Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Sooriyaan dhukaasa dhaabuu labsituus walitti bu'iinsi hammaate

Pirezidantiin Sooriyaa ''dhukaasa dhaabuu atattamaa'' labsaniis kibba Sooriyaatti walitti bu'iinsi gosaa itti fufe. Torban tokko keessa namoonni 900 ol ajjeefamuun gabaafameera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Wixinee gibira mindaafi dhimma hojjettoota haftee nyaata hoteelaa funaannatu jedhamee

    Manni Marii Bakka Bu'oota Uummataa Wixata darbe wixinee fooyya'iinsa gibira mindaa ilaalu dhihaachuun Koree dhaabbii Pilaanii Bajataa fi dhimmoota faayinaansiitiif dabarfameera.

    Wixineen labsii gibira mindaa hojjettootaa irraa muramu ilaallatu kun ka'umsa mindaa gibirri irraa muramu kan birrii 600 ture gara birrii 2,000tti kan ol guddiseedha.

    Kana malees, gulantaan jalqabaa gibira mindaa gadi'aanaa irraa muramu ammaan dura harka 10 irraa jalqabu gara harka 15tti ol guddateera.

    Wixinee labsii gibira mindaa hojjettootaa ilaalu kanarrattii wixata darbe koree dhaabbiitiif yaada kan kenne Konfedereeshiniin Hojjettootaa Itoophiyaa wixineen kun rakkoo hojjettootaa kan furu miti jechuun qeeqe. Odeessa dubbiifachuuf asiin seenuu dandeessu.

  2. 'Amma irra wayya!' Tiraamp qabiyyee Kookaa Koollaan Ameerikaatti dhiyaatu jijjiiruuf jedhan

    Pirezidant Doonaald Tiraamp Kookaa Koolaa omisha isaa US keessatti gurguramu keessatti shankoora dhugaatii fayyadamuuf waliigaleera jedhan.

    Kookaa Koollaan kanaan dura omishaalee isaa Ameerikaa keessaatiif cuunfaa boqqolloo fayyadamaa kan ture yoo ta'u, garuu Ministirri Fayyaa bulchiinsa Tiraamp Roobart F Keeneedii Juuniyer, dhiibbaa qabiyyeen kun fayyaa irratti qabu ilaalchisee yaaddoo qaban ibsan.

    Tiraamp miidiyaa hawaasaa irratti akka barreessanitti, ''Kookaa keessatti Ameerikaatti Sukkaara DHUGAA akka fayyadamu ilaalchisee waliin haasa'aa tureera, isaanis akkas gochuuf waliigalaniirus. "Namoota Kookaa Koollaa keessatti aangoo qaban hunda galateeffachuun barbaada," jedhan itti dabaluun.

    Dubbi-himaan Kookaa Koollaa jijjiirama qabiyyee omisha isaanii keessatti taasifame osoo ifatti hin mirkaneessiin, ''quuqama Pirezidaanti Tiraamp ni dinqisiifanna.''

    Akkasumas, ''dhiyeessii kalaqa haaraa omishaalee Kookaa Koollaa keenya keessatti dhiyaatan irratti bal'inaan yeroo dhiyootti ni qoodama'' jedhan.

    Tiraamp barreeffamasaanii Roobii darbe 'Truth Social' irratti barreessaniin: "Kun tarkaanfii baayyee gaarii isaan taasisanidha, ni argitu. Kanatu irra wayya!"

    Omishinni Kookaa US keessatti gurguramu kan cuunfaa boqqollootiin kan mi'eeffamu yoo ta'u, Kookaan biyyoota biroo kan akka Meksikoo, UK fi Awustiraaliyaa keessatti gurguramu ammoo shankoora fayyadamuu barbaada.

    Ji'a Eblaa keessa hojii gaggeessaan olaanaa Kookaa Koollaa Jeems Kuwiinsii invastarootaaf ''dhugaatiiwwan keenya keessatti qabiyyee sukkaaraa hir'isuu irratti fooyyee guddaa agarsiisuu itti fufna'' jechuun dubbatan.

    Dhaabbanni teessoo isaa Atlaantaa godhate kun, ''kana kan raawwate qophii omisha isaa jijjiiruun, akkasumas qabeenya gabaa addunyaa fi neetworkii raabsaa keenya fayyadamuun hubannoo fi fedhii maamiltoota keenya yeroo hunda babal'achaa jiru guddisuudhaan'' jedhan.

