekamu.

    Milishoota Diruuz fi gosa Beediwuun gidduu walitti bu'iinsi Dilbata erga eegalee namoonni 350 ol ajjeefamuun gabaafameera.

  17. Seeneetiin US deeggarsa alaa hanga dolaara bil. 9 kutuuf wixinee dhiyaate raggaase

    Seeneetiin Ameeikaa wixinee doolaara biliyoona sagal maallaqa deeggarsa alaafi miidiyaaleef kennaamaa ture hambisuuf qophaaye raggaase.

    Amma dura Kongireesiin biyyattii wixineen kun akka hin dabarre murteessee ture.

    Wixineen kun Seeneetii biyyattii keessatti sagalee deeggarsaa caalmaa argachuun ragga'e.

    Kamisa har'aa senaataroonni biyyattii galgala keessa sa'aatii tokkoo oliif irratti sagalee kennan.

    Wixineen kun amma gara kongireesii baasii kana mirkaneessee turetti deebi'a.

    Wixineen kun amma dura deeggarsa HIV doolaara miliyoona 400 kan dabalatu ture. Booda inni kun akka itti fufu wixinicharratti foyya'iinsi godhamuu booda ragga'e.

    Wixineen amma ragga'e deeggarsa fayyaa gama USAID kennamu dabalatee deeggarsa hanga doolaara biliyoona saddeetii gahu kutuu dabalata.

  18. Bokkaa cimaaan sa'aatii 24f roobe yoo xiqqaate lubbuu namoota 63 galaafate

    Paakistaan bulchiinsa Punjaab keessatti bokkaa cimaa sa'aatii 24f roobeen yoo xiqqaate namootni 63 yoo du'an, 290 kan ta'an miidhaman.

    Namootni harki hedduun gamoo jige waliin miidhaman. Kaanimmoo lolaatu fudhate. Kan korreentiin qabee du'anis jiru jedhe waajirri to'annoo balaa biyyaalessaa.

    Bokkaan kun Roobii ganama bu'uu eegale. Kamisa har'aa magaalaaleen tokko tokko hojs cufaa gochuun namn mana akka oolu ajajaniiru.

    Ganni cimaan ji'a darbe eegaluu booda guutummaa biyyattiitti sababa lolaafi roobaan walqabateen lakkoofsi namoota du'anii 180 gaheera. Walakkaa ol daa'immani.

  19. Daa'imman qaccee sanyii nama sadiirraa dhalatan dhibee maatiirraa dhaalamu akka hin qabne mirkanaa'e

    UKtti rakkoo fayyaa hamaa daa'imman du'aaf saaxilu hanqisuuf qaccee sanyii namoota sadiirraa daa'iimman dhalatan dhibee maatiirraa dhaalamu tokko malee dhalachuun mirkanaa'e.

    Hakiimotni biyyattii qaccee sanyii namoota sadiirraa daa'iman saddeet dhalatan dhibee maatiirraa dhaalamu kan waldhaansa fayyisu hin qabnerraa bilisa tabu mirkaneessan. Dhibeen kun kan Maayitookondoriyaadha.

    Hakiimonni UK isparmii dhiiraa tokko, anqaaquu dubartii tokko fi anqaaquu dubartii arjoomte kan bida walitti makuun daa'iimman kun akka uumaman gargaaran. Argannoo kanaanis Hakiimotni UK warra jalqabaati.

    Dhibeen amma Maayitookondoriyaa kun haadharraa gara ilmootti darbuun qaamni mucaa dhalattuu anniisaa dhabee akka quucaru godha.

    Daa'imman hanqina qaamaaf saaxilamu dhalatanii guyyoota muraasa keessatti akka du'anis godha.

    Daa'imman qaccee sanyii namoota sadiirraa dhalatan kun harka caalaasaa abbaafi haadhasaanirraa kan argatan yoo ta'u harka 0.1 dubartii biroo anqaaquu arjoomterraa argatu.

    Maatiin mala kanaa ijoollee fayyaa argachuu danada'an gammachuu yaaliiwwan barootaa abdii qabeessa ture booda mucaa fayyaa argachuusaaniitti hedduu gammaduu ibsaniiru.

  20. Iraaq keessatti balaan ibiddaa muudate lubbuu namoota 63 galaafate

    Baha Iraaq magaalaa Kut keessatti galma daldalaa keessatti balaan ibiddaa muudateen yoo xiqqaate namoonni 63 du’uu fi 40 madaa’uu miidiyaaleen mootummaa Iraaq gabaasaan.

    Mootummaan biyyattiis balaa abiddaa lubbuu namoota hedduu galaafatee kanaaf yeroo gadda guyyoota sadii labseera.

    Qondaaltonni fayyaa Iraaq AFP'tti akka himanitti, reeffi namoota eenyummaan isaanii hin beekamne hedduun buufataalee fayyaa keesatti argamu.

    Hanga yoonaa namootni 63 ta'an du'uu fi 40 miidhamuun kan ibsame yoo ta'u, gareewwan lubbuu baraarsaa ammallee namoota badan barbaaduu itti fufaniiru.

    Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irra naanna'aa ture akka agarsiisutti, gubbaa gamoo giddu gala gabaa kanaa irraa aarri ba 'aa ture

    Bulchaan bulchiinsa Waasit, bakka ibiddi kun itti mudate, Mohaammad al-Miyahi akka jedhanitti, namoota du’an keessaa harki caalaan dubartootaa fi daa’imman xixiqqoo ta’uu ibsan

    Gabaasni akka jedhutti amma ibiddi kun to’annaa jala kan oole yoo ta’u, bulchaan naannichaas abbaan suuqichaa irratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamuu ta'uu ibseera.