    Haata'u malee, murtoon bakka boqoolloo shankoratti fayyadamuu kamiyyuu qonnaan bultoota Ameerikaa boqqolloo oomishaniif rakkoo ta'u danda'a.

  3. Riifoormii diinagdee Itoophiyaa balaan qunnameera jechuun IMF akeekkachiise

    Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) riifoormiin dinagdee Itoophiyaan hojiirra oolchite rakkoon isa qunnamaa jira jechuun akeekkachiise.

    Itoophiyaan wantoota ijoo sagantaa riifoormii kanaan irraa eegamu galmaan geessuus deeggarsi arjoomtotaa dhibuun yaaddoo ta'u dhaabbatichi ibseera.

    Aangawoonni Itoophiyaa waggoota shantama keessa ta'e kan hin beekne riiformii diinagdee haaraa waggaa dura hojiirra oolchaniiru.

    Akkaatuma kanaan galiin sharafa alaa dabaluu aangawoonni himaniiru. Haata'u malee, oomishi gahaa yoo hin jiraanne dinagdee miidha jedhu ogeeyyiin. Oddeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf karaa kanaan seenuu dandeessu.

  4. Fakkiin Gaandii baay'ee argamee hin beekne doolaara kuma 200 olitti gurgurame

    Fakkii dursaa walabummaa Indiyaa, Mahaatmaa Gaandii baayyee hin argamne caalbaasiidhaan Landanitti Paawundii 152,800 (Doolaara 204,648)tti gurgurame.

    Ammi maallaqa £50,000-£70,000 kun kan dhaabbanni caalbaasii 'Bonhams' hojiin fakkii kun akka itti gurguramuu danda'u tilmaame caalaa baayyee ol'aanaadha.

    Fakkiin kunis kan bara 1931'tti yeroo Gaandiin Landan daawwatetti aartiistii Biriteen Kilaar Leeytaniin kan isaan kaasedha.

    Boonhams akka jedheetti, fakkiin kun fakkii harkaan kaafame (oil portrait) Gaandiin harkaan haala kanaan hojjatame kana qofaa akka ta'e yaadama jedhan.

    Gaandiin sochii diddaa hokkora maleessa ta'e bulchiinsa Ingilizii Indiyaa irratti geggeefame kan hooggane yoo ta'u, barsiisni isaas namoota miliyoonaan lakkaa'aman kakaasee jira. Lammiileen Indiyaa harki caalaan isaanii "abbaa sabaa" jechuun isa kabaju.

    Suuraan kun kan hojjetame yeroo Gaandiin bara 1931 konfiraansii Gabatee Geengoo lammaffaa, kan haaromsa heera mootummaa Hindii irratti mari'achuu fi gaaffii ofiin of bulchuu ishee furuuf gaggeeffameef gara Landanitti dhaqe.

    Fakkiin kun yeroo Gaandiin bara 1931 keessaa konfaransii marsaa lammataatiif Landan dhaqaniitti kan hojjatameedha. Konfarnsichis kan haaroomsa heeraa mootummaa Indiyaa irratti mari'achuu fi gaaffii ofiin of bulchuushee furuuf kan gaggeeffame ture.

  5. Damaasqoo keessatti haleellaan gaggeeffamaa oole kan fakkaatu

    Israa'ek magaalaa Sooriyaa, Damaasqoo keessatti waajira ministeera ittisaafi humnoota mootummaa kibba Sooriyaa jiranirratti haleellaa gaggeessaa oolteeti. Kun ammoo walitti bu'iinsa garee amantaa Diruuz keessatti mudate hordofeeti.

    Haleellaa Israa'el gaggeessite viidioon isaa kunooti.

    Daawwadhaa?

  6. Israa'el Damaasqoo haleeluu hordofee hokkara Sooriyaa keessaa dhaabuuf 'hanga ta'e' waliigalameera- US

    Humni waraanaa Israa'el Roobii kaleessaa Waajjira Mummee ministeera ittisaa Sooriyaa Damaasqoo keessa jiruu fi humnoota mootmmaa kibba Sooriyaa haleele.

    Kun ammoo wayita gareen amantaan wal qoodan kutaa Diruuz keessatti guyyaa afraffaatiif wal lolaa jiranittidha.

    Ministirri muummee Israa'el Beniyaamiin Netaaniyaahuu, humnoonni Israa'el "obboloota keenya Diruuz jiran baraaruufi garee humna shiftaa bulchiinsichaa [Sooriyaa] dhabamsiisuufidha," jedhe.

    Ministirri dhimma alaa Sooriyaa ammoo haleellaa Israael kana "weerara gantummaadha" jedheera.

    Dilbata darberraa kaasee Suweeyidaa keessatti milishoota Diruuz gosoota Bedowiin jedhaman gidduutti walitti bu'iinsa dhalateen namoonni 300 ol ajjeefamuun gabafameera.

    Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo walitti bu'iinsa kibba keessatti dhalate kana "baayyee yaadda'uu" ibsuunsa'aatiiwwan keessatti ni dhaabbata jedhanii akka amananan himan.

    "Galgala kana haala rakkisaafi sodaachisaa kana dhaabsisuudhaaf tarkaanfii hanga ta'e tokkorratti waliif galleerra," jechuun X irratti barreessan.

  7. Tamsaasa kallattii har'aa eegalleerra

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan hundatti.

    Tamsaasa kallattii ittiin odeessaalee addunyaa gabaabsiinee isin biraan geenyu kan Kamisa har'aa kunoo amma eegalleerra.

    Odeessaalee kaan bal'inaan yoo barbaaddan ammoo marsariitii keenya, ykn Facebook keenya, ykn chaanaalii WhatsApp akkasumas YouTube keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa!

  8. Viidiyoo: Battala waraanni Israa'el Damaasqoo haleelu

    Viidiyoon kuni battala Israa'el waajjira muummee waraana Sooriyaa qilleensarraa haleeltu mul'isa.

    Dhiheenya isaammoo gaazexeessaan Al Jazeeraa tamsaasa kallattiirra ture.

    Yeroosuma aarri biyya walgahe. Mee daawwadhaa!

  9. Turki, Libaanosiifi Iraaq Israa'elitti dheekkaman

    Guyyaa har'aa haleellaa Israa'el Sooriyaarratti raawwatte hordofee biyyootni naannichaa dheekkamaniiru.

    Turki Ibsa baasteen haleellaan Israa'el magaalaa Damaasqoos keessatti raawwatte gochaa ''yaalii Sooriyaan nagaa fi tasgabbii argachuuf gootu kan bacancarsudha'' jette.

    Ministirri Haajaa Alaa biyyattii ibsa isaanii keessatti ''uummatni Sooriyaa ammaan tana hiree seena qabeessa nagaan jiraachuufi hawaasa addunyaattu makamuu argateera'' jedhan.

    Qaamni kamuu hireen kun milkaahuu qaba jedhu bulchiinsi Sooriyaa amma jiru akka tasgabbaa'u gumaachuu qaba jedhan.

    Ministirri Muummee Libaanos Nawaaf Salaam ammoo gocha Israa'el balaaleffatanii, hawaasni addunyaa haleellaan kun akka dhaabatu akka godhu gaafatan.

    Haleellichaan ''kan walabummaa Sooriyaa sarbu, utubaalee seera idala addunyaas kan cabseedha'' jedhan.

    Iraaq gama isheen lubbuun lammiilee Sooriyaa rakkoo hamaa keessa galuu mormite.

    Minsitirri Haajaa Alaa biyyattii namummaan rakkoo hamaaf saaxilamaa itti fufuun fudhatama akka hin qabne ibsan.

    Dabaluunis Iraaq ejjennoo jabaa haleellaa birmadummaa biyya kamuu sarbu mormu akka qabdu ibse.

    Israa'el Suweedaa waraanuu akka sababaatti fayyadamuun galma lafa babal'ifannaa milkeessuuf hojjechuu dhaabuu qabdi jechuun akeekkachiifte.

  10. Damaasqoo haleeluun 'injifannoo miti' - Ministeera Sooriyaa

    Mootummaan Sooriyaa haleellaa Israa'el magaalaa guddoo Sooriyaa, Damaasqoo raawwatteerratti yaada kennaniiru.

    Ministeerri Odeeffannoo biyyattii Hamzaa al - Musxafaa haleellaan Israa'el raawwatte injifannoo miti jedhan.

    Haa ta'u malee, ''dhiibbaa keessoo keessaa miliquuf'' mootummaan yaadedha jechuun qeeqaniiru.

    Miidiyaa mootummaa Sooriyaatti ''Ummatni bulchiinsa Suweedaa qaama ijoo biyya Sooriyaati,'' jechuun dubbataniiru.

  11. Israa'el Sooriyaa haleeluu ittin fufa yoo jettu, US muddamni dhiyootti caama jette

    Humni Ittisaa Israa'el ibsa haaraa baaseen Sooriyaa haleeluu akka itti fufu beeksise.

    Ibsa isaa dhiyoo kanaan ''Kibba Sooriyaa keessatti qiyyaafannoowwan waraanaa haleeluu itti fufna'' jedheera.

    Ibsichi dabaluun haleellaa dhiyeenya waraanni Israa'el raawwate konkolaataawwan waraanaa gurguddoo gara Suweediyaa imalaa turan rukutuu beeksise.

    Buufataaleen dhukaasni irraa gaggeeffamuufi mankuusaaleen waraanaa bulchiinsa Sooriyaa qiyyaaffannaa waraana Israa'el ta'uus beeksise.

    Kun kanaan osoo jiruu Ameerikaan sa'aatiiwwan gabaabaa keessatti muddamni Sooriyaa akka caamu abdiin jiraachuu beeksifte.

    Ministirri Haajaa Alaa US Maarkoo Ruubiyoo ''sa'aatiiwwan dhufan muraasa keessatti'' muddamni ni caama jedhaniiru.

    Israa'eliifi Sooriyaan muddamicha tasgabbeessuutti adeemaa jiru jedhan.

    Biyyoota lamaan gidduu walhubachuu dhabuun jira jedhaniiru.

    Sa'aatiiwwwan itti aanan keessatti fooyya'insi ni jiraata jechuunis abdiin jiraachuu gaazexessitootatti himan.

  12. Humni ittisaa Israa'el dhiyeenya masaraa mootummaa Sooriyaatti haleellaa raawwachuu ibse

    Waraanni Israa'el magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoositti qiyyaafannoo filaterratti haleellaa raawwachuu beeksise.

    Ibsa miidiyaa hawaasaa gubbaa baaseen xiyyeeffannoon haleellaa kanaa masaraa biyyattiitti dhiyoo ta'uu hime.

    Dabalataanis achuma magaalaa Damaasqoos keessatti waajira olaanaa humna ittisaa biyyattii rukutuu ibse.

    Haleellaa biraa gara kibba biyyattiitti raawwatteen ammoo ajajoonni waraanaa sadii ajjeefamuun gabaafameera.

  13. Giddugaleessa Gondaritti haleellaa hidhattootaan namootni sagal ajjeefaman, kaan butaman

    Naannoo Amaaraa godina Giddugaleessa Gondaritti haleellaa hidhattootni raawwataniin namootni sagal ajjeefaman.

    Daa'imman dabalatee namootni biroon jaha ammoo butaman.

    Maatiin miidhamtootaafi aanga'oonni yaada BBCf kennaniin haleellaan kun iddoo dahoo ummata Qimaant ta'e Godo Mollaaliit jedhamutti raawwatame.

    Haleellaa kanaan kan himatame hidhattoota Faannooti.

    Hidhattootni Faannoo kun Wiixata darbe Aanaa Cilgaa bakka Godo Mollaaliit jedhamutti ganama barii naannoo sa'aa 12 irraa eegalee haleellicha raawwachuu jiraattotni shan himaniiru.

    Jiraataan naannichaa haleellaa kanaan ijoolleen dubaraa lama jalaa miidhaman Luba Melaakee Amlaakuu jedhaman ganama wayita dallaa horii saaqan sagalee dhukaasaa dhagahuu himan.

    Hidhattootni meeshaalee akka Bireeniifi Dishqaan deeggaramanii haleellicha raawwachuu jiraattotni himaniiru.

    Bulchaan gandichaa Obbo Attinkuut Tsaggaa haleellaa kanaan yoo xiqqaate namootni sagal ajjeefamuu mirkaneessaniiru.

    Jirattuun naannichaa biroon ammoo Kibxata darbe reeffii namoota biroo afurii argameera jedhan.

    Akka Obbo Attinkuut jedhanitti namoota ajjeefaman keessaa shan jiraattota gandichaa meeshaa hidhatanii hidhattoota ofirraa ittisuuf yaalaniidha.

    Dubartiin jiraattuu gandichaa taate Yezebaaleem Derejjee obboleessa ishee, mucaa obboleessasheefi waasila ishee dabalatee namootni ajjeefaman 16 ta'uu himte.

    Bulchaan gadichaa haleellaa kana booda hidhattootni manneen jireenyaa 105 guanii deemuu himaniiru. Jiraattotni BBCn dubbise kaan hidhattootni mana gubuu cinaatti horii ooffatanii, qabeenyas saamanii deeman jedhaniiru.

    Jiraattotni gariin haleellaa kana kan raawwate humma 'admaa battaanyii' jedhamu kan caasaa mootummaa keessa jirudha jedhu. Kaan ammoo hidhattoota Faannooti jedhu.

    Bulchaan gandicha aammoo humni mootummaa gara ganda isaanii kan dhufe haleellaan irratti raawwatmuu gabaasuu isanaii booda ta'uu ibsuun, haleellicha Faannoon akka raawwate dubbatan.

  14. Ertaaleerraa fageenya km 15n volkaanoowwan afur dhohuun gabaasame

    Naannoo Afaaritti volkaanoo ho'aa bakka Ertaallee jedhamutti uumamee jirutti dabalataan fageenya km 15 keessatti bakka garaagaraa afuritti volkaanoon dhohuu waajirri Turizimii Naannoo Affaar beeksise.

    Miidiyaan biyyaalessaa EBC waajjiricha waabeffachuun akka gabaasetti, dhoyinsi volkaanoo haaraan arfan guyyaa kaleessaa (Kibxata) eegalan.

    Daayireektara beeksisa hawwata tuurisimii naannichaafi misooma gabaa kan ta'an Obbo Abduu Ahimad yaada EBCf kennaniin, voolkaanoowwan haaraan kun kan dhowan Ertaalleen bal'atee jigaa deemu isaatiini jedhaniiru.

    Battala volkaanoowwan kun dhohanitti tuuristootni Israa'eliifi Jappaan bakkichatti dhiyaatanii akka turan himaniiru.

    Miidhamni tuuristootaafi hawaasa naannichaarraan gahe akka hin jirre himaniiru. Ammoo tuuristootatti raajii ta'eera jedhan.

    Iddoowwan afranitti volkaanoon dhoye yeroo fagoorra ilaalamu aara qofa fakkaatus, keessisaa ibidda akka ta'e dubbataniiru.

  15. Poolisiin dubartii monoksoota kumaan lakkaa'aman waliin saal-qunnamtii raawwattee booda viidiyoo gocha kanaan saamtu to'ate

    Poolisiin dubartiin Taayilaand monoksoota kumaan lakkaa'aman waliin saal-qunnamtii raawwattee booda suuraafi viidiyoo gocha kanaa fayyadamuun maqaa balleessuun maallaqa saamuuf gargaaramte to’achuu hime.

    Dubartiin poolisiin "Ms Golf" jechuun waamaa jiru tun, yoo xiqqaate monoksota sagal waliin saalqunnamtii raawwachuu poolisiin Kibxata darbe ibsa gaazexeessitootaaf kenneen beeksiseera.

    Waggoota sadan darban keessaas dubartiin tun naannoo maallaqa biyyattii Baatii miiliyoona 385 (Doolaara miiliyoona 11.9; Paawundii miiliyoona 8.8) ittiin argattee jirti jedhanii amanu.

    Qorattoonni manashee sakatta'an suuraa fi viidiyoo monoksoota kan isheen maqaasaanii balleessuuf itti fayyadamte kuma 80 ol argachuu isaanii dubbi-himaan poolisii kun himaniiru.

    Salphinni kun dhaabbata Budiistotaa Taayilaand baayyee kabajamaa ta'e garuu kan waggoota dhiyoo asitti himannaa monoksoonni yakka saalqunnamtiifi daldala qoricha sammuu hadoochu keessatti hirmaataniiru jedhuu isa dhumaati.

  16. Lammiileen Afgaanistaan kumaatamni erga daataa miliqee baheen booda dhoksaan gara UKtti geeffaman

    Lammiileen Afgaanistaan kumaatamaan lakkaa'aman mala dhoksaa ta'eetiin erga qondaalli Biriteen tokko osoo hin beekiin daataa isaanii miliqsee booda gara UKtti ce'uun isaanii iftoome.

    Guraandhala bara 2022 keessa odeeffannoon dhuunfaa namoota gara 19,000 ta'anii kanneen erga Taalibaan Afgaanistaan qabatee booda gara UKtti darbuuf iyyatanii miliqee bahee ture.

    Mootummaan duraaniis daataan miliqee bahuusaa kan bare Hagayya bara 2023 erga odeeffannoo gadi fageenya qabu muraasni Feesbuukii irratti mul'ateen booda ture.

    Sagantaan qubsumaa haaraa namoota tarree miliqee bahe sanarra jiraniif ji'a sagal booda kan hundeeffame yoo ta'u, hanga ammaatti lammiileen Afgaanistaan 4,500 UK ga'aniiru.

    Haata'u malee, odeeffannichi miliqee bahuunsaa fi jarreen kunneen gara UKtti dabarfamunsaanii dhoksaan kan eegame yoo ta'u, mootummaan akka ummataaf hin baane dhorkee ture.

    Bal'inni odeeffannoon cimaan miliqee bahu daataa, deebii kennamee fi baay'ina lammiilee Afgaanistaan sababa kanaatiin mirga UK keessa jiraachuu kennameef Kibxata darbe ture kan ifa ta'e, erga abbaan murtii Mana Murtii Olaanaa ajajni dhorkaa kaafamuu qaba jedhee murteessee booda ture.

  17. Barattoonni fayyaa Kooriyaa Kibbaa lagannaa barnootaa ji'oota 17 xumuran

    Barattoonni fayyaa Kooriyaa Kibbaa kumaatamaan lakkaa'aman lagannaa barnootaa ji'oota 17f gaggeessaa turan xumuruun gara daree barnootaatti deebi'uuf akka jiran Waldaan Meedikaalaa Kooriyaa beeksise.

    Barattoonni fi hakiimonni leenji'an karoora mootummaan galmee barattoota mana barumsaa fayyaa guddisuuf qabu mormuudhaan adeemsiichi qulqullina barnoota argataa jiran gadi buusa jechuun falmaniiru.

    Waldichaan yeroon itti barnootatti deebi'an kan hin kennine yoo ta'u, gareen kun garuu mootummaan kalaandarii barnootaa akka deebi'eefi haala leenjiichaa akka fooyyessuuf dhaamaniiru.

    Ministirri Mummichaa Kiim Min-Suuk xumura uggura kanaa simachuudhaan ''tarkaanfii guddaa gara fuulduratti fudhatameedha'' jechuun ibsaniiru.

    "Lammiileen rakkoo akka furaniif akka gargaaraniif, Kongireesii fi mootummaa gadi fageenyaan damee wallaansaa ilaaluun yeroon isaa amma," jechuun ibsa Feesbuukii irratti kennaniin barreessaniiru.

    Waldaan Meedikaalaa Kooriyaa ibsa waloo koree barnoota paarlaamaa fi gareewwan dhiibbaa taasisan waliin ta'uun baaseen, "mootummaa fi paarlaamaa irratti amantaa keenya ni kkeenya, barnoota wallaansaa fi sirna eegumsa fayyaa idileessuuf gargaaruuf gara mana barumsaatti ni deebiinas" jedheera.

    Mootummaan fedhii jiruu guutuudhaaf hojjettoonni dabalataa akka barbaachisan ibsuun, waggaatti barattoota fayyaa gara yunivarsiitiiwwan seenan kan gara 3,000 irraa ture tilmaamaan gara 5,000tti guddisuu barbaade.

    Karoora isaa kana irraayis Bitooteessa 2025 boodeetti deebi'e.

    Barattoonni gara barnootaatti deebi'uuf yeroo karoorfatan kanatti, hakiimonni reefuu hojii eegalan (junior doctors) ammalleen hojii mormuudhaan lagannaa hojii eegalan itti fufaniiru.

  18. Chaayinaan misaa'elaafi xiyyaara waraanaa Iraanitti gurguraa jirtii?

    Imbaasiin Chaayinaa Israa'el keessa jiru gabaasa miidiyaaleen Iraan dhiheenya sirna misaa'ela ittisa qilleensaa fageenya dheeraa HQ-9B Chaayinaarraa argatte jechuun gabaasan haaleera.

    Dhaabbanni oduu afaan Ingiliffaa Landan keessa jiru 'Middle East Eye' jedhamu gaafa Adoolessa 7, qondaala Arabaa maqaan isaa hin ibsamne gaafate tokko wabeeffachuun, akka gabaasetti misaa'elli Chaayinaan hojjetame erga dhukaasa dhaabuun Iraan fi Israa'el giddutti Waxabajji 24 labsamee yeroo muraasa booda Iraaniif dhiyaataa akka turetu gabaafame.

    Maddeen Arabaa akka jedhanitti, biyyoonni Arabaa fi Waayit Haawus tattaaffii Tehran sirna ittisa qilleensaa ishee cimsuuf taasiftu quba qabu.

    Gabaasa kanaaf deebii kennuudhaan Imbaasiin Chaayinaa Tel Aviiv jiru qabiyyeen gabaasa kanaa ''sirrii miti'' jechuun miidiyaaletti himeera.

    Sirni ittisa qilleensaa Iraan yeroo waraana Israa'el waliin taasifteen miidhaan cimaan irra akka gahellee eerama.

  19. Bakka raabsaa gargaarsa Gaazaatti namoonni 20 ajjeefaman- GHF

    Bakka raabsaa gargaarsaa Gaazaatti namoonni walitti baayyachuun wali dhiibanii 20 ajjeefamuu gareen gargaarsaa GHF hime.

    Dhaabbanni Gargaarsa Namoomaa Gaazaa kan Ameerikaa fi Israa'eliin deeggaramu (GHF) wiirtuuwwan raabsaa gargaarsaasaa kan kibba Gaazaa keessaa tokkotti ''taatee gaddisiisaa'' jechuun ibse mudachuun namoonni 20 du'usaanii ibseera.

    Bakka naannoo Kaan Yuunis jedhamutti 19 dhiitamanii kan du'an yoo ta'u, tokko ammoo ''jeequmsaa fi haala balaa guddaa qabu gidduutti'' waraanamee akka ture ibsi ba'e ni mul'isa.

    Itti dabaluudhaanis, taateen akkasii kunis ''namoota ummata walitti qabame keessaa sochoosan'' kanneen Hamaas waliin hidhata qabaniin kan gaggeefamu ta'uu akka amane ibseera.

    BBcn gabaasa kana ammatti mirkaneessuu hin dandeenye.

    Haata'u malee, qondaaltonni Hospitaala Naasar Kaan Yuunis keessatti argamuu kanaan dura akka jedhanitti, kontiraaktaroota nageenya dhuunfaa GHF bakka gargaarsaa erga cufanii booda, ''ukkaamfamuun'' namoonni 10 ol du'anii, kaan ammoo madaa'aniiru.

  20. Israa’el walitti bu’iinsa amantaa mudate hordofee loltoota Sooriyaa Diruuz seenaa turan boombiin haleelte

    Israa’el walitti bu’iinsa amantaa hamaa guyyoota lamaaf ture hordofee loltoota mootummaa Sooriyaa gara magaalaa ummanni Diruuz keessatti baayyatan seenaa turan boombiin haleeluu himte.

    Gareen dhimma mirga namoomaa Sooriyaa hrdofu Yunaayitid Kigidam keessatti hundeeffame lolli milishoota Diruuz fi gosaa Beeduwiin gidduutti dhalate gaafa Dilbataa yoo xiqqaate namoonni 200 akka ajjeefamaniif sababa ta’uun isaa gabaafameera.

    Ministirri muummee Israa’el Benjaamiin Netaniyahuu humnootaafi meeshaaleen waraanaa naannawaa Suweeyidaa jirurratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf kan ajajaniif, mootummaan “Diruuzitti fayyadamuuf waan yaadeefidha” jedhan.

    Sooriyaan gochaa Israa’el balaaleffachuun haleellaan kanaan lubuun humnoota hidhataniifi namoota nagaa darbuu ibseera.

    Mudde keessa gareen finciltootaa Islaamummaan durfamu pirezidant Al Asaad erga aangoorraa kaaseen boda mootummaan Sooriyaa gara Suweeyidaatti yeroo bobba’u kun kan jalqabaati.